text stringlengths 0 196k |
|---|
Hamma isaaniirratti hundaa’uun holqa gurraacha (black hole) bakka afuritti qoodne ilaaluu dandeenya. 1. Holqa gurraacha isa xiqqaa:- Gosti holqa gurraacha kun kan ibsame kosmoloojistii beekama “Isteefan Haawkingiin” bara 1971 tti ture innis qabeen isaanii hamma atoomii tokkoo ta’u kan danda’uufi hangi isaanii hamma ija... |
2. Holqa gurraacha urjiilee:- Gosti holqa gurraacha kanaa urjiilee guddinaan aduu caalan irraa kan uumamudha. Isaanis yeroo du’an kan gara suupparnoovaatti jijjiramuun urjiileen isarraa hafan immoo gara holqa gurraachaatti jijjiiramu. |
3. Holqa gurraacha isa giddu galeessaa:- Saayintiistoonni waa’ee hawaa qo’atan gosti holqa gurraacha kanaa jiraachuu hin qabu jedhanii wal falmaa turan. Haa ta’u malee qorranoowwan yeroo dhiyoon holqi gurraachi kun jiraachuun isaa beekameera. Kunis hangi isaa hanga (mass) kan aduu dhibba tokko hanga miliyoonaa ta’u dan... |
4. Holqa gurraacha isa guddaa:- Holqi gurraachi kun immoo kan isaan uumaman yeroo uumama gaalaaksiiwwanii yoo ta’u hangi isaanii hanga (mass) aduu dachaa miliyoona tokko hanga biliyonootaa ta’u danda’a. Fakkeenyaaf holqa gurraacha gaalaksii keenya (milk way) keessatti argamu kan saajitaaras A (sagittarius A) kan jedham... |
Amaloota holqa gurraachaa beekamaa kan baay’ee nama dhibu waa’ee yerooti. Akka tiyooriin “General Reletivity” jedhu ibsutti sochiin suudoowwanii saffisa ifti ittiin deemun dhibbaan irra gahu akka danda’u ibsa. Akkuma armaan oliitti ibsuuf yaalametti akkuma fageenyi wantootaa qaama kanatti dhiyaacha adeemuun sochiin isa... |
Fakkeenyaaf qaamni tokko yoo holqa kana keessa seene wanta qaama sanaan ala jiru dursee waan socha’uuf wanta gara fulduraatti ta’uuf jiru dursee arguu danda’a jedhamee yaadama. Qaama kana keessatti yaadni “time travel” jedhu ni hojjataa? Kan jedhu gaaffii kaasuun isaa hin oolu, deebii isaas isiniifan dhiisa. waan holqa... |
urjiileen tokko tokko qophaa isaanii uumamuu, haa ta’u malee akka yaada astironoomarootaatti urjiileen baay’ee gareedhaan kan uumamanidha. Walitti qabamiinsi urjiilee yeroo walfakkaataa ta’e keessatti uumamaniifi umrii walfakkaata qaban kunis “star cluster” jedhamu. Urjiileen kunis humna giraavitiidhaan kan walharkisan... |
Tuutni urjiilee (star cluster) bu’uura ta’an lama yemmuu jiraaatan isaanis: Tuuta urjiilee banaa (open cluster) fi Tuuta urjiilee gilobulaaraa (globular cluster) dha. |
Urjiileen tuuta urjiilee giloobulaaraa keesssaatti argaman kan walitti dhiyaatanii argamaniifi umurii dheeraa kan qaban ta’anii, urjiilee hedduu kan qabani dha. |
Tuutni urjiilee banaan (Open cluster) urjiilee isaanii ija qullaanis ta’e teleskooppii fayyadamuun ilaaluu kan dandenyu ta’e urjiilee boca sirnaawaa hin taane kan qabaniifi tuuta kana tuuta urjiilee giloobulaaraa wajjin wal bira qabnee yemmuu ilaaluu urjiilee muraasaafi urjiileen kunniinis umrii xiqqaa kan qabani dha. |
Egzoopilaaneetiin pilaaneetota sirna soolaarii alatti argaman Ta’aanii akkuma pilaaneetonni sirna soolaarii keessatti aduu irra siiqqee isaaniitiin marsani. Isaanis urjii isaanii irra marsu. Garuu egzoopilaaneetonni ta’anii fakkeenyaaf “rogue planet” jedhamuun kan waamaman haadhuura gaalaaksii kan naannaa’aniifi urjii ... |
Falaasamni qo’annaa waa’ee rakkoowwan gama hundaan dhala namaa muudatan kan waa’ee dhugaa, jiraachuu wantootaa, sababa,gatii wanta tokkoof kennamu, beekumsa, sammuufi afaan irrattii kan hundaa’uufi sababaaf bu’aa isaa haala ifa ta’een kan ibsudha. Jechi falaasama jedhu jecha afaan ingiliiziin “philosophy” yoo jedhamu i... |
Meettaafiiziksiin damee falaasamaa ta’e, kan waa’ee hiikkaafi seerota uumamaa keessaa yeroofi hawaa kan ibsudha. Karaa salphaan waa’ee uumamaa “existence of nature” yookiin waa’ee dhugaa (reality)fi dhugummaa isa dhumaa kan qo’atudha. Meettaafiiziksii jechi jedhu jecha Giriikirraa kan dhufe yoo ta’u inniis fiiziksii ol... |
Namni waa’ee meettaafiiziksii qo’atu tokko gaaffiwwan hedduu kan inni ofgaafatu keessaa :-ani eenyu? eessaan dhufe? eessan deema? hawaan maali? hawaan eessatti argama eessattis daanga’a? hawaa waliin maaltu walitti nafide? kan jedhu kan of gaafatuufi deebii isaas ofiiniis ta’e saayinsiin deebiii kan kennuufi dhabuus ka... |
Seerota uumamaa addunyaa kana irra jiran kan duraan beeknuufi kan kana booda barru meettaafiiziksii irratti hundaa’a. Akkasumas waa’ee ta’iinsa (probability) kan ibsudha. Wanti hunduu carraa ta’uu yookiin ta’uu hafuu kan nu huubachiisudha. Yeroo waa’ee meettaafiiziksii haasofnu ilaalcha lamatu jira. Isaanis:-ilaalcha a... |
Meettaafiiziksiin dameewwan hedduu qaba. Isaanis:- Koosmooloojii : qo’annaa waa’ee jalqabbii, bu’uura, caasaa, jijjiiramaafi uumama waa’ee hawaa qo’atudha. Oontoloojii:- qo’annaa waa’ee uumama, qoqqoodamaafi hiikkaa wantoota uumamaa kennudha. |
Falaasama Sammuu (mind philosophy) |
Falaasammi Sammuu damee falaasamaa waa’ee uumamaafi rakkoowwan sammuu dhala namaa wajjiin, xiin-sammuu (psychology) kan wal qabatan dhuunfaan, hawaasumaan dhalli namaa tokko kaka’umsa, barmaatilee adda addaa, abshaalummaa sammuu dhala namaa kan qo’atudha. |
Falaasama Saayinsii (science of philosophy) |
Dameen falaasamaa kun immoo saayinsii waa’ee saayinsii (science of science) jedhamee kan beekamu yemmuu ta’u yaadolee waa’ee saayinsii jiran tiyoorii barreeffamaan deeggarameefi yaalii saayinsicha ibsuufi ragaa gahaa kan qabu ta’u isaa kan ibsudha. Anis falaasamni ragaa qabaachuus dhabuus danda’a kaniin jedhe kanaafi. |
Loojikiin saayinsii waa’ee wanta yaadnuu tokko sababa sirrii ta’e dhiyeessuu danda’udha. Kunis yeroo ammaa herregaafi saayinsii koompitaraa (computer science) keessatti seerota bal’inaan itti fayyadamnudha. |
Ippistimooloojiin damee falaasamaa waa’ee dhugumaafi beekumsaa wajjin hidhata guddaa kan qabudha. Yeroo baay’ee hiikni isaas yeroo kennamu beekumsa jedhameeti. |
Uumama Alagaa (aliens) |
Gaaffiwwan amma har’aatti dhala namaatiin deebiin hin argamneef keessaa inni tokko gaaffii nuti qofaa keenya jirraa yookiin hawaa keenya keessa uumamni lubbuu qabu lafa irra qofa jiraataa kan jedhu yemmuu ta’u, amma yeroo ammaatti sammuu dhala namaa keessatti akka gaaffii uumetti argama. Jechi uumama alagaa (aliens) je... |
Meerii kuriin akkuma beekamu nama addunyaarratti yeroo jalqabaaf badhaasa noobeelii karaa fiiziksiitiin kan argatteefi keemistiriidhaanis hojii dinqisiisaa hojjetteen nama yeroo jalqabaatiif badhaasa kabajaa noobeelii si’a lama badhaafamte ta’uu dandeessetti. Meerii kuriin maqaan ishee ganamaa “maariyaa iskoolodo wdowi... |
Meerii kuriin nama piyeereekurii jedhamu kan fiizistii biyya faransaay ta’e waliin gaafa bitootessa 26, bara 1895 bultii ijaarratte. Abbaan manaa ishee piyeereeni meeriikurii gargaaruuf jecha hamma hojiisaa dhiisutti hojii isheen keemistirii keessatti gumaachiteefi hojiiwwan ishee hedduu keessatti yeroo hundaa ishee ci... |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.