text
stringlengths
0
196k
Waadaa idil-addunyaa ykn waliigaltlee idil-addunyaa biyyattii keessatti raawwannaa qabu keessatti argaman kamiyyuu hin gufachiisu
Mirgoota Waadaa kana keessatti beekamummaa argatan hunda kabajsiisuuf, biyyoonni
Waadaa kana seenan hundi sadarkaa biyyaalessaa isaaniitti tarkaanfii barbaachisaa ta’e kamiiniyyuu fudhachuuf waliigalaniiru.
Waadaan kun, biyyoonni hundi akka irratti mallatteessaniif banaadha.
Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii Waadaan kun akka harka isaa kaa’u ramadameera.
Waadaan kun, tokkoo tokkoo biyyaa biratti raggaasifamuu qaba. Raggaasifamuun isaa kan ittiin mirkanaa’u Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyaachuu qabu.
Waadaan kun, biyyi kamiyyuu akka fudhatuuf banaadha. Fudhatamuun isaa kan mirkanaa’u sanadni ittiin fudhatame Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyaachuu qaba.
Biyyi Waadicha fudhate kamiyyuu, Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii beeksisuudhaan, waliigaltichi akka fooyyeffamu yeroo kamiyyuu gaafachuu ni danda’a.
Gaaffiin akkasii yeroo dhiyaatu, tarkaanfiin akkamii fudhatamuun akka irra jiraatu Yaa’iin Waliigalaa murteessuu ni danda’a.
1. Waadaan kun sanadni 20ffaan ittiin raggaasifamu ykn ittiin fudhatamu, Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif guyyaa itti dhiyaatee kaasee guyyaa 30ffaa isaatti kan ragga’u ta’a.
2. Sanadni 20ffaan Waadichi ittiin raggaasifamu ykn ittiin fudhatamu erga dhiyaatee booda, sanadii Waadichi ittiin raggaasifamu ykn ittiin fudhatamu kan mataa isaanii biyyoota Waadicha raggaasisaniif guyyaa itti dabarsanii kennanii booda gaafa guyyaa 30ffaa Waadichi isaaniifis kan ragga’e ta’a.
Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii of-qusannaa biyyoonni yammu Waadaa kana raggaasisan ykn fudhatan galmeessifatan fuudhee garagalcha isaa biyyoota biroof ni dabarsa.
Of-qusannoon kaayoo fi galma Waadaa kanaaf faallaa ta’e fudhatama hinqabaatu.
Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii beeksisuudhaan, of-qusannoo isa kamiiniyyuu kaasuun ykn dhiisuun ni danda’ama. Muummichi barreessaas of-qusannoon sun dhiifamuu isaa biyyoota kanneen biroo Waadicha fudhatan ni beeksisa. Beeksisni of-qusannoo dhiisuu akkasii guyyaa itti Muummicha Barreessaaf qaqqabee kaasee ...
1. Akkaataa itti waliigaltichi hiikamu ykn raawwatamu haala ilaaluun, biyyoonni waliigalticha fudhatan baay’inni isaanii lamaafi sanaan ol ta’e gidduutti kan ka’u falmiin kamiyyuu araaraan yoo furmaata argachuu dhabe gaaffi gam tokkoon dhiyaatuun jaarsummaaf dhiyaachuu ni danda’a. Gaaffichi dhiyaatee yeroo ji’a jahaa k...
Tokkoo tokkoon biyyaa Waadaa kana wayita mallatteessu,ykn wayita raggaasisuu ykn wayita fudhatu, keewwata kana keewwata xiqqaa 1 kanaatiin kan hindirqisiifamne ta’uu ibsachuu ni danda’a. Biyya of-qusannoo akkasii ibsate haala ilaaluun biyyoonni biroo Waadicha seenanis tumaalee keewwata xiqqaa 1 kanaa kabajuuf dirqamni ...
Bu’ura keewwata kana keewwata xiqqaa 2 kanaatti, biyyi of- qusannoo isaa galmeessise, Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii beeksisuudhaan of-qusannoo isaa yeroo kamiyyuu kaasuu ni danda’a.
Waadaan kun afaan Arabiffaan, afaan Chaayinaan, Ingiliffaan, afaan Faransaayiin, afaan Ruusiyaafi Ispaanishiin kan qophaa’e yommuu ta’u, hundi isaanii walqixaafi sirriidha. Waadaan kun Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii bira taa’a.
Kanaafis ragaa ta’uuf namoonni taayitaan kennameef maqaan isaanii armaan gaditti galmaa’e, kunoo Waadaa kanaa irratti mallatteessaniiru.
ADABA YKN QABIINSA HAMMEENYAA GIDIRSAA YKN SALPHISAA TA’EE Fi HIRAARSA HAMAA HAMBISUUF WALIIGALTEE TAASIFAME
Waliigaltee kana keessatti "hiraarsuu" jechuun nama sanarraa ykn garee sadaffaarraa odeeffannoo argachuuf ykn amansiisuuf karoorfachuudhaan kan adeemsifamu dararaafi gidiraa qaamaa ykn sammuu jechuudha. Akkasumas namtichi ykn gareen sadaffaa kan biraa dhimma raawwate ykn raawwateera jedhamee itti shakkameen adabuuf, s...
Keewwanni kun seeroota biyyummaafi mara addunyummaa kanneen akkaataa hojiirra oolchaniin bal'aa qabu bifa wal faallessuun hin raawwatamu.
Tokkoon tokkoon Biyya waliigaltee kana fudhatee naannoo kutaa isaa kamiyyuu keessatti seera gochi nama hiraarsuu akka hin raawwatamne ittisuu isa dandeessisu baasa. Kanaafis barbaachisaa kan ta'an tarkaanfiilee saffisaa kan seeraa, kan bulchiinsaafi kanneen biraa ni fudhata.
Haalli adda kamiyyuu, lolli labsame ykn osoo hin eegamiin banamu, lubbama biyya keessaa, ykn haalli yeroo saffisiisaa biraa ilma namaa hiraarsuuf dahoo seerummaa tahuu hin dandahu.
Biyyi Waliigaltee kana fudhate namni naannoo kutaa isaa keessa jiraatu biyya biraatiif dabarfamee yoo kenname balaarratti kufa ykn gocha hiraarsaaf saaxilama amantaa jedhu yoo qabaate namticha dabarsee kennuun irra hin jiraatu.
Haalli akkasii kan jiru tahuu isaa murteessuuf qondaaltonni dhimmichi ilaallatu haala biyattii keessa jiru qorachuu, barbaachisaa tahee yoo argames dhiitama mirgoota namummaa kan jilmaatiifi deddeebi'uun biyyattii keessa jiru shallaggi keessa galchuutu isaanirra jira.
1. Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee gochi nama hiraarsuu gocha yakkaa tahuu isaa Seera adabaa yakkamaan ittiin adabamu keessa galchuu qaba. Haala walfakkaatuun gocha hiraarsaa raawwachuuf ijibbaanni godhamuufi gocha hiraarsaa irratti tumsuufi hirmaachuuf yakka tahuu isaa tumuu qaba.
2. Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee yakkoonni kunneen adaba gahaa ta’een akka nama adabsiisan seericha keessa kaayuu qaba; akkasumas adabichi haala gaddisiisaa yakkichaa madaallii keessa galchuu qaba.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigalticha fudhatee yakkoota Keewwata 4-n eeraman ilaalchisee yeroo tarkaanfii fudhatu daangaa aangoo inni qabaatu:
Yakkichi naannoo kutaa mataa isaa keessatti ykn doonii ykn xiyyaara maqaa isaatiin galmeeffameen yoo raawwatame;
Namni yakkichaan shakkame lammummaa biyya isaa kan qabu yoo ta'e;
Yoo namni yakka kanaan miidhame lammii biyya sanaa ta’e fi biyyi sun yoo itti amane.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee daangaa aangoo kana hujiirra oolchuun akkumma ni qaba jedhee yoo amane kan yakkichaan shakkame naannoo kutaa biyya isaa kamiyyuu keessatti kan argamu yoo ta'eefi biyya keewwata 8 keewwata xiqqaa 1 irratti eerameef dabarsanii kennuun sirrii yoo hin taane, haala walfakkaatu...
1. Biyyi Waliigaltee kana fudhate odeeffannoo harka isaa keessa seene eega qoratee booda akkaataa haalli isaa hayyamuun naannoo kutaa isaa keessatti kan argamuufi Keewwata 4 irratti kan eerame namicha yakka raawwateera jedhamee shakkame to'annoo jala oolchuu ykn tarkaanfii seera qabeessa biraa irratti fudhachuu qaba. T...
Biyyi kunis dhugaa jiru qulqulleessuuf battalumatti qorannoo sadarkaa jalqabaa ni adeemsisa.
Akkaataa Keewwata kana keewwata xiqqaa 1-tti namni to'annoo jala oole battalumatti bakka bu'aa Biyya inni lammii itti tahee kan dhiheenyatti argamuun akka walqunnamu deeggarsi ni kennamaaf. Namtichi biyya nama hinqabne yoo tahe ammas irra caalaadhaan bakka bu'aa biyya keessa jiraatutti dhihaata.
Akkaatuma Keewwata kanaatiin biyyi shakkamaa to'annoo jala oolche sababa namtichaa to'annoo jala itti oolche biyya Keewwata
5 keewwata xiqqaa 1 jalatti eerameef battalumatti beeksisa. Qulqulleessuu sadarkaa jalqabaa kan Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 2-n eerame Biyyi adeemsise xumura irra gahe Biyya eerame kana beeksisuufi dabarsanii kennuun barbaachisaa yoo ta'es eeruu qaba.
Biyyi Waliigalticha fudhate yakkoota Keewwata 4 irratti eeraman raawwataniiru jechuun shakkamaa to'annoo jala oolche Keewwata 5 irratti bu'ureeffatee dabarsee kan hin kennineef yoo ta'e dhimmicha gara qondaaltoota himata dhiheessaniitti dabarsa.
Qondaaltotiin kunneenis akkaataa seera Biyyattii kan yakki haala hammeenyaa qabu hundi ittiin ilaalamuun murtee itti kennu. Dhimmoota Keewwata 5 keewwata xiqqaa 2 irratti eeramanirratti himata dhiheessuufi murtee kennuuf kan tajaajilan ulaagaaleen odeeffannoo dhimmoota Keewwata 5 keewwata xiqqaa 1 irratti eeramaniif ul...
3. Yakkoota Keewwata 4 irratti eeraman raawwachuu isaatiin namni mana murtiitti dhihaate sadarkaa murtee ittiin kennaniin hundattuu qabiinsi madaalawaa tahe godhamuufi qaba.
Yakkoonni Keewwata 4 jalatti eeraman waliigaltee Biyyoota Waliigalticha mallatteessan gidduu jiru kan yakkamaa dabarsanii kennuudhaa hin ittisan. Biyyoonni Waliigalticha fudhatan yeroo waliigaltee shakkamaa waliif dabarsanii kennuudhaa mallatteessan yakkoota eeraman kana waliigaltee isaanii keessa galchuu ni dandahan.
Biyyi Waliigalticha mallatteesse kan yakkamaa waliif dabarsanii kennu akka haal dureetti ilaalu biyya yakkamaa dabarsee kennuuf Biyya Waliigaltee hin godhinirraa kan dhihaattuuf gaaffii yakkamaa dabarsanii kennuudhaa Waliigaltee kana akka bu'ura seera qabeessaatti fudhachuudhaan yakkamaa dabarsee kennuu ni dandaha.
Biyyoonni Waliigalticha fudhatan kanneen yakkamaa dabarsanii kennuu akka haal dureetti hin ilaalle namoota yakkoota raawwatan kana dabarsanii kennu ilaalchisee faaydaarra ni oolchan. Kun tahuu kan dandahu garuu seera biyya isaanii keessa kan kaa'ame yoo ta'e dha.
Biyyoota Waliigalticha mallatteessan gidduuti yakkoonni yakkamaa dabarsanii kennuuf ka'umsa tahan kanneen biyya isaanii keessatti raawwataman qofa osoon taane kanneen naannoolee keewwata
5 keewwata xiqqaa 1-n eeraman keessatti raawwataniis ni dabalata.
Biyyoonni Waliigalticha fudhatan yakkoota Keewwata 4 irratti eeraman ilaalchisee adeemsa dhaddachoota siviilii saffisuuf kan godhamu wal jijjiira odeeffannoo dabalatee gidduu isaaniitti waliif tumsa barbaachisu kanneen biroo ni godhu.
Biyyoonni Waliigalticha fudhatan dirqamoota Keewwatuma kana keewwata xiqqaa irratti eeraman raawwachuuf, akkaataa waliigaltee hojiiwwan haqaa gamtaan adeemsisuuf godhaniitiin deeggarsa taasisuu ni dandahu.
Biyyoonni Waliigalticha mallatteessan namoonni to'annoo jala oolaniifi hidhaman hidhuudhaan, qorachuudhaan, qabuudhaan kan bobbahan raawwachiistootii seeraa, siviilootii ykn loltootii, ogeeyyota fayyaa, qondaaltota mootummaa ykn namoota biraa barnnoota ykn odeeffannoo leenjisaniin nama hiraarsuun gonkumaa kan dhowwame ...
Biyyoonni Waliigalticha fudhatan hojjattoota damee hojii kanaarratti bobbaasaniif hujiifi dirqama qopheessan qajeelfama ibsu keessa ilma namaa hiraarsuun kan dhoowwame tahuu hubachiisu qabu.
Biyyoonni Waliigaltee kana fudhatan qajeelfamootaafi seeroota namoota naannoo kutaa isaanii keessatti qabaman, to'annoo jala olan ykn hidhaman ittiin qorataniin tooftaaleefi hojiiwwan akkaataa namoonni hidhaman itti qabamuu qabaniin ilaalan yeroo hunda sakatta'uudhaan hiraarsa namaa hanbisuuf hojjachuu qabu.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee waytii naannoo kutaa isaa keessatti hojiin nama hiraarsuu adeemsifameera jedhee amane qondaaltoota dhimma kana qulqulleessuuf gahummaa qaban muuduudhaan qulqulleessuu garee hundarraa walaba tahe adeemsisuu akka dandahan mirkaneessuu qabu.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee naannoo kutaa isaa keessatti namni tokkolleen hojiin hiraarsaa yoo irra gahe himata dhiheessuuf mirga akka qabuufi qondaaltoota gahummaa qabaniif dhihaatee qulqulleessuun loogiirraa walaba tahee akka adeemsifamuuf mirkaneessuu qaba. Himataan ykn ragaaleen odeeffannoo dhih...
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee nama hojiin hiraarfamaa mudateef sirni seera qabeessa tahe kan rakkoo tanarraa bilisa baasu, kan mirga beenyaa gahaafi haqa qabeessa tahe argachuu isaa mirkaneessu, akkasumas miidhaa isarra gaherraa haala isa kabjsiisu uumu mirkaneessuu qaba. Namni rakkoon tun mudatte sab...
Keewwanni kun nama gochi hiraarfamaa mudate seera biyyummaarratti hundaawe mirga beenyaa argachuusaa hin faallessu.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee jechi of saaxilu kan hojii hiraarsuutiin argame dhaddachuma kamittuu akka ragaatti akka hin dhihaanne mirkaneessuu qaba. Haa tahuu malee jechi of saaxilu kun hojii hiraarsaa raawwachuu isaatiin kan himatameef akka odeeffannootti dhihaachuufii ni dandaha.
Tokkoon tokkoon Biyya Waliigaltee kana fudhatee gocha nama hiraarsuu kan Keewwata 1 irratti hin eeramin, garuu ammoo naannoo kutaa isaa keessatti qondaala mootummaatiin ykn sadarkaa qondaaltummaatiin namni socho'u gochoota gara jabeessa raawwatu, qabiinsa nama salphisuu fi namummaa hin qabne itisuuf tarkaanfii dandeess...
Keewwatootiin Waliigaltee kanaa, seeroota gara jabeenyummaa, gidiraa namummaan alaa ykn qabinsa ykn adaba nama salphisu itisuuf kanneen bahan akkaataalee hojii idil-addunyaatiifi seeroota biyyummaa kanneen biraa ykn seeroota yakkamaa dabarsanii kennuudhaa ykn biyyaa arihuutiin seeroota walitti hidhaman hin faallessan.
1. Nama hiraarsuu mormuudhaan Koree hojjatu (kanaan booda Koree jedhamee kan waamamu) ni ijaarama. Hojiiwwan kanatti aananii tarreeffamanis ni raawwata. Koreen kun ogeeyyota
naamusa ol-aanaafi damee mirgoota dhala namummaarratti gahummaa qaban, akkasumas mataa isaanii bakka bu'uudhaan kan hojjatan kudhan miseensummaan kan qabu taha. Ogeeyyonni kunneen Biyyoota waliigaltee kana fudhatanirraa kan filaman hoggaa tahu, filannichis miseensotiin Koree kanaa bakka bu’ummaa biyyoota naannoo adda a...
Miseensotiin Koree kanaa Biyyoota Waliigaltee kana fudhatan irra kaadhimamtoota dhihaatan gidduudhaa sirna kenna sagalee kennu iccitiitiin filaman. Mata mataan Biyya Waliigaltee kana fudhatee lammiiwwan isaa keessaa filannichaaf kaadhimamaa tokko dhiheessa. Akkaataa Waliigaltee Mirgoota Siviilii fi Siyaasaa Idil adduny...
Filannoon miseensoota Koree kanaa walgahii Biyyoota Waliigaltee kana mallatteessanii kan Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii waggaa lama lamaan waamurratti adeemsifama. Walgahii kanarratti Biyyoota Waliigaltee kana mallatteessan harka sadiirraa harki lama yoo argaman guutummaan yaa'ii ni taha. Miseensota Kore...
Filannoon jalqabaa guyyaa Waliigaltuichi dirqisiisaa itti taherraa jalqabee yeroo ji'oota jaha hin caalletti adeemsifama. Barreessaan Muummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokkoon tokkoon filannoorratti xalayaa ji'oota afuriin dura Biyyoota Waliigalticha fudhataniif barreessuun ji'oota sadii keessatti maqaa nama ...
Miseensootiin Koree kanaa yeroo hojii waggootii afuriitiif filaman. Lammata kaadhimamtummaan yoo dhihaatan filatamuu ni dandahan. Haa ta'uu immoo filannoo jalqabaatiin kan filaman miseensotiin Koree kanaa shan yeroon hojii isaanii waggootii lama qofaaf taha. Maqaan namoota kanaa filannoon jalqabaa eega adeemsifamee boo...
Miseensi Koree kanaa du'aan ykn fedhii mataa isaatiin hujii yoo gad dhiise ykn sababa biraa kamiinuu hojii Koree kanaa hojjachuu osoo hin dandahin yoo hafe Biyyi kaadhimamtummaan isa dhiheesse kan Waliigaltee kana mallatteesse, lammiilee isaa keessaa yeroo hafteef kan tajaajilu nama biraa ramada. Ta’us kun hojiirra kan...
Koreen kanaaf baasiin itti gaafatamummaa itti kenname raawwachuuf isa barbaachiftu Biyyoota Waliigaltee kana fudhataniin kaffalama.
1. Koreen kun qondaaltota waggootii lamaaf tajaajilan ni fila. Lammata filatamuus ni dandahan.
Koreen kun seera danbii mataa isaatiis ni baafataa. Ta'ullee haalli inni seerra ittiin baasu kanneen asitti aanan of keessaa qabaachuu qaba:
Miseensonni jaha yoo argaman guutumman yaa'ii ni taha;
Murteewwan Koree kanaa sagalee caalmaan murteeffaman;
Barreessaan Muummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Koree kana hujii isaa sirriitti hojjachuu kan dandeessisu humna namaatiifi waantoota barbaachisaa tahan ni guutaafi.
Walgahii Koree kanaa inni jalqabaa Barreessaa Muummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin waamama. Danbiifi seera walgahii jalqabaa kana booda bahurratti hundaawuudhaan yeroo wal fakkaatu wal gahama.
Biyyoonni Waliigaltee kana fudhatan baasii yeroo walgahiilee Koree kanaatiifi Biyyoonni Waliigalticha mallatteessan yeroo walgahan baasii baatu ni kaffalan. Dabalataanis Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Koree kanaaf humna namaatiifi waan barbaachisu guutuuf kanaan dura baasii baase Biyyoonni Waliigalticha mallatteess...
1. Biyyoonni Waliigaltee kana fudhatan, hojiiwwan Waliigaltee kana hojiirra oolchuuf raawwatan gabaasaa ilaalu gama Barreessa Muummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin Koree kanaaf ni dhiheessu. Waliigalticha yeroo biyyattiitti dirqisiisaa tahuu itti jalqaberraa kaasee yeroo waggaa tokko keessatti gabaasichi ni d...
Dhimmi biraa kan Koreen kun gaafatu yoo jiraates dabalaniiti ergan.
Muummichi Barreessaanis gabaasaalee kanneen gama Biyyoota Waliigalticha mallatteessan hundaa ni raabsa.
Tokkoon tokkoon gabaasa Koree kanaan kan ilaalamu hogga tahu, Koreen kun gabaasaa kanarratti odeeffannoo ykn yaada yoo qabaate Biyya Waliigalticha mallatteesse kan ilaallatuuf erga. Biyyi mallatteesse kun dhimmicharratti diddaa qabu ilaalchisee deebii ni kenna.
Koreen kun keewwatuma kana keewwata xiqqaa sadiirratti hundaawuun odeeffannoofi yaanni kennu, akkasumas diddaa Biyya Waliigalticha mallatteesserraa ergamteef barbaachisaa tahee yoo argate akkaataa Waliigaltee kana Keewwata 24-tti gabaasaa dhiheessu keessa galchuu ni dandaha. Biyya mallatteesse kan dhimmi ilaallatuun ga...
Koreen kun kutaa Biyya Waliigaltee kana mallatteessee tokko keessatti idilummaan hiraarsuun adeemsifamuuisaa odeeffannoon amansiisaan biyya isa gaherra hojii odeeffannoo qulqulleessuurratti akka gargaaruufi maayyiirrattis dhimma eerame kanarratti taajjaba qabu akka ergu waamicha dhiheessa.
Koreen kun Biyya dhimmichi ilaallatu kan Waliigaltee kana mallatteesserra taajjaba dhihaateefi odeeffannoo bu'a qabeessa biraarra ka'uudhaan, dhimmichi qulqulleeffamuu akka qabu murtee yoo dabarse miseensoota isaa keessa nama tokko ykn tokkoo ol ramaduudhaan qulqulleessi walabaa akka godhamuufi gabaasnisaas saffisaan k...
Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 2 irratti hundaawuun qulqulleessuun kan adeemsifamu yoo ta'e koreen kun Biyya dhimmichi ilaallatu deeggarsa gaafachuu ni dandaha. Walta’iinsa biyya waliigaltee kana fudhatee waliin godhamu irratti hundaawuun hojiin dhimmicha qulqulleessuudhaa kun kutaa biyya isaa keessa daawwannaa adeems...
Koreen kun Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 2 irratti hundaawuun miseensi ykn miseensootiin koree kanaa xumura irra gahan eega qoratee booda xumura kana dhimmichaa waliin wal simsiisuudhaan odeeffannoofi yaada mataa isaa itti dabaluudhaan biyya waliigaltee kana mallatteesse kan dhimmisaa ilaallatuuf erga.
Keewwata xiqqaa 1 irraa hanga 4 kan tarreeffaman hojiiwwan koree kanaa hundaahuu iccitiidhaan qabuudha qaban. Sadarkaalee hujii tanaa hundarrattuu tumsi biyya waliigaltee kan mallatteessee jiraachuudha qaba. Keewwata xiqqaa 2 bu'ura godhachuun qorannoofi qulqulleessi adeemsifamu yoo xumurameefi Biyya Waliigaltee kana m...
1. Biyyi Waliigaltee kana fudhate Keewwata kanarratti hundaa'uudhaan, biyyi Waliigalticha mallatteesse kan biraan dirqamoota Waliigaltee kanarra kaayaman hin guunne jedhee yeroo amane Koreen kun aangoo himata fuudhuufi qorachuu dandeessiftu akka qabu yeroo kamiyyuu beekkamummaa kennuu ni dandaha. Koreen kun akkaata...
Biyyi Waliigaltee kana fudhate biyyi Waliigalticha fudhate kan biraa seeroota waliigaltee kanaa hojiirra hin oolchine jedhee yoo amane, Biyya Waliigalticha mallatteesseef barreeffamaan beeksisa. Biyyi barreeffamni kun gahes barreeffama dhimmicha ifa taasisu ykn addeessu Biyya isaaf ergeef ji'oota sadii keessatti erguu ...
Adeemsa dhimmichaaf furmaata kennuu keessatti Biyyoonni ilaallatu lamaanuu yoo waliif galuu baatan Biyyi tokichi dhaamsi isa jalqabaa eega isa gahee booda ji'oota jaha keessatti gama xalayaa Koree kanaafi Biyya kaaniif erguutiin dhimmi isaa koree kanaan akka ilaalamuuf mirga gaafachuu ni qaba.
Koreen akkaataa keewwata kanaatiin dhimma dhihaateef kan qulqulleessu qajeelfamoota seera idil-addunyaa waliigala fudhatamummaa qaban bu'ura godhachuudhaan tarkaanfiileen sirreessaa biyya keessa hundinuu faayidaarra ooluu isaanii eega mirkaneessee booda. Raawwiin takraanfiilee sirreessaa garmalee kan dheeratan yoo ta'a...
Koreen kun himannoolee keewwata kanarratti hundaa'uun dhihaataniif kan qulqulleessu walgahii cufaadhaani.
Keewwatuma kata keewwata xiqqaa (c) irratti hundaawuun koreen kun kan ilaalu Biyyoonni Waliigalticha mallatteessan dirqamoota Waliigaltichi kaaye bu'ura godhachuudhaan dhimmicha mariidhaan akka hiikan tajaajila waajjiraa ni dhiheessaafi. Koreen kun dhimmichaaf furmaata kennuuf gargaara jedhee yoo amane komiishina mangu...
Keewwatuma kanaan walqabatee keewwatuma xiqqaa kana kutaa (b) irratti kan eeraman Biyyoota Waliigalticha mallatteessan kanneen dhimmichi ilaallatu odeeffannoo barbaachiftu akka dhiheessan waamicha dhiheessuufii ni dandaha.
Koreen kun dhimmicha wayita qulqulleessu keewwatuma xiqqaa kana kutaa (b) irratti kan eeraman Biyyoonni dhimmichi ilaallatu gama bakka bu'aa isaaniitiin mirga walqunnamuudhaatiifi ibsa afaaniitiifi barreeffamaa dhiheessuudhaa ni qaban.
Koreen kun keewwatuma xiqqaa kana (b) irratti hundaawuun xalayaan eega isa gaheen booda ji'oota kudha lama keessatti gabaasaa dhiheessa.
Keewwata xiqqaa (g) irratti hundaawuun dhimmichi furmaata argachuu yoo dhabe gabaasaan Koreen kun dhiheessu yaada cunfaa dhugaa jiruutiifi Biyyoota Waliigalticha mallatteessan kanneen dhimmichi ilaallatuun kan dhihaateef sanadii barreeffamaatiifi sanadii jechaan waraabame gabaasaa dhiheessu ta'a. Dhimmoota hundar...
2. Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 1 irratti hundaawuun Biyyoonni Waadaa kana fudhatan shan beekkamummaa eega kennanii booda seeroonni keewwatichaa dirqisiisoodha ta'un. Ibsoonni beekkamummaa kennuu ilaallatan kunneen Barreessa Muummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bira taa'an. Muummichi Barreessaan gama isaatiin...
Biyyi Waliigaltee kana fudhate naannoo kutaa isaa keessatti gochi seeroota waliigaltee kanaa cabsan nurratti raawwateera jechuudhaan namoonni dhunfaa ykn bakka bu'oonni isaanii himata dhiheessan ilaalchisee itti gaafatamummaa Koreen kun qabu tan himaticha fuudhuufi qulqulleessuudhaan Keewwatuma kanarratti hundaawuun yo...
Seeroota Waliigaltee kanarra kaayamaniin kan wal hin simanne, mirga himata dhiheessuudhaa sirriitti kan hin fayyadamin ykn