text stringlengths 0 196k |
|---|
KEEWWATA – 11 |
Biyyi Waadaa kana fudhate tokko biyyi Waadaa kana fudhate kan biraa seeroota Waadaa kanarra kaayaman hojiirra hin oolchine amantaa jettu yoo qabate komii isaa Koree kanaaf dhiheessuu ni |
dandaha. Koreen kun gama isaatiin biyya komiin dhihaate ilaallatuuf dabarsa. Biyyi komichi isa irratti dhiyaates fudhates yeroo komichi isa gaherraa jalqabee ji’oota sadii keessatti dhimmicha kan ifa taasisuufi tarkaanffiin sirreessaan fudhatamte yoo jiraates barreeffamaan Koree kanaaf beeksisa. |
Komiin isa jalqabaa eega dhihaatee booda ji’oota jaha keessatti waliigaltee gama lamaaniitiin ykn sirna birootiin furmaatni biyyoota dhimmichi ilaallatu waliigalchu yoo argamuu dhabe lamaan keessa tokko lammata mirga gara Koree kanaa iyyaticha dhiheessuutiifi mirga wa’ee dhimmichaa biyya kaaniif beeksisuu qaba. |
Koreen kun keewwata kana akkaataa keewwata xiqqa lamaatiin dhimma isaaf dhihaaterratti murtee kan kennu, biyyi dhimmichi ilaallatu qajeelfamoota seera mara addunyaa hordofuudhaaniifi karaawwan furmaataa hundumaa itti fayyadamuudhaan furmaata kennuu dadhabuu isaa eega mirkaneesse booda. Yeroon furmaata kennuuf fudhatu t... |
Koreen kun himata isaaf dhihaate ilaalchisee biyyoota waliigaltecha fudhatan kanneen dhimmichi isaan ilaalu ragaa dabalataa kan barbaachisumma qabu akka dhiheessan waamicha dhiheessa. |
Dhimmoonni keewwata kanaan eeraman Koree kanaan wayita ilaalaman biyyoonni waliigaltecha fudhataniifi dhimmichi ilaalu bakka bu’ootii walgahiilee Koree kanaarratti hirmaatan mirga erguutiifi adeeminsa ittiin qulqulleeffamuun akka hordofan taasisuuf mirga qaban. |
KEEWWATA – 12 |
a. Koreen kun odeeffannoolee barbaachisaadha jedheen eega funaannatee fi qabatee booda namoota miseensoota Koree kanaa tahaniifi hintahin shan miseensummaan kan qabate komishinii yeroof Manguddummaa (kanaan booda Koomishiinii jedhamuun eeramu) ni moggaasa. Miseensootiin Komishiina kanaa biyyoota hayyamummaa guutuudhaa... |
b. Biyyoonni Waadaa kana seenaniifi abbaa dhimmichaa tahan miseensoota koomishina kanaa hundaan ykn hanga tokkoon ji’oota sadii keessatti yoo waliif galuu hanqatan, Koreen kun adeemnisa filannoo kan iccitummaa qabuun filannoo adeemsisuun biyyoota miseensotaa keessaa sagalee sadii keessa lama kan argatan miseensoota koo... |
Miseensootiin komishiina kanaa mataa isaanii bakka bu’uudhaan hojii isaanii raawwatan lammiilee biyyoota waliigaltecha mallatteessaniitifi abba dhimmaa tahan tahuun irra hinjiraatu; dabalataaniis lammiiwwan biyyoota waliigaltecha hinmallatteessinii tahuun irra hinjiraatu. |
Koomishinichi dura ta’aa mataa isaa ni fila; sirna seera ittiin buluu ni baasa. |
Walgahiin koomishinichaa waajjira Muummicha Mootummoota Gamtoomaniitti ykn iddoo mijaayu biraa kan koomishiinichi murteessutti adeemsifama. |
Waadaa kana keewwata 10 irratti hundaa’uudhaan kan kennamu tajaajilli waajjiraa, biyyoota waliigaltecha mallatteessan giddutti waltahuu dhabuun hogga jiraatte dhimmich qorachuuf koomishiiniin moggaafamuus tajaajila kenna. |
Abbaa dhimmaatiifi biyyoonni waliigaltecha mallatteessan shalaggi Barreessan Mummichi Mootummoota Gamtoomanii dhiheesseefirratti hundaa’uudhaan baasiiwwan koomishiinichaa hunda walqixa kafalan. |
Barbaachisaa tahee yoo argame keewwatuma kana keewwata xiqqa 6 irratti hundaa’uudhaan abba dhimmaatiifi biyyoota waliigaltecha mallatteessan kan tahan baasii bahe hanga bakka buusanitti Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii baasii miseensota koomishiintichaa guutuuf ykn kaffaluuf angoo qaba. |
Odeeffannoowwan Koreedhaan walitti qabamaniifi korecha qaqqaban komiishinichaaf dhiyaachuu qabu. Komishinichis biyyoonni Waadaa kana seenan odeeffannoo dabalataa barbaachisan akka dhiyeessan gaafachuu ni danda’a. |
KEEWWATA – 13 |
Koomishinichi dhimmicha guutummaatti eega qorate booda gaaffiiwwan dhimma himata dhiheeffataniitiin walqunnamtii qaban hundaafi odeeffannoowwan faayidaa qaban, murtee ofiin irra gaheefi yaadoowwan furmaataa kanneen waldhabdee kana hiikuuf fayyadan gabaasaa of keessatti ammate qopheessuudhaan dura ta’aa Koree kanaatiif ... |
Dura ta’aan Koree kanaa gabaasaa komishiinicharra isa gahe biyyoota abba dhimma tokkoon tokkoonsaaniif dabarsa. Biyyoonnis gabaasa komiishinichaatiin kan taa’an yaadoowwan furmaataa fudhachuufi diduu isaanii ji’oota sadii keessatti dura ta’aa Koree kanaatiif beeksisuu qaban. |
Keewwatuma kana keewwata xiqqa 2 irratti yeroo eerameen booda dura ta’aan Koree kanaa gabaasaa koomishiintichaatiifi ibsa biyyoota wal didanii walirratti deebisuudhaan biyyoota Waadaa kana seenaniif dabarsa. |
KEEWWATA – 14 |
Naannoo kutaa biyya Waadaa kana seenanii keessatti mirgoonni Waadaa kanaan kaayaman dhiitamaniiru jechuudhaan namoota dhunfaarra ykn gareewwanirra himata dhihaatu Koreen kun fudhatee qorachuuf angoo akka qabu biyyi Waadaa kana mallatteesse yeruma takkalleehuu ibsuudha dandaha. Himanni biyya beekkamumma kana hin kennini... |
Biyyi keewwatuma kana keewwata xiqqaa 1 irratti hundaa’uudhaan beekkamummaa kenne namoota dhuunfaatiifi gareewwan naannoo kutaa isaa keessa jiraatan irraa mirgoonni keenya kanneen Waadaa kanaan kaayaman dhiitamaniiru himatoota jedhaniin qorachuuf gahumma kan qabu dhaaba biyyummaa ijaaruu ni dandahan. Dhaabni seerummaa ... |
Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 1 irratti hundaawuudhaan beekkamummaan kennamu dhaaba keewwatuma kana keewwata xiqqaa 1 irratti hundaawuun ijaarame sanadiin ilaalu gara biyya dhimmichi ilaaluufi Waadaa kana mallatteessaniitiin Barreessaa Mummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif akka gahu godhama. |
Himanni galmeeffame kun keewwatuma kana keewwata xiqqaa 2 irratti hundaawuun qaama grumaa’e bira taa’a; waraabbiileen himata kanaan mirkaneeffamanii hojimaata sirrii taheen barreessa mummicha mootummoota Gamtoomaniitiif yeroo hunda ni ergaman. Qabeentaa himattoota kanaa garuu ifa hintaasisan. |
Keewwatuma kana keewwata xiqqaa 2 irratti hundaawuudhaan qaamni gurmaa’e yaada furmaataa inni kennu gahaa miti jedhee yoo amanuu dhabe abbichi dhiheeffate sana ji’a jaha keessatti mirga Koree kanaaf iyyata dhiheessuu ni qaba. |
(a). Koreen kun himata dhihaateef biyyi tumaalee seeroota Waadaa kanarra kaayaman diigeera jechuun himanni irratti dhihaate akka beekuuf ni ergaafi. Haata’uu malee, namni ykn gareen himata dhiheesse yoo hayyamuu baate eenyummaa isaa hinibsu. Kun akkuma eggametti tahee, Koreen kun himata maqaa abbicha himatee hinqabne h... |
(b). Biyyi himaticha fudhatu dhimmicha kan addeessu ykn furmaanni dhimmichaaf kenname yoo jiraate barreeffama isa kana ibsu ji’a sadii keessatti Koree kanaaf dhiheessa. |
(a). Koreen kun biyya waliigaltecha fudhatee himatameefi odeeffannoowwan himataarra dhihaataniifirratti hundaawuudhaan walqunnamtii qulqulleessuudha ni adeemsisa. Gareen himatu sadarkaalee himataan dhiheessan kan biyya isaa keessaa hundattuu osoo hinfayyadamin himaticha Koree kanaaf yoo dhiheesse Koreen kun himata isaa... |
(b). Koreen kun dhimmicharratti yaada isaatiifi yaadawwan furmaataa yoo qabaate biyya himatame saniifii gareen himateef dhiheessa. |
Koreen kun walqunnamtii dhimmicha qulqulleessuuf godheen cunfaa yaada argatee, barbaachisaa tahee yoo argamees addeessaafi ibsa biiyyi himanni irratti dhihaate dhiheesse akkasumas barreeffama yaada mataa isaatiifi yaadawwan furmaataa of keessa qabu gabaasa waggaa kan inni dhiheessu keessa galcha. |
Koreen kun hojiiwwan keewwata kanaan eeraman raawwachuu kan dandahu keewwatuma kana keewwata xiqqa 1 irratti hundahuun biyyoota wa’adicha fudhatan jidduudhaa yoo xiqqaate kurnan isaanii beekkamummaa kan kennan keessaa taha. |
KEEWWATA – 15 |
Muddee 14 bara 1960 Yaa’ii Waliigala Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin kan tumame murtee lak. 1514(XV) fi labsiin Bilisumma Ummatootaafi Biyyoota Bittaa Koloneeffatumma Jala Jran Gonfachiise hojiirra ooluun isaa akkuma eeggametti tahee, seeroonni keewwatuma kanaan kaayaman ummatoonni kunneen hojmaata idil-addunyaa ... |
a. Keewwatuma Waadaa kanaa keewwata 8 keewwata xiqqa 1 irratti hundaawuudhaan Koreen hundaa’u murteen yaa’ii waliigalaa 1514(XV) biyyoota hojiirra itti oolu kanneen bulchiinsa imaanaatiifi bulchiinsa ofiin of bulchaa hintahiniin jelatti jiraatootiin bulan himata dhiheessan waraabbiin isaa ni dhihaata. Himata kana qulqu... |
b. Koreen kun keewwatuma kana keewwata xiqqa(a) irratti kutaalee eeraman bulchuuf kanneen moggaafaman qaamootii dhaabbata mootummoota Gamtoomanii kanneen dhimmichi ilaallatu. Kaayyo Waadaa kanaa waliin walitti hidhaminsa kan qaban qaama seera baasu, mana murtii, bulchiinsummaafi hojiiwwan biroo ilaalchisee gabaasaa qop... |
Koreen kun Yaa’ii Waliigala Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif gabaasaa dhiheessu keessa himataafi gabaasaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii qaamootii adda addaarra fudhate akkasumas Koreen kun himatichaafi gabaasaa kana irratti hundaawee yaada kennu, ibsaafi yaada furmaataa ni galcha. |
Koreen kun odeefannoolee galmoota Waadaa kanaatiif barbaachisaa tahaniifi dhimmoota keewwatuma kana keewwata xiqqa 2(a) jalatti kutaalee eeramaniin walitti hidhaminsa qaban ilaalchisuudhaan Barreessa Mummicha Mootummoota Gamtoomanii gaafachuu ni dandaha. |
KEEWWATA – 16 |
Keewwatootiin Waadaa kanaa waldiddaaleefi himatoota loogiifii garaagartummaan walitti hidhaminsa qaban furmaata itti kennuuf kan bahan danbiilee kan biraa waliin bifa wal hinfaallessineen hojiirra kan oolani tahan. Qaamooleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kanneen ergamni addaa kennameef danbii baasan, biyyoonni wa’... |
KUTAA - SADII KEEWWATA – 17 |
Waadaan kuni, biyya miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’e kamiyyuuf, biyya missensa qaama adda Dhaabbanni kun ergama adda itti kennee biyya seera ittiin bulmaata Manni Murtii Idil-addunyaa fudhateef, ykn Yaa’ii Waliigala Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti biyya Waadaa kana akka fudhatuuf waamichi dhihaat... |
Waadaan biyyoota isa mallatteessaniin ragga’uu qaba sanadootiin isaan ittiin raggaasisaniis waajjira barreessaa mummicha mootummoota Gamtoomanii ta’a. |
KEEWWATA – 18 |
Waadaan kun biyyoonni keewwata 17 keewwata xiqqa 1 jalatti eeraman akka fudhataniif banaadha. |
Sanadootiin ittiin fudhatanis Barreessaa Muummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif dhihaachuudha qabu. |
KEEWWATA – 19 |
Sanadiin Waadaa kana ittiin raggaasisan ykn fudhatan digdamii sadaffaan yeroo Mummicha Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif dhihaaterra jalqabee guyyaa soddommaffa irratti Waadichi kan ragga’e taha. |
Sanadiin Waadaa kana ittiin raggaasisan ykn fudhatan digdamii torbaffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif eega dhihaate booda biyyoonni Waadaa kana raggaasisan yeroo sanadii ittiin raggaasisaniin ykn fudhataniin kan mata mataa isaanii itti dhiheessanirra jalqabee guyyaa soddomaffaarratti Waadaa kanaan ni dirqamu. |
KEEWWATA – 20 |
Barreessaan Mummichi Mootummoota Gamtoomanii biyyoonni Waadaa kana seenan Waadaa hogga raggaasisan ykn fudhatan of-qusannoo isaan galmeessisan biyyoota Waadaa kana mallatteessan kanneen birootiif ni beeksisa. Of-qusannoo tana biyyi moramu tokkollee ergaan kun eega isa gaheen booda guyyootii sagaltama keessatti akka hin... |
Of-qusannoo kan kaayyo bu’uraawoofi galma Waadaa kanaatiin haala wal faallessuun galmeeffame fudhatamummaa hinqabaatu; Waadaa kanarratti hundaawuun qaama ijaaramu sochii hojii isaatiis hingufachiisu. Mormiin biyyoota mallatteessan harka sadiirra harki lama moraman fudhatamummaa hinqabaatu. |
Of-qusannoo galmeefamte Barreessaa Mummicha Mootummoota Gamtoomaniif xalayaa barreessuudhaan yaada kaaseera jechuun ni dandahama. Xalayaan of-qusannoo kaaseera jedhu Barreessa Mummicha Mootummoota Gamtoomanii eega gahe booda raawwatamummaa ni qabaata. |
KEEWWATA – 21 |
Biyyi Waadaa kana seene miseensummaa isaa dhaabuuf hogga murteessu barreeffamaan Barreessa Mummicha Mootummoota Gamtoomaniif dhiheessa. Miseensummaan isaatiis kan hafu barreefamni kun Barreessa Mummicha Mootummoota Gamtoomaniif yeroo itti dhihaaterra jalqabee wagga tokko booda taha. |
KEEWWATA – 22 |
Akkaataa Waadaa kana ittiin hiikan ykn akkaataa raawwii isaarratti waldiddaan biyyoota Waadaa kana mallatteessan lamaan ykn lamaa olii giiddutti ka’u wal mariidhaan ykn danbiiwwan Waadaa kanarra kaayamaniin furuun yoo hindanda’amne, yoo waldiddaa isaanii haala kan birootiin hiikkachuuf waliigalaniiru ta’an malee biyyoo... |
KEEWWATA – 23 |
Biyyi Waadaa kana seene kamiyyuu yeruma kamiyyuu Barreessaa Muummichaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif beeksisuudhaan yaada foyyessaa Waadaa kanaa dhiheessuu ni dandaha. |
Yaa’iin Waliigala Daabbata Mootummoota Gamtoomanii gaaffii yaada foyyeessaa sirna ittiin mirkaneessu yoo qabaate gama saniin murteeffama. |
KEEWWATA – 24 |
Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii biyyoota Waadaa kana keewwata 17 keewwata xiqqaa 1 jalattii eeraman hundaaf Waadaa kana ilaalchisee dhimmoota asitti aanan kana akka beekan taasisa. |
Bu’uura keewwatoota 17 fi 18tti a deemsifamu mallattoo, raggaasisuu fi fudhachuu; |
Akkaataa keewwata 19tti guyyaa Waadaan kun hojiiirra ooluu eegalu; Akkaataa keewwata 14, 20 fi 23ti ergaaleefi ibsoota isa gahan; |
Akkaataa keewwata 21 tiin kan dhihaatu murtee miseensummaa dhaabuu. |
KEEWWATA – 25 |
Waraabbiileen sanadootii Waadaa kanneenii, afaan Chaayinaa, Ingiliz, Faransaay, Raashiyaafi Ispaanishiin qopheeffaman fudhatamummaa walqixxe kan qaban hogga tahu, mana galmee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taa’u. |
Barreessaan Mummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waraabbiileen Waadaa kanaa kanneen sirrii tahuun isaanii mirkaneeffame kutaalee Waadaa kanaa keewwata 17 keewwata xiqqaa 1 jalatti kan eeramaniif raabsa. |
GARAAGARTEE LOOGIIDHAAN DUBARTOOTARRATTI TAASIFAMU HUNDA DHABAMSIISUUF WAADAA SEENAME CONVENTION ON THE ELIMINATION OF ALL FORMS OF DISCRIMINATION AGAINST WOMEN (CEDAW) |
Biyyoonni seerota idil-addunyaa kan mirgoota namoomaa fudhatan dhiirrii fi dubartiin mirgoota dinagdee, hawaasummaa, siivilii fi siyaasaatti wal qixa akka fayyadaman taasisuuf dirqama akka qaban hubachuudhaan, |
Karaa Mootummoota Gamtoomanii fi dhabbilee isaa kanneen ittigaafatamummaan addaa kennameefii walqixxummaa mirgoota dhiirrii fi dubartiin mirkaneessuuf Waadaawwan idil-addunyaa kanneen raggaasifaman yaaduudhaan, |
Akkasumas karaa Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbilee isaa itti- gaafatamummaan addaa kennameefii walqixxummaa dhiirrii fi dubartiin mirkaneessuuf murteewwan, ibsootaafi yaadota tarkaanfii dabarfaman yaadachuun, |
Tarkaanfiiwwan kunneen fudhatamanis, garaagarteen loogummaa dubartoota irratti raawwatamu kan itti fufe ta’uu isaa yaaduudhaan, |
Garaagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu yaada walqixxummaa mirgootaa kan cabsuufi kabaja dhala namaa kan tuqu ta’uu isaa, dubartoonni dhiirota waliin walqixa jireenya siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi aadaa biyyoota isaanii keessatti hirmaannaa isaan qabaachuu danda’an kan gufachiisu ta’uu isaa, guddinaafi ... |
Haala hiyyummaan itti dagaage jiru keessatti dubartoonni midhaan nyaataa, tajaajila wallaansa fayyaa, barumsa, leenjii fi carraa hojii argachuufi fedhiiwwan kanneen biroo guuttachuuf carraan isaan qaban dhiphaa ta’uu isaa yaaduudhaan, |
Sirni dinagdee idil-addunyaa inni haaraan haqaafi walqixxummaa irratti hundaa’uun isaa dhiirotaafi dubartoota gidduutti walqixxummaan akka uumamu gochuuf sadarkaa ol’aanaadhaan akka gargaaru dhugeeffachuudhaan, |
Appaartaayidiin, ilaalchi sanyummaa kamiyyuu, loogummaan, sirni bittaa koloniifi bittaan harka lafa jalaa, lola kaasuun, weerarri halagootaa, raawwiin hacuuccaafi dhimmoota biyyoota kanbiroo keessa seenuu baduun isaa dhiirotaafi dubartoonni mirgoota isaaniitti walqixa akka fayyadaman gochuuf barbaachisaa akka ta’e ilaa... |
Nageenyaafi tasgabbiin idil-addunyaa cimuun, rakkooleen furmaata argachuun, biyyoota hunda gidduutti sababa sirnoota hawaasaafi dinagdee isaaniitiin kan ka’e garaagarteen utuu irratti hintaasifamin waldeggarsi jiraachuun, meeshaan waraanaa hunda-qabeessiifi badii waliigalaa qaqqabsiisu akka hiikkatamu ta’uun, keessumat... |
Guddinni biyyi tokko gama hundaanuu gonfattu, ergamni nageenyaafi tasgabbii addunyaa, hirmaannaa ol’aanaa dubartoonni gama hundaanuu dhiirota waliin walqixa taasisan kan gaafatan ta’uu amanuudhaan, |
Nageenya maatiifi guddina hawaasummaa guutuudhaaf qoodi dubartoonni gumaachan hanga ammaatti beekamummaa ga’aa kan hin-arganne ta’uu, haadhummaan hawaasa keessatti qooda inni gumachuufi haadhaafi abbaan gareen lamaanuu maatii keessattiifi gama daa’imman guddisuutiin itti-gaafatamummaa isaan qaban hubachuudhaan, dubarto... |
Dhiirotaafi dubartoota gidduutti walqixxummaa uumuuf dhiironniifi dubartoonni barmaatileedhaan hawaasaafi maatii keessatti gaheen isaan dur qaban geddaramuu akka qabu hubachuudhaan, |
Ibsa Garaagartee Loogummaa Dubartoota irratti Raawwatamu maqsuuf qophaa’e keessatti qajeelfamoota dhiyaatan hojiirra oolchuufi kaayoo kanaafis garaagartee bifa kaminiyyuu dhabamsiisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisaa ta’an fudhachuuf kutatanii ka’uudhaan; |
Akka kanatti aanee jirutti waliigalaniiru: |
Waadaa kana keessatti “Garaagartee Loogummaa Dubartoota Irratti Raawwatamu” jechuun koroniyaa bu’ura taasisuudhaan dubartoonni heerumanis heerumuu baatanis, dhiirota waliin walqixa dirreewwan siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa, siviiliifi kanneen birootiin, mirgoota namoomaafi walabummoota bu’uraa hunda irraa fayya... |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.