text stringlengths 0 196k |
|---|
Biyyoonni Waadaa kana seenan, garaagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu kamiiniyyuu ni balaaleffatu. Karaa mijaahaa ta’e hundatti fayyadamanii hatattamaan imaammata garagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu maqsuu hordofu. Kana raawwachuudhaaf: |
Hanga ammaatti kan hinqabamne yoo ta’e, walqixxummaa dhiirotaafi dubartootaa heerota biyyaalessaafi seerota kanneen biroo keessatti seeressuuf, akkasumas qajeelfama kana seeraafi tooftaa biroon hojiirra oolchuuf, |
Seera barbaachisaa ta’e baasuufi tarkaanfii adabbiifi ittisaa fudhachuudhaan garaagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu dhorkuuf, |
Mirgoota dubartootaaf kan dhiirotaan walqixa eegumsa gochuuf, akkasumas karaa qaamolii biyya keessaa abbaa seerummaa qabanii, dhaabbilee mootummaa kanneen biroo garaagarteen loogummaa dubartoota irratti akka hinraawwataneef ittisuuf, |
Gocha ykn raawwii dubartoota irratti garaagartee loogummaa uumu irraa of qusachuu, waajiraaleen mootummaafi abbootiin taayitaa dirqama kana kabajuu isaanii mirkaneessuuf, |
Garaagartee loogummaa dubartoota irratti nama, qaama ykn dhaaba kamiinuu raawwatamu dhabamsiisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuuf, |
Seerotaa fi danboota dubartoota irratti garagartee loogummaa uuman fooyyessuuf ykn kuffisuuf , barmaatilee fi hojimaatota sirreessuuf, ykn qajeelchuuf tattaaffii barbaachisaa hunda taasisuuf, |
Seerota adaba yakkamaa biyyaalessaa dubartoota irratti garaagartee loogummaa uuman haquuf waliigalaniiru. |
Biyyoonni Waada kana seenan tarkaanfiiwwan namooma dubartootaa haalaan guddisuu fi gabbisuuf barbaachisoo ta’an kamiiniyyuu, keessumatti dubartoonni mirgoota isaaniitti dhiirotaan walqixa fayyadamuu akka danda’aniif, seera tumuu dabalatee tarkaanfiiwwan siyaasaa, hawaasummaa, dinagdee fi aadaa ni fudhatu |
Tarkaanfiiwwan addaa kaayyoon isaanii walqixxummaa dhiiraa fi dubartii jidduu dhugaan mul’atu tokko saffisiisuu jecha biyyoonni Waadaa kana seenan yeroof fudhatan akka garaagartee loogummaa Waadaa kana keessatti dhorkametti hin lakkaawwamu; garuu bu’aan tarkaanfiiwwan kanaa haala kamiinuu sadarkaaleen walqixa hin taane... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, haadhummaaf kunuunsa gochuuf tarkaanfiiwwan addaa, kanneen Waadaa kana keessatti ibsaman dabalatee, isaan fudhatan, akka garaagartee loogummaatti hinlakka’an. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan hundi, kaayyoowwan kanatti aanan fiixaan baasuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an ni fudhatu: |
Saalan tokko isa kan biraatii gadi ykn oli yaada jechuun, ykn barmaataan gahee hojii dhiirrii fi dubartiin hundaahuudhaan ilaalchotaa fi hojmaatota dogoggoraan taasifaman balleessuufi amala aadaa fi hawaasummaa dubartootaa fi dhiirotaa fooyyessuu, |
Barumsi maatii haadhummaan hojii hawaasummaa ta’uu isaatiif hubannoo sirri ta’e kan kennuu ta’uu isaa mirkaneessuu, dhiironnii fi dubartoonni daa’imman isaanii guddisuufi sammuufi qaamaan ijaaruuf itti-gaafatamummaa gamtaa kan qaban ta’uu isaaniif beekamummaa kan kenne ta’uu isaa, walitti-dhufeenya kanaanis hunda dura ... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, gocha dubartootaan daldaluufi dubartoota hojii saalqunnamtii ykn daldala sagaagaltummaa irratti bobbaasuudhaan saamicha raawwatamu maqsuuf seera tumuu dabalatee, tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda ni fudhatu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dubartoonni siyaasa biyyattiifi jireenya hawaasaa keessatti hirmaannaa guutuu akka hinqabaanneef garaagartee isaan danqu dhabamsiisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda ni fudhatu; keessumattuu dubartoonni dhiirota waliin walqixa mirgoota kanatti aanan gonfachuu... |
Filannoowwaniifi murtiiwwan uummataa hunda irratti sagalee kennuufi qaamolee mootummaa uummataan filataman kamirrattiyyuu filatamuuf mirga kaadhimummaan dhiyaachuu, |
Adeemsa imaammata mootummaa qopheessuufi raawwachiisuu keessatti hirmaachuuf, qondaala mootummaa ta’uuf, sadarkaa aangoo mootummaa isa kamiyyuu keessatti itti-gaafatamummaa fudhachuun hojjechuuf mirga qaban, |
Dhaabbilee miti-mootummaafi waldaalee siyaasaafi hawaasummaa biyyattii isaan ilaallatu keessatti hirmaachuuf mirga qaban. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan dubartoonni dhiirota waliin walqixa ta’anii garaagarteen tokkollee utuu isaanirratti hingodhamin sadarkaa idil-addunyaatti mootummoota isaanii bakka bu’uufi dhaabbilee idil- addunyaa keessattis hirmaachuuf carraa argachuu akka danda’an tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an ni fudhatu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan dubartoonni dhiirota waliin walqixa lamummaa argachuuf, jijjiirrachuuf, ykn akka qabatanitti turuuf mirga ni kennu. Keessumattuu, nama lammii biyya alaa ta’etti heerumuun ishii ykn dhirsi gaa’elaan utuu jiranii lammummaa jijjiirrachuun isaa ishiinis battalumaan lammummaa jijjiirrachuuf kan ... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dubartoonni lammummaa daa’imman isaanii haala ilaaluun, dhiirota waliin walqixa murteessuuf mirga akka qabaatan taasisu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dubartoonni barumsa irratti dhiirota waliin mirgoota walqixa ta’an akka qabaatan gochuufi garaagarteen loogummaa kamiyyuu akka isaan irratti hinraawwatamne mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda ni fudhatu; keessumattuu dubartoonni dhiirota waliin haala wal-qixa ta’een kanne... |
Ogummaa isaanii gabbifachuufi hojii isaanii fooyyeffachuuf leenjii argamuun magaalaattis ta’e baadiyyaatti dhaabbata barumsa isa kamiyyuu keessatti baratanii waraqaa ragaa argachuuf haalli mija’aan kana fakkaatu akka isaaniif uumamu, walqixxummaan kunis dirreewwan oolmaa daa’immaniitiin, teeknika waliigalaatiin, akkasu... |
Sirna barumsaa fi qormaata walfakkaatan, barsiisota ogummaa fi ga’umsa wal gitu qaban manneen barumsaa qulqullina wal fakkaataa qaban, fi carraa meeshaalee barumsaa argachuuf qaban. |
Akka wal barsiisanii wal irraa barataniif jajjabeessuufi tooftaalee barumsaa kanneen biroon, keessumatti kitaabota barumsaa, sagantaalee barumsaafi tooftaalee ittiin barumsi kennamu fooyyessuudhaan ilaalchota duubatti-hafoo garaagartee shoora dhiirotaafi dubartootaa mul’isan dhabamsiisuu, |
Carraa barumsaa bilisaafi deggarsoota barattootaaf kennaman kanneen biroo irraa walqixa fayyadamoo ta’uu, |
Sagantaalee barnoota bu’uraafi keessumatti dubartootaafi dhiirota gidduu garaagartee barnootaa jiru yeroo gabaabaa keessatti dhiphisuuf barumsa ga’eeyyii kennamu dabalatee, sagantaalee barumsaa walitti fufiinsaan kennamu keessatti walqixa hirmaachuuf carraa argachuu, |
Dubartoota barattoota ta’anii barumsa isaanii gidduutti dhaaban lakkoofsa isaanii hanqisuufi warri barumsa isaanii dhaabanis sagantaa ittiin deebi’anii itti fufan qopheessuu, |
Barumsa ispoortiifi qaama cimsu irratti walqixa carraa dammaqinsaan itti hirmaatan akka qabaatan taasisuu, |
Fayyaafi nageenya maatii mirkaneessuuf kan gargaaru, waa’ee karoora maatii irratti gorsa kennamu dabalatee, odeeffannoo barumsaa, meeshaalee deggarsa barumsaa, dabalateebarbaachisoo ta’an argachuuf carraa akka argatan taasisuu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dubartoonni dhiirota waliin mirgoota wal fakkaatoo ta’an walqixa akka qabaataniif hojiirratti garaagartee loogummaa isaan irratti godhamu dhabamsiisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hundaa ni fudhatu. Mirgoota kanatti aananis dubartootaaf ni mirkaneessu. |
Mirgi hojii hojjechuu mirga dhala namaa kan hin mulqamne ta’uusaa, |
Ulaagaalee miindeffamaa wal fakkaatoo ta’anitti fayyadamuu dabalatee carraa hojii wal fakkaatoo argachuu, |
Mirga ogummaafi hojii walaba ta’anii filachuu, guddina sadarkaa, wabii hojii, mirga faayidaalee garaagaraa fi tajaajiloota argachuu, mirga leenjii ogummaa fi deebi’anii leenji’uu(hojiirra ta’anii leenjii fi leenjii ogummaa daran ol’aanaa) argachuu, |
Faayidaalee garaagaraa dabalatee mirga kaffaltii walqixa ta’e argachuu, hojii ciminni isaa walqixa ta’eetti mirga faayidaa walqixa ta’e argachuu, yeroo qulqullinni hojii madaalamu mirga walqixa ilaalamuu, |
Mirgi wabii hawaasummaa, keessumatti sooramaan, hojii dhabdummaan, dhukkubaan, hir’ina qaamaan, dullumaafi sababa kanbiraan yeroo hojii hojjechuun dadhabamu, akkasumas mirga kaffaltii waliin eyyama boqonnaa hojii argachuu, |
Mirga kunuunsa fayyaa fi qaama hormaata dabalatee haalota hojii isaaniif mijaa’oo ta’ani fi nageenya mirkaneessan argachuu. |
Dubartoonni sababa sirna heerumaatiin ykn sababa da’umsaatiin garaagarteen loogummaa akka isaan irratti hintaasifamneefi mirga hojiif qaban mirkaneessuuf, biyyoonni Waadaa kana seenan dameewwan kanatti aananiin tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an ni fudhatu. |
Sababa ulfaa’uu ykn eeyyama boqonnaa da’umsaatiin hojiirraa ari’amuufi sababa haala gaa’elaatiin hojiirraa ari’amuu jiraatu irratti garaagarteen loogummaa akka hinjiraanne dhorkuuf, warra tarkaanfii akkasii fudhatan irratti tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta’e fudhachuuf; |
Eeyyamni da’umsaa kaffaltii ykn faayidaa hawaasummaa walgita ta’e waliin, hojii, angafummaa ykn faayidaa hawaasummaa isa duratti ture utuu hindhabin akka kennamu sirna diriisuu; |
Haadhaafi abbaan itti-gaafatamummaa maatii dirqama hojiifi hirmaannaa jireenya hawaasummaa waliin walitti qindeessanii akka bahan jajjabeessuuf tajaajiloonni hawaasummaa deggarsa barbaachisaa kennan, keessumatti wiirtuuwwan daa’immaniif kunuunsa kennan bakka bakkatti akka hundeeffamaniifi wantota isaan barbaachisaniin ... |
Yeroo ulfaa gosooti hojiiwwanii fayyaa isaaniif faallaa ta’uun isaanii mirkanaa’e dubartootaaf akka hinkennamne taasisuuf. |
Dhimmoota keewwata kana jalatti tarreeffaman haala ilaaluun seeronni eegumsaa ykn ittisaa ba’an yeroo yerootti beekumsa saayinsaawaafi teeknolojiitiin akka qoratamaniifi akka barbaachisummaa isaattis akka fooyyeffaman, akka hafan ykn akka jiranitti akka itti fufan ni taasifamu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, karoora maatii dabalatee, tajaajiloota fayyaatti walqixa fayyadamoo ta’uu isaanii mirkaneessuuf, gama eegumsa fayyaatiin dubartoota irratti garaagartee loogummaa taasifamu dhabamsiisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e hundaa ni fudhatu. |
Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatullee, yeroo ulfaa, yeroo da’umsaafi sana booda tajaajila hawaasaa barbaachisaa ta’e, akka barbaachisummaa isaattis karaa itti nyaataafi kunuunsa barbaachisaa argatan mirkaneessuuf biyyoonni Waadaa kana seenan tarkaanfii fudhachuun isaan irraa eegama. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dirreewwan dinagdeefi hawaasummaa kanneen biroon garaagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu dhabamsiisuudhaan dubartoonni mirgoota kanatti aananitti dhiirota waliin walqixa fayyadamoo akka ta’aniif tarkaanfiiwwan barbaachisoo hunda ni fudhatu. Keessumatti, |
Mirga faayidaalee maatii argachuu, |
Mirga baankii irraas ta’e madda kan biroo irraa tajaajila liqii maallaqaa argachuu, |
Mirga bashannana, ispoortiifi sochiiwwan aadaa kanneen biroo irratti hirmaachuu, |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, rakkoolee dubartoonni baadiyyaa keessa jiranii fi jireenya dinagdee maatii isaanii gama eegsisuutiin kutaa dinagdee biyyattii maallaqa waliin wal hin qabanne keessattis dabalatee shoora ol’aanaa isaan qaban tilmaama keessa galchuudhaan, labsiiwwan Waadaa kanaa dubartoota baadiyyaatiifis ka... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, garaagartee loogummaa dubartoota baadiyyaa irratti raawwatamu dhabamsiisuuf sochii misooma baadiyyaa keessatti dubartoonni dhiirota waliin walqixa hirmaatoo akka ta’aniifi kanarraas fayyadamoo akka ta’aniif tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda ni fudhatu. Dabalataanis, mirgoota kanatti aanan... |
Karoora hojii misoomaa sadarkaa hundaarratti argamu qopheessuufi raawwachiisuu keessatti hirmaachuuf mirga qaban, |
Odeeffannoo karoora maatii ilaalu, tajaajiloota gorsaafi kanneen biroo isaan walitti dhufeenya qaban dabalatee, tajaajiloota kunuunsa fayyaa ga’aa argachuuf mirga qaban, |
Sagantaalee wabii hawaasummaa irraa kallattiidhaan fayyadamoo ta’uuf mirga qaban, |
Ga’umsa teeknikaa qaban cimfachuuf barumsa bu’uraa dabalatee leenjiifi barumsa idileefi idilee hintaane kaminiyyuu argachuuf, tajaajiloota hawaasummaafi babal’ina misoomaa irraa fayyadamoo ta’uuf mirga qaban, |
Hojiirratti mindeeffamuuf ykn hojii ofii uummachuudhaan dinagdeen fooyya’uuf carraan walqixa ta’e akka jiraatuuf, gareewwan of-gargaarsaa, waldaalee hojii gamtaa dhaabuuf mirga qaban, |
Sochiiwwan hawaasaa kanneen kamiyyuu keessatti hirmaachuuf mirga qaban, |
Tajaajila qonnaa, tajaajila liqii, deemsa bittaafi gurguraa fi teeknolojii bu’a-qabeessatti fayyadamuuf mirga qaban, sagantaalee baadiyyaa fooyyessanii fi qubiinsaatti walqixa fayyadamoo ta’uuf mirga qaban, |
Haala mana jireenyaa, qulqullina naannoo, tajaajila ibsaafi bishaanii, geejjibaafi qunnamtii ilaaluun tajaajila jireenyaaf fooyya’aa ta’etti fayyadamuuf mirga qaban. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dubartoonni seera fuulduratti dhiirota waliin walqixa mirga akka qabaatan taasisu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, dhimmoota siviilii kessatti dubartoonni dhiirota waliin dandeetti seeraa wal gitu akka qabaataniifi dandeettii seeraa qabaniin walqixa fayyadamuuf carraa akka qabaatan ni taasisu. Keessummatti waliigaltee seenuu fi qabeenya bulchuuf dubartootaaf mirga dhiirota waliin walqixa ta’e ni kennu;... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, waliigaltee fi gochi dhuunfaa dandeettii seeraa dubartoonni qaban dhorkan kammiyyuu seera biratti kufaa fi gatii kan hin qabne ta’uu isaanii irratti waliigalaniiru. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, seera bakkaa gara bakkaatti socho’uu, biyya, ganda, mana jireenyaa walaba ta’anii filachuu haala ilaaluun, dhiirotaafi dubartootaaf walqixa mirga ni kennu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan qixa gaa’elaa fi walitti- dhufeenya maatiitiin garaagartee loogummaa dubartoota irratti raawwatamu maqsuuf, tarkaanfii barbaachisaa ta’e hundaa ni fudhatu; keessumatti dubartoonni mirgoota kanatti aananii argamanitti dhiirota waliin walqixa fayyadamoo ta’uu isaanii ni mirkaneessu: |
Mirga gaa’ela godhachuu walqixa ta’e, |
Nama itti heeruman bilisummaan filachuu fi mirga gaa’ela jaalalaafi fedhii walaba ta’e qofaan raawwachuu, |
Yeroo gaa’elaafi erga gaa’elichi diigamee boodas, mirgaafi dirqama walqixa qabaachuu, |
Wal-fuudhanis wal fuudhuu baatanis, daa’imman isaanii haala ilaaluun haadhaa fi abbaa ta’uu isaaniitiin kan ka’e mirgaafi dirqama walqixa ta’eqabaachuu gama kanaan iddoo dursaa kan qabatu nageenyaafi faayidaa daa’imman isaanii ta’a. |
Daa’imman meeqaafi garaagartee yeroo hammamii keessatti godhachuu akka qaban haala walabaafi itti-gaafatamummaa qabuun mirga walqixa murteessuufi mirga kanattis fayyadamuu kan isaan dandeessisu odeeffannoo, barumsaafi tooftaa argachuuf mirga qaban, |
Guddiftummaa, eegdummaa, amantaan-qabdummaafi guddifachaa daa’immanii ykn kanneen kana fakkaatanii fi seera biyyattiitiin beekamummaa qaban haala ilaaluun dhiirota waliin mirgaa fi dirqama walqixa ta’e qabaachuu; kunis ta’ee, nageenyiifi faayidaan daa’imman kanaa yeroo mara dhimma dursi kennamuuf ta’a. |
Maqaa gamtaa maatiin ittiin waamamu, ogummaafi hojii ittiin bulmaataa filachuu dabalatee, abbaan manaafi haati manaa walqixa mirga qabaachuu, |
Kaffaltiinis ta’e tolaan haadha qabeenyaa ta’uu, qaama kan biraa irraa argachuu, bulchuu,qajeelfama kennuu, kanbiraaf dabarsuufi itti fayyadamuu haala ilaaluun, abbaan manaafi haati manaa mirgoota wal fakkaatoo akka qabaatan taasisuuf. |
Shamarreen umriinshee gaa’ela hinga’in jiru akka kaadhimamtu ykn heerumtu gochuun seeraan aladha. Umrii xiqqaan namni tokko itti gaa’ela ga’u murteessuuf, gaa’illi qaama seeraa aangoo qabuu biratti galmeessisuun dirqama akka ta’uu taasisuuf seera tumuu dabalatee tarkaanfii barbaachisoo hundi fudhatamuu qaba. |
1. Waadaa kana raawwachiisuu haala ilaaluun tarkaanfiiwwan fudhataman ilaalee kan qoratu “Koree Garaagartee Loogummaa Dubartoota irratti Raawwatamu Maqsu” (kana booda “Koree” jedhamee kan caqasamu) ni hundeeffama. Yeroo Waadichi |
105 |
ragga’u, miseensonni Koree kanaa 18 ta’u. Waadichi biyyi 35ffaan erga mirkaneessee ykn erga fudhatee booda garuu, miseensonni Koree kanaa naamusa gaarii ol’aanaafi Waadaa kana keessatti dhimmoota uwwifaman irratti ga’umsa ol’aanaa kan qaban ogeessota 23 ta’u. Ogeessonni kun lammiiwwan biyyoota Waadicha seenan keessaa f... |
Miseensonni Koree kanaa, kaadhimamtoota biyyoota Waadaa kana seenaniin dhiyaatan keessaa sirna sagalee kennuu iccitiin adeemsifamuun filatamu. Tokkoo tokkoon biyya Waadicha seenee lammiiwwan isaa keessaa kaadhimamaa tokko dhiyeessa. |
Filannoon inni jalqabaa Waadichi ragga’ee ji’a jahaa booda adeemsifama. Tokkoo tokkoo filannoof yoo xiqqate ji’a sadii dura Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii, biyyoonni dhimmichi isaan ilaallatu yeroo ji’a lamaa keessatti kaadhimamtoota isaanii akka dhiyeessan xalayaadhaan isaan gaafata. Muummichi Barreessaa... |
Filannoon miseensota Koree kanaa, biyyoota Waadicha seenan Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniitiin waamamanii walga’ii Waajjira Giddugaleessaa Mootummoota Gamtoomaniitti taa’amu irratti adeemsifama. Biyyoota Waadicha seenanii walga’ichaaf waamaman harka sadii keessaa harki lama yoo argame, koramiin lakkoofsi g... |
Miseensonni Koree kanaa tajaajila kan kennan yeroo turtaa waggaa afuuriitiif ta’a. Karaa biraas warra filannoo isa jalqabaatiin filataman keessaa turtaan yeroo hojii kanneen sagalii waggaa lama qofa ta’a. Filannoo isa jalqabaa booda, battalumaan eenyummaan warra salgan kanaa karaa dura-taa’aa Koree carraadhaan murta’a. |
Biyyi 35ffaan waliigalticha erga raggaasisee ykn fudhatee booda, filannoon miseensota Koree warra dabalataa shananii bu’ura keewwata xiqqaa 2,3fi 4tti adeemsifama. Miseensota dabalataa kana keessaa turtaan yeroo hojii miseensota lamaa waggaa lama qofa ta’a. Eenyummaan miseensota lamaanii karaa dura-taa’aa Koree carraad... |
Koree keessatti iddoon hojii duwwaan yeroo argamu, biyyi miseensi hojii Koree dhaabe lammii isaa ta’e, lammiiwwan isaa keessaa filatee dhiyeessuudhaan Koreen kun miseensummaa isaa fudhatee akka raggaasisu taasisa. |
Yaa’iin Waliigalaa yommuu raggaasisuufi qaamumti kun itti- gaafatamummaan Koree kanaa ulfaataa ta’uu isaa tilmaama keessa galchuudhaan bu’ura tilmaamaafi danbii inni murteessuutti miseensonni Koree kanaa dadhabbii isaaniitiif durgoon maallaqa Mootummoota Gamtoomanii irraa baasii ta’u ni kaffalamaaf. |
Koreen kun itti-gaafatamummaa kennameef sirriitti akka raawwatuuf, Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii humna namaafi meeshaa barbaachisaa ta’e ni guutaaf. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, Waadicha raawwachiisuuf tarkaanfiiwwan seera tumuu, abbaa seerummaa, bulchiinsaa ykn kanneen biroo fudhatan kan ibsu gabaasa raawwii hojii isaanii |
Koree kanaan akka ilaalamuuf Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif ni dhiyeessu. Kan kana godhanis, |
Waadichi biyya sanaaf ragga’ee yeroo waggaa tokkoo keessatti, |
Sana booda waggaa afur afurittiifi akkasumas yeroo Koreen gaafatetti ta’a. |
Gabaasni isaan dhiyeessanis dirqamoota Waadaa kana keessatti labsaman raawwachuu irratti rakkoowwaniifi haalota isaan qunnaman ibsuu ni danda’a. |
Koreen kun danbii naamusa hojii mataa isaatii ni murteessa. |
Koreen kun hojii raawwachiiftota isaa tajaajila turtii yeroo hojii waggaa lamaatiif ni filata. |
Koreen Waadaa kan keewwata 18 irratti hundaahuudhaan gabaasota dhiyaataniif ilaaluuf waggaa waggaatti turtaa yeroo torban lama hincaalleef walga’ii ni taa’a. |
Walga’iiwwan Koree kanaa, Waajira Giddugaleessaa Mootummoota Gamtoomaniitti ykn iddoo kanbiraa Koreen kun mijeessuutti adeemsifamu. |
1. Koreen kun gabaasa waa’ee sochii isaatii ibsu waggaa waggaatti karaa Mana Maree Dinagdeefi Hawaasummaa Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessa. Gabaasicha keessattis gabaasotaafi odeeffannoowwan biyyoota waliigalticha fudhatanirra isa qaqqaban qoratee, ilaalchaafi yaadota tarkaanfii mataa isaatii yoo qa... |
Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii gabaasota Koree kanaa Komiishiniin Dhimma Dubartootaa hordofu akka beekuuf dabarsee ni ergaaf. |
Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanitti ittigaafatamummaan hojii addaa kennameef raawwiin labsiiwwan Waadaa kanaa wayita ilaalamu, dhimmoonni hojiiwwan isaanii ilaallatan yommuu jiraatan karaa bakka-bu’oota isaanii walga’iiwwan kana irratti hirmaachuuf mirga qabu. Koreen kunis haala raawwii Waadicha ilaalchisee dhimmoota... |
Waadaan kun walqixxummaa dhiiraa fi durbartii haala Waada kana keessatti ibsame caalaatti kan argamsiisan tumaalee biro kan: |
Seera biyya Waadaa kana seene keessatti; ykn |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.