text stringlengths 0 196k |
|---|
jiraatu yookiin hojjetu keessatti walitti dhufeenya taasisu irraa maddu |
dha. Balbala ofii cufatanii jijjiirama kamuu irraa adda of-baasuun |
hanqina qofummaadhaan tortoranii baduu irra, balbala ollaa deemanii |
rukuchuu jechuu dha. Kaka'umsa jechuun amaloota kanneen akka aarii |
fi hafuura haaloo ba'uu irraa of-qulqulleessanii, walitti dhufeenyaaf |
harka diriirsuu jechuu dha. |
Sirnoonni maraamartoo hanqina qofummaa irraa adda ba'uun gara |
jijjiiramaatti fuulleeffachuuf namoota naannoo isaanii keessatti walitti |
dhufeenya uumuuf kaka'umsa qaban barbaachisa. Hayyoonni yookiin |
beektoonni waliitti dhufeenya garaa garaa jiru mara hubachuuf carraa |
addaa waan qabaniif kaka'umsa uumuuf carraaquu qabu. Sirnoonni |
hayyoota ga'umsa qaban hedduu of-keessaa qabu, hanqina qofummaa |
sirriitti hubachuun sirnicha haala qabatamaa naannoo waliin walitti |
fiduuf namoota kaka'umsa qaban horachuuf itti salphata. |
Sababni kanaas sirni kamiyyuu amala wal-xaxaa waan qabaniif, hanqina |
qofummaa keessatti tortoruu isaanii hubachuun isaan rakkisa. Namni |
sirnicha keessa jiru tokko, qaama sirnichaa ta'ee utuu jiruu tortoruu |
sirnichaa hubachuun itti cima. Namoonni sirnicha keessa hin jirre garuu, |
tortoruu sirnicha salphaatti hubachuu danda'u. Hayyoonni ga'umsa |
qaban garuu sirnichuma keessa iyyuu ta'anii tortoruu sirnichaa |
hubachuun itti hin cimu. Kanaaf, hayyoonni sirnicha badiisa irraa |
hambisuuf kaka'umsaan walitti dhufeenya uumuu danda'u. |
Ida'amtummaan hirmaannaa fi kaka'umsa hayyootaa fi namoota |
hayyoonni dursanii gaafata. Ida'amuun namoota ofitti harkisuu osoo hin |
taane, kaka'umsa yookiin deemsa ofii kan bu'uura godhate dha. |
Maanguddoonni illee yommuu nama walitti araarsan, "mee sitti haa |
hafu" kan jedhaniif, "anumatti haa hafu" jennee walitti dhufeenya |
kaka'uu barbaachisa. Kanaaf, bu'uura ida'amuu keessatti namatti |
yookiin murnatti sababeeffachuun hiikkaa hin qabu. Abaluun "hin |
dhufu" naan jedhe jedhanii komachuurra, demsa yookiin imala ofii itti |
fufuu gaafata. Kaka'umsa akkasii keessattidha ida'amtummaan |
dhugoomuu kan danda'u. |
Kaka'umsa namoota irratti hundaa'uudhaan, ida'amtummaan sadarkaa |
garaa garaatti sadiitti qooduun ni danda'ama. Isaanis: kara |
deemtummaa, keessummummaa fi abbummaa yookiin abbaa |
manummaa dha. |
Kara-deemtummaa |
Sadarkaan kun, idaa'amuu alaalatti ilaalanii bira darbuu, yaada ida'amuu |
dhaga'anii maaltu na dhibeedhaan bira darbuu, dhimma biyyaa irratti |
taajjabaa ta'uu, akka kara-deemaatti of ilaaluu yookiin akka nama fira |
hin qabneetti of ilaaluu dha. Biyyi keenya raafama siyaasaa hedduu kan |
dabarsite ta'uushiitiin sadarkaa kanaan yeroo isaa hedduu namni |
dabarsu danuu akka ta'u tilmaamuun ni danda'ama. Dhimma biyya |
keenyaa irratti akka taajjabaatti namni of ilaalu, yaada nama biyya alaa |
fakkaatu kan biyya isaa irratti kennu, dhihaatee namaan mari'achuuf |
namni mamii keessa galu hunduu sadarkaa ida'amuu kanarrajirajechuu |
dandeenya. Gariin isaa barmaatii shakkii aadaan siyaasa keenyaa |
uumeen kan xaxame, inni biraammoo dunquqqoo dallansuu irraa |
dammaquuf wal'aansaa qabudhaan hiriira kara-deemtummaatti of |
maka. |
Keessummummaa |
Keessummummaan kara-deemtummaa irraa adda ba'uun mana seenuu |
dha. Yaada ida'amuu waliin wal-baruu, kaayyoowwan isaa hubachuu, |
waliinummaa fedhuu fi ida'amuuf kaka'umsa agarsiisuu taasifamee |
fudhatamuu danda'a. Sadarkaan kun jalqabbiin hubannaan ida'amuu |
kan irratti mul'atuu fi fedhiin ida'amuu kan itti mul'atu dha. Kaka'umsi |
waa'ee biyyaarratti tarkaanfii tokko tarkaanfachuun gorsuu, mari'achuu |
fi wal-mormuu itti uumama. Sadarkaan kun sadarkaa namoonni fedhii |
ida'amuu haalaan hubachuu fi ida'amuuf qophii ta'uu isaanii itti |
mul'isanii fi qaama ida'amuu malee kara-deemaa akka hin taane itti |
hubatani dha. |
Abbummaa Yookiin Abbaa Manummaa |
Sadarkaan kun, namoonni yaada ida'amuu yaada mataa isaanii kan itti |
godhatani dha. Ida'amuu beekanii, hubatanii, yaada isaa yommuu |
hordofanii fi yeroo dhuunfatan, sadarkaa abbaa manummaarra |
gahaniiru jenna. Ida'amuun yaada nama kamirraayyuu fudhatan otoo |
hin ta'iin, ofuma isaanii irraa kan isaaniif dhihaate, carraa keenya gara |
fuula duraatti kan tarkaanfachiisu, ejjannoo fi itti gaafatammummaa |
mataa isaanii ta'uu hubatu. Daandii injifannoo hunda keenyaa eenyu |
iyyuu mo'aa. eenyu iyyuu mo'atamaa kan itti hin taane ta'uusaa ni |
hubatu. Sadarkaan ida'amuu kun sadarkaa ida'amuu irraa gara |
ida'amsiisuutti kan itti ceenu dha. |
Namoonni daandii ida'amuu hubachuun koodeewwan isaanii warri |
biroo akka idaa'aman kan itti watwaatani dha. Kanaanis ida'amtummaa |
irraa gara ida'amsiistummaatti ce'u. Sadarkaa kanarratti namoonni biyyi |
keenya kan keenya jedhu, waa'een biyya keenyaa nu ilaallata yaada |
jedhu gabbifatu. Miirri abbaa biyyummaa waan isaanitti dhaga'amuuf |
itti fufiinsa jiraachuu ishiitiif ni qabsaa'o. Qofummaa fi qoccoloo |
yeroorra ceesisanii ilaaluun carraa waloo gara fuulduraa ceesisanii |
ilaaluuf yaalu. |
Duudhaalee lda'amuu |
Duudhaaleen ida'amtummaa duudhaalee nuti Itoophiyaa keessaatti |
ijaaruuf karoorfannu mara kan bu'uura godhate dha. Duudhaaleen kun |
hundi utubaa ida'amuuti. Duudhaa jechuun wantoota garaa garaaf gatii |
nuti kenninu fi ulaagaa nuti ittiin waa madaallu dha. Duudhaaleen |
ida'amuu hanqina qofummaa keessaa ba'uun taatummaa |
dhungoomfachuudhaaf ulaagaa nuti dursa kenninuuf jechuu dha. |
Duudhaalee ida'amtummaa keessaa tokko tokkummaa biyyooleessaa |
dha. Tokkummaan biyyaalessaa eenyummaan keenya akka addaan hin |
banne ta'ee kan walitti fo'amee fi wal-qabate ta'uusaa agarsiisa. Carraan |
saboota biyya keenyaa waliin guddachuuf kan uumame malee gargar |
baanee yookiin qofaa qofaa keenya biyya birmadoofte qabannee |
jiraachuu yookiin nagaan turuu hin dandeenyu. Tokkummaan |
biyyaalessaa keenya kan filannoo qofa otoo hin ta'iin, waa'ee dirqama |
jiraachuu keenya ittiin eegsisnu dha. |
Duudhaan ida'amtummaa inni biraan kabaja lammiilee dha. Kabajni |
lammilee of birattis haa ta'u namoota biraa irraa bakka argachuuf |
agarsiistuu kabajaati. Kabajni faayidaa fi sodaa waliin adeemsa ittiin |
eegsisani dha. Adeemsa namoonni karaa gara milkaa'inaatti ittiin siqnu |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.