text stringlengths 0 196k |
|---|
akka hin sakaalleefi dha. Dhalli namaa wantoota salphaadhumatti |
hubachuuf wantoota fiixee faallaa lamatti qoodee ilaala. Gurraachaa fi |
adii, gara-jabeessaa fi gara-laafessa, cimaa fi dadhabaa, diinaa fi fira, |
gabaabaa fi dheeraa jechuun wantoota ija dunuunffachuun maqaa |
moggaaseefi socho'a. |
Hubachuudhaaf akka nutti toluuf wantoota garee faallaa lamatti malli |
qooduu kun adeemsa yeroo keessa ilaalcha keenya sakaaluun, barmaatii |
madaallii keenyaa ajjeeseera. Barmaatiin madaallii ilaalcha garee hin |
qoodne dha. Dheerinni kan safaramu "meetira meeqa?" madaallii |
jedhuuni malee madaallii bicuu qoodamaa gabaabaa yookiin dheeraa |
jedhuun miti. Gara dhugaatti kan nu dhiheessus ilaalcha kana. Kana |
ta'uu baannaan furmaanni keenya marti safara miila keenyaa otoo hin |
barii n miilli koo xiqqoo dha yookiin guddaa dha jechuun akka kophee |
bitachuuti. Gurraacha moo adii dha jechuu irra sadarkaa gurraachina |
isaa madaaluu, hamaa dha moo gaarii dha jechuu irra, hanga hammenya |
isaa madaaluun dhugaatti nu dhiyeessa. |
Wantoota garaa gara kan taasisu qabiyyee isaanii fi hanga isaaniiti |
malee wal-faallessuu bu'uuraa uumamaan qaban miti. |
hammeenyummaan taappeellaa ol-fuunee kanaaf yookaan sanaaf |
kenninu miti. Hundi keenya hammina qabna. Hanga hammeenyaatu |
gargari malee, namni hamaa jedhamu hinjiru. Gama hundaanuu ilaalchi |
keenya madaallii irratti yoo bu'uureffate wantoota jijjiiruuf hagas nutti |
hin ulfaatu. |
Ramaddii garee madaallii irratti hin hundoofneen wantoota jijjiiruu hin |
dandeenyu. Sababni isaas namicha diina jennee gareen adda baafanne |
sana firoomfachuu waan hin dandeenyeefi. Kanaafuu, maddi ilaalcha |
jijjiiramaa wantoota bifa garee hin qabneen ilaaluu dha. Ilaalchi garee |
hin qabne afaan namni dubbatu wajjiin ciminaan kan walitti hidhate |
waan ta'eef akka salphaatti kan dhabamsiifamu miti. Adeemsa yeroo |
keessa jechoota ramaddii gareerraa maddan balleessaa jechoota |
madaallii garee hin qoodneen hanga bakka buusnutti wantoota |
hubachuuf jechoota kanatti itti fayyadamuu dandeenya. |
Dhalli namaa yaada "guyyaa fi halkan" jedhurraa bilisoomee yeroo |
sa'aatiin lakkaa'uu akka danda'etti adeemsa yeroo keessas dandeettiin |
ilaalchota hundumaa madaalliin ilaaluu dabalaa dhufuun isaa waan hin |
oolle dha. Amma gaaffilee bari'eera moo hin bariine jedhurraa gara |
qooqa sa'aatiin meeqa ta'eera jedhutti akkuma ce'e hunda, adeemsa |
keessa moggaasota gareerratti hundaa'an fooyyeessaa dhufna. |
Fooyya'iinsa jechoota irratti taasifnu, yoo xiqqaate jechoota ramaddii |
gareewwanii siyaasa keenya booressaa turanii balleessuun jalqabuu |
dandeenya. |
Baroota darban keessa, keessumaa sochiiwwan barattootaa bara |
1960'ootaan booda jechootni siyaasaa waltajjii to'atan garee wayii |
mataa gadi qabachiisuu irratti kan xiyyeeffatani dha. Of-tuulummaa, |
dhiphummaa, farra nagaa, farra uummataa, fakkeessituu fi jechoonni |
kana fakkaatan marii dimookiraasiif mijataa kan hin taane, walitti |
dhihaachuu otoo hin ta'iin wal-irraa fagaachuu kan fidani dha. Jechi akka |
ajjeesus, akka fayyisus hubannee ejjannoo kanaan jechoota gareen |
qoodanii ibsan, jechoota wal-dhabbii ho'isan balleessuu otoo jalqabnee |
gaarii dha. |
Sirna ilaalcha wal-qooduu garee irraa bilisa ta'e diriirsuuf wanti biraa nu |
barbaachisu aadaa marii fi mormii keenya gidduutti madaallii eeguu |
danda'uu dha. Mormiin biyya tokko keessatti yaadni haaraa akka |
maddisiifamuu fi filannoon yaadaa akka bal'atuuf gahee guddaa |
taphata. Adeemsa mormii keessatti namootni yaadni isaanii fudhatama |
akka argatuuf ragaawwan funaananii fi carraaqii isaan taasisan keessa |
qormaanni jiru wanta haaraa uumuun isaa kan hin oolle dha. |
Sirni dimookiraasii paartii-danummaa biyyoota hedduu keessatti; |
keessumaa, addunyaa Dhihaa keessatti aadaa wal-mormuu irratti kan |
hundaa'e dha. Adeemsi isaas yaadata haaraa maddisiisuu fi madaallii |
yaadaa eeguuf shoora guddaa taphata. "Aadaan Sooqiraaxisaawaa" |
addunyaa Dhihaa muuxannoo wal-mormii kanarratti kan ijaarame |
jedhamee amanama. |
Haa ta'u malee, mormiin daandii qaroomaa yoo hordofuu baate |
furmaata fiduurra wantoonni inni balleessu ni jiraatu. Keessumaa |
biyyoota akka Itoophiyaa aadaan dimookiraasii isaanii hin guddanee fi |
wal-faallessuun yookiin wal-qoccoluun hin tasgabboofnetti, yaada |
waliigalaa akka biyyaatti qabaachuu fi dimookiraasiin luka isaatiin |
dhaabatee akka deemu taasisuuf mariin carraa waliigaluu uuma. |
Dandeettiin mariin wal-mormuu keenyaa dadhabaa ta'uun isaa fi |
muuxannoon yaada haaraa maddisiisuu keenyaa hagana kan guddate |
waan hin taaneef mormiin keenya yaada maddisiisuurra gara xiiqii fi |
dallansuutti kan nu oofu ta'eera. Kunis gamaa fi gamanummaa keenya |
ittuu jabeessuun gara qileetti nu oofaa jira. |
Kanaafuu, marii irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuun barbaachisaa |
dha. "Aadaan Konfiishiyesii" addunyaa Bahaa aadaa marii irratti kan |
ijaarame jedhameetu amanama. Haa ta'u malee, mariin hanga fedhe |
rakkoo hiikuuf daandii gaarii ta'uyyuu, yaadata haaraa mormii keessaa |
maddan argachuuf hin fayyadu. |
Kanaafuu, ilaalcha garee hin foone karaa bu'a-qabeessa ta'een ijaaruuf |
haasaa mormii fi morkiin jabaatee fi laafee fo'ametu nu barbaachisa. |
Kunis yaadni yaada keenya irra fooyya'aa ta'e jiraachuu akka danda'u |
hubachuun, bakka banaa yaada kanaaf ta'u akka hambisnu nu taasisa. |
Ilaalchi qabanne sirrii dha jennee yaadata biraatti akka balbala keenya |
hin cufne taasisa. |
Yerootti Maxxannuu |
Ilaalchi biraa gufuu ida'amuu ta'e "yerootti maxxanuu" dha. Yerootti |
maxxanuun faara kalleessaa, har'aa yookiin boruu qofarratti |
xiyyeefachuu dha. Ilaalcha keenya yeroof qabnu keessatti sadan isaanii |
keessaa isa tokko qofa filachuun yaadni keenya yeroo hundumaa yeroo |
sana irratti qofa kan maxxanu taanaan gara dhugaa jirutti dhihaachuuf |
ni rakkanna. Yerootti maxxanuun akka mata duree isaatti haalli itti |
gargar ta'u ni jira. Qixuma sanaan, ajandaan sun waan fedhe haa ta'uu |
yeroo filatee kan suuqamu dha. |
Namoonni tokko tokko haasaa fi yaadni isaanii kamiyyuu kaleessatti kan |
maxxanu dha. Inni biraa immoo wanta hundumaa kishaafee har'aatiin |
qofa kan ilaalu dha. Warri kaan immoo waa'ee borii qofa kan dhiphatani |
dha. Namni kaleessa, har'aa fi boru walitti qindeessee hin ilaallee fi |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.