text stringlengths 0 196k |
|---|
otoo hin taane, namoonni mataan isaanii milkaa'ina akka ta'an kan ittiin |
amannu dha. Kabajni namaa uumama namaa hunda biratti sadarkaa |
dhuunfaa fi gareen ilaalamuu danda'a. Agarsiistonni kanneen biroo |
kamiyyuu kabaja namaa kan mirkaneessan ta'uu qabu. |
Badhaadhinni lammileen fedhii maqaa, qaamaa fi bilisummaa akka |
haala itti fufinsa qabuun guuttataniif dandeettii isaanii ijaaruu dha. |
Badhaadhinni fedhii qaama namaa kan ta'an, tajaajilli nyaataa, |
dhugaatii, daara, bakka jireenyaa, barumsa, fayyaa fi qulqullinnaa |
guutamanii argamuu dha. Dabalataanis, dirree filannoo amansiisaa fi itti |
fufinsa qabu bal'isuu, fedhii itti fayyadama guyyaa guyyaa guutuu, |
bilisummaa siyaasaa goonfachiisuu, madaallii naannoo eeguu, |
gammachuu lammiilee, nageenyaa fi wal-qixxummaa dandeettii |
mirkaneessuu isaan dandeessisu jabeessuu dha. |
Mul'anni keenya Itoophiyaa dimookiraatawaa badhaatuu carraaqqii fi |
dhamaatii ijoollee ishiitiin kabajamtee fi ulfaattee bara baraan jiraattu |
uumuu dha. Itoophiyaa keenya kaayyoo kana qabattee akka doonii |
garbarra yabalaa jirtuutti haa fudhannu. Kaartaan bu'uura (road map) |
gara bakka gahuu barbaanneetti deemaa jiraachuu keenyaa fi kallattii |
waliigalaa imala keenya nutti agarsiisu nu barbaachisa. Kaartaan |
bu'uuraa kun falaasama siyaasaa fi diinagdee ida'amuu keenyaati. |
Kaartaa bu'uraa keenya qabannee, doonii keenya fe'annee garba bal'aa |
fi ciisaa sanarra rakkoo tokko malee daandii fi bakka ga'uuf deemnu |
irraa otoo hin maqiin imaluun nu irraa eegama. Bakki ga'uufjennu fagoo |
fi daandiin achiin nu gahu baay'ee wal-xaxaa waan ta'eef dooniin |
keenya daandicha qabattee kallattii sirriidhaan imalaa jiraachuu ishee |
yeroo hunda kan mirkaneeffannu kompaasiidhaani. Kanaafuu, |
agarsiistonni ida'amuu kompaasota kallattii imaala keenyyaa fi gara |
gahuu barbaannutti deemaa jiraachuu keenya kan ittiin mirkaneeffannu |
dha. Agarsiistonni ida'amuu kunniin kabaja lammilee, badhaadhina, |
haqa, tokkummaa biyyaalessaa, diimokiraasii fi nagaa. |
Agarsiistonni ida'amuu ibsanii fi meeshaaleen isaa: nagaa, dhiifamaa fi |
jaalala dha. Isaan kun waraana, haaloo baafachuu, jibbaa fi |
arangamaawwan kanneen fakkaatan ciruun ida'amuuf akka mijatoo |
taanu nu taasisa. Amala loltummaa nagummaan, dhiifama gochuunii fi |
summii jibbaa jaalalaan bakka buufnu malee nageenyi, guddinni, abdiin |
ifaa jiraachuu hin danda'an. |
Meeshaalee guguddoo ida'amuu kanneen ta'an nagaa, jaalalaa fi |
dhiifama qooqa waliigalaa dhuunfaa, maatii fi hawaasaa gochuun |
duudhaalee keenya gara warra ta'anitti tokkummaa biyyaaleessaa fi |
kabaja lammiilee, dimookiraasii bira gahuuf wanta ta'uu qabu mara |
gochuu fi mudaawwan lafarra akka harkifannu nu taasisanii fi qalbii |
keenya hiran jabinaan balaaleffachuu qabna. |
Ida'amuun falaasama safartuun mul'atu dha. Falaasama kanaaf |
dhiheenyi qabnu meetira ida'amuun kan safaramuu fi dhiheenya |
waliigalaa falaasamicha waliin qabnuun kan murtaa'u ta'a. |
Ida'amuuf dhiheenyi nuti qabnus hanguma gufuuwwan ida'amuu |
ceenuun murtaa'a. Ida'amuun walumaa galatti gufuuwwan guguddoo |
lama qaba: gufuuwwaan gochaa fi ilaalcha |
Gufuun ilaalchaa ida'amtummaa rakkoolee haala itti yaadnu yookiin |
ilaallu faana kan wal-qabatu dha. Ida'amtummaan keenyas qixa |
rakkoowwan ilaalchaa qabnu salphifneen madaalama. Ida'amuu |
jechuunis rakkoowwan ilaalchaa kana bira ce'uun ol-aantummaa yaadaa |
fiduu jechuu dha. Rakkoowwan ilaalchaa kanas akka itti aanutti tokko |
tokkoon ilaalla. |
Gamaa fi Gamanummaa |
Ilaalchi gamaa fi gamanummaa yaadaa, rakkoo ilaalchaa sadarkaa |
tokkoffaan biyya keenya keessatti mul'atu dha. Wantoota hedduu irratti |
fiixeewwan faallaa lameen irra dhaabbatanii oloo yaa oloo waliin jechuu |
malee, inni tokko yaada isa tokkoo dhaga'ee xiqqoo walitti siquu |
yaaluun hin jiru. Gamaa fi gamana dhaabatee namni walitti iyyu hanga |
fedhe yoo sagalee isaa ol-kaasse iyye illee namuu maal akka jechaa jiru |
hin dhaga'u. Gamaa fi gamana dhaabannee hanga feene yoo |
guungumne, hanga feene yoo dubbane owwaattuu malee kan nu |
dhaga'u hinjiru. |
Kaayyoon keenya sagalee ofii deddeebisanii dhaga'uu yoo ta'e malee |
owwaattuu faana hasa'uun hin barbaachisu. Owwaattuu yommuu jennu, |
wanta jenne kan irra deebi'u, kan hc'isu jechuu keenya. Wanti |
barbaachisaan inni gama dhaabbate sun maal akka jedhu itti siqanii |
dhaggeeffachuu dha. Wanta inni jedhu dhaggeeffannee "maal |
barbaaddeetu" otoo jenneenii, owwaattuun ala namni isa dhaggeeffatu |
jiraachuu isaa hubachuun rakkoo isaa karaa sirriidhaan ibsachuu eegala. |
Itoophiyaan biyya namoota dhimmoota garaa garaa irratti yaada gamaa |
fi gamana dhaabbate qabaniiti. Dhimma seenaa irrati gamaa fi gamana |
dhaabannee inni tokko isa biraa hubachuun haa afuutii, |
dhaggeeffachuufuu qofaa'aa miti. Yaada akka dhaala ofiitti fudhatanii |
tiksuuf tattaaffachuu irra, yaadni kan wal-jijjiiramu, walitti makamu fi |
xiinxalamu ta'uu isaa hubatee yaada isaa gabbisuuf namni yaalu xiqqoo |
dha. Inni tokko abaarsa seenaa qofa, inni kaan eebba seenaa qofa |
dhaga'uu kan barbaadu yoo ta'e waliigaluu hin dandeenyu. Beekumsa |
haaraa kan barbaannu yaada keenya isa duraanii akka nuuf jabeessuuf |
qofa yoo ta'e jijjiiramuu hin dandeenyu. |
Wanti biraa haa hafuutii badhaadhina biyya keenyaaf daandii nuuf tolu |
beekuuf illee ilaalcha warra Dhihaa fi ilaalcha biyya keessaa irrattillee |
fiixee lama uumneerra. Gariin beekumsi afaan faranjiitiin himamu malee |
fudhatamaa kan itti hin fakkaanne jira. Gariin immoo beekumsa biyya |
alaatii fiduu akka birmadummaa biyyaa tuqsiisuutti ilaaluun na qabaa na |
gadhiisaa kan jedhu dha. Beekumsi qabeenya dhala namaa waloo ta'uu |
isaa otoo hin hubatiin dallaa beekumsa biyya keessaa qofatti |
daangeffamee kan umurii isaa guutuu fixu hedduu dha. Biyya keenya |
keessatti gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi kanneen kana |
fakkaataniin ilaalchonni ka'an marti amala gamaa fi gamana |
dhaabachuu qabu. |
Furmaanni gamaa fi gamanummaa balleessuuf ta'u tokko ce'umsa |
ilaalchaa bu'uuraawaa gochuu dha. Ce'umsi ilaalchaa kunis ilaalcha |
madaallii loogii hin qabne kan gabbisu dha. Kana jechuunis wantoota |
hubachuudhaaf ramaddiiwwan wal-faallessoo uumnee ilaalcha keenya |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.