text
stringlengths
0
196k
Keewwata xiqqaa 5 kan keewwata 48tti kan caqasaman beeksisoonni kan jiran ta’ullee, Mmuummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii keewwata xiqqaa 1 kan keewwata kanaa irratti Biyyoota ibsamaniif waa’ee dhimmoota kanatti aananii ni beeksisa.
Bu’ura keewwata 48tti waa’ee mallattoowwanii, raggaasisootaafi mirkaneessoota waliigaltee.
Bu’ura Keewwata 49tti yeroo Waadaan Idil-addunyaa kun itti ragga’uufi, bu’ura Keewwata 51tti yaadni fooyyessaa kamiyyuu yeroo itti ragga’u.
KEEWWATA – 53
Waadaan kun mana galmee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’a. Garagalchoonni Waadichaa kanneen afaan Chaayinaatiin, Ingiliffaan, afaan Faransaayiin, afaan Ruusiyaatiin, afaan Ispaanishiin qopha’an walqixa beekamummaa qabaatu.
Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii garagalchoota mirkanaa’oo waadaa kanaa Biyyoota keewwata 48 jalatti caqasamaniif ni qaqqabsiisa.
WAADAA IDIL-ADDUNYAA ILMA NAMAA SANYIIN ADDA QOODUU BIFA HUNDAA DHABAMSIISUUF SEENAME
Biyyoonni Waadaa kana seenan;
Chaartariin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kabajaafi walqixxumma ilmi namaa uumaman qabaaturatti hundaa’uu isaa, akkasumas biyyoonni miseensa Mootummoota Gamtoomanii hundinuu kaayyoo dhaabbatichi ittiin hundaahe jechuuniis gargartummaan sanyii, bifaa, saalaa, qooqaa ykn amantii bifa kamiiyyuua osoo hin godhamne mirg...
Seereffamni mirgoota dhala namooma idil-addunyaa uumaan ilmi namaa hundi bilisa tahuu isaa, nama hundaan walqixxetti mirgoota dhala namoomaa gonfatee dhalachuu isaa, namni hundi gosaan bifaan ykn sadarkaa jireenya hawaasummaatiin wal caalchisuun osoo irratti hingodhamne bifaan mirgoota dhala namoomaa hunda hammatu gonf...
Ilmaan namaa hundinuu seera fuulduratti walqixa tahuu isaanii, loogiin akka irra hingeenyeefi loogiin akka isaanirratti raawwatamtu dhiibbaan akka irratti hingodhamne walqixxeetti eegmsa seeraa gonfachuu akka qaban beekuudhaan;
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bittaan koloneffatumma bakkuma hundattuu bifuma kamiinuu muldhachuu waliin kan walitti hidhaman loogiifi walcaalchisuu bifa hundaa abaaruu isaa, A.L.A Sadaasa 14 bara 1960 kan ba’e murtee Yaa’ii Waliigala Mootummoota Gamtoomanii 1514(XV) ummatootaafi biyyoota bulchiinsa koloneeff...
Garaagartummaa sanyii bifa hundaa dhabamsiisuuf A.L.A Sadaasa
20 bara 1960 kan ba’e murteen Yaa’ii Waliigala Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 1904 (XVII) garaagartummaan sanyii bifuma isaa hundaafi haala ibsamu hundaan guutuu addunyaa keessa saffisaan akka dhabamuufi kabajaan ilmi namaa uumamaan qabu akka eggamuufi wabummaa argatu ifatti mirkaneessuu isaa hubachuudhaan;
Qajeelfamni ol’aantummaa kan ilma namaa sanyiin adda baasuurratti hundaa’e gama saayinsiitiin dogoggora, gama hamileetiin kan abaarame, gama hawaasummaatiiniis haqa dhabeesaafi hamaa tahuu isaa yaadaaniis ta’ee hojiidhaan bu’urri seeraa kan ilma namaa sanyiin adda baasuuf ka’umsa tahu akka hin jirre amanuudhaan;
Sanyii halluu ykn gosaratti hundaawuudhaan loogiin namoota gidduutti uumamu biyyoota giddutti obbolummaan kan hundaawe walittidhufeenyi nageenyumma akka hinjiraanne kan gufachiisu; akkasumas nageenyaafi tasgabbii ummatoota gidduu jiraachuu qabu kan booressu tahuu isaa caalaa tokkummaa lammiiwwan biyya takka keessa jira...
Daangaan sanyiin kabajaawwan ilma namaa hundaa waliin akka wal- faallessu amanuudhaan; hanga ammaan tanaatti ifaafi qabatamaan kan calaqqifamaniifi naannoolee addunyaa tokko tokko keessattiifi imaammattoota mootumma tokko tokkorratti kan muldhatan ol’aantummaa sanyiitiin ykn jibbansaan kan hundaawan kan ...
Akaakuwwaniifi ibsoota ilma namaa sanyiin addaan qoodan hunda saffisaan dhabamsiisuuf tarkaanfiilee dandessisan fudhachuufi qajeelfamootaafi hojiiwwan ilma namaa sanyiin addaan qoodan irratti duuluudhaan hawaasa idil-addunyaa kan sanyiiwwan ilma namaa giddutti walii galuun itti mirkanaawe, garaagartummaafi loogii akaak...
Dhaabbanni Hojii Idil-addunyaa A.L.A bara 1958 kan bahe Waadaa Garaagarumma Hojiifi Adeemnsa Hojii keessatti Mudatuu, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhaabni Barnoota, Saayinsiifi Aadaa
A.L.A bara 1960tti kan baase garaagartummaa barnootaan mudatu Waadaa dhabamsiisu yaada keessa galchuudhaan;
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii garaagartumma sanyii bifa hundaa dhabamsiisuuf labsii baaseen qajeelfamooti bahan hojiirra oolchuufi dursanii raggaasisuudhaan tarkaanfii barbaachsu fudhachuuf akka kanatti aanee jiratti wali galaniiru.
KUTAA –TOKKO KEEWWATA – 1
Akkaataa Waadaa kanaatti “garaagartumma sanyii” jechuun loogii akaakuu hundaa addatti qooduu, daangaa ykn sanyiin, bifaan, dhalootaan, sabaan ykn dhaloota sanyiitiratti hundaawanii kan jiran mirgoota dhala namoomaatiifi siyaasaa, diinagdee, hawaasumma, aadaa ykn jireenya hawaasumma kamiyyuu; walqixxummaan argachuufi ca...
Waadaa kanaan biyya waliigaltecha mallatteesse keessatti namoota lammii tahaniifi lammi hintahin irratti addaan qooduu, loogii ykn daangaa kaa’uun raawwatamumma hinqabaatu.
Keewwatootiin Waadaa kanaa biyyoonni waliigaltecha mallatteessan eenyummaa biyyummaatiifi dhalootaan ykn seeraan lammummaa argachuu ilaalchisee seeroota baasaniin bifa wal faallessuun gonkumaa hinhiikkaman. Kun kan ta’u garuu seeroonni biyyoonni kunneen baasan kaayyo lammummaa garee tokko addaan qoodu kan hinqabne yoo ...
Gosti tokko ykn tuutni gosaa ykn namoowwan dhunfaa mirgoota dhala namoomaa isaaniitiifi bilisummaawwan bu’uraawoo isaanii wal qixxatti akka argatan karoorfachuu qofaan tuuta gosa namaa kanaaf ykn namoota dhunfaatiif jedhamee deeggarsi godhamu akka garaagartumma sanyiitti hinfudhatamu. Haata’u malee deeggarsi addaa kun ...
KEEWWATA – 2
Biyyoonni Waadaa kana seenan garaagartummaa sanyii abaaruudhaan imaammata garaagartumma sanyii bifa kamiinuu ibsamtu dhabamsiisuuf imaammata dandeessisu hanga danda’ameefi saffisaan baasuudhaan sanyiiwwan ilma namaa gidduutti wal danda’anii waliin jiraachuu cimsuuf;
Biyyoonni Waadaa kana seenan tarkaanfii namoota, tuuta namootaa ykn dhaabbiiwwan giddutti garaagartumma uumu hinfudhatan ykn hojii akkasii hinraawwatan; qondaltootiin mootummaa ykn kutaawwan biyya isaaniitiifi dhaabbiileen mootumma hojii waliigaltecha fallessu hinraawwatan.
Biyyoonni Waadaa kana seenan namoota ykn dhaabbiiwwan garaagartummaa sanyii adeemsisan hin deeggaran, hin gargaaran ykn dahoo hin kennaniif.
Biyyoonni Waadaa kana seenan imaammattoota mootumummaa, biyyumma ykn naannumma sirreessuuf; akkasumas seerotaafi qajeelfamoota garaagartumma sanyii uumaniifi babaldhisan foyyeessuuf tarkaanfiilee haquuf gargaaran fudhachuu qabu;
Biyyoonni Waadaa kana seenan garaagartumma sanyii kan gareewwaniin ykn dhaabbiiwwaniin adeemsifamtu ittisuufi dhabamsiisuuf tattaaffi akaakuu hundaa adeemsisuu qabu. Wayitii barbaachisaa tahee argamettis seera baasuu qabu,
Biyyoonni Waadaa kana seenan yeroo barbaachisaa tahetti sochiiwwaniifi dhaabbattootii namoota sanyii makaa qabaatan jajjabeessuuf, akkasumas daangaalee sanyiiwwan ilma namaa giddutti uumaman dhabamsiisuufi garaagartumma sanyii hanbisuuf tattaaffiiwwan adda addaa taasisu.
Biyyoonni Waadaa kana seenan qaamoleefi namoonni dhunfaa kanneen kutaalee isaanii keessa jiraatan mirgoota dhala namummaafi bilisummaawwan bu’urawoo isaanii karaa guutumma qabuuniifi walqixxummaan akka fayyadaman tarkaanfiilee qabatamaa adda tahaniifi faayidaaleefi guddina hawaasumma, diinagdumma, aadummaatiifi kanneen...
KEEWWATA – 3
Biyyoonni Waadaa kana seenan keessattuu ilma namaa sanyiin loogii irrati godhuufi appaartaayidii akka balaaleffataniifi haalaafi hojii ilmaan namaa sanyiin addaan qoodan naannoo isaanii keessatti akka hinbabal’anne ittisuu, dhaabuufi dhabamsiisuudha qaban.
KEEWWATA – 4
Biyyoonni Waadaa kana seenan gosti tokko ykn tuutni namootaa kan ol’aantummaa bifaa ykn madda biyyalessa barsiisu ykn bifuma kamiinuu jibba sanyiitiifii garaartumma olola tarkaanfachiisuufi dhaaba akkanaa balaaleffachuu qabu. Hojiifi olola akaakuu akkanaa kan dhabamsiisan seerawwan ijaaraa tahan saffisaan wixineessuud...
Olola ol’aantummaa sanyiirratti hundaa’uun tamsaasamuufi dadamaqinsi garaagartumma sanyiirratti hundaawuun taasifamu yakka seeraan nama adabsiisu tahuu isaa seera ibsu tumu; akkasumas seera sanyii tokkolle ykn tuuta namootaa bifa ykn madda biyyaalessa faallessu hojiifi fincila ykn kakaasinsa mormu, seera sochiiwwan san...
Dhaabbiiwwan garaagartummaa sanyiidhaa tarkaanfachiisaniifi dadamaqsan, akkasumas kan gurmaawaniifi olola garaagartummaa sanyii akaakuu kamiyyuu babaldhisan ittisuufi seera kan cabsan ta’uun yakka seeraan nama adabsiisu tahu isaa beekkamumma kennuufi qabu.
Qondaaltootiin mootumma ykn dhaabbiileen mootumma garaagartumma sanyii akka tarkaanfachiisaniifi akka kakaasan hayyamuu hin qaban.
KEEWWATA – 5
Biyyoonni Waadaa kana seenan garaagartummaa sanyii akaakuu kamiyyuu Waadaa kana keewwata 2 irra dirqamoota bu’uraawoo kaa’amaniin bifa wal simateen ittisuufi dhabamsiisuuf; akkasumas namni hundi walcaalchisuun sanyii, bifaa, sabaa ykn damee dhalootaa osoo irratti hingodhamne seera duratti walqixxummaan haala itti ilaal...
Fuula dhaddachaafi qaamootii bulchiinsa haqaa kamiyyuu duratti mirga walqixatti keesumeeffamuu;
Qondaala mootummaarra, namoota dhunfaatirra, tuuta namootaatiifi dhaabbileerra miidhaa irra gahuufi miidhaa qaamaa ofirraa ittisuuf eegumsa mootumma argachuufi nageenya dhunfaa argachuuf mirga qaba;
Mirga siyaasaa keessaattuu filannowwan hunda ammataniifi hirmaanna walqixaa mirkaneessanirratti filataa tahuudhaaniifi filatamuudhaaf mirga hirmaachuudhaa; ittigaafatamummaa mootummaarratti hirmaachuufi dhimmoota ummatumma kanneen sadarkaa hundarattuu argamanitti tajaajila walqixaan argachuuf mirga qaban;
Mirgoota siviilii kanneen biro, keessaattuu:
Naanno bulchiinsa biyya isaa keessa bilisummaan sochoo’uufi jiraachuu;
Biyyuma kamirraayyuu biyya isaatiis dabalatee mirga gadi lakkisee bahuutiifi gara biyya isaa deebi’ee seenuu;
Mirga lammummaa argachuu;
Mirga gaa’ela godhachuu fi nama fuudhaan ykn itti heeruman mirga filachuudhaa;
Dhunfaan ykn namoota biroo waliin tahuudhaan mirga qabeenya horachuu;
Mirga dhaalaa;
Mirga walabaan yaaduudhaa, mirga qalbiitiifi amantii,
Mirga ilaalcha mataa ofii qabachuutiifi ibsachuu;
Mirga walgahii nageenyumma qabu adeemsisuufi mirga gurmaawuu;
Mirgoota diinagdummaa, hawaasummaafi aadummaa keessaattuu:
Mirgoota hojjachuu, fedhii bilisaatiin miindeffamuu, haala hojii mijaawaa tahee haqa qabeessaafi wabummaa hojii argachuu, hojii walqixaatiif kaffaltii walqixaa argachuu; akkasumas kaffaltii haqa qabeessaafi wal madaalu argachuu;
Mirga waldaalee hojjataa ijaaruufi gurmaawuu;
Mirga mana jireenyaa argachuu;
Tajaajila waldhaansa mootummaa, kunuunsa fayya, wabumma hawaasummaafi mirga tajaajila hawaasummaa argachuu;
Mirga barnootaafi leenjii argachuu;
Mirga sochiiwwan aadummaaratti walqixa hirmaachuu;
Geejjiba deemaniin, hoteela, mana nyaataa, mana bunaa, mana tiyaatiraa, bakka bashannanaa kanneen fafakkaatanitti dhaabbatootii ummata tajaajiluuf dhaabatanitti tajaajila kennamu walqixatti mirga fayyadamuu;
KEEWWATA – 6
Biyyoonni Waadaa kana seenan hojii garaagartummaa sanyii kanneen bilisummaawwan bu’uraawoofi mirgoota dhala namoomaa Waadaa kanaa faallessan tokkollee ittisuu kan isaan dandeessisan
dhaaddachootii biyyalessaafi dhaabbiilee mootumma kanneen birootti fayyadamuudhaan naanno bulchiinsa isaanii keessatti sirna wabumma nama hundaa mirkaneessuu dandeessisu diriirsuu qabu. Kanaratti dabalataan miidhaafi loogii hanga gaheen dhaddachootii kanneenirra mirgi haqa qabeessaafi beenyaa gahaa argachuudhaaf mirkan...
KEEWWATA – 7
Biyyoonni Waadaa kana seenan ilaalchoota dogoggoran kanneen garagartummaa sanyiitti nama qajeelchaan ittisuuf biyyoota ykn tuutota sanyiifii qomoo gidduutti waldanda’anii waliin jiraachuufi obbolumma cimsuuf, keessaattuu dameewwan barnootaa, aadaafi odeeffannoorratti qajeelfamoota ni baasu.
KUTAA – LAMA KEEWWATA – 8
Koreen garaagartumma sanyii dhabamsiisuuf hojjatu(kanaan booda Koree jedhamee kan eeramu) ni ijaarama. Koreen kun ogeeyyota 18 kanneen lammiilee biyyoota Waadaa kana mallatteessanii gidduudha filataman, naamusa ogumma ol’aanaafi gama hundarra walaba tahuu isaaniitiin beekkaman of keessatti ammata. Miseensonni kunneen m...
Miseensootiin Koree kanaa kaadhimamtoota biyyoota Waadicha seenan bakka buufaman sirna filanno iccitii ta’een filan. Tokkoon tokkoon biyya Waadaa kana seene kaadhimamaa filatamu lammiilee isaa keessaa ni filata.
Filannoon inni jalqabaa guyya Waadichi seera irra oolee kaasee ji’oota jaha booda adeemsifama. Barreessan Mummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yoo xinnaate ji’a sadiin dura biyyoota Waadaa kana seenan ji’a lama keessatti kaadhimamtoota isaanii akka ibsaniif xalayaadhaan isaan gaafata. Barreessaan Mummichi tarreef...
Mummichi Barreessaan walgahii biyyoota miseensoota waliigaltechaa tan waajjira mumme Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waamuudhaan filannoon misensoota Koree kanaa adeemsifama. Biyyoota waliigaltecha mallatteessan gidduudhaa harka lammarra harki sadii yoo argaman guutummaan yaa’ichaa ni taha. Miseensoota korichaa ta...
a. Miseensootiin Koree kanaa yeroo hojii waggootii afuriitiif tajaajilan. Miseensootiin Koree kanaa sagal kanneen filanno jalqabaatiin filataman yeroon hojii isaanii garuu wagga lama qofa taha. Filannoon jalqabaa eega adeemsifameen booda eenyummaan miseensoota saglan Koree kanaa carraa dura ta’aan Koree kanaa baasuun a...
b. Miseensoota Koree kanaarra namni hogga hir’atu, biyyi miseensi kaadhimamtummaan dhiheesse lammiiwwan isaa keessaa ogeessa tokko filee dhiheessuudhaan Koreen kun irra fudhatee akka isaaf raggaasisu godha.
Biyyoonni Waadaa kana seenan, miseensootiin Koree kanaa ittigaafatamummaa hojii Koree kanaan kennameef wayitii raawwatan baasii isaan barbaachiso guutuuf dirqama qabaau.
KEEWWATA – 9
Biyyoonni Waadaa kana seenan akkaataa waliigaltechi itti raawwatamu ilaalchisee seera baasan, murteessummaa kennan, tarkaanfii fudhatan kan bulchiinsaa ykn tan biraa Koree kanaan akka ilaalamu Barreessaa Mummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif gabaasa dhiheessan. Kanaas kan raawwataniis:
Waliigaltechi biyya dhimmi isaa ilaallatuuf dirqisiisaa tahuu yeroo jalqaberraa kaasee hanga wagga tokkotti;
Achiin booda waggaa lama lamaa fi wayita Koreen gaafatutti ta’a. Koreen kun biyyoota Waadaa kana seenan irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf gaaffii dhiyeessuu ni danda’u.
Koreen kun gabaasa sochii hojii isaa muldhisu gama barreessa mummicha gamtaa mootummootaatiin waggaa lama lamaan yaa’ii waliigala dhaabbatichaaf dhiheessa.
KEEWWATA – 10
Koreen kun seera naamusa mataa isaa ni baasa.
Koreen kun hojii raawwachiistoota waggaa lamaaf tajaajilan ni fila.
Waajjirri mummeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tajaajila Koree kanaaf barbaachisu ni dhiheessaafi.
Walgahiiwwan Koree kanaa waajjiraa mumme Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti adeemsifama.