text stringlengths 0 196k |
|---|
gabatee yeroo keessaa tokko qofa irratti maxxanee jiraatu gara |
dhugaatti hin dhiyaatu. |
Waa'ee hojilee jabduu kaleessaa qofa odeessaa oolaa buluun har'aa fi |
borii akka hin hubanne nu taasisa. Haaluma wal-fakkaatuun waa'ee |
kaleessaa kaasuun boo'aa bara keenya yoo fixne gidiraa har'aa fi borii |
dura akka hin dhaabbanneef kaleessa keessatti akka liqimfamnee hafnu |
nu taasisa. Kaleessi dadhabbina isaa irraa barumsa nuuf kennu, |
jabinasaarra kabajaaf onnee nu dhaalchisu qabannee har'aa fi borii |
wajjiin walitti qabsiisnee itti fayyadamuu baannaan qilee nu buusa. |
Yeroo mara ilaalcha keenya waan kaleessa irraa waraabuuf yaaluunii fi |
har'a keenya gara kaleessaatti harkisuun umurii ofii wallaaluu dha. |
Umurii gabaabduu keenya kanarraa kaleessa qofa alala guuraa jiraachuu |
yoo yaalle, umurii nuuf kenname kana maalsaa jiraanne? Kaleessarraa |
barachuu malee kaleessa jijjiiruun hin danda'amu. Furmaanni waan |
kaleessa ittiin jijjiirru har'a sirreessinee hojjechuu dha. |
Gama biraatiin, har'a qofarratti kan xiyyeefatee fi faarri wanta hundumaa |
kishaafee har'aan qofa ilaaluun hedduu keenya biratti ni mul'ata. |
Dadhabina keenya har'aa irratti qofa xiyyeeffachuun hojiin kuufame |
akka nurra jiru dagachuu dha. Hojiin kaleessa otoo hojjechuu qabnuu |
hin hojjetamin hafee kuufamaa har'a ga'e nurra jira. Rakkoo har'aa kan |
hiiknu hojiiwwan kuufaman saffisaan of-irraa salphisuun kanneen biroo |
faana karaa gabaabaa dorgomtoota ta'uu fi tooftaa dhiibbaa wal |
fakkaataa qabu yoo hordofne dha. |
Namni dhiibbaa kaleessaa jala jira. Maddi amala keenyaa, enyummaa |
keenyaa fi namummaa keenyaa duuba keenya dha. Bulchiinsi keenya, |
sirni keenyaa fi hojimaatni keenya kaleessarraa wanta harkifamu qabu. |
Kaleessa seca'anii beekuun dhiibbaawwan kana addaan baafachuun, isa |
gaarii fudhachuu fi haramaa isaa buqqisuuf nu gargaara. |
Biyya keenya keessatti kennaa seenaa itti boonnu, har'aaf barannee itti |
fayyadamuu, warra biraa doow'achiisuun bu'aa irraa argachuu |
dandeenyu qabna. Beekumsa baroota dheeraaf gabbate, aadaa |
bareedaa, haala jireenya uumama waliin wal-simate, hariiroo waloo, |
diddaa garbummaa fi bilisummaaf wareegamuu, biyya jaalachuu fi |
jireenya naamusa qabuu jiraachuun kan kaleessarraa fudhanu dha. |
Faallaa kanaan immoo, wantooni kaleessa irraa sirreessuu qabnu kan |
akka dhimmoota hojimaataa, barmaatilee, haala seenessuu, itti |
fayyadamaa maqaa fi jechootaa dha. Jechamoonni akka "wanti hundi |
dur hafe" jedhanii ilaalcha wanti har'a hojjetamu dhandhama hin qabu |
jedhu uumuu keenyaaf ragaa dha. |
Dimookiraasii hin dagaagne, hanqina babal'ina odeeffannoo gama |
barumsaa fi miidiyaa, hanqina dhaabbilee keessatti ogummaaf bitamuu, |
sadarkaan, hubannaa lammilee kan hin gabbanne ta'uusaa, ilaalcha |
jal'ataa aanga'otni aangoof angoof qaban, laafina dhaabbilee siyaasaa |
fi hayyotaa, hirmaannaa gad-aanaa dhaabbilee siviilii, babal'achuu |
dhabuu industirii fi magaalotaa fi kkf kuufama liqii hojii guddaa |
dhaloota kanarraa eegani dha. Adeemsa biyya badhaadhinni, |
dimookraasiin, nagaan, tokkummaa fi haqi keessatti mirkanaa'e ijaaruu |
keessatti kanneen armaan olii hunda haxaa'uu fi qulqulleessuun |
dhimma tokkoffaa dha. Haala kana dagachuun jabinaa fi laafina |
wantoota har'a irraa qofa kan maddu taasisanii yaaduunii fi injifannoos |
haa ta'u gufuuwwan nama quunnaman bu'aa har'aa qofa taasisanii |
faarri ilaaluu namoota hedduu biratti mul'ata. |
Fakkeenyaaf, hiyyummaan keenya otoo hin haqamin kan hafeef |
dadhabbina har'a qabnuun qofa otoo hin ta'in, kaleessota badan |
hedduu waan qabnuufi. Wantotni gama ilaalchaa fi aadaan, hojimaataa |
fi bulchiinsaan hiyyummaaf haala mijaawaa uuman otoo hin qullaa'in |
bubbulaniiru. Gama biraatiin milkaa'ini gama diploomaasiin qabnu |
jabina keenya har'aa irraa qofa kan maddan otoo hin taane |
diploomaasii kaleessa kuufanne qabaachuu keenya ni dabalata. |
Kanaafuu, wanta hundumaa har'a faana wal-qabsiisuunii fi milkaa'inas |
haa ta'u rakkoolee bu'aa har'aa qofa taasisanii yaaduun dhugaatti nu |
hin siqsu. Ilaalcha haala qilleensa guyyaa irratti qofa hirkachuu kana |
guyyummaa jennaani. Ilaalchi keenya haala yeroo irraa qofa kan |
waraabamu yoo ta'e guyyummaaf saaxilamaa jiraachuu keenya |
hubachuu qabna. Har'i madaallii kaleessaa fi borii kan eegsisu ta'uu |
baannaan qofaasaa ni jal'ata. |
Biyya keenyatti ilaalchi dhiibbaa guddaa hin qabne bori dha. Barmaatiin |
keenya waa'ee borii yaaduu badaa miti. Ilaalchi keenya boriif bocamu |
ilaalchota biro waliin haala wal-madaalaa fi qixa ta'een gabbachuu qaba. |
Haa ta'u malee bor irratti hordamuunis rakkoo mataa isaa qaba. Jireenya |
kishaafaa boriin qofa ilaaluu yaaluun gama tokkoon abjuu hin |
qabatamne gama biraatiinimmoo abdii hin dhugoomne dha. |
Abdiin barbaachisaa dha. Jireenya kishaafaa abdiin qofa ilaaluun garuu |
umurii ofiin taphachuu dha. Abdiin dhugaa har'aa fi amantii kaleessaa |
waliin kan wal hin dubbifnee fi kan wal hin simanne taanaan akka |
qumaara hamaa lubbuu ofii qabachiisanii taphachuuti. Ijoollee keenya |
gabatee midhaanii fi barumsaa irraa fagaatan, abdii qofa sooruunii hin |
dandeenyu. Dhimmoota hedduu hirriba nu dhowwan abdii irratti qofa |
maxxanuun bira hin dabarre hedduu qabna. |
Gama biraatiin, "abdiin hin dhugoomne" dhibee hamaa hunda caalu |
dha. Abdiin hin dhugoomne faara yerootti maxxanuu hunda caala |
hamaa dha. Oollummaa du'aati. Kishaafaa abdii humna keenya har'aa |
jabeessu, kaleessarraa galaa onnee fudhatutu nu barbaachisa. Kaleessa |
fi har'a walitti fo'uun yommuu gagaa abjuu keenya keessa yoo cuupne |
dha abdiin keenya dungoo ta'ee dukkana kan nu ceesisu. |
Ilaalchi yeroo irratti qabnu baqqaanaa yeroo tokko keessatti kan |
maxxane akka hin taanee fi maxxana yeroo tokkotti kan rigatu akka hin |
taane kishaafaa ofii haxaa'uun barbaachisaa dha. Hoj-manee tuullaa fi |
'kaappitaala ka'umsaa' kaleessaa, jabinaa fi laafina har'aa waliin |
akkasumas abdii fi sodaa borii haala wal-dubbisuun ilaaluu baannaan, |
yerootti maxxanuun gatii nu kaffalchiisa.Yerootti hirkachuun gufuu |
guddaa kan inni ta'uuf faallaa human yookiin kaappitaala kuufachuu |
waan ta'eefi. |
Salphistummaa |
Rakkoon ilaalchaa inni fakkii waliigalaa guddicha yookiin rakkoolee |
gaaddiddeesse salphistummaa dha. Salphistummaan wantoota kutaa |
qaama isaa fi akka waliigalaatti wal-xaxummaasaanii waliin hubachuuf |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.