text stringlengths 0 196k |
|---|
yaaluurra, wantoota daandii salphaa ta'een hubachuuf yaaluu dha. |
Salphistummaan bifa hedduutiin ibsamuu danda'a. Haa ta'u malee, |
yaaliin salphistummaa kamiyyuu wantootarratti ilaalcha bicuu |
qabachuun kan goolabamu dha. |
Bifti salphiftummaa inni tokko ilaalcha ciccitaa dha. Ilaalchi ciccitaa |
wantoota karaa qeenxee fi hiika hin kennineen ilaaluu dha. Ilaalchi |
keenya hedduun ilaalcha ciccitaan kan guduunfaman waan ta'aniif |
dhumaa fi ida'amaa wantootaa hubachuun nutti ulfaata. AI tokko tokko |
maal hojjechaa akka jirruu fi hojiin sun garam akka nu geessu hubachuu |
kan dadhabnuuf ilaalchi keenya ciccitaa waan ta'eef dha. Hojiin amma |
hojjennu hojii booda hojjennu faana walitti dhufeenyi inni qabu otoo |
hin beekin hojjennaan gara galma ga'uu barbaadne sanatti geessuu hin |
danda'u. |
Gochoota keenya gidduu walitti hidhannoon sabaabaa fi bu'aa jiraachuu |
beekuu qabna. Haa ta'u malee, gochaa fi bu'aa gidduu walitti |
dhufeenya jiru beekuu qofti ga'aa miti. Sababaa fi bu'aan akka lagaa |
kallattii tokkoon qofaa yaa'utti ilaaluun fakkii guutuu wantootaa nuuf |
hin kennu. Iccitii duubatti hafummaa fi adeemsa kurkuruu biyya keenya |
sirriitti hubachuuf faana biyyittii tokkoon tokkoon isaa gidduu walitti |
dhufiinsi akka jirbiitti fo'ame jiraachuu isaa hubachuun barbaachisaa |
dha. |
Kufiinsi gama barumsaatiin nu quunnamu, fayyaa irratti, qonna irratti, |
industrii irratti, seektaroota biroo irraattis dhiibbaa waan godhuuf, sirna |
waliigala biyyittii gaaga'a. Kanaafuu, fayyaan uummata keenyaa kan |
hir'atu seektara fayyaa irratti hojiiwwan hojjetaman ijaa dadhaban qofa |
otoo hin taane, dhaabbileen barnoota ol-aanaa ogeessota fayyaa |
gahumsa gahaa qaban waan hin dhiheessineef ta'uu danda'a. |
Wanta tokko yommuu ilaallu aadaa keenya, barmaatilee keenyaa fi |
amantaawwan keenya waliin wal-bira qabnee yoo ilaalle malee akka |
muka tokko bobeessuu yaaluu dha. Rakkoon uummata tokkoo gidiraa |
uummata biraa naannoo tokko keessa jiruu waliin kan wal-qabate dha. |
Naannoo fi haalli amala qilleensaa imaala keenya hundumaa keessatti |
gahee mataa isanii qabu. Eenyummaawanii fi bocootni uumamaa har'a |
qabannee jirru naannoo fi haala amala qilleensaa waliin kan wal |
qabatani dha. Kanaafidha baaqqeedhaan waan ilaaluun rakkoo malee |
kan fala hin dhalle. |
Araddaaleen hundumtuu sansalata sababaa fi bu'aan walitti xaxamoo |
ta'uusaaniitiin, xaxaa sana haalaan hubachuu fi sirna waliigalaasaa irratti |
fakkii waliigalaa qabaachuun barbaachisaa dha. Kunis, ilaalcha kallattii |
tokkoorraa yaaliin wal-xaxiinsa sirna tokkoo ilaaluu fi raaguu |
barbaachisaa akka ta'e agarsiisa. |
Dhimmi wal-xaxiinsa yookiin duraa duuba sirnaa hubachuu kun dhimma |
cimaa kan inni ta'u yeroo gabaabaa keessatti duubatti hafummaa bifa |
baay'ee qabu kana keessaa bahuuf tooftaawwan nu fayyadan adda |
baafachuuf waan nu fayyadduufi dha. Tooftaawwan dabalataa daandii |
qaxxaamuraa sirnichi dafee duubatti hafummaa keessaa ittiin ba'u adda |
baafachuu baannaan tuullaan hojii kuufamee nurratti jigee nu liqimsa. |
Agarsiistuun ida'amuu inni tokko wantoota baaqqeessanii ilaaluurra |
guutuma isaa caasaaf hojimaataan qindoomanii ilaluu danda'uus ni |
dabalata; dhugaa jireenyaa wal hin deeggarree fi wal hin qabanne |
argachuun rakkisaa waan ta'eef. Kanaafidha ida'amuun salphistuu ta'uu |
kan hin dandeenyeef. |
Bifti ilaalcha salphistummaa inni biraa faara sababeeffachuu dha. Gariin |
keenya ka'umsa rakkolee keenyaa hundumaa rakkoo siyaasaa taasisuu |
barbaadna. Gariin keenya immoo maddi rakkoolee keenya hundaa |
aadaa dha jenna. Gariin keenya immoo amantaawwan keenya komanna. |
Gariin keenya ooggantoota keenya himanna. Kaanimmoo haala qillensa |
naannoo inni keessa jiraatuu, inni biraa danummaa keenya, inni |
kaanimmoo abaarsa dhaloota durii fi waaqaa komanna. Ammas, |
ilaalchotni akkanaa kan maddan wal-xaxiinsa sirnootaa dagachuurraa |
kan maddani dha. |
Walittii dhufiinsi sababaa fi bu'aa akkasumas walitti hidhannoon guddaa |
diinagdee, siyaasa, aadaa, amantaa, qabeenya uumamaa, seenaa, amala |
qilleensaa, haala teessuma lafaa fi kkf gidduu jira. Rakkoo tokkoos haa |
ta'u falli tokkoo boolla tokkoo keessaa akka waan burquutti yaaduun, |
wal-xaxiinsa sirnichaa irraa fagaachuuf yaalii salphistummaa taasifamu |
dha. Sababeeffachuun rakkoo ilaalchaa wanta tokko qofa gadi |
fageenyaan beekuu keenya irraa dhufu dha. |
Faara wanti sirriitti qo'annee fi beekne tokko wanta hundumaa keenya |
akka waan murteessuutti yaaduutu jira. Siyaasa qofa sirriitti namni |
qo'achaa jiraate tokko siyaasa murteessaa waan hundumaa taasisee |
fudhachuun sababeefattummaa siyaasaa horachuu danda'a. Diinagdee |
qofa namni qo'achaa jiraate Ommoo sababeeffattummaa diinagdee |
horata. |
Fakkeenya guddaa sababeeffattummaa diinagdee kan nuuf ta'uu |
danda'u bu'aa barmaatii Maarkisistii kan ta'ee fi ilaalcha gitarratti qofa |
xiyyeeffannaa taasisuun wantoota biroo uumama hawaasummaaf |
bu'uura ta'an dagatu dha. Akka aadaa Maarkisistiitti barmaatii |
salphistummaa uumama hawaasummaa gitaa fi sirna-oomishaa qofaan |
cafaqanii xiinxaluutu jira. |
Haa ta'u malee jireenyi dhala namaa hariiroo oomishaa qofaan kan |
daanga'e miti. Hojjataan tokko yommuu bakka hojiisaa deemu hojjataa |
ta'uusaatiin bakkinni qabu akka jiru ta'ee, hojjataadhumti kuni |
korniyaan, ogummaan yookiin eenyummaasaa kan biraan bakka |
hawaasummaa fudhatu ni qabaata. Hariiroo oomishaan ala hariiroon |
maatii bakka hawaasummaa dhala namaa murteessuun uumamni |
hawaasummaa adda addaa akka jiraatu taasisa. |
Ilaalchi salphistummaa sababeeffattummaa diinagdee qabee hin |
gadhiisu jedhu garuu caasaa ol-aanaa biyya tokkoo sirna seera, aadaa fi |
siyaasaa ofkeessatti qabatu jijjiirama hariiroo oomishaa giddu-galaan |
qofa ceesisuufi. Kunis, yaadaa ida'amuutiin yommuu sakata'amu, dhama |
raasuu waan ta'uuf daandii jijjiiramaa fi guddina fidurra fagoo deemuu |
hin danda'u. |
Ilaalchi salphistummaa inni biraa yaada uummachuu dha. Yaada |
uummachuun toora yaadaa uummanne jala kufuu dha. Toora yaada |
tokkoo erga uummataniin booda, tooricha otoo hin gadhiisin deemuuf |
wixxifachuu dha. Yaada uummachuun sarara kallattii ilaalcha siyaasaa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.