text stringlengths 0 196k |
|---|
madaaluurra, dubbicha irratti qoosaa uumanii bira darbuu dha. |
Qoostummaan karaa baay'ee dhibaa'ummaa wajjin kan wal-qabate |
yookiin immoo bu'aa dhibaa'ummaati. Inni sadaffaa immoo |
fakkeessitummaa yommuu ta'u, yaada jijjiiramichaaf otoo hin taane |
nama dhuunfaa sana jala kufuun otoo nuuf hin galin ibsa kennuuf olii |
gadi fiiguu dha. Kunis, badii guddaa qaqqabsiisa. Jijjiiramaa fi milkaa'ina |
keessa uummataa fi biyyi akka fayyadaman otoo hin taane hambaa |
yookiin harcaatuu jijjiiramicha keessaa argama jedhamee yaadamu |
funaannachuuf jala fiigaa, jajaa fi faarfachaa waan Jijjiiraman |
fakkaachuun bu'aa ofii adamsuu ilaallata. |
Dhibaa'ummaa kan jennu yaada haaraa tokko fudhachuuf dhibaa'uu fi |
diddaa mul'isnu dha. Sababa kanaanis dursitootni yookiin |
hoggantoonni biyyoota biraa irraa wanta gaarii baratan gara biyya |
keessaatti galchuuf baay'ee rakkatu. Atsee Tewoodros Itiyoophiyaan |
ammayyeessa jedhani yeroo ka'an sana qormaanni isaan quunname |
tokko kana dha. Yaada haaraa sana hubachuun akka saffisuu fi akka |
fooyya'u taasisuu irra, baay'een isaanii qarqara dhaabachuun akka |
maraatuutti isaan ilaalu ture. |
Wanta haaraa fudhachuuf dhibaa'ummaa waan mul'isnuuf dursitootni |
guddina biyyaaf abjuun abjootan uummata keessa seenuuf gufuu |
guddaatu isa quunnama. Kanaafuu, dursitootni yaada haaraa fidanii |
dhufan dhibaa'ummaa uummata isaanii waliin walitti bu'uun isaanii |
wanta hin oolle dha. Ga'umsi dursaa ta'uu kan barbaachisu yeroo |
akkanaati. Hoggantoonni abjuuwwan isaanii raawwachiisuuf uummata |
waliin wal-dhaansoo keessa gaafa seenan, dursitoota ta'uunsaanii hafee, |
bittoota ta'u. Yaada haaraa dirqamaan otoo hin ta'in malaan, humnaan |
otoo hin taane amansiisuunii fi fakkeenya gaarii ta'uun yoo |
raawwachiisan garuu dursitoota ta'u jechuu dha. Kanaafuu, dhimmi |
guddaa dursitoota bittoota taasisu hammeenya abjuu isaanii otoo hin |
taane, abjuu isaanii raawwachiisuuf humnatti fayyadamuu isaaniiti. |
Humnatti fayyadamuun tooftaa salphaa fi dandeettii sammuu hin |
gaafanne dha. Uummata amansiisanii fi fakkeenya gaarii ta'uun |
oogganuun garuu daandii baay'ee cimaa fi ogummaa gaafatu dha. |
Dursitootni keenya abjuu isaanii raawwachiisuuf carraaqqii gochaa turan |
keessa humnatti waan fayyadamaniif, abjuu isaanii raawwachiisuun haa |
afuutii wanta qabnu illee dhabaa i malli keenya gara booddeetti akka ta'u |
taaneerra. Kanaafuu, dhibaaummaa jijjiirama dura dhaabbatu tooftaan |
bira darbanii yaada jijjiiramaa haaraa fiduun hoj-manee guddaa |
dursitootaati. |
Gama biraatiin, qoostummaan yaadata ijoo ta'an mara gara qoosaatti |
jijjiiruun, yaadotni sun gatii isaan barbaachisu akka hin arganne taasisuu |
dha. Akka hawaasaatti rakkoowwan qabnu keessaa tokko, wantoota nu |
aarsuu, nu gaabbisiisuu fi nu yaaddessuu qaban mara irratti mar'imaan |
nu gubachaa qoosaatti jijjiiruun kolfinee bira darbuu dha. Adeemsa |
keessa hammina rakkoo nurra qaqqabee otoo hin taane, qoosaan |
ebeluun qoose ol-ka'aa rakkoo nu quunname irraa fala otoo hin ta'in |
qoosaa uumaa bira darbina. Namni yaada haaraa kaase tokko yaada isaa |
qoosaa fi olola irraa eeguutu irraa eegama. Kana ta'uu baannaan garuu |
yaadni inni waan gaariif kaase waan qoosaaf ta'ee qisaasa'amee hafa. |
Qoosaan hacuuccaa dandamachuuf kan nama gargaaru dha. |
Uuummatootni cunqursaa jala jiraatan hedduun dhukkubii cunqursaan |
sun irraan gahu kan dandamatanii fi jireenya isaanii kan itti fufsiisan, |
qoosaan of mooksaati. Kanaafuu qoosaan namootni haalaan |
qabsaa'anii cunqursaa akka hin mo'anneef yeroof wanta isaan |
mooksuuf, dhukkuba isaanii fay'isuu irra, yeroof dhukkubbii isaanitti |
dhaga'amurraa afuura galfachuuf isaan tajaajila. Sababa kanaanis |
cunqursaa itti fufsiisuu keessatti gahee qaba. |
Lammileen Itoophiyaa yeroo dheeraaf cunqursaa keessa |
jiraachuusaaniirraa kan ka'e, tooftaa qoosaa dhukkubbii cunqursaan |
isaan irraan gahu ittiin dandamatan horatanii jiru. Dhugaatti, qoosaan |
dhukkubbii cunqursaa irraa afuura galfachuuf qofa otoo hin taane, |
dhugaa gadhaawaa jiru malaa n bitoota dhageessisuufis ni fayyada. Haa |
ta'u malee, yaada qoosaan areeramee dhihaate fudhachuun bittootni |
furmaata itti kennan meeqa keessaa tokko. Walumaa galatti qoosaan |
yommuu dhimma tokkoon tokkoosaa keessa seenuu jalqabuu fi |
daangaa yaada cimaa waliin adda isa baasu darbuu eegalu cunqursaas |
haa ta'u dogoggora kamiyyuu sirreessuf carraa nama dhowwata. |
Yaadata guguddoos ni quucarsa. |
Barmaatiin qoostummaa guddina yaada namaa ajjeesaa jiraate. |
Namootni yaalanii dogoggoruu fi wanta haaraa jalqabuu ni sodaatu. |
Nutti kolfama, kan qoosaa fi kan kolfaa taana, ni qaanofna, biyyi nutti |
mammaaka jedhanii sodaatu. Yaalii tokko akka waan gaariitti fudhatanii |
jajjabeessuu fi gorsuu irra, wanticha irratti qoosuu fi qeequun waan |
filatamuuf dubbachuurra callisuu, hojjechuu irra harka dachaafatanii |
taa'uu, yaaluu irraa of-qusachuu, jalqabuu irra hordofuun akka filatamu |
taasisee jira. |
Gufuu n inni sadaffaa fi ilaalchi jijjiirama qoru kan biraa fakkeessitummaa |
dha. Fakkeessitummaan rakkoo faayidaa yerootiif jecha abjuu |
dursitootaa otoo hin alanfatin liqimsuuti. Fakkeessitootni abjicha otoo |
hin alanfatin waan liqimsaniif dhandhamasaa hin beekani. Wanta itti |
himame hunda tole jedhanii kan fudhatanii fi ajajaa fi ergaa kamiyyuu |
waan hin didneef bittoota biratti jaalatamoo dha. Haa ta'u malee, |
fakkeessitummaan abjuu ofii raawwachiisuuf shoorri inni taphatu gaarii |
miti. Dursitoonni hordofaa abjuusaanii sirriitti hubatee, abjuu hubate |
sana raawwachiisuuf tattaaffatu, yommuu rakkoon jirus rakkoo sana |
dubbachuu fi dursitoota faana mari'achuuf mormuuf gara duubaatti hin |
jennetu barbaachisaan. Biyya keenyatti ilaalchi fakkeessitummaa sababa |
yeroo dhihootii asitti dabalaa dhufeef deegarsaa fi mormii uummataa |
addaan baafachuuf haga rakkisuutti qaqqabee ture. |
Siyaasa keessattis haa ta'uu, tajaajila uummataa keessatti |
fakkeessitummaan dhibee keenya isa cimaa dha. Fakkeessitummaan |
uummata biratti yoo hundee jabeeffate, uummataa fi dursaa gidduu |
wal-jijjiiruun yaadaa hin jiraatu, yoo jiraates fayya qabeessa hin ta'u. |
Kana jechuunis, siyaasa biyya tokkoo keessatti daandii mootummaan |
fedhii uummataa itti beekuu danda'u hin jiru jechuu dha. Haaluma |
kanaanis, haalli mootummaan otoo yaada uummataa hin bitin abjuu |
isaa gurguruuf itti yaalutu uumama; Kunimmoo rakkoo siyaasaa uuma. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.