text stringlengths 0 196k |
|---|
Mootummaan fedhii uummataa kan beekuu danda'u yoo wal-jijjiirraan |
yaadaa sababa irratti hundaa'e dursaa fi dursamaa gidduu gaggeeffame |
dha. Deegarsas haa ta'u mormii jiru qorachuun jijjiirama fiduun kan |
danda'amu fakkeessitummaan yoo hafe dha. |
Hojii tajaajila uummataa irrattis, dursitoonni hojjettoota |
fakkeessitootaan waan marfamanii fi dhibaa'otarraa fagaachuuf |
yommuu yaalan fakkeessitootaa faana shubbisuu eegalu; |
fakkeessitootnis milkaa'ina dhaabbilee fi faayidaa uummataaf dhama'uu |
irra, ooggantoota isaanii gammachiisuun bu'aa argachuuf carraaqu. |
Dhaabbilee keessattis, uummataaf dhaabbachuu fi mul'ata dhaabichaa |
dhugoomsuuf tumsa taasisuu irra oogganaa gammachiisuuf amala jala |
fiiguutu hidda jabeeffata. |
Dursitootni dhibaa'ota, qoostotaa fi fakkeessitoota gara namoota |
sababatti amananitti yoo jijjiiruu danda'an qofa dursummaan kan turuu |
danda'an. Kun ta'uu baannaan garuu dursummaa isaanii dhiisanii |
bittummaatti jijjiiramanii jiru jechuu dha. Kana jechuun garuu |
dhibaa'ummaa fi fakkeessitummaan rakkoo uummataa yookiin rakkoo |
durfamichaa qofa otoo hin taane dursitoota birattis rakkoo mul'atu dha. |
Dursitootni yaadaa fi mormii uummata isaanii yookiin qaama dursan |
biraa isaani irratti dhihaatu akka barbaachisummaa isaatti kan fudhatan |
ta'uu baannaan, isaanumti mataan isaanii dhibaa'oo ta'u jechuu dha. |
Kunis, dursichi abjuu waloo otoo hin taane abjuu mataa isaa qofa |
qabatee waan imaluuf, dursichi gara bitaatti jijjiirama jechuu dha. Gama |
biraatiin immoo, yaada uummataa otoo hin alanfatin akka jirutti liqimsu |
taanaan amala uummatummaa qabu jechaa dha. |
Uumatummaan fakkeessitummaa dursitootaati. Dursitootni deeggarsa |
uummataa miira irratti hundaa'e argachuuf jecha daandii buddeen |
abjuu ittiin tolchani dha. Karaa duraa duubaa sababa irratti hundaa'een |
akka hin milkoofnee fi akka sirrii hin taane otoo beekanii deeggarsa |
uummataa miira irratti hundaa'e argachuufjecha wanta hin taane ni ta'a |
jedhu. Kaayyoo yeroo dheeraa irra, qabxiiwwan yeroo gabaabaa filatu. |
Dursitootni dhibaa'ummaa fi fakkeessitummaa jijjiiramaa ogummaan |
yaalaa, uummata mul'ata biyyaalessaa waliiniif akka dhaabbatan |
gochuun hoji manee isaanii isa angafa. Biyya keenyatti qormaatni |
dursummaa quunnamu kana dha. |
Hanqinni sababootaan waa fudhachuu keenya dadhabaa ta'uun isaa |
lubbuu akka horatan kan taasiseen, rakkooleen dhibaa'ummaa, |
qoostummaa fi fakkeessitummaan, barmaatiin wantoota sababa irratti |
hundaa'anii madaaluu keenya gaafa gabbachaa dhufu akka haqaman ifa |
dha. Barmaatiin sababa irratti bu'uureffachuu yommuu gabbachaa |
dhufu, qaroominni hawaasummaa fi siyaasaa marii'atanii walii galuu ni |
jiraata. |
Gufuuwwan Gochaa |
Sararootni diddiimoo ida'amtummaa gufuuwwan raawwii yookiin |
gochaa falaasama ida'amuuti. Ida'amuun walumaagalatti falaasama |
madaallii haa ta'u malee, gufuuwwan raawwii isaa yoo xiqqate |
guutamuu qabu. Kana jechuunis, gochaawwan anniisaa imalichaa |
laaffisanii fi sakaalan, gochawwan onnee imaltootaa laamshessanii fi ana |
hin ga'uu babal'isan, faayidaa dhuunfaa fi namoota muraasaaf jecha |
jiraachuu uummata bal'aa fi biyyaa balaarra buusan, barmaatilee fi |
balleessaawwan, hatattamaa fi haala irra hin deebi'amneen tarkaanfii |
irratti fudhachuu yaada keessa kan galche dha. Irra caalaa hamilee |
laamsha'aa fi amala hamilee laamsha'aa sana ittiin ibsurraa ka'uudhaan |
saamichoota taasifamanii fi hanna gurmuun raawwatamu obsuu hin |
danda'u. Ida'amuun falaasama waa lama jibbu dha. Namni wantoota |
jibbaman lameen kana keessatti dhidhimee jiru yoo jiraate, dirqama |
wantoota lameen kanarraa of-qulqulleessuu qaba, kunis safuu dhabuu |
fi dhiilbummaa dha. |
Safu-dhabdummaa |
Safu-dhabdummaan dhibee biyya keenya gooboo taasise, rakkoon |
ishee waadee fi rakkoo keessaa akka hin baane gunnuuffachiisee qabe |
dha. Yaaliin badhaadhinaafis haa ta'u dimookiraasiif goonu taakkuu |
tokko otoo hin deemin mucucaachisee kan duubatti nu deebisu safu |
dhabdummaa waan qabnuufi dha. Ofittummaan, lubbuu namootaaf |
yaaduu dhiisuun, hanni, faayidaa biyyaa mariif dhiheessuu fi rakkooleen |
kana fakkaatan hundi kan dhufan safu-dhabdummaan waan |
babal'ateefi dha. |
Biyya keenyatti ilaalchi yakka irratti qabnu dogoggora dha. Yeroo |
baay'ee yakka raawwachuun gocha kutaa hawaasaa harka qalleeyyiin |
raawwatamu taasifamee fudhatama. Uummatnis yakki inni akka safuutti |
lakkaa'uu fi kallattiin balaaleffatu, yakka hiyyeessi raawwatamu dha. |
Fakkeenyaaf, hanni hiyyeessaan qofa yakka raawwatamu taasifamee |
waan amanamuuf, hawaasni duudhaa to'annaa isaatiin kan abaaruu fi |
kan jibbu yakka hannaa humnaan, gabaa keessatti, taaksii irrattii fi |
bakkeewwan wal-fakkatan birootti raawwataman qofa dha. Maqaa |
hattuutiin kan waamus, yakka raawwattoota hiyyeessota kana qofa dha. |
Haa ta'u malee kootii fi karabaataa isaanii sirreeffatanii hattotni |
sadarkaa giddu-galeessaa fi ol-aanaan biiroo oolan, hawaasaa fi biyya |
waliigalaan rakkoo hamaaf saaxila. Isaan kana garuu, "kan gaafa |
muudame hin nyaanne, gaafa bu'u gaabba" mammaaksa jedhuun |
jajjabeessaan. Hattotni abbaa karabaataa fi fayamoo kun badii isaan |
biyya irraan gahan yakka hattotni hiyyeessotni raawwatan caalaa |
guddinni biyyaa akka gufatuu fi hamileen uummataa akka tortoru |
gochuun badii hagana hin jedhamne biyya irraan geessisu. |
Biyya keenyatti yakkaa abbaa karabaataa yookiin karabaataa uffate |
duudhaalee aadaa garaa garaan deeggaraa fi jajjabeessaa turuu |
keenyaa irraa kan ka'e yeroo saamichi gamtaan raawwatamu babal'atee |
fi dagaage keessatti argamna. Hanni, ajjeechaanii fi yakkooni biroo |
yommuu namoota karabaataa uffataniin raawwatamu duudhaawwan |
hawaasummaa ittiin balaaleffanu hin uumamne. Ilaalcha kabeelaa |
"muudamaanjalaa bade malee hate hin jedhamu" jedhuun biyya keenya |
keessatti karabaataa hidhatanii haga raawwataniitti hanni gocha nama |
hin saalfachiifne haga ta'uu qaqqabeera. Ajjeechaa, ukkaamsuu, reebichi |
fi yakkawwan biroo namicha faayamaa adii uffate sanaan raawwataman |
iyyuu yakkoota hawaasni haga ammaatti maqaa hin moggaasneefi dha. |
Waggoottan kuman darbaniif hanna gurmaa'inaan raawwatamu irratti |
qabsaa'uuf carraaqiin cimaa godhamu iyyuu, carraaqqichi bu'a |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.