text
stringlengths
0
196k
Mootummaan fedhii uummataa kan beekuu danda'u yoo wal-jijjiirraan
yaadaa sababa irratti hundaa'e dursaa fi dursamaa gidduu gaggeeffame
dha. Deegarsas haa ta'u mormii jiru qorachuun jijjiirama fiduun kan
danda'amu fakkeessitummaan yoo hafe dha.
Hojii tajaajila uummataa irrattis, dursitoonni hojjettoota
fakkeessitootaan waan marfamanii fi dhibaa'otarraa fagaachuuf
yommuu yaalan fakkeessitootaa faana shubbisuu eegalu;
fakkeessitootnis milkaa'ina dhaabbilee fi faayidaa uummataaf dhama'uu
irra, ooggantoota isaanii gammachiisuun bu'aa argachuuf carraaqu.
Dhaabbilee keessattis, uummataaf dhaabbachuu fi mul'ata dhaabichaa
dhugoomsuuf tumsa taasisuu irra oogganaa gammachiisuuf amala jala
fiiguutu hidda jabeeffata.
Dursitootni dhibaa'ota, qoostotaa fi fakkeessitoota gara namoota
sababatti amananitti yoo jijjiiruu danda'an qofa dursummaan kan turuu
danda'an. Kun ta'uu baannaan garuu dursummaa isaanii dhiisanii
bittummaatti jijjiiramanii jiru jechuu dha. Kana jechuun garuu
dhibaa'ummaa fi fakkeessitummaan rakkoo uummataa yookiin rakkoo
durfamichaa qofa otoo hin taane dursitoota birattis rakkoo mul'atu dha.
Dursitootni yaadaa fi mormii uummata isaanii yookiin qaama dursan
biraa isaani irratti dhihaatu akka barbaachisummaa isaatti kan fudhatan
ta'uu baannaan, isaanumti mataan isaanii dhibaa'oo ta'u jechuu dha.
Kunis, dursichi abjuu waloo otoo hin taane abjuu mataa isaa qofa
qabatee waan imaluuf, dursichi gara bitaatti jijjiirama jechuu dha. Gama
biraatiin immoo, yaada uummataa otoo hin alanfatin akka jirutti liqimsu
taanaan amala uummatummaa qabu jechaa dha.
Uumatummaan fakkeessitummaa dursitootaati. Dursitootni deeggarsa
uummataa miira irratti hundaa'e argachuuf jecha daandii buddeen
abjuu ittiin tolchani dha. Karaa duraa duubaa sababa irratti hundaa'een
akka hin milkoofnee fi akka sirrii hin taane otoo beekanii deeggarsa
uummataa miira irratti hundaa'e argachuufjecha wanta hin taane ni ta'a
jedhu. Kaayyoo yeroo dheeraa irra, qabxiiwwan yeroo gabaabaa filatu.
Dursitootni dhibaa'ummaa fi fakkeessitummaa jijjiiramaa ogummaan
yaalaa, uummata mul'ata biyyaalessaa waliiniif akka dhaabbatan
gochuun hoji manee isaanii isa angafa. Biyya keenyatti qormaatni
dursummaa quunnamu kana dha.
Hanqinni sababootaan waa fudhachuu keenya dadhabaa ta'uun isaa
lubbuu akka horatan kan taasiseen, rakkooleen dhibaa'ummaa,
qoostummaa fi fakkeessitummaan, barmaatiin wantoota sababa irratti
hundaa'anii madaaluu keenya gaafa gabbachaa dhufu akka haqaman ifa
dha. Barmaatiin sababa irratti bu'uureffachuu yommuu gabbachaa
dhufu, qaroominni hawaasummaa fi siyaasaa marii'atanii walii galuu ni
jiraata.
Gufuuwwan Gochaa
Sararootni diddiimoo ida'amtummaa gufuuwwan raawwii yookiin
gochaa falaasama ida'amuuti. Ida'amuun walumaagalatti falaasama
madaallii haa ta'u malee, gufuuwwan raawwii isaa yoo xiqqate
guutamuu qabu. Kana jechuunis, gochaawwan anniisaa imalichaa
laaffisanii fi sakaalan, gochawwan onnee imaltootaa laamshessanii fi ana
hin ga'uu babal'isan, faayidaa dhuunfaa fi namoota muraasaaf jecha
jiraachuu uummata bal'aa fi biyyaa balaarra buusan, barmaatilee fi
balleessaawwan, hatattamaa fi haala irra hin deebi'amneen tarkaanfii
irratti fudhachuu yaada keessa kan galche dha. Irra caalaa hamilee
laamsha'aa fi amala hamilee laamsha'aa sana ittiin ibsurraa ka'uudhaan
saamichoota taasifamanii fi hanna gurmuun raawwatamu obsuu hin
danda'u. Ida'amuun falaasama waa lama jibbu dha. Namni wantoota
jibbaman lameen kana keessatti dhidhimee jiru yoo jiraate, dirqama
wantoota lameen kanarraa of-qulqulleessuu qaba, kunis safuu dhabuu
fi dhiilbummaa dha.
Safu-dhabdummaa
Safu-dhabdummaan dhibee biyya keenya gooboo taasise, rakkoon
ishee waadee fi rakkoo keessaa akka hin baane gunnuuffachiisee qabe
dha. Yaaliin badhaadhinaafis haa ta'u dimookiraasiif goonu taakkuu
tokko otoo hin deemin mucucaachisee kan duubatti nu deebisu safu
dhabdummaa waan qabnuufi dha. Ofittummaan, lubbuu namootaaf
yaaduu dhiisuun, hanni, faayidaa biyyaa mariif dhiheessuu fi rakkooleen
kana fakkaatan hundi kan dhufan safu-dhabdummaan waan
babal'ateefi dha.
Biyya keenyatti ilaalchi yakka irratti qabnu dogoggora dha. Yeroo
baay'ee yakka raawwachuun gocha kutaa hawaasaa harka qalleeyyiin
raawwatamu taasifamee fudhatama. Uummatnis yakki inni akka safuutti
lakkaa'uu fi kallattiin balaaleffatu, yakka hiyyeessi raawwatamu dha.
Fakkeenyaaf, hanni hiyyeessaan qofa yakka raawwatamu taasifamee
waan amanamuuf, hawaasni duudhaa to'annaa isaatiin kan abaaruu fi
kan jibbu yakka hannaa humnaan, gabaa keessatti, taaksii irrattii fi
bakkeewwan wal-fakkatan birootti raawwataman qofa dha. Maqaa
hattuutiin kan waamus, yakka raawwattoota hiyyeessota kana qofa dha.
Haa ta'u malee kootii fi karabaataa isaanii sirreeffatanii hattotni
sadarkaa giddu-galeessaa fi ol-aanaan biiroo oolan, hawaasaa fi biyya
waliigalaan rakkoo hamaaf saaxila. Isaan kana garuu, "kan gaafa
muudame hin nyaanne, gaafa bu'u gaabba" mammaaksa jedhuun
jajjabeessaan. Hattotni abbaa karabaataa fi fayamoo kun badii isaan
biyya irraan gahan yakka hattotni hiyyeessotni raawwatan caalaa
guddinni biyyaa akka gufatuu fi hamileen uummataa akka tortoru
gochuun badii hagana hin jedhamne biyya irraan geessisu.
Biyya keenyatti yakkaa abbaa karabaataa yookiin karabaataa uffate
duudhaalee aadaa garaa garaan deeggaraa fi jajjabeessaa turuu
keenyaa irraa kan ka'e yeroo saamichi gamtaan raawwatamu babal'atee
fi dagaage keessatti argamna. Hanni, ajjeechaanii fi yakkooni biroo
yommuu namoota karabaataa uffataniin raawwatamu duudhaawwan
hawaasummaa ittiin balaaleffanu hin uumamne. Ilaalcha kabeelaa
"muudamaanjalaa bade malee hate hin jedhamu" jedhuun biyya keenya
keessatti karabaataa hidhatanii haga raawwataniitti hanni gocha nama
hin saalfachiifne haga ta'uu qaqqabeera. Ajjeechaa, ukkaamsuu, reebichi
fi yakkawwan biroo namicha faayamaa adii uffate sanaan raawwataman
iyyuu yakkoota hawaasni haga ammaatti maqaa hin moggaasneefi dha.
Waggoottan kuman darbaniif hanna gurmaa'inaan raawwatamu irratti
qabsaa'uuf carraaqiin cimaa godhamu iyyuu, carraaqqichi bu'a