text stringlengths 0 196k |
|---|
qabeessa hin turre. Ittuu jabaataa deemuun qormaata biyyittii isa |
guddaa ta'uu danda'eera. Gaaffiiwwan haqaa hawaasummaas kana |
waliin baay'ee kan wal qabate dha. Biyya keenyatti gama haqa |
hawaasummaan keessumaayyuu sabaaf sablammoota gidduutti itti |
fayyadamummaa diinagdee wal-qixa ta'e ilaalchisuun gaaffiiwwan |
uumanni kaasu hojimaata kira sassabdummaa fi firaan wal-fayyaduu |
irraa haqa qabeessummaan dhabamuu isaarraa dallansuuwwan |
dhalatani dha. |
Biyya mootummaan dadhabaajirutti, hanni gurmaa'inaan raawwatamuu |
fi saamichi humna cimaa shanaffaa yookiin morkataa mootummaa |
ta'uun hidda jabeeffata. Kun akka uumamuufis dhaabbileen sab |
quunnamtii yookiin miidiyaa damee mootummaa afuraffaa jedhaman |
rafuun isaanii fi ulullee sagalee hin qabne ta'uun isaanii ka'umsaa fi |
mallattoo mootummaa dadhabaati jechuun ni danda'ama. |
Seerotni, heeronnii fi imaammatootni biyya tokkoos, hanna babal'isuufis |
haa ta'u dhaabuuf gahee ol-aanaa qabu. Seerrii, heerrii fi imaammatni |
kan tumsa taasisuuf yoo ta'e, lammileen yommuu hattootaa fi |
saamtotaan miidhaan irra ga'u, abbaa isaan miidhe sana falmachuuf, |
hattoota dura dhaabachuuf ni ka'u; mormaniis ni mo'atu. |
Warri kaanis isaan ilaaluun gara fuulleetti dhufu. Hattoonnis sodaachuu |
Jalqabu. Humni badii kun akka latuu fi booda irras akka babal'atuuf kan |
isa gargaaru inni guddaan ilaalcha dhuunfaa keenyaa fi aadaa waloo |
keenya. Hatanii guddachuu aadaa hin baalaaleffane keessatti, saamanii |
duroomuu hawaasa hin jibbine keessatti, hannaa fi saamicha irratti |
qabsaa'uun rakkisaa dha. Namni gaala hatee gugguufee deemuurra, |
gaala hate sana yaabbatee dibbee rukuchiifatee sirbaa deemuu aadaa fi |
biyya dandeessisuu uumnee jirra. "Kan yeroo muudame hin nyaanne, |
yeroo bu'u gaaba" mammaaksi balaafamaan jedhu hunda keenya kan |
hoochisu ta'eera. Muudamaan angoo isaatti fayyadamuun hanna |
raawwate, akka nama adamoo deemee milkii gaariin deebi'etti fardaan |
qarmaamuuf homtuu isa hin hafne. |
Aadaa sodaachisaa hattuun ija mukee, kiisii yookiin giphii keenyaa fi |
laphee keenya itti gogsu keessa jiraachuu erga jalqabnee turre. Haannaa |
fi saamicha gurmaa'inaan raawwatamu ilaalchisuun aadaa, qooqnii fi |
illalchi keenya jijjiiramuu qaba. Kun ta'uu baannaan guddinni keenya |
akka quucareetti, haqi keenya akka fashalaa' etti, diinagdeen keenya |
akka dadhQbetti jiraachuun keenya itti fufa. Biyya hannii fi saamichi |
gurmaa'inaa keessatti babal'ate keessatti, furtuu guddinaa kan ta'e |
dorgommiin haqa irratti hundaa'e ni dadhaba, warri kaanis humnii fi |
carraan dorgomanii mo'uun isaanii haphatee bada. |
Hannaa fi saamicha gurmaa'inaan raawwatamu yommuu jedhamu |
saamicha kallattiin maallaqa irratti taasifamuun ala bifoota garaa garaa |
qaba. Yakkamaa gad-dhiisanii nama qulqulluu hidhuun hanni haqa |
irratti raawwatamu jira. Karaa seeraan alaan namootni akka muudaman, |
akka fayydaman, akka guddina argatan, akka buufatan taasisuun |
dhugaa fi amantaa saamuun jira. Hanni gurmaa'inaan raawwatamu |
gaafa babal'atu, inni hojjetu hiyyoomee inni taa'u sooroma. Barataa |
dadhabaar- darbee, barataa inni cimaa kufa; addunyaa seeraa keessatti |
immoo Yakka kan hojjete hiikamee, qulqulluun hidhama. Gabaa |
keessatti mi'i barbaachisaa gatii gad-aanaan dhiibamee akka |
gurguramu taasifamee, inni qulqullina hin qabne gatii ol-ka'aan akka |
gurguramu taasifama. |
Hannii fi saamichi gurmaa'inaan raawwatamu qabeenya keenya |
barbadeessuu irra darbee, maqaa nu balleessa. Kabaja keenya |
xinneessa, Babal'achuun sirna kanaa lammileen amantaa isaan |
mootummaa irratti qaban akka gadi bu'aa ta'u taasisa. Namootaaf |
namoota gidduu, dhaabaa fi dhaaba gidduu, hawaasaa fi hawaasa giddu |
wal-amantummaa jiru ni balleessa. Hunda caalaa, lammilleen |
qophummaaf saaxilamu. |
Hariiroo hawaasichaa fi haala jireenya isaa irratti amantaa waan dhabanii |
fi raafamllun madaallii diinagdee baay'ee waan dabaluuf abdii kutatu. |
Fedhii isaan hojjetanii jijjiiramuuf qaban ni laamsha'a. Qophummaa fi |
raafamni madaallii diinagdee amala uumamaa guddina diinagdee waliin |
wal-qabatanii dhufan ta'uun isaanii kan eegame ta'ee, sirni saamicha |
qurmaa'aa irratti bu'uureffate garuu miirri qophummaa akka dabalu |
taasisuun miira abbaa biyyummaa lammilee ajjeesuun biyya rakkoo |
quddaaf saaxila. |
Ka'umsi sirna farra dhugaa fi guddinaa ta'e kanaa hedduu waan ta'aniif, |
humna inni qabu laaffisuun diiguun furtuu hiyyummaa mo'achuu akka |
ta'e hubachuun barbaachisaa dha. Sadarkaa barumsaa fi beekumsa |
hawaasaa guddisuunis murteessaa dha. Hawaasni barate hawaasa hin |
baranne caala balaa hanni irraan ga'u sirriitti beeka. Hattota irratti ni |
qabsaa'a. Dhaabbilee mootummaa fi hawaasummaa jabeessuu jechuun |
dallaa amansiisaan qe'ee ofii eeggachuu jechuu dha. Iftoominaa fi itti |
gaafatamummaa mirkaneessuun akka seeraa fi poolisiitti hanna ittisa. |
Lameenuu kan biqilan garuu dachee safuu irratti yoo facaasamani dha. |
Wal-dhaansoo hannaa fi saamicha gurmaa'inaan raawwatamu faana |
taasisamu keessatti mootummaa fi namootni siyaasaa gahee ol-aanaa |
fudhachuun kan irraa eegamu haa ta'u yyuu malee, seektarri dhuunfaas |
qahee guddaa qabaachuu qaba. Abbootiin qabeenyaa aangawaa |
mootummaa hannaan himachuu cinaatti ciimmaa ijasaanii keessa jiru |
ilaaluuf yaaluun dirqama isaanii ta'a. |
Waldaawwan siviilii, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, namootni |
beekamoon farra guddinaa wanta ta'e kana waraanuuf jabinaan |
hojjechuu fi bu'aa hojii isaanii kanas uummatatti agarsiisuun isaani irraa |
eegama. Addunyaa biraatti akka barametti, dhaabbileen miidiyaa of |
Jabeessanii argamuun, saamicha ol-aanaa saaxiluun, sochii jabaa |
qochuun humna falmataa mootummaan morkatu ta'uu isaanii |
agarsiisuu qabu. Safu-dhabdummaa irraa gara safu-qabeessaatti of |
jijjiiruu qabu. |
Dhibeen safu-dhabdummaa kun adeemsa ijaarsa aadaa dimookiraaasii |
fi guddina biyyaa keessatti dhiibbaa hamaa kan qabuu fi akka kaansarii |
cimaatti kan lakkaa'amu waan ta'eef, jala isaatii buqqisanii balleessuuf |
ka'uun ejjannoo addaa falaasama ida'amuu godhamee fudhatamuu |
qaba. Kun dhugoomuu kan danda'u, uumamaan kan badhaafamne |
murtii haqaa, murtee madaalawaa aadaa fi duudhaa keenya waliin wal |
simate, gara laafummaa fi bilisummaa jaalachuu keenya barumsaa fi |
gochaan gabbisuu fi qaruun gadi-deebitummaa fi murtee jallisuu irraa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.