text stringlengths 0 196k |
|---|
yoo of-eegne qofa dha. |
Hawaasni qulqullummaa fi bilisummaa garaa akka ejjannoo guddaatti |
yoo qabachuu baate, wanta kam iyyuu bu'a qabeessa taasisuun rakkisaa |
dha. Hawaasni guddinaa fi qaroomina galmeessisiisan seera isaanii, |
tooftaa jireenya isaanii fi daandii bulchiinsa isaanii kan hordofaniif ol |
aantummaa safu-qabeessummaaf qaban irratti hundaa'uudhaani. Kun |
ta'uu isaatiinis lammilee si'aawoo "ana maaltu na dhibe" jechuun waa |
bira hin darbine bakka hundatti argachuun ni danda'ama. |
Dhiilba'ummaa |
"Dhiilba'e" jechi jedhu hammeenya, jal'ina, xiyyeeffannaa dhowwachuu, |
diduu, beekaa rafuu, nuffuu kan ibsu dha. Dhiilba'ummaa yommuu |
jennus hamtummaa, jal'ummaa, nuffuu jechuu dha. Dhiilba'ummaan |
jecha dhibee amala keessoo amaloota ibsaman akkasii walitti qabee kan |
ibsu dha. |
Falaasama ida'amuu keessatti safu-dhabdummaatti aansuun amalli |
baduu qabuu fi akka sarara diimaatti ilaalamu dhiilba'ummaa dha. |
Mammaaksaanuu "mutaan yoo dhiilba'e dhadhaa hin waraanu" |
jedhama. Dhiilba'ummaan barmaatii badaa wanta karoorfanne hunda |
dadhabsiisu, wixineewwan keenya hunda fashaleessu, galma ga'uuf |
yaadne hunda dukkaneessu, fi kan fuul-duratti yaadne booddetti kan |
harkisu dha. Namni dhiilba'aan mul'ata barbaadee argachuus haa ta'u |
baachuuf humna isa dandeessisiisu hin qabu. Biyyi keenya dhiilba'oota |
baattee kan tirattu otoo hin taane ciccimoota qabattee kan guluftu ta'uu |
qabdi. |
Bifa kamiin iyyuu eelaa badii kana baannee gara ida'amuutti imaluu hin |
dandeenyu. Baduun ifaa dukkana ol-aantummaa akkuma goonfachiisu |
hunda dhiilba'ummaan hojii, bu'aa hojii fi bu'aan sun walumaagalatti |
faayidaa inni argamsiisu ilaaluu dadhabuu dha. Wanta hunda ofiif, of |
bira qabanii madaaluun "anaan maltu na dhibe, anaan na hin ilaallatu, |
maaltu na dhamaase, abbaan fedhe kan nyaatuuf, maaltu na jarjarse" |
jechuun waan gaarii hojjechuu irraa of ittisuu dha. |
Dhaabni siyaasaa yookan daldalaa kamiyyuu haa ta'u milkaa'inaaf |
wantoota bu'uura ta'an sadii isa barbaachisa. Isaanis, humna namaa, |
hojimaataa fi ijaarsa, akkasumas hojii sana hojjechuuf meeshaalee |
barbaachisani dha. Hunda caalammoo, hojicha saffisaa fi qulqullinaan |
hojjechuuf barbaachisummaan humna namaa ga'aa, beekumsa, |
dandeettii, ilaalchaa fi ogummaa kan mariif dhihaatu miti. |
Gamaaggamni aadaa hojii biyya keenyaa akka mul'isutti amalli |
dhiilbaa'ummaa hojjettoota qofa irratti otoo hin taane hooggantoota |
birattis hidda jabeeffachaa erga dhufee bubuleera. Wanta kamiifiyyuu |
na'uu dhiisuu, gaaffii uummataaf gurra kennuu dhabuu, rakkoo faana |
walitti madaqanii muguun faara hawaasummaa erga ta'ee tureera. |
Piroojektiin tokko baasii karoorfameef caalaa harka kudhan baasisee, |
yeroo xumuramuuf karoorfameef irraa harka sadii booddeetti hafee |
otoo hin xumuramin yommuu hafu, itti gaafatamaan piroojektii sanaa |
mura yakkaan gaabbuurra ofitti amantummaa ol-aanaan |
gaazexeessitoota fuul-duratti dhihaachuun sadarkaa kana irraan gahuuf |
hojii kutannoon guutame meeqa akka hojjete lallaba. Karoora waggaa |
karoorfate keessaa dhibbantaa shan qofa angawaan raawwate |
sababoota akka "darsa haadha kootiitu na gufachiise" jedhanii yommuu |
tarreessu hin saalfatu. Dur durii "gowwaan yoo saalfachuu baate, firri |
gowwaa ni saalfata" jedhama ture. Har'a garuu qabeenya uummataa |
kan balleessee fi kan dhadhangalaase, itti gaafatamummaa kennameef |
sana kan hin baane, qabeenyaa fi yeroo uummataatti kan qoose, akka |
waan nama boonsuutti fudhatamaa jira. Itti gaafatammumma |
dhiilbaa'ummaan ba'uu dadhabe, safu-dhabdummaan yommuu ittiin |
lallabu kan saalfatu hin jiru. |
Aadaan kun tarkaanfiiwwan firi-qabeessa darbee darbee mul'achaa |
turan danquun akka uummataa fi akka biyyaatti badii inni geessise akka |
salphaatti bira darbuun kan danda'amu miti. Aadaan hojii bu'aa hin |
qabnee fi haamileen laamsha'aan akka biyyaatti barmaatii hamaa |
qileetti nu darbata. |
Dhiilba'ummaa fi lafa irra harkifattummaan hundee hamaa dha. |
Hojimaata firi-dhabeessaa fi borcamaa sababa dhiilba'umaa fi lafa irra |
harkifattummaan uumamu jalqabumma irraa kaasnee sarara diimaa |
sararuun ittisuu qabna. Aadaan fokkataa dhaabbilee fi biyya miidhu kun |
sarara diimaa sirriitti mul'atu fi bakka eeyyama darbuu itti dhowwatamu |
ifaan kaa'uufiin dhimma yeroon gaafatu dha. Sababni isaas |
dhiilba'ummaa irrattii fi dhiilba'ummaa waliin wanti sorooroo fi firi |
qabeessa ta'e kam iyyuu yoo walitti ida'ame oolee bulee faalamuun isaa |
waan hin oolleefi dha. |
Namootni bakka hojii itti gaafatamummaa ol-aanaa fi dandeettii malee |
hojjetamuu hin dandeenye dabalatee sadarkaawwan garaa garaa |
mootummaan uummata tajaajiluuf bane irra otoo odeffannoo fi |
beekumsa ga'aa hin hidhatin, yeroo fi abbaa dhimmaa otoo akka xurii |
qeensa isaaniitti hin ilaalin, akka nama naamusaan hojjeteetti bara |
waggaa waggaan guddina sadarkaa itti argatan irratti aduun dhihuu |
qabdi. Ida'amuun jabaatanii hojjechuun, beekumsaa fi dandeettiin |
fooyyessuun, bu'aa fi caalummaan madaalamuu gaafata. Dhaabbilee |
mootummaas haa ta'an dhaabbileen siyaasaa gumbii namoota filannoo |
dhabanii fi ga'umsa hin qabnee itti kuusan ta'uun isaanii ga'uu qaba. |
Namootni tajaajilaa hawaasaa ta'an amalasaaniin amanamoo, hamileen |
kan ijaaraman, dandeettii fi beekumsa isaaniitiinimmoo dorgomanii kan |
caalmaa mul'isan ta'uu isaanii qofaan hojii irra turuu qabu. Aduun lafa |
irra harkifattummaa fi dhiilba'ummaa, bu'aa malee oduu fi wal-beekuun |
taa'umsa hoo'isaa sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti |
guddinaan ol-siquu sun lammata akka deebitee hin baanetti dhihuu |
qabdi. |
Guddinni beekumsa ga'aa fi jabina ga'aan alatti waan dhufu miti. Biyyi |
namoota dadhaboo fi dandeettii hin qabneen hoogganamtee hin |
jijjiiramtu, hin guddattus. Biyyii fi uummatni piroojektoota hin |
xumuramneen wal-qabatee qabeenya biliyoonotatti lakkaa'amu akka |
dhaban sababoota taasisan keessaa tokko maddi isaa kana. Kan |
uummataan filatamanis haata'an, raawwachiiftota, muudamtootaa fi |
oqeessotni eenyu iyyuu caalaa hamilee fi dandeettii fakkeenya ta'uu |
danda'u qabaachuutu irraa eegama. Kaleessa har'a irratti kan dabalan |
otoo hin taane, har'a haaraa fi fooyya'aa uumuuf kan dhama'an ta'uu |
qabu. |
Tajaajiltootni uummataa boru ija har'aan kan ilaalan otoo hin taane har'a |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.