text stringlengths 0 196k |
|---|
hawwachuun hin danda'amu; hogganamtoota ofitti hawwachuu hin |
dandeenye taanaan immoo hojiiwwan galma yaadametti nama geessu |
hojjachuun hin danda'amu. Mul'anni akka badhaasaati; badhaasa |
dursee dhiyaate. Kaka'umsi keessaa dlhufu kan jiraatu mul'anni yoo |
jiraate dha. Faayidaawwan adda adidaa alaa dhufurra kaka'umsi |
hogganamaa fulla'aa fi bu'a-qabeessa kan mul'ata ta'u bakkalcha barii |
jedhamu akka daaw'atu yoo goone dha. |
Onnachiiftuun mul'ata fakkaatu hiin jiru. Onnachiiftuun alaa |
dhibaa'ummaa fi mufachuu hir'isa malee kaka'umsa dabaluu irratti |
murtaawaadha. Onnachiiftuun keessaa (mul'anni) garuu namoota fuul |
duratti furuursa, ni jabeessa. Kanaafuu hogganamoota jajjabeessuu yoo |
barbaanne mul'ata keenya akka qooddatan gochuu qabna. Karaa |
biraatiin garuu, hogganamtoonni akka hin mufannee fi hin dhiboofne |
gochuuf onnachiiftuun alaa filatamaa dha. Biyya keenyatti garuu |
onnachiiftuu alaa irratti baay'ifnee waan daangofnuuf hogganamtoonni |
dhimma biyya isaanii irratti baay'ee hin tattaafannee fi faayidaa qofa |
hari'aa oolan lammiilee adoodaa taasisaniiru. |
Haala kana kan jijjiiru namoota mul'ata qaban, mul'ata isaanii |
hogganamtoota isaanii fudhachiisuun humna mul'ata isaaniitiin |
hogganamtoota ofitti kan hawwatan uumuu yoo dandeenyedha. |
Manneen barnootaa lammiilee biyyattii dandeettii hoggansaatiin kan |
bocan ta'uu qabu. Hayyuu daree wayita jedhamu daa'imman |
harcummee yaadatan waa'ee hoggansaa dandeettii fi yaada sirrii |
qabatanii hin guddatan. Sadarkaa maatittis uummanni hogganaan |
ga'umsa qabu akka uumamu hojiiwwan hojjatamuu qabu. Abbaan |
warraa waa'ee dhiyeessii mana isaanii keessaallee haadha manaa fi |
ijoollee isaa hinmariisifne mana isaatiin alatti hogganaa ga'umsa qabu |
ta'uu hin danda'u. Akka hawaasaatti dhaabbilee hawaasummaa keenya |
keessatti qor-qalbiin hogganummaa adeemsifnu ajandaa jijjiirama |
aadaa bal'aa hojii yeroo dheeraa gaafatu dha. Rakkoo ariifachiisaa |
amma nurra jiru furuuf immoo gama dirree leenjii hoggansaatiin |
hojiiwwan bal'aan hojjatamuu qabu. |
Ijaarsa Aadaa Siyaasaa: Daandii Amansiisaa fi ltti-fufiinsa Qabu |
Hacuuccaa hundeerraa dhabamsiisuudhaan sirna fedhii fi dantaa uummataa |
bu'uura godhatee fi itti-gaafatamummaa qabu diriirsudhaaf daandiin sirrii fi itti-fufiinsa qabu aadaa |
siyaasaa dimookiraatawaa ijaaruuti. ljaarsi dhaabbilee walabaa mataa |
isaatiin foon qofa malee lubbuu hin qabu. Dhaabbileen kunniin lubbuu |
godhatanii socho'uu kan danda'an aadaa siyaasaa dhaabbilee kanneen |
baachuu danda'an yoo ijaarrame qofa dha. Biyyi keenya akka biyyoota |
dhidhimaa adeemsa qaroomina siyaasaa ammayyaa fi hawaas |
diinagdee yeroo dheeraa keessa kan hin darbineefi seenaan barumsa |
ammayyaa ishee baay'ee gabaabaa waan ta'eef aadaan dhaabbilee |
dimookiraasii haala bu'a-qabeessa ta'een akka hojjatan taasisu hin jiru. |
Dhaabbilee maatii, hawaasummaa, naannoo, fi kkf irratti hojjachuuf |
dursa dimookiraasiin dagaaguu qaba. Barataan tokko hayyu-daree isaa |
daree keessatti haala dimookiraatawaa ta'een osoo hin filatin, afooshaa |
fi wuujoo hawaasummaa keessatti filannoon dimookiraatawaa osoo hin |
jiraatin, dhaabbilee amantaa fi aadaa keessatti aadaan dimookiraatawaa |
osoo hin dagaagiin akka biyyaatti aadaa dimookiraatawaa dagaagsuun |
rakkisaa dha. |
Dhalli namaa caasaa dhaabbilee ofiin diriirse dhiisaatii dandeettii fi |
humna kuufamaa ittiin uumama micciiree jijjiiruu danda'uyyuu ni qaba. |
Aadaan dimookiraasii yoo hin dagaagin, dhaabbilee walabaa ijaaraman |
micciiree adeemsa keessa harka hacuuccotaa galchuu irraa wanti ittisu |
hin jiru. Dhaabbilee dimookiraatawaa ijaaruun amma tokko filannoo |
walabaa fi haqa-qabeessa kan taasisan biyyoonni tokko tokko irra |
deddeebiin jeequmsa keessa kan seenaniif aadaan dimookiraasii isaanii |
hanga eegamu waan hin dagaaginiifi dha. |
Pirojeektiin aadaa dimookiraasii sadarkaa biyyaatti ijaaruu qabsoo |
hadhaawaa kan gaafatuu fi adeemsa wal-xaxaa yeroo dheeraa gaafatu |
dha. Dimookiraasiin aadaa lammummaa barbaada. Aadaa lammummaa |
ijaaruun immoo haala qabatamaa guddina hawaas-diinagdee biyya |
tokkootiin wal-keessa jira. Guddinni diinagdee biyya tokkoo gad-aanaa |
yoo ta'e uummanni dorgommii faayidaa naannoo isaa jiru bira darbee |
siyaasa dorgommii yaadaatiin adeemsifamuuf keessummaa ta'a. |
Hawaasni akkanaa rakkoo yaada jireenyaa bal'aadhaan waan qabamanii |
fi duudhaalee dhugeeffannoo arga-yaadaa waan hin gabbifanneef sirna |
dimookiraasii dorgommii yaadaa irratti bu'uureffaman dhaga'uuf yeroo |
hin qaban. Aadaan lammummaa dhibaa'ummaa siyaasaa keessaa |
ba'anii dhimmoota siyaasaa fi murtoowwan sadarkaa biyyoolessaatti |
jiran kan hordofuu fi murtoowwan irrattis karaa adda addaatiin kan |
hirmaatu dha. Aadaa lammummaa keessatti, mufachuun, of-qabuun, |
maaltu-nadhibeenii fi kkf fudhatama hin qaban. |
Siyaasa hordofuu qofa osoo hin taane siyaasa keessatti qoodaa fi gahee |
kee bahachuu of-keessatti hammata. Lammiileen dhimmoota ganda |
keessaa fi dorgommii faayidaa gosa gidduu jiru keessaa ba'anii |
murtoowwanii fi kallattii siyaasaa dhimmoota biyya fayyadanii kan itti |
cinqaman, aadaa itti-gaafatamummaati. |
Adeemsa aadaa siyaasaa bocuu keessatti aadaan hawaasaa turee fi |
shoorri mootummootaa wal-maddii qabamuun ilaalamuu qabu. Gama |
tokkoon hawaasni dhaabbilee hawaasummaa waliigalaa keessatti, sirni |
maatii qajeelfamoota dimookiraasii irraa kan fagaate yoo ta'e aadaan |
siyaasa biyyattiis dimookiraasii irraa kan fagaate ta'a. Aadaa |
dimookiraasii uummanni hin qabne filannoo fi siyaasaaf jecha har'a |
uumuun hin danda'u. Karaa biraatiin, mootummaan gama miidiyaa fi |
dhaabbilee isaatiin deddeebi'ee wanti uummataaf tamsaasu ergaan |
siyaasaa aadaa siyaasa biyyattii bocuu irratti shoora guddaa taphata. |
ljaarsi aadaa dimookiraasii babal'achuu barnootaa, tamsa'ina |
odeeffannoo, fedhii bu'uuraa hawaas-diinagdee namoonni qaban |
guutuu danda'uu, walumaagalatti sadarkaa guddina misoomaa fi |
qaroominaatiin hidhata guddaa qaba. Gama namoota siyaasaatiin |
guddina hayyummaa fi aadaa, babal'ina dhaabbilee walabaa keessatti |
dammaqinaan hirmaachuu, bilchinaa fi jabina dhaabbilee siyaasaa waliin |
hidhata jabaa qaba. Ijaarsi aadaa dimookiraasii miidiyaadhaan, karaa |
haqaatiin, karaa nageenyaa fi karaa dhaabbilee birootiin ga'umsa |
ogummaa fi pirofeeshinaalizimii irratti kan hundaa'e dha. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.