text
stringlengths
0
196k
keessatti hoggansi furtuu dha kan jedhamuuf. Hariiroo hogganaa fi
hogganamaa itti-fufiinsa kan qabuu fi dhalootatti ce'uu kan danda'u
fedhii gareen tokko yeroof qabu guutuudhaan kan hojjatu osoo hin
taane mul'ata uummataa milkeessuun hawaasa bal'aa fayyadamoo
taasisuu kan danda'uu fi kaayyoo fi mul'ata hundi wal-harkaa fuudhuun
hojiitti hiikan yoo jiraate qofa dha.
Biyya keenyatti haala qabatamaa jiru irratti hundoofnee amalli hoggansa
ijaaruu qabnuu mul'ata isaa fageenyarraa arguun adeemsa jijjiiramaa
addaan hin cinne kana ogummaa cimaa fi kaka'umsa gaariin hogganuu
kan danda'u hoggansa jijjiiramaati. Gama misooma siyaasaa, diinagdee
fi hawaasummaatiin mul'ata qabnu bira ga'uuf sochiiwwan jijjiiramaa fi
guddina addaan hin cinne gochuun hoggansi milkaa'ina barbaadamu
fidun murteessaa dha. Akaakuun jijjiiramaa mirkaneessuu barbaannus
hangaan qofa osoo hin taane akaakudhaanis waan ta'eef hoggansa
jijjiiramaa mul'ata kana dhugoomsuu danda'u uumuu barbaachisa.
Akka ilaalcha aadaa keenya keessa jiruutti, hogganaa jechuun bulchaa
ol-aantummaa qabuu fi eenyumtuu quba itti qabuu hin dandeenye
jechuudha. Sadarkaa yaadatti hoggantoonni "tajaajiltoota uummataa
ta'uu qabu" kan jedhu yaadni bu'uuraa irra-deddeebi'ee ibsamus hojiitti
wayita hiikamu garuu, hunduu akkuma humna isaatti hogganaa osoo
hin taane gita-bittaa ta'ee akka argamu ifaa dha.
Dhimmi hogganummaa gita-bittummaa irraa adda godhu, giti
bittummaa hordoftoota isaanii humnaan horachuu fi karaa mul'ata ofii
warra kaan irratti ittiin fe'an yoo ta'u, hogganummaan garuu humnaan
osoo hin taane dhiibbaa gaarii uumuu fi jaalalaan amansiisuu jechuu
dha. Giti-bittummaa mul'ataa fi fedhii ofii milkeessuuf yaalii taasifamu
yoo ta'u, hogganummaan garuu mul'ata hawaasummaa waliin qaban
dhugoomsuuf qabsoo taasifamu dha. Seenaa ammayyaawaa biyya
keenyaa keessatti gita-bittummaa malee hogganummaan bakka bal'aa
argatee hin beeku. Hogganummaan maaliif bakka bal'aa hin arganne
gaaffii jedhu sirnaan deebisuun furtuu furmaata rakkinichaati.
Qormaata Mul'ata Waloo Uumuu
Biyya keenyatti hogganummaan akka hin jiraanne wantoota taasisan
keessaa tokko mul'ata waloo dhabuu dha.Hoggantoonni
hogganamtoota isaanii gara mul'ata walootti fiduun mul'aticha
dhugoomsuuf yommuu rakkatan seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo
baay'ee argineerra. Mul'ata ammam guddaa qabaatanillee ga'umsi
hogganummaa kan madaallamu ga'umsa mul'ata isaanii hordoftoota
isaanii fudhachiisuudhaani. Mul'ata isaanii duuka-buutota isaanii
fudhachiisuun hogganaa fi hogganamaan mul'ata waliinii milkeessuuf
murannoo waloo qabaachuun wal-faana socho'uun amala hogganummaati.
Biyya keenyatti hoggantoonnii fi hogganamtoonni mul'ata waloo akka
hin qabaanne wantoota taasisan keessaa tokko hawaasa sababaan
socho'u ijaaruu dhabuu keenya. Barumsi ammayyaa biyya keenya
keessa erga seenee jaarraa tokkollee kan hin guunne waan ta'eef
sababaan yaaduu danda'uun hawaasa keenya keessatti hundee hin
jabeeffanne. Biyyoonni Awurooppaa barumsa ammayyaa yoo xiqqaate
waggaa kuma tokko nu dursuudhaan jalqabaniiru. Jalqabbiin barumsa
ammayyaa biyya keenyatti hedduu barfatee taasifame sababaan
yaaduun keenya akka daanga'u gochuun hogganummaa sababaa fi
beekumsaan akka hin madaalle nu taasiseera.
Haa ta'u malee mul'ata waloo uumuuf sababaan yaaduun gabbachuu
dhabuun waan qofaa isaatti gufuu ta'ee miti. Biyya keenyatti mul'ata
isaanii hogganamtoota isaanii fudhachiisuu akka hin dandeenye kan
taasisu sababni ijoon inni biroo, kuufamni safuu haphachuu isaati.
Kuufamni safuu hoggantoonni baay'ina gaarummaa qabaniitiin ittiin
ibsamanii fi ittiin beekamani dha.
Hogganaa maqaan isaa gaarummaadhaan hin kaanee fi, inumaayyuu
hammeenya yaaduu fi balaafamaa ta'uu isaatiin maqaan isaa ka'u
mul'ata isaa hogganamtoota fudhachiisuun hafee ga'umsa akka
hogganaatti ittiin ilaalamu hin qabaatu. Kanaafuu, mul'ata ofii
hogganamtoota fudhachiisuuf jalqaba irratti hogganamaan hogganaa
isaa akka yaada gaarii isaaniif qabu, faayidaa hogganamootaaf akka
tattaafatu, akka nama gaarii ta'etti ilaaluu qaba. Hogganamaan
hogganaa isaa akka hamaa fi faayidaa hogganamaa ofii isaatiif oolchutti
kan ilaalu yoo ta'e, mul'ata hogganaa isaa fudhachuu hin danda'u. Karaa
biraatiin, hogganaan yaada qajeelaa kan qabuu fi faayidaa fi fedhii
hogganamaa galmaan ga'uuf kanan dhaabbadhedha jedhee yaada yoo
ta'e mul'ata isaa fudhachuuf hogganamaan caalmatti qophaa'aa ta'a.
Hoggantoonni hunda dura uummata biratti kan amanaman namoota
gaarii ta'uu isaanii agarsiisuu qabu. Maqaa gaarii kanaa fi
amanamummaa osoo hin argatin hoganamaa mul'ata ofii fudhachiisuu
hin danda'an. Hogganaan kuufama safuu osoo hin qabne uummata
hogganuuf yaalu hogganummaa keessaa ba'uun gita-bittaa ta'a.
Kuufama safuu osoo hin qabne uummata hogganuuf yaaluun
hogganamaa waliin ifaan ifatti waraana keessa akka seenuuti. Haala
akkanaatiin waan gaarii kamillee godhaniif mul'ata gaarii akkamiillee
qabaatan hogganamaa biratti fudhatama argachuu hin danda'u.
Fudhatamummaa aangoo uummataa osoo hin qabaanne uummata
hogganuun uummaticha akka horiitti hoofuu yookiin harkisuu ta'a
jechuu dha. Uummanni hogganaa isaatti hin amanne kan mormu
hojiisaa qofa osoo hin taane amala isaa wajjini. Hojiisaa sirreessudhaan
yookiin murtoowwan tokko tokko dabarsuudhaan waanta hiikamu miti.
Rakkinicha kan furu gadi-fageenyaan of-madaaluun yookin
hogganummaa irraa of-kaasuu, yookin immoo dadhabina ofii of
eegganoodhaan sirreeffachuudhaani. Kuni immoo biyya keenyatti kan
barame miti.
Rakkoo kana irra-caalatti kan hammeessu, aadaa siyaasa biyya keenyaa
keessatti shakkiin rakkoo sadarkaa ol-aanaatti nu xaxee jiru ta'uu isaati.
Aadaa siyaasaa wal-amanuun qixa sirrii ta'een itti hin dagaagin keessatti
ergaa kallattiin darburra ergaa darbutti hiikaa al-kallattii kennuu fi
dubbicha shakkuutu itti baay'ata. Dubbatanii waliigaluu fi ciniinsuu ta'a.
Sababii kanaafis kuufamni safuu tokkicha erga haphatee booda
deebisanii walitti qabuun baay'ee rakkisaa ta'a. Haasaa gaariin
kumiyyuu hiikaa shakkii fi al-kallattiif saaxilamuu waan danda'uuf
hogganamaa mul'ata ofii fudhachiisuu n dhamaatii bu'aa hin qabne ta'a.