text stringlengths 0 196k |
|---|
keessatti hoggansi furtuu dha kan jedhamuuf. Hariiroo hogganaa fi |
hogganamaa itti-fufiinsa kan qabuu fi dhalootatti ce'uu kan danda'u |
fedhii gareen tokko yeroof qabu guutuudhaan kan hojjatu osoo hin |
taane mul'ata uummataa milkeessuun hawaasa bal'aa fayyadamoo |
taasisuu kan danda'uu fi kaayyoo fi mul'ata hundi wal-harkaa fuudhuun |
hojiitti hiikan yoo jiraate qofa dha. |
Biyya keenyatti haala qabatamaa jiru irratti hundoofnee amalli hoggansa |
ijaaruu qabnuu mul'ata isaa fageenyarraa arguun adeemsa jijjiiramaa |
addaan hin cinne kana ogummaa cimaa fi kaka'umsa gaariin hogganuu |
kan danda'u hoggansa jijjiiramaati. Gama misooma siyaasaa, diinagdee |
fi hawaasummaatiin mul'ata qabnu bira ga'uuf sochiiwwan jijjiiramaa fi |
guddina addaan hin cinne gochuun hoggansi milkaa'ina barbaadamu |
fidun murteessaa dha. Akaakuun jijjiiramaa mirkaneessuu barbaannus |
hangaan qofa osoo hin taane akaakudhaanis waan ta'eef hoggansa |
jijjiiramaa mul'ata kana dhugoomsuu danda'u uumuu barbaachisa. |
Akka ilaalcha aadaa keenya keessa jiruutti, hogganaa jechuun bulchaa |
ol-aantummaa qabuu fi eenyumtuu quba itti qabuu hin dandeenye |
jechuudha. Sadarkaa yaadatti hoggantoonni "tajaajiltoota uummataa |
ta'uu qabu" kan jedhu yaadni bu'uuraa irra-deddeebi'ee ibsamus hojiitti |
wayita hiikamu garuu, hunduu akkuma humna isaatti hogganaa osoo |
hin taane gita-bittaa ta'ee akka argamu ifaa dha. |
Dhimmi hogganummaa gita-bittummaa irraa adda godhu, giti |
bittummaa hordoftoota isaanii humnaan horachuu fi karaa mul'ata ofii |
warra kaan irratti ittiin fe'an yoo ta'u, hogganummaan garuu humnaan |
osoo hin taane dhiibbaa gaarii uumuu fi jaalalaan amansiisuu jechuu |
dha. Giti-bittummaa mul'ataa fi fedhii ofii milkeessuuf yaalii taasifamu |
yoo ta'u, hogganummaan garuu mul'ata hawaasummaa waliin qaban |
dhugoomsuuf qabsoo taasifamu dha. Seenaa ammayyaawaa biyya |
keenyaa keessatti gita-bittummaa malee hogganummaan bakka bal'aa |
argatee hin beeku. Hogganummaan maaliif bakka bal'aa hin arganne |
gaaffii jedhu sirnaan deebisuun furtuu furmaata rakkinichaati. |
Qormaata Mul'ata Waloo Uumuu |
Biyya keenyatti hogganummaan akka hin jiraanne wantoota taasisan |
keessaa tokko mul'ata waloo dhabuu dha.Hoggantoonni |
hogganamtoota isaanii gara mul'ata walootti fiduun mul'aticha |
dhugoomsuuf yommuu rakkatan seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo |
baay'ee argineerra. Mul'ata ammam guddaa qabaatanillee ga'umsi |
hogganummaa kan madaallamu ga'umsa mul'ata isaanii hordoftoota |
isaanii fudhachiisuudhaani. Mul'ata isaanii duuka-buutota isaanii |
fudhachiisuun hogganaa fi hogganamaan mul'ata waliinii milkeessuuf |
murannoo waloo qabaachuun wal-faana socho'uun amala hogganummaati. |
Biyya keenyatti hoggantoonnii fi hogganamtoonni mul'ata waloo akka |
hin qabaanne wantoota taasisan keessaa tokko hawaasa sababaan |
socho'u ijaaruu dhabuu keenya. Barumsi ammayyaa biyya keenya |
keessa erga seenee jaarraa tokkollee kan hin guunne waan ta'eef |
sababaan yaaduu danda'uun hawaasa keenya keessatti hundee hin |
jabeeffanne. Biyyoonni Awurooppaa barumsa ammayyaa yoo xiqqaate |
waggaa kuma tokko nu dursuudhaan jalqabaniiru. Jalqabbiin barumsa |
ammayyaa biyya keenyatti hedduu barfatee taasifame sababaan |
yaaduun keenya akka daanga'u gochuun hogganummaa sababaa fi |
beekumsaan akka hin madaalle nu taasiseera. |
Haa ta'u malee mul'ata waloo uumuuf sababaan yaaduun gabbachuu |
dhabuun waan qofaa isaatti gufuu ta'ee miti. Biyya keenyatti mul'ata |
isaanii hogganamtoota isaanii fudhachiisuu akka hin dandeenye kan |
taasisu sababni ijoon inni biroo, kuufamni safuu haphachuu isaati. |
Kuufamni safuu hoggantoonni baay'ina gaarummaa qabaniitiin ittiin |
ibsamanii fi ittiin beekamani dha. |
Hogganaa maqaan isaa gaarummaadhaan hin kaanee fi, inumaayyuu |
hammeenya yaaduu fi balaafamaa ta'uu isaatiin maqaan isaa ka'u |
mul'ata isaa hogganamtoota fudhachiisuun hafee ga'umsa akka |
hogganaatti ittiin ilaalamu hin qabaatu. Kanaafuu, mul'ata ofii |
hogganamtoota fudhachiisuuf jalqaba irratti hogganamaan hogganaa |
isaa akka yaada gaarii isaaniif qabu, faayidaa hogganamootaaf akka |
tattaafatu, akka nama gaarii ta'etti ilaaluu qaba. Hogganamaan |
hogganaa isaa akka hamaa fi faayidaa hogganamaa ofii isaatiif oolchutti |
kan ilaalu yoo ta'e, mul'ata hogganaa isaa fudhachuu hin danda'u. Karaa |
biraatiin, hogganaan yaada qajeelaa kan qabuu fi faayidaa fi fedhii |
hogganamaa galmaan ga'uuf kanan dhaabbadhedha jedhee yaada yoo |
ta'e mul'ata isaa fudhachuuf hogganamaan caalmatti qophaa'aa ta'a. |
Hoggantoonni hunda dura uummata biratti kan amanaman namoota |
gaarii ta'uu isaanii agarsiisuu qabu. Maqaa gaarii kanaa fi |
amanamummaa osoo hin argatin hoganamaa mul'ata ofii fudhachiisuu |
hin danda'an. Hogganaan kuufama safuu osoo hin qabne uummata |
hogganuuf yaalu hogganummaa keessaa ba'uun gita-bittaa ta'a. |
Kuufama safuu osoo hin qabne uummata hogganuuf yaaluun |
hogganamaa waliin ifaan ifatti waraana keessa akka seenuuti. Haala |
akkanaatiin waan gaarii kamillee godhaniif mul'ata gaarii akkamiillee |
qabaatan hogganamaa biratti fudhatama argachuu hin danda'u. |
Fudhatamummaa aangoo uummataa osoo hin qabaanne uummata |
hogganuun uummaticha akka horiitti hoofuu yookiin harkisuu ta'a |
jechuu dha. Uummanni hogganaa isaatti hin amanne kan mormu |
hojiisaa qofa osoo hin taane amala isaa wajjini. Hojiisaa sirreessudhaan |
yookiin murtoowwan tokko tokko dabarsuudhaan waanta hiikamu miti. |
Rakkinicha kan furu gadi-fageenyaan of-madaaluun yookin |
hogganummaa irraa of-kaasuu, yookin immoo dadhabina ofii of |
eegganoodhaan sirreeffachuudhaani. Kuni immoo biyya keenyatti kan |
barame miti. |
Rakkoo kana irra-caalatti kan hammeessu, aadaa siyaasa biyya keenyaa |
keessatti shakkiin rakkoo sadarkaa ol-aanaatti nu xaxee jiru ta'uu isaati. |
Aadaa siyaasaa wal-amanuun qixa sirrii ta'een itti hin dagaagin keessatti |
ergaa kallattiin darburra ergaa darbutti hiikaa al-kallattii kennuu fi |
dubbicha shakkuutu itti baay'ata. Dubbatanii waliigaluu fi ciniinsuu ta'a. |
Sababii kanaafis kuufamni safuu tokkicha erga haphatee booda |
deebisanii walitti qabuun baay'ee rakkisaa ta'a. Haasaa gaariin |
kumiyyuu hiikaa shakkii fi al-kallattiif saaxilamuu waan danda'uuf |
hogganamaa mul'ata ofii fudhachiisuu n dhamaatii bu'aa hin qabne ta'a. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.