text stringlengths 0 196k |
|---|
Qormaata Miira Hubannaa fi Ga'umsaa |
Mul'ata waloo gabbifachuu dhabuutti aansee hogganummaan akka hin |
gabbanne kan godhu sababiin biroo dhimma miira hubanaa fi |
ga'umsaati. Hogganummaan waan barbaadu keessaa tokko too'annaa |
miira hubannaa fi ga'umsaati. Kana jechuun miironni keenya akka |
nurratti qarooman osoo hin taane hubannaa fi ga'umsa nuti isaan irratti |
ittiin qaroomnu jechuu dha. Biyya keenya keessatti yaaliin keenya |
mul'ata fudhachiisuuf goonu gufuun yeroo mudate tarkaanfii miiraan |
guutame nuti fudhannuu fi karaan miiraan guutame nuti hordofnu biyya |
keenya karaa hallayyaa dhuma hin qabnetti kan geessu dha. Seenaa |
biyya keenyaa keessatti qormaanni hogganummaa mudatu inni tokko |
qaroomuu dhabuu miira keenyaati. Hogganaan miira hogganamoota |
isaas ta'ee miira ofii isaa hin hubannee fi hin too'anne xurii seenaa ta'a. |
Hoggantoonni akkanaa gara gita-bittaatti kan jijjiiramanidha; gita |
bittootni immoo garbicha miira ofii isaaniiti. |
Biyya keenyatti duguuggaa sanyii baay'ee suukanneessaa ta'an dugda |
duuba dadhabinni qaroomina miiraa jiraachuun hin shakkisiisu. Bara |
hoggansa Dargii, shororka adii fi shororka diimaatiif gumaachi |
dadhabbina kanaa guddaa dha. Kanaan duras ta'ee booda |
dhangala'uun dhiigaa fi rakkoowwan hamaan turan dadhabbina |
qaroomina miiraa waliin sababoota hidhata baay'ee cimaa ta'e |
qabanidha. Gocha dhala namaa irratti jaarraa 21ffaa keessa raawwachuu |
hin qabne mana hidhaa dukkanaa fi bakka dhoksaa ruuqa ta'e dhalli |
namaa itti dararamu keessatti kan raawwatamaa turan hoggantoota |
qaroomina miiraa hin qabnee fi ajajamtoota hanga hoggantoota isaanii |
hin geenye, maaliif jedhanii of-gaafachuu kan hin dandeenye |
bitamtoota miiraa hunda dabalata. |
Dadhabbinoota miiraa wajjin wal-qabate bakka lamatti qoodnee ilaaluu |
ni dandeenya. Inni duraa, rakkoo miira uummataa hubachuu dhabuu |
dha. Hogganaan tokko miira duuka-buutota isaa yookiin uummataa yoo |
hubachuu baateefi sababoota miirichaa fi wantoota fidee dhufuu |
danda'u dursee xiinxaluu yoo dadhabe qaroominni miira isaa kufaadha |
jechuu ni dandeenya. Uummataa fi duuka-buutota ofii yoo garaan |
boora'e maaliif akka garaa n boora'e xiinxaluu, hangaa fi kallattii maraan |
isaa hubachuu; akkasumas, miirichi balaa geessisuu danda'u |
tilmaamuun barbaachisaa dha. Hoggantoonni robotii miti, nama dha |
Kanaaf miira duuka-buutota yookiin uummataa isaanii sirriitti hubachuu |
qabu. Miira namummaas namoota waliin ni qooddatu. Hogganaa kan |
ta'aniifis nama waan ta'aniifidha. Hoggantoonni miira hogganemtootaa |
qofa osoo hintaane haala miirri ofii isaanii irra jirus hubachaa deemuu |
qabu, of-dhaggeeffachuu qabu. Biyya keenya keessatti miira ofiis ta'ee |
miira duuka-buutota ofii dhaggeeffachaa deemuun kun baay'ee gadi |
bu'aa dha. |
Miironni hoggantoota irratti waan qaroomaniif hogganaa fi |
hogganamaan kan wal-qunnaman dambalii miiraa too'annaa isaaniitiin |
ala ta'e keessatti. Haalli wal-qunnamtii waliigalaa hoomachi miiraa kan |
itti baay'atuu fi haala tasgabbii fi hubannoon hin jirre keessatti dha. |
Hogganaan obsa fixachuu fi aarii uummataa yeroo fi qixa sirrii ta'een |
hubachuu hin dandeenye uummata bitaa jira malee bulchaa hin jiru. |
Rakkoon inni lammataa miira ofii too'achuu dadhabuu dha. Biyya |
keenya keessatti hoggantoota mul'ata ofii malaan fudhachiisuun itti |
ulfaatu uummata humnaan bituuf yeroo yaalanii fi milkaa'uu wayita |
dadhaban aarii hamaa keessa galuun miirri isaanii danfa. |
Hogganamtoonni mul'ata isaanii waan hin fudhanneef isaanis humnaan |
bitaa waan jiraniif guyyaa tokko aangorraa na buusa jechuun sodaatu. |
Sodaa kanaan guutamuudhaan uummata gara-jabinaan dararu. Miira |
sodaa isaanii sirnaan too'achuu waan hin dandeenyeef nama argatan |
hunda ni miidhu, ni hidhu, ni rukutu, ni ajjeesus. Dhimmichi kanarra |
darbee miirri gita-bittaa fi bitamaa irra caalatti wal-dhiibaa wayita dhufe |
immoo sodaan hoggantootaa gara aariitti ol-guddata. Kunis biyyattii |
gara jeequmsa hamaa fi dhiiga wal-lolaasuutti geessa. |
Kanaaf, hoggantoonni jalqaba irratti miira isaanii too'achuu qabu kan |
jedhamuuf. Hoggantoonnii fi gita-bittoonni kan ittiin adda ta'an sababni |
guddaan inni jalqabaa gita-bittoonni mul'ata isaanii uummata irratti |
fe'uuf wayita yaalan malaan deemuurra miiraan oofamuu fi miira |
hogganamtootaas ta'ee miira ofii isaanii to'achuu dadhabuu isaaniiti. |
Kunis hogganamaa amansiisuun osoo hin taane humnaa fi |
adabbiidhaan mul'ata isaanii fudhachiisuu yaaluu waan ta'eef hiikaa |
hogganummaa isa bu'uuraa ni faallessa. |
Dhimmoonni lamaan olitti eeraman, jechuun mul'ata waloo uumuu fi |
adeemsa mul'aticha uumuu keessatti miira ofiis ta'ee hogganamtootaa |
haalan too'achuu danda'uun biyya keenyatti dhimmoota gurguddoo |
lama hoggantoota biyya keenyaa qoranidha. Sababa qormaata lamaan |
kanaatiin biyya keenyatti hogganummaan dhimma qormaanni hedduun |
mudatu dha. Hogganaan qormaata lamaan kana darbee mul'ata isaa |
onnee hogganamtootaa keessatti malaan kan ijaaru, adeemsa kanas |
qormaanni yeroo mudatu miira ofii isaa fi miira uummataa kan haalaan |
too'atuu fi miiricha akka galmaatti fudhachuun waan gaariif kan itti |
fayyadamu ta'uu qaba. |
Gosa Hoggansaa Biyya Keenyatti Ijaaruu Barbaadnu |
Jijjiiramni dimookiraasii amma biyyi keenya keessa seenaa jirtu jijjiirama |
gam-tokkee qofa osoo hin taane jijjiirama akaakuu fi qulqullinaati. Kunis |
amala jijjiirama bu'uuraati. Jijjiirama bu'uuraa kanas karaa hubannoo |
jijjiirama guddinaa barame qofaan fiduu hin dandeenyu. Hogganaan |
jijjiirama kana hubatuu fijijjiiramicha galmaan ga'uu danda'u argachuun |
dhimma ariifachiisaa kan ta'es kanumaafidha. Hoggantoota nu ceesisuu |
danda'an akkanaa kan argannu qofa ossoo hin taane kan uummannu |
akka ta'e yaaduun furtuu furmaataatti. Kanaafuu yeroo gabaabaa |
keessatti hoggantoota ga'uumsa qabaan tarsiimoo ittiin argachuu fi |
uummachuu dandeenyu baafachuurra darbee aadaa hogganummaa |
bu'uuraa keenya jijjiiruuf hojii bal'aa hojjjachuutu irra jira. |
Uummata sammuudhaanis ta'ee miirraan hogganuun gara galma |
yaadameetti geessuuf hawaasa keessaaa sadarkaa sadarkaan fooyyee |
kan qaban, hayyoota gara hoggansaatti fiduun barbaachisaa dha. Kana |
gochuu dhabuu keenyaan mul'anni fudlnachiifnu hafuun hogganaa ofii |
isaatinuu mul'ata hin qabne sadaukaa adda addaatti uumuu |
dandeenyeerra. Mul'ata hin qabu taanaan hogganamtoota ofitti |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.