text stringlengths 0 196k |
|---|
Gama tokkoon hojii ijaarsa dhaabbilee walabaa, gama biraatiin immoo |
hojii waliigaltee biyyoolessaa wayita hojjannu ijaarsa aadaa |
dimookiraasiitiin karaa walakkaa deemne jechuu dha. Hojiiwwan wal |
xaxaa kanneen hojjachuun hojii filannoo fi bakka-bu'aa hin qabne |
ta'uun isaa akkuma jirutti ta'ee pirojektii ijaarsa aadaa dimookiraasii |
bu'a-qabeessa gochuuf amala biyyoolessaa uummanni qabu, qor |
qalbii hawaasa waliigalaa, aadaa fi barmaatiilee hawaasummaa |
uummatichaa yaada keessa kan galfate yoo ta'e dhamaatii fi yaaliiwwan |
ijaarsa aadaa dimookiraasiitiif taasifnu nuuf gabaabsuu ni danda'a. |
Itoophiyaa: Amalaa fi Duudhaalee Waloo |
Itoophiyaa keessa hagamillee sabdaneessi bifa, amala, duudhaa fi |
beekumsa adda addaa qaban baay'ee hedduun jiraatanis |
garaagarummaa kanneen keessatti wantota wal isaan fakkeessan |
eenyummaa Itoophiyummaa ni qabu. Itoophiyaanonni akkuma |
uummata biyya kamiituu amala wal-fakkaataa adeemsa yeroo dheeraa |
keessa bocame ni qabu. Itoophiyaan seenaa bara dheeraa waan |
qabduuf uummanni ishees bara dheeraaf waliin-jireenya isaanii |
keessatti hariiroo tumsaa fi morkii waliin taasisaa turaniin amaloota, |
aadaalee fi duudhaalee adda addaa wal-irraa dhaalanii wal |
dhaalchisaniiru. Itoophiyaa keessatti taateewwan seenaa deddeebi'anii |
ta'an sadi hidhata uummataa uumuudhaan duudhaalee waloo akka |
qabaatan taasisaniiru. Isaanis: waraana, godaansaa fi sochiiwwan |
amantiiti. Itoophiyaa keessatti kallattiiwwan arfaniinuu waraanatu ture. |
Waraanni kunis humnoota alaa fi wal-wajjin kan taasifamaa ture dha. |
Humnoota alaa wajjin yeroo waraanni taasifamu humni waraanaa |
kallattii mararraa walitti dhufu (yeroo baay'ee wayita nagaan jiru |
qonnaan-bultoota, wayita waraanni jiru humna waraanaa ta'uun humna |
tajaajilu dha) fageenya dheeraa kutuudhaan deemu. Adeemsa isaanii |
keessattis ta'ee bakka waraanatti firoominaa uumuu fi aadaa wal |
dhaalchisuutu ture. Yeroo tokko tokkommaa weerartoota waraana alaa |
dhufu akka ittisuuf gareen humna waraanaa bakka tokko qubatee |
achumatti hafu ni jira. Kunis firoominaa fi dhaala aadaa, amantii, afaanii |
fi dhiigaa uumuudhaan waliin jiraatu. |
Inni lammaffaa immoo gadaansa dha. Biyyittii keessatti balaawwan |
nam-tolchee fi uumamaa wayita mudatan uummanni bakka tokkorraa |
bakka biraatti ni godaana. Yeroo beelli jiru, dhiphinni lafa qonnaa wayita |
uumamu, kaloon loonii yeroo dhabamuu fi gosa biraa waliin walitti |
bu'iinsi wayita jiraatu uummanni tokko bakka biraatti ni godaana. |
Kanarraa ka'uudhaan, wal-fuudhuun, hidhata uumuun, aadaa wal |
dhaalchisuu fi eenyummaa waloo haaraa uummachuun waan barame |
dha. |
Inni sadaffaan amantii dha. Amantiin daangaa ce'uun eenyummaa |
hawaasaa haaraa wantoota uuman keessaa isa tokko dha. |
Uummattoonni adda addaa amantii haaraa tokko yeroo fudhatan |
amantichi aadaa isaanii irratti dhiibbaa qabaata. Kanarraa ka'uudhaan |
saboonni adda addaa amantaa haaraa tokko wal-faana fudhatan |
duudhaalee fi aadaa waliinii horatu. Kana malees, barsiisaan amanticha |
barsiisu bakkaa bakkatti socho'uun barsiisa. Hordoftoonni amantichaas |
sagadaaf iddoo tokkoo gara biraatti socho'u. Dargaggoonni |
duudhaalee amantichaa barachuuf iddoodhaa gara iddoo biraatti ni |
socho'u. Sababii amantii tokko hordofaniif saboota adda addaa |
gidduutti firoominni gaa'elaa ni uumama. |
Taateewwan sadan kunii fi kanneen biroos walitti ida'amuun |
uummattoota jidduutti duudhaalee waloo, aadaalee, barmaatiilee fi |
eenyummaa tokko uumu. Keessattuu ijaarsa mootummaa ammayyaa |
waliin wal-qabatee uummanni Itoophiyaa amalaa fi eenyummaa |
biyyoolessaa waliin uummataan adda baasuun ilaaluun ni danda'ama. |
Haalli siyaasaa fi diinagdee waliinii hidhata seenaatiin yeroo walitti |
ida'aman duudhaalee fi amala uummanni Itoophiyaa waliin qaban nutti |
aqarsusa. |
Wantoota milkoomina dimookiraasummaa biyya tokkoo murteessan |
keessaa duudhaan isa tokko dha. Duudhaan jireenya keenya guyyaa |
guyyaa keessatti wantoota badaa fi tolaa ta'an kan ittiin madaalluu fi |
madaalliin kun immoo filannoo, murtoo fi amala keenya irratti dhiiphaa |
addaa qabu. Madaalli kana fayyadamuun maal gochuu akka qabnu fi hin |
qabne kan ittiin adda baafannu dha. |
Qorannoon saayinsiin hawaasaa dhimmoota aadaa dimookiraasiitiin |
wal-qabatan duudhaalee uummataa (amala idil-addunyummaa faana |
wal-qabatan) kudhan adda baasa: |
Of-hogganuu: of-danda'anii yaaduu fi ofiin of-hogganuu |
danda'uu-filachuuf, waa kalaquuf, walaba ta'uuf, galma |
jireenya ofii kaawwachuuf tattaafachuu dha. |
Dadammaquu: qor-qalbii dammaqe, kan mul'ata qabu, |
hamilee qormaata jireenya keessatti mudatu moo'atu kan |
qabu. |
Ilaalcha idil-addunyaawaa: firoominaa fi aantummaa |
dhiigaafi naanummaa bira darbee dhala namaaf yaaduu. |
Namaaf yaaduu: namoota waliin jiraatan guddisuuf, |
gargaaruuf yaaluu; amala nama gargaaruu, dhiifama gochuu, |
itti-gaafatamummaa baachuu, firoomina gaarii uumuu |
qabaachuu. |
Madda gammachuu ta'uu: wantoota nama gammachiisan |
maddisiisuu fi burqisiisuu. |
Tole-jechuu: yaadaa fi fedhii namoota biroo fudhachuu, ofiin |
qofa yaaduu fi murteessuurra yaadaa fi fedhii namoota biroo |
fudhachuu fi yaada isaaniitiif bitamuu. |
Nageenya: waa'ee nageenyaa, balaa fi miidhaa adda addaa |
irraa baraaramuu yaaduu. |
Gaarummaa: namoota biraatiif gaarii ta'uu, rakkoo isaanii |
hubachuu fi gargaaruuf qophii ta'uu, miira aantummaa. |
Milkaa'ina: milkaa'uu fi fedhii ofii dhugoomsuuf, jiruu fi |
jireenya ofii guutuu taasisuuf tattaafachuu. |
Aangoo: Ol-aantummaa fi aangoo goonfachuuf tattaafachuu, |
aangoo fi sadarkaa ol-aanu argachuuf dorgomaa ta'uu. |
Biyyoonni dimookiraasii fi misoomni diinagdee isaanii gadi-aanaa ta'e |
duudhaalee shanan gara dhumaatiif (tole jechuu, nageenya, |
gaarummaa, milkaa'inaa fi aangoo) iddoo guddaa kennu. Kana jechuun |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.