text
stringlengths
0
196k
Gama tokkoon hojii ijaarsa dhaabbilee walabaa, gama biraatiin immoo
hojii waliigaltee biyyoolessaa wayita hojjannu ijaarsa aadaa
dimookiraasiitiin karaa walakkaa deemne jechuu dha. Hojiiwwan wal
xaxaa kanneen hojjachuun hojii filannoo fi bakka-bu'aa hin qabne
ta'uun isaa akkuma jirutti ta'ee pirojektii ijaarsa aadaa dimookiraasii
bu'a-qabeessa gochuuf amala biyyoolessaa uummanni qabu, qor
qalbii hawaasa waliigalaa, aadaa fi barmaatiilee hawaasummaa
uummatichaa yaada keessa kan galfate yoo ta'e dhamaatii fi yaaliiwwan
ijaarsa aadaa dimookiraasiitiif taasifnu nuuf gabaabsuu ni danda'a.
Itoophiyaa: Amalaa fi Duudhaalee Waloo
Itoophiyaa keessa hagamillee sabdaneessi bifa, amala, duudhaa fi
beekumsa adda addaa qaban baay'ee hedduun jiraatanis
garaagarummaa kanneen keessatti wantota wal isaan fakkeessan
eenyummaa Itoophiyummaa ni qabu. Itoophiyaanonni akkuma
uummata biyya kamiituu amala wal-fakkaataa adeemsa yeroo dheeraa
keessa bocame ni qabu. Itoophiyaan seenaa bara dheeraa waan
qabduuf uummanni ishees bara dheeraaf waliin-jireenya isaanii
keessatti hariiroo tumsaa fi morkii waliin taasisaa turaniin amaloota,
aadaalee fi duudhaalee adda addaa wal-irraa dhaalanii wal
dhaalchisaniiru. Itoophiyaa keessatti taateewwan seenaa deddeebi'anii
ta'an sadi hidhata uummataa uumuudhaan duudhaalee waloo akka
qabaatan taasisaniiru. Isaanis: waraana, godaansaa fi sochiiwwan
amantiiti. Itoophiyaa keessatti kallattiiwwan arfaniinuu waraanatu ture.
Waraanni kunis humnoota alaa fi wal-wajjin kan taasifamaa ture dha.
Humnoota alaa wajjin yeroo waraanni taasifamu humni waraanaa
kallattii mararraa walitti dhufu (yeroo baay'ee wayita nagaan jiru
qonnaan-bultoota, wayita waraanni jiru humna waraanaa ta'uun humna
tajaajilu dha) fageenya dheeraa kutuudhaan deemu. Adeemsa isaanii
keessattis ta'ee bakka waraanatti firoominaa uumuu fi aadaa wal
dhaalchisuutu ture. Yeroo tokko tokkommaa weerartoota waraana alaa
dhufu akka ittisuuf gareen humna waraanaa bakka tokko qubatee
achumatti hafu ni jira. Kunis firoominaa fi dhaala aadaa, amantii, afaanii
fi dhiigaa uumuudhaan waliin jiraatu.
Inni lammaffaa immoo gadaansa dha. Biyyittii keessatti balaawwan
nam-tolchee fi uumamaa wayita mudatan uummanni bakka tokkorraa
bakka biraatti ni godaana. Yeroo beelli jiru, dhiphinni lafa qonnaa wayita
uumamu, kaloon loonii yeroo dhabamuu fi gosa biraa waliin walitti
bu'iinsi wayita jiraatu uummanni tokko bakka biraatti ni godaana.
Kanarraa ka'uudhaan, wal-fuudhuun, hidhata uumuun, aadaa wal
dhaalchisuu fi eenyummaa waloo haaraa uummachuun waan barame
dha.
Inni sadaffaan amantii dha. Amantiin daangaa ce'uun eenyummaa
hawaasaa haaraa wantoota uuman keessaa isa tokko dha.
Uummattoonni adda addaa amantii haaraa tokko yeroo fudhatan
amantichi aadaa isaanii irratti dhiibbaa qabaata. Kanarraa ka'uudhaan
saboonni adda addaa amantaa haaraa tokko wal-faana fudhatan
duudhaalee fi aadaa waliinii horatu. Kana malees, barsiisaan amanticha
barsiisu bakkaa bakkatti socho'uun barsiisa. Hordoftoonni amantichaas
sagadaaf iddoo tokkoo gara biraatti socho'u. Dargaggoonni
duudhaalee amantichaa barachuuf iddoodhaa gara iddoo biraatti ni
socho'u. Sababii amantii tokko hordofaniif saboota adda addaa
gidduutti firoominni gaa'elaa ni uumama.
Taateewwan sadan kunii fi kanneen biroos walitti ida'amuun
uummattoota jidduutti duudhaalee waloo, aadaalee, barmaatiilee fi
eenyummaa tokko uumu. Keessattuu ijaarsa mootummaa ammayyaa
waliin wal-qabatee uummanni Itoophiyaa amalaa fi eenyummaa
biyyoolessaa waliin uummataan adda baasuun ilaaluun ni danda'ama.
Haalli siyaasaa fi diinagdee waliinii hidhata seenaatiin yeroo walitti
ida'aman duudhaalee fi amala uummanni Itoophiyaa waliin qaban nutti
aqarsusa.
Wantoota milkoomina dimookiraasummaa biyya tokkoo murteessan
keessaa duudhaan isa tokko dha. Duudhaan jireenya keenya guyyaa
guyyaa keessatti wantoota badaa fi tolaa ta'an kan ittiin madaalluu fi
madaalliin kun immoo filannoo, murtoo fi amala keenya irratti dhiiphaa
addaa qabu. Madaalli kana fayyadamuun maal gochuu akka qabnu fi hin
qabne kan ittiin adda baafannu dha.
Qorannoon saayinsiin hawaasaa dhimmoota aadaa dimookiraasiitiin
wal-qabatan duudhaalee uummataa (amala idil-addunyummaa faana
wal-qabatan) kudhan adda baasa:
Of-hogganuu: of-danda'anii yaaduu fi ofiin of-hogganuu
danda'uu-filachuuf, waa kalaquuf, walaba ta'uuf, galma
jireenya ofii kaawwachuuf tattaafachuu dha.
Dadammaquu: qor-qalbii dammaqe, kan mul'ata qabu,
hamilee qormaata jireenya keessatti mudatu moo'atu kan
qabu.
Ilaalcha idil-addunyaawaa: firoominaa fi aantummaa
dhiigaafi naanummaa bira darbee dhala namaaf yaaduu.
Namaaf yaaduu: namoota waliin jiraatan guddisuuf,
gargaaruuf yaaluu; amala nama gargaaruu, dhiifama gochuu,
itti-gaafatamummaa baachuu, firoomina gaarii uumuu
qabaachuu.
Madda gammachuu ta'uu: wantoota nama gammachiisan
maddisiisuu fi burqisiisuu.
Tole-jechuu: yaadaa fi fedhii namoota biroo fudhachuu, ofiin
qofa yaaduu fi murteessuurra yaadaa fi fedhii namoota biroo
fudhachuu fi yaada isaaniitiif bitamuu.
Nageenya: waa'ee nageenyaa, balaa fi miidhaa adda addaa
irraa baraaramuu yaaduu.
Gaarummaa: namoota biraatiif gaarii ta'uu, rakkoo isaanii
hubachuu fi gargaaruuf qophii ta'uu, miira aantummaa.
Milkaa'ina: milkaa'uu fi fedhii ofii dhugoomsuuf, jiruu fi
jireenya ofii guutuu taasisuuf tattaafachuu.
Aangoo: Ol-aantummaa fi aangoo goonfachuuf tattaafachuu,
aangoo fi sadarkaa ol-aanu argachuuf dorgomaa ta'uu.
Biyyoonni dimookiraasii fi misoomni diinagdee isaanii gadi-aanaa ta'e
duudhaalee shanan gara dhumaatiif (tole jechuu, nageenya,
gaarummaa, milkaa'inaa fi aangoo) iddoo guddaa kennu. Kana jechuun