text stringlengths 0 196k |
|---|
baay'ee xiqqaa dha. Dallaa isaa jalatti fincaan wayita fincaa'an kan argu |
daldalaan dhugaatii uummataaf mana fincaanii hojjachiisurra,"dallaa |
jalatti kan fincaanu saree qofa" kan jedhu akeekkachiisa arrabsoo |
guddaa of-keessaa qabu maxxansuutu itti tola. Abbootiin qabeenyaa |
maqaa ofiitiin carraa barumsa walabaa uumanii barattootaaf mijeessuuf |
kanneen yaalan hin mul'atan. |
Rakkoon akka uummataatti itti-gaafatama hawaasummaa nutti |
dhaga'amuu dhabuu kan hundee jabeeffatee fi hojiiwwan idilee keenya |
keessatti kan mul'atu dha. Kanaafidha biyya keenyatti lammiileen itti |
gaafatamni hawaasummaa akka itti dhaga'amuu fi itti-gaafatama isaanis |
akka ba'atan hojiiwwan babal'aan hojjatamuu qabu kan jennu. |
Duudhaan biyya keenyatti ol-ka'ee mul'atu kan biraa dhimma |
nageenyaati., Uummanni keenya seenaa isaa bara dheeraa keessatti |
nageenyi dhimma ijoo ta'uusaa kan nutti mul'isu nagaa wal |
gaafachuudhani. Gaaffileen, "akkam jirta, akkam bulte, akkam oolte" |
jedhan nageenya namaa kan ilaallatani dha. "Ijoolleen, horiin nagayaa? |
qe'een nagayaa? biyyi nagayaa?" kan jedhu gaaffiin nagaa wal |
gaafachuu kun dhimma nageenya ilaallatu dha. Waraanni, lolaan, balaa |
uumamaatiin naannoon miidhamuu fi dhibeen tasaa uummata |
weeraruun nageenya uummataa yeroo jeeqe uummantu arge |
"nagaadhaa?" jedhee yoo gaafatu itti hin murtaa'u. |
Akka keenya biyyi ammayyummaan haalan itti lafa hin qabatinitti miirri |
nageenyummaa itti hin dhaga'amu. Hoggayyuu naannoo isaanii |
shakkiidhaan ilaalu. Baatirii fi qawwee yoo hin qabatin nageenyi isaanii |
waan eegamu itti hin fakkaatu. Yaaddoon nageenyaa kunis lammiileen |
nageenya isaanii humnaan kabachiifachuuf akka yaalanii fi |
olaantummaan seeraa akka hin eegamne mamii uuma. |
Kanumaan wal-qabatee kan mul'atuu fi aadaa dimookiraasii ijaaruutti |
gufuu kan ta'u amala biyyoolessaa uummata Itoophiyaa kan ta'e lolatti |
amanuu dha. Lolli biyya kana keessatti waan gaariifi waan hamaa |
uumeera. Lolli duudhaa biyyi keenya akka diinaan hin weeraramnee fi |
walabummaan biyyaa kabajamee akka turu taasise dha. Wayita biyyi |
diinaan weeraramte leenjii fi kaka'umsa addaa osoo hin barbaadin |
lammii ka'i jedhee wal-kakaasuu n biyyasaa diinarraa ittifatu leellistootni |
walabummaa fi birmadummaa akka jiraatan godheera. Karaa biraatiin, |
waa hunda hiriira humnaatiin ilaaluu, waa hunda ija firummaa fi |
diinummaatiin ilaaluu, waa hunda moo'uu fi moo'amuu waliin wal |
qabsiisuu, moo'amuu akka salphinaatti ilaaluun amananii akka hin |
fudhanne taasiseera. |
Siyaasa keenya kan balleesse, aadaa marii fi falmii keenya bakka tokkotti |
hammacuu fi wal-balleessuu irratti akka hundaa'u kan taasise sababni |
tokko Itoophiyaanonni 'abbaa-humnaa' ta'uu keenya dha. Abbaan |
humnummaa duudhaalee hamilee keenyaa walfaallessu lama keessatti |
uumamee amala dhufu dha, inni tokko osoo jajjabeessuu, inni tokko |
immoo osoo dhoowwuu. Karaa tokkoon goota osoo faarsuu fi |
gootummaa abbaa-humnummaa waliin wal-qabsiisuun miira |
fuulduratti nu oofu yoo ta'u, karaa biraatiin immoo barumsa safuu |
amantii keessaa madduu fi gootummaa fi abbaa-humnummaa kan |
balaaleffatu qajeelfama safuu keenyaati. Amalli abbaa-humnummaa |
keenyaa garaagarummaa yaadaa akka humnaatti waan fudhatuuf wal |
balleessudhaaf sababa ta'a. |
Marii fi wal-falmii beekumsa bu'uureffate dhiisuun fiigicha moo'ataa fi |
moo'amaa keessa waan nama galchuuf balaa nageenya biyyoolessaa |
keessa waliitii madduuf nama saaxila. Abbaa-humnummaa hambisuun |
kan danda'amu dhaabbilee tokko tokkoof tattaaffii mootummaatiin |
qofa osoo hin taane aadaa ce'umsaa kallattii hundaa fiduudhaan |
dhugoomsuu dandeenya. Kanaafis sekterri barnootaa, industiriin aadaa, |
dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa; akkasumas, qaamoleen |
haqaa wal-tumsuun hojjachuu qabu. |
Aadaa haasaa keenyaa guddifachuuf amala abbaa-humnummaa keenya |
ifatti mul'atu bira darbee waan akka hamii, agiboo, ciigoo, dubbii |
namaatti bishaan naquufi kkf amala marmaartuu abbaa-humnummaa |
keenyaa jala dhaabachuu qabna. Hawaasa dubbii kallattiitti amanuu fi |
haala salphaadhan waliigalu uumuuf hawaasa amala dhokataa irraa gara |
amala iftoominaatti ce'e hundeessuu qabna. |
Hawaasa iftoomina qabu, icciitii fi ususa irra mari'achuu fi wal |
hubachuuf iddoo kan qabu, odeeffannoo fi raga qabatamaatti kan |
amanu, rakkinoota ukkaamsanii qabuun osoo hin taane saaxilanii |
baasutti kan amanu, ususa boroo keessaarra marii fi falmii dirreetiin kan |
dhaadatu, hawaasa qaroomaa uumuu qabna. |
Biyyi keenya rakkinoota mariidhaan furuun, abbaa-humnummaan |
manca'iinsa fiduu danda'u hir'isuu irratti shoora guddaa taphachuu kan |
danda'u aadaa jaarsummaa qabdi. Duudhaalee saboota hunda bira jiran |
keessaa tokko karaa nagaa walitti bu'iinsa ittiin hambisani dha. |
Walitti-bu'iinsa hambisuu fi yoo uumames dhabamsiisuuf kan |
gargaaran araarri hawaasummaa, jaarsummaa, dubbii ilaluu fi aadaa |
dhiifama taasisuu faa qabna. Haata'u malee, duudhaaleen kunniin |
hir'achaa waan dhufaniif murtoowwan hawaasummaa nageenyaa fi |
waliigaltee biyyaatiif gahee taphachuu qabu hanga eegamu |
taphachaatii hin jiru. Jaarsummaa fi jaarsoliif xiyyeeffannoo kennuun |
nageenya buusuu fi lolatti amanuu qabbaneessuun dandeettii jaarsoliin |
qabanitti fayyadamuu yoo dandeenye yaaliiwwan nageenyaa fi |
waliigaltee biyya keenyatti ammaan dura darbee darbee taasifamaa |
turan caalaa bu'aa ol-aanaa fiduu ni dandeenya. |
Aadaan ijaarsa dimookiraasii keenya lammiileen dirree irra bobba'an |
hundatti dimookiraatawaa akka ta'anii fi hariiroon mootummaa waliin |
qabanis amaluma kanaan karaa qajeeltorra deemuu akka qabu irratti |
kan xiyyeeffate dha. Kana milkeessuufis duudhaalee dimookiraasii |
sadarkaa sadarkaadhaan lafa qabsiisuuf hojjachuutu nurraa eegama. |
Uumamuun duudhaalee dimookiraasii misooma diinagdeetiin haalan |
wal-keessa kan jiru yoo ta'es adeemsa uumamaa tirataa ta'e kana karaa |
qaxxaamuraatiin ijaaruu barbaachisa. Kana gochuufis malli tokko golgaa |
seeraa duudhaalee ijaaruuf gargaaran qopheessuu dha. Duudhaaleen |
dhala namaa irra-deddeebii gochaa isaanii hordafuudhaan kan dhufan |
waan ta'eef gochoota isaanii golgaa seeraatiin murteessuun duudhaalee |
jiran gabbisuun ni danda'ama. |
Fakkeenyaaf, seera ittiin bulmaataa afooshaa ykn wuujoo keenyaa irratti |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.