text
stringlengths
0
196k
baay'ee xiqqaa dha. Dallaa isaa jalatti fincaan wayita fincaa'an kan argu
daldalaan dhugaatii uummataaf mana fincaanii hojjachiisurra,"dallaa
jalatti kan fincaanu saree qofa" kan jedhu akeekkachiisa arrabsoo
guddaa of-keessaa qabu maxxansuutu itti tola. Abbootiin qabeenyaa
maqaa ofiitiin carraa barumsa walabaa uumanii barattootaaf mijeessuuf
kanneen yaalan hin mul'atan.
Rakkoon akka uummataatti itti-gaafatama hawaasummaa nutti
dhaga'amuu dhabuu kan hundee jabeeffatee fi hojiiwwan idilee keenya
keessatti kan mul'atu dha. Kanaafidha biyya keenyatti lammiileen itti
gaafatamni hawaasummaa akka itti dhaga'amuu fi itti-gaafatama isaanis
akka ba'atan hojiiwwan babal'aan hojjatamuu qabu kan jennu.
Duudhaan biyya keenyatti ol-ka'ee mul'atu kan biraa dhimma
nageenyaati., Uummanni keenya seenaa isaa bara dheeraa keessatti
nageenyi dhimma ijoo ta'uusaa kan nutti mul'isu nagaa wal
gaafachuudhani. Gaaffileen, "akkam jirta, akkam bulte, akkam oolte"
jedhan nageenya namaa kan ilaallatani dha. "Ijoolleen, horiin nagayaa?
qe'een nagayaa? biyyi nagayaa?" kan jedhu gaaffiin nagaa wal
gaafachuu kun dhimma nageenya ilaallatu dha. Waraanni, lolaan, balaa
uumamaatiin naannoon miidhamuu fi dhibeen tasaa uummata
weeraruun nageenya uummataa yeroo jeeqe uummantu arge
"nagaadhaa?" jedhee yoo gaafatu itti hin murtaa'u.
Akka keenya biyyi ammayyummaan haalan itti lafa hin qabatinitti miirri
nageenyummaa itti hin dhaga'amu. Hoggayyuu naannoo isaanii
shakkiidhaan ilaalu. Baatirii fi qawwee yoo hin qabatin nageenyi isaanii
waan eegamu itti hin fakkaatu. Yaaddoon nageenyaa kunis lammiileen
nageenya isaanii humnaan kabachiifachuuf akka yaalanii fi
olaantummaan seeraa akka hin eegamne mamii uuma.
Kanumaan wal-qabatee kan mul'atuu fi aadaa dimookiraasii ijaaruutti
gufuu kan ta'u amala biyyoolessaa uummata Itoophiyaa kan ta'e lolatti
amanuu dha. Lolli biyya kana keessatti waan gaariifi waan hamaa
uumeera. Lolli duudhaa biyyi keenya akka diinaan hin weeraramnee fi
walabummaan biyyaa kabajamee akka turu taasise dha. Wayita biyyi
diinaan weeraramte leenjii fi kaka'umsa addaa osoo hin barbaadin
lammii ka'i jedhee wal-kakaasuu n biyyasaa diinarraa ittifatu leellistootni
walabummaa fi birmadummaa akka jiraatan godheera. Karaa biraatiin,
waa hunda hiriira humnaatiin ilaaluu, waa hunda ija firummaa fi
diinummaatiin ilaaluu, waa hunda moo'uu fi moo'amuu waliin wal
qabsiisuu, moo'amuu akka salphinaatti ilaaluun amananii akka hin
fudhanne taasiseera.
Siyaasa keenya kan balleesse, aadaa marii fi falmii keenya bakka tokkotti
hammacuu fi wal-balleessuu irratti akka hundaa'u kan taasise sababni
tokko Itoophiyaanonni 'abbaa-humnaa' ta'uu keenya dha. Abbaan
humnummaa duudhaalee hamilee keenyaa walfaallessu lama keessatti
uumamee amala dhufu dha, inni tokko osoo jajjabeessuu, inni tokko
immoo osoo dhoowwuu. Karaa tokkoon goota osoo faarsuu fi
gootummaa abbaa-humnummaa waliin wal-qabsiisuun miira
fuulduratti nu oofu yoo ta'u, karaa biraatiin immoo barumsa safuu
amantii keessaa madduu fi gootummaa fi abbaa-humnummaa kan
balaaleffatu qajeelfama safuu keenyaati. Amalli abbaa-humnummaa
keenyaa garaagarummaa yaadaa akka humnaatti waan fudhatuuf wal
balleessudhaaf sababa ta'a.
Marii fi wal-falmii beekumsa bu'uureffate dhiisuun fiigicha moo'ataa fi
moo'amaa keessa waan nama galchuuf balaa nageenya biyyoolessaa
keessa waliitii madduuf nama saaxila. Abbaa-humnummaa hambisuun
kan danda'amu dhaabbilee tokko tokkoof tattaaffii mootummaatiin
qofa osoo hin taane aadaa ce'umsaa kallattii hundaa fiduudhaan
dhugoomsuu dandeenya. Kanaafis sekterri barnootaa, industiriin aadaa,
dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa; akkasumas, qaamoleen
haqaa wal-tumsuun hojjachuu qabu.
Aadaa haasaa keenyaa guddifachuuf amala abbaa-humnummaa keenya
ifatti mul'atu bira darbee waan akka hamii, agiboo, ciigoo, dubbii
namaatti bishaan naquufi kkf amala marmaartuu abbaa-humnummaa
keenyaa jala dhaabachuu qabna. Hawaasa dubbii kallattiitti amanuu fi
haala salphaadhan waliigalu uumuuf hawaasa amala dhokataa irraa gara
amala iftoominaatti ce'e hundeessuu qabna.
Hawaasa iftoomina qabu, icciitii fi ususa irra mari'achuu fi wal
hubachuuf iddoo kan qabu, odeeffannoo fi raga qabatamaatti kan
amanu, rakkinoota ukkaamsanii qabuun osoo hin taane saaxilanii
baasutti kan amanu, ususa boroo keessaarra marii fi falmii dirreetiin kan
dhaadatu, hawaasa qaroomaa uumuu qabna.
Biyyi keenya rakkinoota mariidhaan furuun, abbaa-humnummaan
manca'iinsa fiduu danda'u hir'isuu irratti shoora guddaa taphachuu kan
danda'u aadaa jaarsummaa qabdi. Duudhaalee saboota hunda bira jiran
keessaa tokko karaa nagaa walitti bu'iinsa ittiin hambisani dha.
Walitti-bu'iinsa hambisuu fi yoo uumames dhabamsiisuuf kan
gargaaran araarri hawaasummaa, jaarsummaa, dubbii ilaluu fi aadaa
dhiifama taasisuu faa qabna. Haata'u malee, duudhaaleen kunniin
hir'achaa waan dhufaniif murtoowwan hawaasummaa nageenyaa fi
waliigaltee biyyaatiif gahee taphachuu qabu hanga eegamu
taphachaatii hin jiru. Jaarsummaa fi jaarsoliif xiyyeeffannoo kennuun
nageenya buusuu fi lolatti amanuu qabbaneessuun dandeettii jaarsoliin
qabanitti fayyadamuu yoo dandeenye yaaliiwwan nageenyaa fi
waliigaltee biyya keenyatti ammaan dura darbee darbee taasifamaa
turan caalaa bu'aa ol-aanaa fiduu ni dandeenya.
Aadaan ijaarsa dimookiraasii keenya lammiileen dirree irra bobba'an
hundatti dimookiraatawaa akka ta'anii fi hariiroon mootummaa waliin
qabanis amaluma kanaan karaa qajeeltorra deemuu akka qabu irratti
kan xiyyeeffate dha. Kana milkeessuufis duudhaalee dimookiraasii
sadarkaa sadarkaadhaan lafa qabsiisuuf hojjachuutu nurraa eegama.
Uumamuun duudhaalee dimookiraasii misooma diinagdeetiin haalan
wal-keessa kan jiru yoo ta'es adeemsa uumamaa tirataa ta'e kana karaa
qaxxaamuraatiin ijaaruu barbaachisa. Kana gochuufis malli tokko golgaa
seeraa duudhaalee ijaaruuf gargaaran qopheessuu dha. Duudhaaleen
dhala namaa irra-deddeebii gochaa isaanii hordafuudhaan kan dhufan
waan ta'eef gochoota isaanii golgaa seeraatiin murteessuun duudhaalee
jiran gabbisuun ni danda'ama.
Fakkeenyaaf, seera ittiin bulmaataa afooshaa ykn wuujoo keenyaa irratti