text
stringlengths
0
196k
walitti qabaan miseensota waggaatti si'a sadi akka wal-ga'an keeyyata
dirqisiisu yoo qabaate, walitti qabaanis haaluma keeyyatichaatiin
miseensota walitti qabuu yoo eegale yeroo murtaa'een booda walitti
qabaan walitti qabamuu duudhaa taasifata; osoo wal-hinga'in yoo hafe
akka dogoggore yaaduu eegala. Haaluma wal-fakkaatuun,
miseensonnis walga'ii yoo waamamuu baatan walitti qabaan akka
dogoggore amanuu eegalu.
Kanaafuu, akkaataa dambii ittiin bulmaataatiin duudhaa itti
gaafatamummaa gabbifachuun danda'ameera jechuu dha. Kanaafuu,
hawaasa keenya keessatti sadarkaa sadarkaadhaan golgaa seeraa of
eeggannoodhaan bocuudhaan duudhaalee dimookiraasii ijaaruu ni
dandeenya. Dabalataanis, industiriin aadaa duudhaalee ijaaruu irratti
shoora guddaa akka taphatu deeggaruun barbaachisaa dha.
Itoophiyaan waggoottan digdamii saddeettan darban kana keessa
kallattii sekteroota adda addaatiin guddina diinagdee fi jijjiirama
hawaasummaa galmeessiftee jirti. Waggoottan digdamii
saddeettan darban kana dura lakkoofsi uummataa miliyoona 48 ture
ammaan kana gara miliyoona dhibbaatti dhiyaateera. Ammaan kana
harka dhibba keessaa harki 60 ol-ta'u umuriin uummataa dargaggoota
waggaa 30 gadi jiranidha.
Tilmaamni waliigala diinagdee ykn oomisha biyya keessaa (GDP) bara
1983 A.L.I tti biyya kana keessa ture hangi isa doolaara biliyoona 79
yoo ta'u bara 2010 tti immoo gara doolaara biliyoona 84.4 ta'uun
dachaa kudhan caalaa guddateera. Uummanni biyya keenyaa sarara
hiyyummaa (poverty line) jalatti argamu bara 1992 haala keessa ture
harka dhibba keessaa harki 44.2 hir'achuun bara 2008titti gara
dhibbantaa 23.5tti gadi bu'eera.
Haaluma wal-fakkaatuun, hirmaatni galii dhuunfaa (per capita GDP)
biyya keenyaa bara 1983 A.L.I tti gara doolaara Ameerikaa 164 ture bara
2010 tti gara doolaara 883tti guddateera. Umuriin jiraachuu fooyya'aa
dhufuudhaan jalqaba bara 1980moota keessa 47 kan ture bara 2009 tti
gara waggaa 6Stti ol-guddateera. Gama barnootaanis, ammaan kana
uummanni miliyoona 30 ta'an barumsa sadarkaa adda addaa irratti
argamu.
Jijjiiramni hawaas-diinagdee waggoottan darban keessa dhufan adda
dureedhaan mootummaan baajata mootummaa fi kaappitaala liqaa itti
dhangalaasuun tajaajila hawaasummaa adda addaa fi misooma
bu'uuraa babal'isuuf yaaliiwwan taasiseen kan argamanidha. Sadarkaa
idil-addunyaatti sababa hiriira tarree dandeettii haarawaa uumaameen
guddina argameef haala mijataa ala keessaa uumeera. Haaluma kanaan,
liqii faayinaansii misoomaa daran ol-aanaa ta'eefi liqii guddaan
argameera. Biyya keessattis karaa baankiiwwaniitiin maallaqni
funaanames investimentiif deeggarsa guddaa ta'eera,
Waggoottan darban guddinni diinagdee saffisaa fi walitti fufiinsa qabu
kan galmeeffame ta'us, rakkoowwan hedduu fi cabiinsa caasaa qaba.
Cabiinsa caasaa diinagdee kana sababootasaa mallattoowwan isaa irraa
adda baasuun beekuun rakkisaa ta'uun isaa ifadha. Rakkinoonni
bu'uuraa turanis: qaala'ina jireenyaa, fedhiin qusannaa fi investimentii
wal-simachuu dhabuu isaa, karoora dhabuu fi harca'insa pirojektoota
mootummaa, dadhabuu daldala biyya alaa fi hir'ina jijjiirraa maallaqa
biyya alaa, hir'ina baajataa, harkifannaa ce'umsa jijjiirama caasawaa,
daldala seeraan alaa fi kontirobaandii, kkf tarreessuun ni danda'ama.
Haa ta'u malee, rakkoowwan qeenxeen tarreeffaman kunniin of
danda'anii kophaatti kan dhaabatan osoo hin taane madda dadhabina
diinagdee murtaa'aa keessaa kan waraabamandha. Dabalataanis
mallattoo dhibeewwan bu'uuraa wal-keessa jiranii tokkoo ykn lamaati.
Kanaafuu, biyyi keenya waggoottan darban haalli diinagdee, haalonni
rakkisoo fi qormaata turanii fi mallattoowwan cabiinsaa diriirsanii
ilaaluun dhibee bu'uuraafi ka'uumsa dhibee sanaa adda baasuuf nu
gargaara.
Guddina Diinagdee fi Fayyadamummaa Haqa-qabeessa
Guddinni diinagdee sadarkaa sadarkaadhaan kan uummata fayyadu
ta'uu qaba. Gama kanaan rakkooleen bu'uuraa deddeebi'anii biyya
keenya mudatan: olka'iinsa gatii fi qaala'iinsa jireenyaa, qoqqoodinsa
qabeenyaa wal-madaalaa hin ta'in, carraa hojii amansiisaa fi itti-fufiinsa
qabu dhabamuu fi qulqullinni misooma bu'uuraa hawaas-diinagdee
jiraachuu dhabuun qormaata biyyittii rakkoowwan bu'uuraa ta'anidha.
Ol-ka'iinsi gatii heddumminaan mul'atu agarsiiftuu rakkoo diinagdee isa
tokko dha. Diinagdee keessatti olka'iinsi gatii sadarkaa dijiitii tokkootiin
kan daangeffamu yoo ta'u, abbootii qabeenyaatiifis ta'ee warra
bitataniif, akkasumas, fayyummaa diinagdee waliigalaatiif filatamaa dha.
Biyya keenyatti waggoottan darban olka'iinsa gatii dijiitii tokkoon
daangessuun kallattii imaammata mootummaa ture. Haata'u malee,
ragaaleen jiran akka agarsiisanitti, bara 1995-2010tti baroota baajataa
turan keessa olka'iinsi gatii jiddu-galeessaan dhibbantaa 15 waan ta'eef
karooricha milkeessuuf qormaata hamaa ta'ee tureera. Sababa ol ka'iinsa
gatii walitti-fufiinsaan mul'ate kanaan waggoottan hedduuf gatii
dhaabbataa kan qabuu fi hawaasni bal'aan hiyyeessa ta'e rakkoo kanaaf
garmalee saaxilameera. olka'iinsa gatii waggoottan hedduu kanaaf
walitti-fufiinsaan isaan mudatu biyyoonni baachuu danda'an baay'ee
muraasa dha.
Biyya keenyatti qaala'ina jireenyaa walitti-fufiinsaan mudateef sababni
guddaan: imaammata maallaqa mootummaa, jeeqama haala qilleensa
biyya keessaa fi haalota idil-addunyaa mudatan hundi gumaacha mataa
isaanii qabaachuu akka danda'an ni beekama. Haata'u malee, sababni
guddaan olka'iinsa gatii wal-madaaluu dhabuu fedhii fi dhiyeessii
hordofuun irra-jireessaan qaala'insa gatii shaqaxa nyaataa waliin kan
wal-qabate ta'uun isaa jala muramee beekamuu qaba.
Qabatamaan akkuma beekamu, misoomni fulla'aa fi boqonnaa
tokkorraa gara boqonnaa birootti ce'u jiraachuu kan danda'u guddinni
argamu qaamolee hawaasaa gara caalu bira yoo ga'ee fi
fayyadamummaan haqa-qabeessaa fi madaalawaa ta'e yoo mirkanaa'e
dha. Sochiiwwan misoomaa keessatti tokko fayyadamaa inni biroo
immoo daaw'ataa yoo ta'e nageenyas ta'ee dagaagina waliigalaa fiduun
hin danda'amu.
Dhugaadha, adeemsa gabaa bilisaa keessatti qabeenya wal-qixaa,