text stringlengths 0 196k |
|---|
lammiilee beekumsaa fi dandeettii hin qabne misooma irraa wal-qixa |
fayyadamtoota gochuun hin danda'amu. Garuu, lammiileen hanga |
safartuu dandeettiiwwan eerreetiin fayyadamuudhaaf carraa wal-qixaa |
akka qabaatan gochuun dirqama ta'a. Mirgi carraa wal-qixaa argachuu |
kunis gadi bu'ee qabatamaadhaan akka mul'atu mootummaan |
tarsiimoo mataasaa diriirsuu qaba. Kun akkuma jirutti ta'ee, sababa |
caasaa seenaa darbeen micciirameetiif gareewwan carraa misoomuu hin |
qabneef tarkaanfiiwwan carraa misoomuu uumuuf fudhachuun |
barbaachisaa dha. Sababiin isaas, biyya keenyatti guddina madaalawaa |
fiduun kan danda'amu hojiiwwan misoomaa karaa haqa-qabeessa |
ta'een lammiilee biraan ga'uun yoo danda'ame qofadha. Guddina |
diinagdee qulqullina hin qabne rakkinoota isaan qabatanii dhufan |
keessaa tokko galii lammiilee biyyattii irratti garaagarummaa bal'aan |
yoo jiraate dha. Safartuu faca'insa qabeenyaa fi galii lammiilee gidduu |
jiruu kan ta'e Jiinii kofishentii (Gini coefficient) biyya keenyaa bara |
baajataa 2008 titti 0.33 ta'uun galmaa'eera. Raawwiin kun ija biyyoota |
Afrikaa birootiin yoo ilaalle fooyya'aa dha. Haata'u malee, Jiinii |
kofishentii bara baajataa 2003 ture 0.30 fooyya'ee dabalata argamsiisuu |
danda'eera. Irra-jireessaan, sababni ka'umsa garaagarummaa galii |
guddina diinagdee osoo hin taane karaa guddinni diinagdee ittiin dhufe |
dha. |
Babal'inni misooma bu'uuraa liqii mootummaa ol-aanaa ta'e jiddu |
galeeffate irra-caalatti kan fayyade abbootii qabeenyaa muraasa kallattii |
sanarra bobba'an qofa dha. Humni namaa bal'aan pirojektoota keessatti |
qacaramanii hojjataniif kaffaltii ol-aanaas ta'ee carraa hojii dhaabbataa |
fi amansiisaan hin uumamneef. Ta'us, waan lakkoofsi agarsiisuu olitti |
gaaffiin lammiilee haala jiru keessatti hammatamuu fi haqaan |
tajaajilamuuf bal'inaan ka'a. Kunis haala itti aanu keessatti waan |
xiyyeeffannoo barbaadu dha. Qaamoleen hawaasaa hiyyeessa |
hiyyeessaa gadii ta'an guddinicharraa hanga barbaadamu fayyadamoo |
waan hin taaneef xiyyeeffannoo addaa barbaadu. |
Guddina diinagdee hordofuun lammiileen sarara hiyyummaatii gadi |
jiran lakkoofsi isaanii hir'atus gama biraatiin lakkoofsi lammiilee |
hiyyummaa hamaa keessa jiranii dabalaa akka jiru qorannoowwan jiran |
ni agarsiisu. Kun wanti inni nutti agarsiisu, lammiileen sarara |
hiyyummaatii gadi turan muraasni sarara hiyyummaatii olitti |
ba'uudhaan hiyyummaa keessaa ba'anis, lammiileen gar-tokkeen garuu |
hiyyummaan isaanii garmalee dabaluun asii-gadi bu'anii akka gadi |
fagaatanidha. |
Inni biraa hubatamuu qabu, hiyyummaadhaa ba'uu jechuun jireenya |
madaalawaa fi mijataarra ga'uu jechuu akka hin taane dha. Lammiileen |
hiyyummaadhaa erga ba'anii boodas hojiin misoomaa fedhii isaanii |
guutu hin dhaabatu. Inumaayyuu, waan yeroodhaaf sooratan argachuun |
jireenya qabsoo irratti xiyyeeffate bira darbuun beekumsaan sammuu |
ofii misoomsuutti akka ce'an hojii misoomaa itti-fufiinsa qabu gaafata. |
Kallattii kanaan, wal'aansoon misooma biyya keenyaa injifannoowwan |
ol-aanaa galmeessisus adeemsi nu hafu baay'ee dheeraa dha. |
Hoji-dhabdummaa fi baay'inni uummata hojii gad-aanaa irratti |
bobba'anii baay'ee ol-aanaa ta'uun isaa qormaata ulfaataa biyya keenya |
mudatan keessaa madda hiyyummaa isa ol-aanaa dha. Hojiin misoomaa |
uumame hoji-dhabdummaa hanga tokko kan hir'ise ta'us namoonni |
hojii barbaadanii fi carraawwan hojii uumaman fardaaf lafa dha. |
Keessattuu rakkinni tajaajila faayinaansii fi bibittinnaa'uun haala |
hojmaata investimentii sekteroota dhaabbilee dhuunfaa mudatan |
carraawwan hojii bal'aa fi amansiisaa uumuu hin dandeessifne. Kana |
malees, lammiiwwan dargaggeeyyii kaka'umsii fi dandeettiin hojii |
uumuuf qaban horachuunis qormaata carraa hojii uumuu gadi hin taane |
ta'ee jira. Carraan hojii babal'achuu kan danda'u namoonni kaka'umsa |
qaban ofii isaaniitiif hojii uumanii, hojiin uumanis milkaawaa fi bu'a-qabeessa ta'ee, |
lammiilee birootiif carraa hojii yoo uume dha. Kanaafuu, |
ka'umsa carraa hojii uumuu ta'uu kan qabu lammiilee hojii uumuu |
danda'an jajjabeessuu dha. |
Biyya keenyatti waggaa waggaadhaan lammiilee miliyoona lama ta'antu |
umurii hojiitiif kan ga'an yoo ta'u carraa hojii diinagdeen isaaniif uumu |
miliyoona tokko hin caalu. Yeroo ammaa kana biyya keenyatti lakkoofsi |
namoota hojii barbaadanii miliyoona 10-14 akka ta'u ni tilmaamama. |
Kutaan baadiyyaa biyya keenyaa akka ammaan duraa hoji-dhabdoota |
of-keessa dhoksee jiraachuu hin dandeenye. Kutaa baadiyyaa biyya |
keenya keessatti lafa qonnaa dhabuun bal'inaan kan mul'atuu fi hir'inni |
carraa hojii rakkoo guddoo osoo hin furamin jiru dha. Sagantaawwan |
hojii uumuu yeroo adda addaatti yaalaman bu'aawwan muraasa kan |
argamsiisan ta'ullee, itti-fufiinsaan carraa hojii babal'isuuf kan abdiin irra |
kaawwamu jechuun rakkisaa dha. Haala kana keessaa ba'uudhaaf bu'a |
qabeessummaan guddina diinagdee gara fuulduraa hoji-dhabdummaa |
haaluma jirurraa uumame furuudhaan; akkasumas, adda-dureedhaan |
carraa hojii dargaggootaaf uumuun safaramuu qaba. |
Dargaggoonni guddina diinagdee keessatti fayyadamoo osoo hin ta'in |
yoo hafanii fi sirni diinagdee hirmaachisummaa keessaa maddiitti yoo |
isaan baase; sababa kanaanis hoji-dhabdummaaf yoo saaxilaman, |
kophummaaf saaxilamu. Sababa kanaanis uummata keessaa ba'an ija |
gaariin ilaaluu dhiisu. Wayita kana ta'u humna namaa boru biyya kana |
bulchuu danda'utu qisaasa'ee hafa. |
Qormaanni qulqullina misooma bu'uuraa hawaas-diinagdee rakkoo ijoo |
dha. Waggoota darban baajata mootummaan ramadeen misoomni |
bu'uuraa hawaas-diinagdee bal'aan diriireera. Kanarraa ka'uudhaan, |
hir'inoonni misooma bu'uuraa biyyattiitti mul'achaa turan gamisaan |
furamaa dhufeera jechuun ni danda'ama. Qoodni baasii mootummaan |
misooma bu'uuraa diriirsuuf baase ija diinagdee waliigalaatiin yoo |
madaalame baay'ee ol-aanaa fi addunyaa irratti fakkeenya ta'uu kan |
danda'u dha. Ta'us, qaawwi misooma bu'uuraa Itoophiyaan qabdu |
baay'ee bal'aa waan ta'eef, gara fuulduraattis hanga humni danda'e |
dhimma kana jabaatanii fuul-duratti dhiibuu gaafata. Kun akkuma jirutti |
ta'ee, xiyyeeffannoon hanga ammaatti misooma bu'uuraa diinagdeefis |
ta'ee hawaasummaa babal'isuuf kenname qulqullinaaf wal-qixa hin |
kennamne. Hir'inni kun: tajaajila humna ibsaa, daandii, bishaan, |
telekoomii, barnootaa fi fayyaa irratti hir'ina mul'atu dha. Kanaafuu, |
wayita itti-aanutti qulqullina misooma bu'uuraa kanaaf xiyyeeffannoo |
guddaa kennuu barbaachisa. |
Kallattii Gad-dhiisuu Diinagdee Waliigalaa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.