text
stringlengths
0
196k
Hir'inni wal-simachuu dhabuu daldalaa, hir'inni baajataa, wal-simachuu
dhabuu liqii fi investimentii, hir'ina sharafa biyya alaa fi ulfaatinni liqii fi
rakkoowwan diinagdee waliigalaa (macroeconomy) kana fakkaatan
kanneen biroos adda-dureedhaan rakkinoota guddina diinagdeetiin
wal-qabatanii dhufan akka ta'an beekamus, dadhabinni hoggansa
tarsiimawaa mootummaan qabu itti dabalamee haalli rakkinoonni
kunniin wal-xaxaa fi hammaataa itti ta'an biyya keenyatti waggoottan
darban mul'ateera. Rakkoowwan diinagdee xixiqqaa kana wal-simachuu
dhabuu madaallii keessaa fi alaa jechuun bakka lamatti qooduun
ilaaluun ni danda'ama.
Wal-simachuu dhabuu madaallii diinagdee keessaa jalatti hir'ina
baajataa fi qusannaa biyya keessaa fi investimentiin wal-simachuu
dhabuun isa bu'uuraati. Galiin mootummaa galii biyya keessaa,
deeggarsaa fi liqii biyya alaa irraa argama. Kana keessaa gahee ol-aanaa
kan qabuu fi irra-caalatti amansusaa kan ta'u galii gibiraati.
Xiyyeeffannoon imaammata mootummaa inni guddaan galii gibiraa
guddisuu fi sekteroota bu'aa misoomaa ol-aanaa argamsiisuu danda'an
irratti baajata isaa dhangalaasu dha. Biyya keenyatti waggoottan
saddeettan darban galiin gibiraa guddina jajjabeeffamuu qabu
argamsiisuudhaan pirojektoota misoomaa gurguddaa adeemsisuu
irratti gumaacha guddaa taasisus, galiin gibiraa gaheen oomisha biyya
keessaa waliigalaa irraa qabu hir'achaa dhufeera.
Qabeenyi galii gibiraa bara baraan hir'achaa dhufuusaa qofa osoo hin
taane, galii gibira biyyoota gita guddina biyya keenyaatiin jiranii gadi
dha. Galii gibiraa guddisuuf bulchiinsa gibiraa ammayyeessuu, bu'uura
isaa bal'isuu; akkasumas, aadaa kaffaltii taaksii fedhii irratti hundaa'e
dagaagsuu barbaachisa.
Walumaagalatti, baasiin baajata Itoophiyaa harki guddaan hojiiwwan
kaappitaalaatiif kan ramadamu ta'uun isaa gaarii ta'ee osoo jiruu, baasii
idileetiif kan ramadamu yeroo mara xiqqaa ta'uunsaa hojiiwwan
raawwachiisummaa akka miidhaman taasiseera. Karaa biraatiin,
faayinaansiin misoomaa biyya keessaa qofa osoo hin taane liqii biyya
alaa irraa illee kan dhufe yoo ta'u, biyyittiin dhiibbaa idaa ulfaataa ta'ee
keessa akka seentu taasiseera.
Walumaagalatti, gama galii fi baasii mootummaatii n qormaanni jiru kan
agarsiisu laafina galii biyya keessaa funaanuu irratti qabnu, idaa biyya
alaa of-irraa galchuun baay'ee gad-aanaa ta'uusaa, akkasumas, fedhiin
baasii keenyaa yeroodhaa gara yerootti hanga qabeenya galiin keenya
itti guddatuu olitti dabalaa jiraachuu isaati. Sababii kanaanis hir'inni
baajataa daangaa kaa'ame bira akka hin darbineef jecha fedhiin akka
daanga'u taasifameera. Kunis adeemsa fedhii misooma bu'uuraa
lammiileen keenya qaban guutuu keessatti dhiibbaa hir'inaa uumee jira.
Gama madaala diinagdee biyya keessaa eeguutiin qusannaa fi
investimentii gidduutti wal-irraa fageenyajiru dhiphisuu hin dandeenye.
Qusannaan biyya keessaa fi investimentiin waantota faallaa walii
deemaa jirani dha. Qusannaan biyya keessaa wayita guddatu,
maallaqichi madda kaappitaala investimentiif oolu waan ta'uuf;
investimentiinis qixuma sanaan akka guddatutu eegama. Haata'u malee,
biyya keenyatti guddina qusannaa fi guddina investimentii gidduu
garaagarummaan jiru bal'achaa deemaa jira. Investimentii hedduun
biyya keessaa maallaqa qusannaatiin osoo hin taane maallaqa biyya alaa
(liqii fi gargaarsaan) aguugamuun isaa hir'ina dha.
Qusannaa biyya keessaa sadarkaa mootummaa, kaampaaniiwwanii fi
maatitti hanga barbaadame akka hin guddanne qormaata kan itti ta'e
dhimmi tokko aadaan sooramuu garmalee dagaagaa dhufuu isaati.
Ka'umsi keenya hiyyummaa hamaa keessaa waan ta'eef galiin yeroo
dabalu aadaan haalaan sooramuu dabaluun waan nama dinqu miti.
Sababiin isaas, dhalli namaa qusannaa caala fedhiiwwan bu'uuraa isaa
akka guutuuf dursa kenna. Lammiileen galii isaanii hunda, yoo
hammaate immoo liqii fudhachuun, ni sooratu yoo ta'e qusannaan
jiraachuu hin danda'u. Qusatanii fi duudhaalee ijaaranii jireenya
dhuunfaafi maatii isaaniitiif qabeenyaa yeroo rakkootiif ooluu fi
dhaloota dhaalchisuu danda'an horachuu hin danda'an.
Karaa biraatiin, barnoonni maallaqaan wal-qabatan qulqullinaanis ta'ee
bal'inaan hin kennamne. Kunis lammiileen hubannoon waa'ee baankii fi
tajaajila maallaqaa qaban daanga'aa akka ta'u gochuun qusannoon
keenya hanga barbaadame akka hin guddanne taasiseera. Murtoon
qusachuu hubannoodhaan alatti dhimma faayidaa soorachuu fi
qusachuu waliin madaaluun kan caalatti na fayyada jedhan irratti
murteessuuti.
Gama kanaan fedhii qusachuu lammiileen qaban kan dadhabsiise
bu'aan dhala qusannaa sababii ol-ka'iinsa gatiitiin waan gadi bu'eef.
akkasumas, karaa dhaabbilee faayinaansiitiin tajaajilli qusannaa
jajjabeessu waan hin babal'anneefidha. Gama mootummaatiinis
inshuraansii fi hojiiwwan gurgurtaa boondii qusannaa deeggaran
diriirsuun bu'aa gaariin kan itti argame ta'ullee haalli hojmaataa
qusannaa ga'aan waan hin diriirfaminiif qusannaan hanga sadarkaa
eegamee akka hin guddanne taasiseera. Sababuma kanaan, qusannaa
biyya keessaa hanga barbaadame guddisuun waan hin danda'amneef
qusannaa biyya alaatti garmalee maxxantuu taanee akka jiraannu nu
taasiseera. Mudoon kun babal' achaa kan deemu yoo ta'e dhiibbaa
biyyoota alaatiif kan nu saaxiluu fi walabummaa imaammataa kan nu
dhabsiisu ta'uu caalayyuu carraan amansiisaa ta'uu fi itti-fufiinsa
qabaachuu isaa baay'ee xiqqoo dha.
Agarsiiftuun madaala irraa baduu diinagdee waliigalaa inni biraa,
madaalli biyya alaa karaa gadi dhiisuu isaa yoo ta'u, adda-dureedhaan
madaallii raawwii baasii fi galii daldalaatiin wal-qabata. Haala sadarkaa
oomishtummaa diinagdee biyya keenyaa amma jiruutiin, shaqaxootas
ta'ee meeshaalee misoomaa sochii diinagdee biyya keenyaatiif
barbaachisoo ta'an biyya keessatti guutuun waan hin danda'amneef
alaa galchuun dirqama ta'a. Kana milkeessuufis dhiyeessiin sharafa alaa
murteessaa dha. Hir'inni madaallii daldalaa hir'ina sharafa alaa
yaaddessaa ta'eef nu saaxileera. Hangi sharafa birrii ija maallaqa jajjaboo
idil-addunyaatiin ol-ka'uun isaa daldala alaa caala daldala galii bu'a
qabeessa taasisuun rakkina mataasaa uumeera.
Dhiyeessiin sharafa alaa keenya madda amansiisaa kan ta'e haala
raawwii daldala shaqaxootaa biyya alaa fooyyessuurra haala gadi aanaa
ta'erraa gara hallayyaatti deemaa jira. Fedhiin meeshaalee galii
diinagdichaa waggaarraa gara waggaatti dabalaa waan deemeef