text
stringlengths
0
196k
hir'ina mootummaa of-keessatti hammata. Dadhabina qaamolee
to'annaa sekterichaa, hannaa kkf waliin rakkoowwan wal-qabatan
akeektuu rakkoowwan mootummaati.
Haqa-qabeessummaa odeeffannoo waliin wal-qabatee falaasama
gabaa bilisaa keessatti abbootiin qabeenyaa dhuunfaa waa'ee oomisha
oomishanii yookiin waa'ee tajaajila kennanii mootummaas ta'ee
maamiltoota isaanii caala odeeffannoo fooyya'aa qabu. Kanaafuu,
odeeffannoo kana fayyadamuun bu'aa humnaa-olii gabaa argachuu
fedhuun isaanii akka cubbuutti ilaalamuu hin qabu jechuun hayyoonni
morman jiru. Sababiin isaas fedhiiwwan wal-fakkaatoo sirreessuun
gahee mootummaa waan ta'eef gahee kana ba'achuu dadhabuun
hir'ina mootummaati malee hir'ina gabaa miti jedhu.
Seenaa haala qabatamaa waayitawaa biyya keenyaa keessatti maddi
ijoon hir'ina mootummaa, gabaa walabaa keessa lixuu mootummaa
biraa mul'atu waliin wal-qabata. Mootummaan dhaabbilee misoomaa
hundeessuudhaan gabaa keessa oomishtummaan yoo seenu,
dhaabbilee mootummaa kana keessa ogeessonnii hoggantoonni
hojjatan ofii isaaniitiif hoojatu osoo ta'ee kaka'umsa ittiin hojjachaa
jiraniin hin hojjatan. Qormaanni dhibaa'ummaan qacaramaa kuni
dhaabbilee mootummaa keessa qofa osoo hin taane rakkoo dhaabbilee
dhuunfaa keessallee jiru dha. Ta'us garuu miiraa aadaan dhibaa'ummaa
baay'ee ol-aanaa ta'e dhaabbilee mootummaa keessatti haala salphaa
ta'een waan lafa qabatuuf hojiiwwan hojjataman si'aayinaanis ta'ee
bu'a-qabeessummaadhaan carraan hojjatamuu hojii dhaabbilee
dhuunfarra baay'ee gad-aanaa dha.
Qormaanni dhibaa'ummaan qacaramaa dhaabbilee mootummaa caala
dhaabbileen dhuunfaa tooftaa faayidaaf-dheekkamsuu wal-bira qabuu
fayyadamuun hojjachiisuutiin furuu ni danda'u. Dhaabbileen dhuunfaa
deddeebi'ee kisaaraan yoo isaan irra ga'e waan diigamanii
hoggantoonnii ogeessonni waan bittinnaa'aniif, dhaabbilee kanneen
bu'a-qabeessa gochuun dhimma jiraachuu hojjattootaallee ta'a.
Kanaafuu, mindaafaayidaawwan hojjattoota kanneeniif kaffalamu bu'a
qabeessummaa isaaniitiin wal-qabata. Faallaa kanaatiin, dhaabbileen
mootummaa wabii mootummaatiin akka jiraatanitti waan yaadaniif,
hojjataan hojii qulqullina qabu hojjatee jiraachuuf kaka'umsi qabu
baay'ee gad-aanaa dha.
Sababa bu'uura kanaan biyya keenyatti mootummaan diinagdee
keessatti misooma irratti hirmaatee bu'aa ol-aanaa kan galmeessise yoo
ta'ellee, adeemsa keessa garuu ammuma harki isaa dheerachaa dhufu
humni dhaabbilee ga'umsi hoggantootaa hir'ina qabaachuu isaanii irraa
kan ka'e qisaasa'iinsi uumaman, sirna to'annaa daangaa darbee
dhaabbilee dhuunfaa ukkaamsu, haala kenniinsa tajaajilaa
bibittinnaa'aa, kaka'umsa kan nama keessatti ajjeesuu teekinooloojii
caala shakkiidhaan kan hogganamu sirna of-irraa baasoo, mirgi
qabeenyaa kabajamuu dhabuu, dhabamuu bulchiinsa gaariihir'ina
ga'umsaa bulchiinsa pirojektichaa rakkoowwan uuman hir'ina
mootummaa uumeera.
Keessattuu, agarsiiftuu hir'ina mootummaa kan ta'e rakkoo karooraa
qindoomina-dhabuu bulchiinsa pirojektii mootummaati. Piroj ektiiwwan
mootummaa gurguddaanii sochiiwwan misoomaa gama hedduu
kallattii karoorfamerra akka adeeman dandeessisuu qaba. Hojiiwwan
misoomaa keenya qabeenya qusachuu bu'a-qabeessa ta'uu akka
danda'u gochuun dirqama mootummaati. Haa ta'u malee,
pirojektiiwwanii sochiiwwan misoomaa biyya keenyaa mudoowwan
mudataniidadhabbinni mul'atan akaakuu pirojeetiitiin garaagarummaa
qabaatus, akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu baay'inaan ga'umsa
raawwachiisummaa dadhabaa, gama mootummaatiin hordoffii cimaa
kutannaa qabu jiraachuu dhabuusaa baay'achuu hannaa waliin wal-qabata.
Bu'a-qabeessummaa hojiiwwan misoomaa guddisuuf qisaasa'ummaa
saamicha irraa bilisa gochuuf pirojektiiwwan mootummaa humna
bulchiinsaa isaanii jabeessuun barbaachisaa dha. Qorannoon bu'a
qabeessummaa pirojektota kanneen irratti adeemsifamuun qaama
dandeettii ga'umsa qabuun akka hojjataman gochuun barbaachisaa
dha. Akkasumas, yeroobaajata qabameefiin akka goolabaman
qophiiwwan barbaachisoo, hordoffii to'annaa gochuu; akkasumas, kuni
ta'uu yoo baate, tarkaanfii sirreeffamaa kutannaa qabu fudhachuun
dirqama ta'a.
Kanuma birattis, pirojektonni misoomaa kan mootummaa teekinooloojii
uumuu bulchiinsaan humna dhaabbilee xixiqqaa giddugaleessa bakka
itti uumamanii jabaata n gochuuf xiyyeeffannoo kennee hojjachuu qaba.
Raawwii pirojeektota gurguddaa dhaabbilee misoomaa kan
mootummaa fooyyessuuf, madaallii jijjiirama muraasa taasifamuun
tarsiimoo ol-aanaadhaan furmaata kan ta'u sekterri dhuunfaa
hirmaannaa hojiiwwan misoomaa irratti qabu guddisuu dha. Kana yoo
ta'e diinagdee keessatti si'aayinaa bu'a-qabeessummaa fiduun ni
danda'ama. Falaasamni siyaas-diinagdee mootummaa dambiiwwan ijaarsa
kaappitaalistii mootummaadhan geggeeffamu hordofuun sekteroota
dhaabbileen dhuunfaa bu'a-qabeessa ittiin ta'uu hin dandeenye
mootummaan misoomaan akka hojjatu kan kaayyeffate dha. Haaluma
kanaan, abbootii qabeenyaa dhuunfaa faana hojjachuu wal-deeggaruu
kallattiin bu'uureffate kan kaa'ame ta'ullee adeemsa keessa kan
uumame garuu kaappitaalizimii michoomaati.
Keessattuu, yeroo dhiyootii asitti hanga ta'es ta'u namoonni gama
sektera dhuunfaatiin adda-dureedhaan diinagdee sochoosuu
danda'aniihumnoota misoomaa too'atan namoota mootummaa waliin
hariiroo qaban, hidhata-faayidaatiin yookiin firoominaan hariiroo cimaa
kan uummatani dha.
Utubaa sirna kaappitaalistii kan ta'e amalli faayidaa dhuunfaa namootaa
dursuu to'annaa mootummaa cimaa kaappitaala hawaasummaa
uummataa ol-guddisuun yoo deeggaramuu baate biyya balleessuun
isaa waan hin oolle. Haa ta'u malee, caasaan mootummaa matuma
isaatiin hayyoota siyaas-diinagdee abbootii qabeenyaa sharika isaanii
ta'aniin faayidaa dhuunfaatiin akka ijaa badee yoo butame rakkinichi
kana caalayyuu wal-xaxaa ta'a. Kanaafuu, mootummaan sirna isaa
ajandaawwan diinagdee mudoowwan michootaa irraa bilisa akka
oftaasisu hojiiwwan du'aajireenyaa hojjatamuu qabu. Kana ta'uu