text stringlengths 0 196k |
|---|
baannaan humni diinagdee humna siyaasaa waan haqanqaaluuf |
hayyoota siyaas-diinagdee michuuwwan isaaniitiif qofa sirni dhaabate |
uumamuun isaa waan ooluu miti. |
Sirni kaappitaala michootaa qabeenya hanna ija-baasaadhaan |
kuufaman qofa osoo hin ta'in; saba qindaa'eexiinxalameen, mooksuun, |
si'aayinaa kkf fayyadamuu n tooftaalee dogoggorsiisuun deeggaramuun |
hanna ijaarameen adeemsa qabeenya seeran-alaa kuufachuuti. Ta'us |
garuu, hanguma mootummaan gabaa keessa seenu naannawaa |
mootummaatti giti-bittaa uumamuu waan danda'uuf haqa-dhabuun |
hawaasummaa yaaddessaa ta'aa dhufeera. |
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin mootummaan fedhii dhiyeessii |
gidduutti wal-simannaan akka jiraatu, qooddannaanii ramaddiin |
qabeenyaa haqa-qabeessa ta'e akka mirkanaa'u; akakasumas, |
sekteroota filatamanii dhaabbileen dhuunfaa haala salphaa ta'een irratti |
bobba'uu hin dandeenye irratti mootummaan hirmaachuun humna |
misoomaa isa jalqabaa waan ta'eef guddinaa misoomaaf shoora bakka |
bu'aa hin qabne taphata. Kana malees, shoorri mootumaa inni guddaan |
tapha dirree diinagdee diriirsudhaan; akkasumas, dambiiwwan |
dorgommii naamusa diinagdee baasudhaan dorgommii haqa |
qabeessaa qindoominni akka jiraatu karoora, imaammataa tarsiimoo |
hammataa qopheessuu dha. Haa ta'u malee, mootummaan adeemsa |
kana keessatti ofii isaa dhiibbaa hayyoota diinagdee jalaa bilisa |
ofbaasuu qaba. Mootummaan sirnicha boojuu kufaatii mootummaa |
irraa baraaruuf of qulqulleessuu humna to'annaa humnaa-ol |
jabeeffachuun dirqama irraa eegamu dha. |
Dimshaashumatti karaa dheeraa Itoophiyaan baroota dheeraaf irra |
deemte duubatti deebinee yoo daaw'anne, mootummaan akka |
qooddataa diinagdee tokkootti gahee guddaa qabaachaa ture. |
Kanaafuu, sirnoota adda addaa keessa ciminootas ta'ee hir'inoota turan |
wayita ilaallu adeemsa mootummaa gadi fageenyaan sakatta'uun |
sababoota ka'umsa hir'inoota hedduu hubachuufis ta'ee furmaata |
isaanii argachuuf haala gaariin gargaara. |
Hir'ina Sirnootaa |
Dhimmoota biyya keenyatti waggoota hedduuf rakkoo ta'uun turan |
keessaa inni jalqabaa barbaachisummaa sirna ijaaruu itti xiyyeeffachuu |
dhabuu fi muuxannoo akka-feeteedhaan uummata bulchuutu ture. |
Dhimmi sirna ijaaruu adda dureedhaan dambiiwwan tapha siyaasaa |
qopheessuu fi dhimma ga'umsaan uummata bulchuuti. Kaayyoon |
barreeffarneef, bakkii fi yeroon itti barreeffame garaagarummaa |
qabaatullee kabajamaa Naggaadiraas Gabrahiyiwoot Baayikadaanyi |
waggoota dheeraa dura waayee barbaachisummaa sirnaa ifa godhanii |
akka kaa'anitti, "Uummanni sirna hin qabne humna jabaa hin qabu. |
Maddi humnaa sirna malee baay'ina waraanaa miti. |
Mootummaa bal'aa sirna hin qabnerra, magaalaa xiqqoo seeraan bultu ogummaa qabdi." |
Kana ka'umsa godhachuun, diinagdee biyya keenyaa akka sirna |
biyyoolessaatti fudhachuudhaan sakatta'uu barbaachisa.Armaan olitti |
hir'ina gabaa fi hir'ina mootummaa wal-bira qabuudhaan ilaalle bakka |
tokkotti ilaaluun nubarbaachisa. Akka biyya guddachaa jirtuutti, |
kuufama rakkoowwan sirnaa qabnu hubachuun nubarbaachisa. |
Akkasumas, biyya keenyatti dhaabbileen barnootaa fi hawaasummaa |
taatota gurguddoo diinagdee yoo ta'an, garuu xiyyeeffannoo waan hin |
arganneef isaanis yaada keessa galfachuun hir'inoota keenya ilaaluu |
qabna. Dhimmoota kanneen hunda yaada keessa galfachuun wayita |
ilaallu, sababni guddaan cabiinsa diinagdee biyya keenyaa hir'ina |
sirnaati jechuu nidandeenya. |
Hir'inni sirnaa, wal-xaxaa ta'uu diinagdee fi haala itti-fufiinsa qabuun |
jijjiiramaa ta'uu isaa agarsiisa. Yaad-rimeen hir'ina sirnaa hir'ina gabaa fi |
hir'ina mootummaa kopha kophaatti diinagdee diinagdee biyyattii |
keessatti rakkinoota mul'atan xiinxaluuf fayyadamuun fakkii rakkinichaa |
guutuusaa hubachuun rakkisaadha kan jedhu dha. Kanaafuu, diinagdee |
akka sirna wal-xaxaa tokkootti fudhachuun sadarkaa galtee, adeemsaa |
fi bu'aa ilaaluun barbaachisaa dha. Haala wal-qabataa ta'een, akka sirna |
biyyoolessaatti ilaaluun, rakkoowwan diinagdee keessa jiran sirnaan |
hubachuu fi filannoo imaammataa hojii irra oolchuuf shoora ol-aanaa |
taphata. Diinagdee biyya tokkoo keessatti sektera mootummaa fi |
sektera dhuunfaatti dabalatee adda-dureedhaan taatota lama adda |
baasuun nidanda'ama. Isaanis: dhaabbilee miti-mootummaa fi |
dhaabbilee barnootaa. Motorrii fi humni oomisha diinagdee inni ijoon |
sektera dhuunfaa yoo ta'u, dhaabbileen barnootaa fi qorannoo |
dhaabbilee dhuunfaatiif humna nama baratee fi hojiiwwan qorannoo fi |
qo'annoo dhiyeessuudhaan deeggara. Mootummaan tapha diinagdee |
waliigalaatiif aguuggii seeraa qopheessudhaan, sadarkaa fi too'annaa |
qulqullinaa baasuudhaan; akkasumas, qooddataa diinagdee isa ijoo |
ta'uudhaan gumaacha guddaa taasisa. Dhaabbileen miti-mootummaa |
sirna gabaatiif kan hin bullee fi gabaa keessatti kan hin mul'anne |
dhaabbileen tola-ooltummaa hojiiwwan misoomaatiif deeggarsa |
gochuu fi gargaarsa namummaa kennuudhaan shoora ol-aanaa |
gumaachu. |
Kanaafuu, guddinaa fi misooma diinagdee sirrii fi itti-fufiinsa qabu |
mirkaneessuun kan danda'amu taatota kanneeniin (mootummaa, |
abbootii qabeenyaa, dhaabbilee miti-mootummaa fi dhaabbilee |
barnootaa) gidduutti hariiroo jabaan yoo uumame qofa dha. |
Qooddataan isa tokkoo ykn lamaa kophaa kophaatti cimaa ta'uudhaan |
ba'uu; guddinaa fi misoomni diinagdee sirrii mirkanaa'uu hin danda'u. |
Taatota diinagdee kanneen gidduu hariiroo fi hidhata cimaan osoo hin |
hiikamin yoo hafe rakkinoota uumamaniin hir'ina sirnaa jenna. |
Ija ilaalcha hir'ina sirnaatiin, misoomni qooddataa tokkoon kophaatti |
milkaa'uu hin danda'u. Taatota diinagdee gidduutti hariiroo fi hidhata |
cimaa qabaachuun humna murteessaa dha. Hariiroo fi hidhata uumamu |
keessatti wal-utubuu fi wal-irraa barachuu n jira. Walitti dhufeenyi kuni, |
hidhata uumuu, wal-irraa barachuu fi dugda ooluun bu'uurri isaanii |
dhaabbilee dha. Dhaabbileen bu'a-qabeessummaa diinagdee fi amala |
daangessuu ilaalchisee shoora bakka-bu'iinsa hin qabne taphatu. |
Dhaabbileen seera-qabeessaas ta'ee barmaatiilee seerota baasuu fi |
tapha diinagdee dambii hariiroo godhachuun sirnicha keessatti |
rakkoowwan hin tilmaamamne furu. Dabalataanis qooddattoonni sirna |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.