text stringlengths 0 196k |
|---|
sadaffaa aarsaa guddaa kaffalchiisa. Adeemsi wal-fakkaatoon akkaataa |
seeraatiin qaama mootummaatiin to'annaa hordoffiin yoo irratti hin |
taasifamne, abbootiin qabeenyaa miidhaa geessisaniif kaka'umsa mataa |
isaanitiin fedhiin tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu gad-aanaa waan |
ta'uuf hir'inni gabaa ni mudata. |
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin wal-qabsiisuun dhimma kana yoo |
ilaalle, diinagdee keessatti faalamni naannoo dhimmoonni walfakkaatoon |
hanga tokko rakkoo dha. Cabiinsa diinagdeetiif garuu |
sababa bu'uuraatii miti. Faalama naannootiif sababa ta'uu kan danda'an |
sekteroota maanufaakcheriingii albuudaa fudhachuun ilaaluun |
nidanda'ama. Sekterri maanufaakcheriingii Itoophiyaa humna isaa |
guutuudhaan gara oomishuutti seenuun, faalama naannoo |
geessisuudhaan hir'ina gabaa uumeerajedhamamanii warra qeeqaman |
qubaan lakkaa'aman keessaa tokko dha. Haa ta'u malee, faalama |
naannoo gama sektera maanufaakcheriingiitiin dhufu caala yaaddessaa |
kan ta'e oomishtummaa, dorgomaabu'a-qabeessa ta'uun sekerichaa |
baay'ee gad-aanaa ta'uu isaati. ija kanaan, maanufaakcheriingiin haalli |
faalama naannoo ammaan kana irra jiru akka uumamu sababoota |
taasisan gurguddoo keessaa isa tokko ta'us; garuu, qofaa isaatti sababa |
miti. |
Hir'inoota gabaa qabiyyee daldalaa waliin wal-qabatee jiru ilaalchisee |
odeeffannoon gabaa lammiilee bira haala wal-qixa ta'een ga'uusababa |
haala murtoo kennuu gatiidaldalaatiin kan uumamu dha. Taatonni |
gabaa waa'ee gatii gabaa odeeffannoo wal-qixaa yoo hin qabaanne, |
gatiin adeemsa gabaa keessa jiru baay'ee ol-aanaa yoo ta'eemurtoon |
gatii gabaa taatota gidduu tti haala wal-qixa ta'een yoo murtaa'e, |
adeemsa bittaaf gurgurtaa kana keessa, haalaa qabiyyee isaa irraa |
madduudhaan hir'inoonni gabaa mudachuu ni danda'u. |
Hir'inoonni gabaa Itoophiyaa keessatti mudatan irra-caalaan qabiyyee |
bittaaf-gurgurtaa, keessattuu odeeffannoo gabaatiin kan wal-qabate |
dha. Keessattuu immoo hojiin faddalummaa odeeffannoo gabaa |
micciiruudhaan; akkasumas, sirna gabaa jeequudhaan, biyya keenya |
irratti miidhaa ammana hin jedhamne geessisaa jiru. Dabalataanis, |
abbootiin qabeenyaa dhuunfaa mootummaa fayyadamtoota caala |
odeeffannoo waan qabaniif carraa kanatti fayyadamuun hir'ina sirrii hin |
taane yookiin qaala'insa gatii yeroo uuman hir'ina gabaa baay'ee |
ulfaataa ta'etu uumama. |
Dimshaashumatti, hir'ina gabaa jechuun falaasama gabaa bilisaa |
hordafuudhaan yaaliiwwan sirna diinagdee bulchuuf godhamu keessatti |
sochiiwwan taasifaman hundi gabaaf yoo dhiifaman, gabaan matuma |
isaatinuu hir'inoota uumu kan agarsiisu dha. Falaasama gabaa bilisaatiin |
gatiin shaqaxaa kan murtaa'u fedhii hanga dhiyeessii gabaarra jiruutiin |
akka ta'e ni agarsiisa. Adeemsi akkanaa kuni haala sababa qabuun nama |
dhuunfaa faayidaa ofii eegsifachuu barbaadu kamiifuu karaa sirrii ta'ee |
ilaalama. Haa ta'u malee, akka hawaasaa yookiin akka gareetti yoo |
ilaalle, namoonni dhuunfaa fedhii dhuunfaa isaanii eegsifachuuf jecha |
murtoowwan murteessanii tarkaanfiiwwan fudhatan qaama walabaatiin |
hanga hintoo'atamnetti sochiiwwan hawaasa miidhu keessatti |
hirmaachuu danda'u. Kanaaf, gama hir'inoota gabaatiin rakkoowwan kunniin akka hin |
uumamne mootummaan durseetoo tarkaanfii seeraa, to'annaa |
imaammataa tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhachuu qaba. |
Fakkeenyaaf, to'annaa heeyyama faalamaa, gatii gabaa, daballii |
taaksiiadabbii seeraa kan eeramani dha. Kanaafuu, haala qabatamaa |
biyya keenyaatiin mootummaan itti-gaafatamummaa isaa kana hunda |
yoo ba'ate falaasama gabaa bilisaa hordofuun Itoophiyaa keessatti |
gabaan ofiin of-bulchuu danda'aa? Kan jedhu gaaffii bu'uuraa ka'uu |
qabu dha. |
Mootummaan tajaajila uummataa guutumaan guutuutti osoo |
dhiyeessee, adeemsa dhaabbilee daldalaa hogganuu keessatti miidhaa |
uummatarra ga'an ittisuuf yookiin dhorkuuf seerota baasee hojii irra |
osoo oolchee, odeeffannoo burjaajessaa irraa ka'uun maamiltoonni gatii |
sirrii hin taane shaqaxootaaf akka hin kaffalles ta'ee abbootii qabeenyaa |
muraasa gabaa dabsanii fayyadaman akka hin uumamne seerota |
dhorkan baasee hojii irra osoo oolchee, gabaan kuni hir'achuu yookiin |
bushaa'uun hafee ofiin of-hogganuu danda'aa laata? Gaaffilee jedhan |
kaasudhaan gadi-fageenyaan osoo sakattaanee sababa hir'inoota |
gabaa biyya keenyaa ijoob ta'an oomishtummaa ga'umsa dorgomuu |
sektera dhuunfaa yookiin dadhabina waliigalaa sekterichaa keessaa |
akka maddu ta'uusaa salphumatti hubachuun ni danda'ama. |
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin seenaan diinagdee keenyaa baroota |
hedduudhaaf aadaa sirna gabbara abbaa lafaa diinagdee ajajaa keessa |
kan darbe dha. Adda-dureedhaan ijaarsi sirna gabaa bilisaa waggoottan |
soddoma darban keessatti kan jalqabame dha jechuun goolabuun ni |
danda'ama. Jabana sirna moototaa sirna ·gabaa bilisaa diriirsuuf |
yaaliiwwan muraasni taasifamanillee, sirni diinagdee biyya keenyaa |
baroota hedduudhaaf hojii qonnaa sirna abbaa lafaa, maxxantummaa |
bokkaaadeemsa oomishummaa duubatti hafaa hordofu irratti kan |
hundaa'e ture. Kanaafuu, diinagdeen duubatti hafaa kan haala gabaa |
hin hordofnee duudhaa ida'amuu giddu-galeessa kan hin godhanne |
dha. Sababa kanaafis, diinagdee hojii qonnaa harkarraa afaanitti ta'een |
akka hogganamuu gabaadhaaf kan hin oomishne taasisee tureera. |
Dabalataanis, diinagdeen ajajaa sekterri dhuunfaa akka gadi-dhugamuu |
akka hin uumamne gochuunis ifatti mul'ateera. Kanaafuu, sirni |
diinagdee waliigalaa adeemsa keessa gangalachaa dhufe bu'aa oomisha |
aadaa tooftaa oomishaa biraa irratti akka hundaa'u waan taasiseef |
baroota dheeraadhaaf diinagdeen gabaa biyya keenya keessa jira |
jechuu hin dandeenyu. Diinagdee gabaa waliin haalan wal-hubachuu |
dhabuu keenyaan dhaabbilee cimoo dambiiwwan gabaa nuuf |
baasaniihojiitti hiikan hin ijaaramne. Kanaafuu mootummaas ta'ee |
sekteroonni daldala dhuunfaa gaheen isaan gabaa keessatti qaban |
haasa'uun waan bishaan hin kaafne ta'a. |
Haala qabatamaa amma jiruun mootummaan itti-gaafatamummaa isaa |
guutumaan guututti ba'achuun gabaan guutumaan guututti falaasama |
gabaa bilisaa hordofee akka geggeeffamu osoo taasiseellee, abbootiin |
qabeenyaa irra caalan si'aayinaa bu'aa barbaadamu yeroo gabaabduu |
keessatti fiduun ga'umsa gabaa ittiin sirreessan hin goonfanne. |
"Abbaan ilmasaa yeroo guddisu itti dheekkamuun, keessummaan yeroo |
dhufe akka diinqatti oldeebi'u gochuun, balleessaa ennaa irratti arge |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.