text
stringlengths
0
196k
humnaa-ol adabuun, yaada fiixetti ba'an yeroo dhiyeessu mataa keessa
qussa'uun callisiisaa turee; guyyaa wayii abbaan waan gochaa ture
kanatti gaabbuun ilmasaa dhiifama gaafatee erga nageenyi bu'een
booda keessummaa fuul-duratti ba'ee akka taphatu yoo jajjabeessellee,
mucaan si'uma tokkoon asba'ee taphachuu hin danda'u."
Kanaafuu, yeroo itti aanu keessatti mootummaan abbootii qabeenyaa
jajjabeessuun sararatti galchuuf tattaaffiin taasisu sadarkaa sadarkaan
ta'uu qaba. Al-tokkoon waan hunda gabaadhaaf gadi dhiisuu hin qabu.
Yaad-rimee kanarraa ka'uudhaan mootummaan karaa filatamaa
tarsiimawaa ta'een gabaa keessa lixee seenudhaan hojii gabaa uumuu
jajjabeessuu hojjachuu qaba. Waggoottan soddoma darbanis hojjachaa
tureera. Sababa kanaanis, hagamillee hir'inoonni yoo jiraatan
injifannoowwan galmeessisuun danda'ameera. Diinagdeenis guddina
fufiinsa qabuu saffisaa galmeessiseera. Miliyoonota hiyyummaa hamaa
keessaa baasuu danda'eera. Ijaarsi misooma bu'uuraa babal'achuun
wal-irraa fageenya bal'aa fedhii dhiyeessii gidduu jiru dhiphisuun
danda'ameera.
Dhimmi si'anaa ariifachiisaan, hojiiwwan mootummaan waggoottan
darban keessa gabaa uumuu jajjabeessuuf hojjachaa ture gabaa kana
maal irraan ga'eera? Sirni gabaa bilisaa haala quubsaa ta'een ijaaramee
laata? Gabaan kuni rakkoowwan akkamii faa qaba? Gaheen
mootummaa sekteroonni dhuunfaa yeroo itti aanu keessatti maal ta'uu
qaba? Gaaffilee jedhaniif deebii sirrii argachuun barbaachisaa ta'a.
Hir'ina Mootummaa
Hayyoota diinagdee tokko tokkoon akka ibsamutti, maddi hir'ina gabaa
hir'ina mootummaa waan ta'eef inni tokko isa biroo keessatti waan wal
liqimsamniif, akka qaama gar-tokkeetti malee qaama guddaa ta'ee
ibsamuu hin qabu jechuun mormu. Hir'inoonni jiran kan wal-deeggaran
ta'us furmaata jabaa fiixa-ba'iinsa qabu burqisiisuuf hir'inoota jiran gara
fakkaatutti qoqqooduun ilaaluun barbaachisaa dha.
Hir'inoonni mootummaa adda--dureedhaan mootummaan wayita gabaa
keessa lixee seenu waantota baballeessu ilaallata. Ta'us, hir'inoota
mootummaa adda baafnee yeroo ilaallu agarsiiftuuwwan murteessaa
lamatu jira. Inni tokko mootummaan gabaa keessa hamma eegamuu oli
yeroo seene waan uumamu dha. Inni lammataa immoo dhibaa’ummaa
mootummaa keessaa kan maddu yoo ta'u, mootummaan akka gabaan
qixa sirriidhaan adeemsifamu itti--gaafatamummaa isarraa eegamu
ba'uchuu yoo dadhabe kan uumamu dha, Walumaagalatti,
mootummaan haala jajjabeessaa hin taaneen gabaa keessa yoo lixeefi;
faallaa kanaatiin immoo, hir'inoota gabaa sirreessudhaaf haala
idilaawaadhaan shoora isarraa eegamu sirnaan yoo ba'achuu baate
rakkoo qoqqoodinsa madaalarraa maquu oomishaa qabeenyaati.
Hir'inni mootummaa dhibaa'ummaa irraa maddu sababoota hir'ina
gabaa waliin hidhata jabaa qaba. Adda-dureedhaanis: hir'ina
odeeffannoo gabaa, haala oomisha meeshaalee imaammataa, qixaa'uu
dhabuu hojmaata mootummaa aadaa hojii lammiileen qaban irraa
maddan sababoota hir'inoota mootummaa eeruun ni danda'ama.
Mootummaan imaammata maallaqaa diinagdeetti fayyadamuun gabaa
sirreessuu qoqqoodinsa qabeenyaa haqa-qabeessa ta'e fiduuf
meeshaaleen imaammataa itti fayyadamu sababoota adda addaatiin
sirna gabaa nagaa jeequu danda'u. Fakkeenyaaf tilmaamni gatii gabaa
mootummaadhan murtaa'u baay'achuun naga-qabeessummaa qabaa
jeequu danda'a.
Sababiin hir'ina mootummaa inni biroo haala ijaarama uumama
mootummaa irraa kan ka'e sektera dhuunfaa caala, mootummaa hir'inni
odeeffannoo dandeettii mudachuu waan danda'uuf murtoowwan
qoqqoodinsa qabeenyaa bu'a-qabeessa ta'ee qabeenya duguuganii
sirnaan itti fayyadamuu dabarsuu irratti ni rakkata. Dabalataanis
mootummaan eegumsa hawaasummaatiin lammiilee gargaaruuf
tattaaffiiwwan godhu keessatti hamileen hojjataniijijjiiramuu lammiileen
qaban miidhamuun inumaa miira eeggattummaa uumuudhaan kufaatii
hamilee waliigalaa uumamuu ni danda'a.
Diinagdee keessa lixuu mootummaatiin wal-qabatee hir'inoota
uumaman ilaalchisee yaadata lamatu ka'a. Inni jalqabaa, biyyoota
guddachaa jiran keessatti mootummaa cimaan diinagdee sekteroota
filatamanii keessatti hirmaachuun ergama isaa ba'achuu yoo danda'e
diinagdee gabaa caalaa haala fooyya'aa ta'een guddina ariifachiisaa
haqa-qabeessa galmeessisuu danda'a kan jedhu dha. Ragaa falmii
kanaatiifis baay'inaan muuxannoowwan biyyoota kibba-baha-Eeshiyaa
akka ragaatti ni dhiyaatu.
Inni biroo immoo caaseffama mootummaa amalli uumama isaa matuma
isaatiin hir'inootaa uumamaniif gumaacha guddaa godha kan jedhu
dha. Mootummaan sochiiwwan diinagdee qabeenya murtaa'aa
dorgommii morkii irratti hundaa'e giddugaleeffate keessatti
hirmaachuun mudoowwan mataasaa qaba. Dirree dorgommii morkii
kanarratti mootummaan hirmaachuun qoqqoodinsa qabeenyaa si'ataa
bu'a-qabeessa ta'e fiduu keessatti mudoowwan haala uumama ofii
isaarraa maddu qaba.
Faayidaa miidhaa shoora mootummaan taphatu lamaan kana gidduutti
madaallii isaa eegudhaan miidhaa isaa salphisuun faayidaasaa ol
kaasuun yoo danda'ame hir'inoota mootummaa salphisuun ni
danda'ama. Kana ta'uun hafee mootummaan bal'inaan harkasaa gabaa
keessa galfachuun; humnoota oomishaa too'achuun, adda-dureedhaan
muummee madda qabeenyaa ta'uusaa yoo itti fufe carraan uumamuu
hir'inoota mootummaa baay'ee bal'aa dha. Keessa-lixummaan
mootummaa gabaa bilisaa jeequdhaan qoqqoodinsa qabeenyaa bu'a
qabeessaasi'ataa fiduu dadhaba.
Biyya keenyatti hir'inoonni mootummaa lamaan wal-utubuudhaan
uumamu. Fakkeenyaaf, Akka hir'ina gabaatti kan kaasne sekteroota
tokko tokko irratti abbootiin qabeenyaa muraasni gabaa too'achuun
turu; dhaabbileen kunniin si'aayinaa ga'umsa ol-aanaa uumuun
morkattoota biroo bira darbanii argamuudhaan kan uumamanii miti.
Inumaayyuu, aanga'oota ol-aanoo waliin hidhata faayidaa waan
uumaniif yookiin hanna irratti hundaa'uu isaanitiif kan uumamani dha.
Adeemsa amma ammaatti keessa dabarre keessatti, Itoophiyaatti
dhaabbileen daldalaa humna-guddaa qabu jedhamanii bitaanis ta'ee
mirgaan mootummaa irraa deeggarsa argatan dhaabbilee
misoomaatola-ooltummaati. Kanaafuu, qabxiin kuni hir'ina gabaa amma
jedhamu agarsiiftuu hir'ina mootummaa ta'uu danda'a. Haaluma wal
fakkaatuun, rakkoon faalama naannoo gama sektera albuudaatiin jiru