text
stringlengths
0
196k
biyya keessaaf gurra kennuu dhiisuudhaan garbicha warra
maallaqa kennuuf ta'aniiru.
Sababa kanaanis.
Mudoowwan diinagdee haala qabatamaa biyya keenyaa
ilaalchisee qorannoo adeemsisuu fi fedhii
guddina hawaas-diinagdee biyya keenyaa guutuu caala fedhii fi
imaammata biyyoota alaa raawwachiisuun faayidaa
biyyoolessaa keenya kabachiisuu keessatti gaheen isaan qaban
qormaata keessatti kefeera.Kanaafuu, yunivaristiiwwan
fedhii dhimmamtoota biyya keessaa wal-madaalchisuudhaan
keessummeessuu akka danda'an gochuu fi karaa biraatiin
immoo dhimmamtoota kan karaa ofii irra oofu dhaabbilee akka
hin taane walabummaa akkaadaamii isaanii kabajuun
barbaachisaa dha.
Wal-bira qabnee yoo ilaalle, gama misooma biyya keenyaa
saffisiisuutiin haalan itti fayyadamuu osoo qabnuu, garuu itti
fayyadamuu kan dadhabne barnoota teekinikaa fi ogummaati.
Kanaafis sababoota ijoo ta'an lamatu jira. Inni jalqabaa guddinni
diinagdee biyya keenyaa carraan hojii uumu waan itti-fufiinsa
hin qabne dha. Waggoottan darbancarraawwan hojii uumaman
hedduun isaanii maanufaakcheriingii caalaa ijaarsaa fi misooma
bu'uuraatiin kan wal-qabatan waan ta'aniif hojiiwwan uumaman
kanuma yeroof qofa turanii fi amala kaffaltii gad-aanaa kaffaluu
akka qabaatan taasiseera.
Lammaffaa, hariiroo fi hidhata dhaabbilee barnoota teekinikaa fi
ogummaa fi dhaabbilee daldala xixiqqaa gidduu jiru dadhabaa
ta'uu isaati. Rakkoon kuni industirii xixiqqaan bu'a-qabeessa
akka hin taane gochuun aadaan hojii fi bizinesii uumuu akka
dadhabu taasiseera.
Rakkoowwan lamaan kunniin gama tokkoon eebbifamtootni
teekinikaa fi ogummaa hojiiwwan amansiisaa fi kaffaltii gaarii
qaban keessa akka hin seenne; karaa biraatiin immoo
eebbifamtoonni teekinikaa fi ogummaa bizinesii mataa isaanii
uummatanii akka hin hojjatanne silliqqee itti ta'eera.
Rakkoowwan caaseffamaa kanneen furuuf mootummaan sirna
barnootaa hojii uumuu dargaggootaa; akkasumas, barnootaa fi
leenjii itti fufuun hordofan qopheessuun gara bu'aatti jijjiiruu
qaba. Gama biraatiin, oomishtummaa diinagdee biyya keenyaa
kan guddisu qindoomina sirna diinagdee waliigalaa taasisuun
carraawwan hawaas-diinagdee keessatti hirmaachisuutu irraa
eegama.
Dhaabbilee Hawaasummaa
Biyya keenyatti dhaabbileen miti-mootummaa guddina hawaas
diinagdee keessatti shoorri ol-aanaan isaan taphatan jira hin
jedhamu. Biyya keenyatti dhaabbileen miti-mootummaa
seeraan galmaa'anii jiran kuma sadii oli kan jiran yoo ta'an,
kanneen keessaa 235 oli kan ta'an dhaabbilee miti-mootummaa
idil-addunyaati.Dhaabbileen kunniin carraa hojii kuma sadii oli
uumanuru.
Dhaabbileen kunniin waggaatti dhibbentaadhaan qabeenya
doolaara biliyoona walakkaadhaa oli kan sochoosan yoo ta'u;
keessattuu, hojii qonnaa fi misooma baadiyyaa akkasumas, hojii
tola-ooltummaatiin gumaacha guddaa taasisaa jiru. Kanaafuu,
dhaabbilee kanneen karaa hiika-qabeessa ta'een hirmaachisuudhaan
humna misoomaa ida'amaa gochuun hiriirsisuun nidanda'ama.
Biyya keenyatti, dhaabbileen miti-mootummaa galii lammiilee
guddisuudhaan, hoji-dhabdummaa hir'isuudhaan; akksumas,
haqa hawaasummaa waliigalaa lafa qabsiisuu keessatti shoorri
isaan taphachaa jiran salphaa ta'uu baatus; dhaabbileen kunniin
hedduun isaanii arjoomtota biyya alaa irratti kan rarra'anii
jiraatan waan ta'aniif fedhii arjoomtotaatiif dursa akka kennan
wal nama hin gaafachiisu.
Keessattuu maqaa uummataatiin kadhatamee hojii nageenya
hawaasummaatiif maallaqa arjoomtota biyya alaa irraa dhufu
kuni gartokkeen isaanumaan qisaasa'ee bada; inni kaan immoo
namoota biyya keessaa isaan wajjin hojjataniin qisaasa'a. Sababii
kanaaf qabatamaadhaan maallaqni fayyadamtootaa fi misooma
naannootiif ooluu danda'u haga na kan hin jedhamne dha.
Sababii kanaaf, gumaachi dhaabbatichaa hanga eegamurraa
baay'ee gadi bu'eet argama. Kuni akkuma jirutti ta'ee haaluma
kamiinuu dhaabbileen miti-mootummaa hir'ina humna
mootummaa kan utubani dha.
Hojimaata mootummaa hammayyeessuu fi itti-gaafatamummaa uumuuf gahee guddaa
qabu. Keessattuu haqa hawaasummaa lafa qabsiisuu keessatti
shoorri isaan qaban baay'ee ol-aanaa waan ta'eef, yoo sirnaan
isaan hin hirmaachifnee fi sirni diinagdee
hubannoo gaarii hin uumne hir'inatu isa mudata.
Kanaafuu, dhaabbilee hawaasummaa hawaas-diinagdee
biyya keenyaa keessatti haala qindoomina qabuun
hirmaachisuun barbaachisaa dha. Qaamoleen kunniin mootummaa fi sektera
dhuunfaa gidduu qoodni diinagdee jarri lameen qaban akka
madaala eegee deemu godhu.
Dhaabbileen kunniin diinagdee biyyattii keessatti gumaacha
akka taasisan deeggarsa kennuu, hirmaannaa isaanii
bifa qindaa'aa ta'een hogganuu akka danda'an ijaarsa
waliinii uumuun faayidaa qaba.
Haala ammaan kana hubachuun danda'amuun, dhangala'iinsi
faayinaansii misoomaa adeemsa dura baramekan hordofu akka
hin taane qorannoowwan adda addaa ni agarsiisu. Ammaan
dura madda faayinaansii misooma biyyoota guddachaa jiranii
kan ta'an dhiyeessiiin faayinaansii gam-lamee fi gamdanuu
hir'isaa dhufeera. Maddi faayinaansii biyyoota guddachaa jiranii
biyyoota haaraa gamlamee, dhaabbilee dhuunfaa tola
ooltummaa fi namoota dhuunfaan bakka-bu'amaa dhufuun isaa
nimul'ata. Haalli kunis biyyi keenya dhiyeessii maallaqa
faayinaansii misoomaa wayitawaan olitti haala ittiin fayyadamoo