text stringlengths 0 196k |
|---|
biyya keessaaf gurra kennuu dhiisuudhaan garbicha warra |
maallaqa kennuuf ta'aniiru. |
Sababa kanaanis. |
Mudoowwan diinagdee haala qabatamaa biyya keenyaa |
ilaalchisee qorannoo adeemsisuu fi fedhii |
guddina hawaas-diinagdee biyya keenyaa guutuu caala fedhii fi |
imaammata biyyoota alaa raawwachiisuun faayidaa |
biyyoolessaa keenya kabachiisuu keessatti gaheen isaan qaban |
qormaata keessatti kefeera.Kanaafuu, yunivaristiiwwan |
fedhii dhimmamtoota biyya keessaa wal-madaalchisuudhaan |
keessummeessuu akka danda'an gochuu fi karaa biraatiin |
immoo dhimmamtoota kan karaa ofii irra oofu dhaabbilee akka |
hin taane walabummaa akkaadaamii isaanii kabajuun |
barbaachisaa dha. |
Wal-bira qabnee yoo ilaalle, gama misooma biyya keenyaa |
saffisiisuutiin haalan itti fayyadamuu osoo qabnuu, garuu itti |
fayyadamuu kan dadhabne barnoota teekinikaa fi ogummaati. |
Kanaafis sababoota ijoo ta'an lamatu jira. Inni jalqabaa guddinni |
diinagdee biyya keenyaa carraan hojii uumu waan itti-fufiinsa |
hin qabne dha. Waggoottan darbancarraawwan hojii uumaman |
hedduun isaanii maanufaakcheriingii caalaa ijaarsaa fi misooma |
bu'uuraatiin kan wal-qabatan waan ta'aniif hojiiwwan uumaman |
kanuma yeroof qofa turanii fi amala kaffaltii gad-aanaa kaffaluu |
akka qabaatan taasiseera. |
Lammaffaa, hariiroo fi hidhata dhaabbilee barnoota teekinikaa fi |
ogummaa fi dhaabbilee daldala xixiqqaa gidduu jiru dadhabaa |
ta'uu isaati. Rakkoon kuni industirii xixiqqaan bu'a-qabeessa |
akka hin taane gochuun aadaan hojii fi bizinesii uumuu akka |
dadhabu taasiseera. |
Rakkoowwan lamaan kunniin gama tokkoon eebbifamtootni |
teekinikaa fi ogummaa hojiiwwan amansiisaa fi kaffaltii gaarii |
qaban keessa akka hin seenne; karaa biraatiin immoo |
eebbifamtoonni teekinikaa fi ogummaa bizinesii mataa isaanii |
uummatanii akka hin hojjatanne silliqqee itti ta'eera. |
Rakkoowwan caaseffamaa kanneen furuuf mootummaan sirna |
barnootaa hojii uumuu dargaggootaa; akkasumas, barnootaa fi |
leenjii itti fufuun hordofan qopheessuun gara bu'aatti jijjiiruu |
qaba. Gama biraatiin, oomishtummaa diinagdee biyya keenyaa |
kan guddisu qindoomina sirna diinagdee waliigalaa taasisuun |
carraawwan hawaas-diinagdee keessatti hirmaachisuutu irraa |
eegama. |
Dhaabbilee Hawaasummaa |
Biyya keenyatti dhaabbileen miti-mootummaa guddina hawaas |
diinagdee keessatti shoorri ol-aanaan isaan taphatan jira hin |
jedhamu. Biyya keenyatti dhaabbileen miti-mootummaa |
seeraan galmaa'anii jiran kuma sadii oli kan jiran yoo ta'an, |
kanneen keessaa 235 oli kan ta'an dhaabbilee miti-mootummaa |
idil-addunyaati.Dhaabbileen kunniin carraa hojii kuma sadii oli |
uumanuru. |
Dhaabbileen kunniin waggaatti dhibbentaadhaan qabeenya |
doolaara biliyoona walakkaadhaa oli kan sochoosan yoo ta'u; |
keessattuu, hojii qonnaa fi misooma baadiyyaa akkasumas, hojii |
tola-ooltummaatiin gumaacha guddaa taasisaa jiru. Kanaafuu, |
dhaabbilee kanneen karaa hiika-qabeessa ta'een hirmaachisuudhaan |
humna misoomaa ida'amaa gochuun hiriirsisuun nidanda'ama. |
Biyya keenyatti, dhaabbileen miti-mootummaa galii lammiilee |
guddisuudhaan, hoji-dhabdummaa hir'isuudhaan; akksumas, |
haqa hawaasummaa waliigalaa lafa qabsiisuu keessatti shoorri |
isaan taphachaa jiran salphaa ta'uu baatus; dhaabbileen kunniin |
hedduun isaanii arjoomtota biyya alaa irratti kan rarra'anii |
jiraatan waan ta'aniif fedhii arjoomtotaatiif dursa akka kennan |
wal nama hin gaafachiisu. |
Keessattuu maqaa uummataatiin kadhatamee hojii nageenya |
hawaasummaatiif maallaqa arjoomtota biyya alaa irraa dhufu |
kuni gartokkeen isaanumaan qisaasa'ee bada; inni kaan immoo |
namoota biyya keessaa isaan wajjin hojjataniin qisaasa'a. Sababii |
kanaaf qabatamaadhaan maallaqni fayyadamtootaa fi misooma |
naannootiif ooluu danda'u haga na kan hin jedhamne dha. |
Sababii kanaaf, gumaachi dhaabbatichaa hanga eegamurraa |
baay'ee gadi bu'eet argama. Kuni akkuma jirutti ta'ee haaluma |
kamiinuu dhaabbileen miti-mootummaa hir'ina humna |
mootummaa kan utubani dha. |
Hojimaata mootummaa hammayyeessuu fi itti-gaafatamummaa uumuuf gahee guddaa |
qabu. Keessattuu haqa hawaasummaa lafa qabsiisuu keessatti |
shoorri isaan qaban baay'ee ol-aanaa waan ta'eef, yoo sirnaan |
isaan hin hirmaachifnee fi sirni diinagdee |
hubannoo gaarii hin uumne hir'inatu isa mudata. |
Kanaafuu, dhaabbilee hawaasummaa hawaas-diinagdee |
biyya keenyaa keessatti haala qindoomina qabuun |
hirmaachisuun barbaachisaa dha. Qaamoleen kunniin mootummaa fi sektera |
dhuunfaa gidduu qoodni diinagdee jarri lameen qaban akka |
madaala eegee deemu godhu. |
Dhaabbileen kunniin diinagdee biyyattii keessatti gumaacha |
akka taasisan deeggarsa kennuu, hirmaannaa isaanii |
bifa qindaa'aa ta'een hogganuu akka danda'an ijaarsa |
waliinii uumuun faayidaa qaba. |
Haala ammaan kana hubachuun danda'amuun, dhangala'iinsi |
faayinaansii misoomaa adeemsa dura baramekan hordofu akka |
hin taane qorannoowwan adda addaa ni agarsiisu. Ammaan |
dura madda faayinaansii misooma biyyoota guddachaa jiranii |
kan ta'an dhiyeessiiin faayinaansii gam-lamee fi gamdanuu |
hir'isaa dhufeera. Maddi faayinaansii biyyoota guddachaa jiranii |
biyyoota haaraa gamlamee, dhaabbilee dhuunfaa tola |
ooltummaa fi namoota dhuunfaan bakka-bu'amaa dhufuun isaa |
nimul'ata. Haalli kunis biyyi keenya dhiyeessii maallaqa |
faayinaansii misoomaa wayitawaan olitti haala ittiin fayyadamoo |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.