text
stringlengths
0
196k
taatu tooftaa baasuun socho'uu qabdi.
Mootummaan michoota misoomaa isaa waliin waltajjii uumuun
tattaafiin faayinaansii misoomaa argachuuf godhu jabaatee itti
fufuu qaba. Dabalataanis, dandeettii raawwii sekteroota
mootummaa fi dhuunfaa jabeessuuf tooftaa hojii fi gargaarsi
nijajjabeessa. Haaluma kanaan, itti-gaafatamummaa
fi iftoominni karaa ittiin lafa qabateen akka hojii irra oolan taasisa.
Sektera dhuunfaa jajjabeessuufis sirna tumsa misoomaa sekteroota
mootummaa fi dhuunfaa cimsuuf deeggarsa ni taasisu.
Deeggartoonni misoomaa keenya, biyyi keenya
gargaarsa misoomaa bira darbitee abbootiin qabeenyaa biyya
alaa dhufuudhaan akka hojii misoomaa irratti bobba'an
taasisuuf tumsa gochuun akka hojjatan gochuurra dhaabbachuu
qabdi.
Mootummaan hir'ina gabaa guutuuf keessa lixee seenuurra
shoora gabaa uumuu fi jajjabeessuu qabaachuu qaba. Shoorri
kunis seerota haqa-qabeessummaa gabaa kanaa ittiin
mirkaneessan qopheessuu fi raawwachiisuu; akkasumas,
shaqaxootaa fi tajaajiloota dhaabbilee dhuunfaatiif bu'a
qabeessa hin taane dursee keessa seenuun misoomsuu, sektera
dhuunfaa hirmaachisuu fi wayita sekterri dhuunfaa babal'achuu
eegale shoora oomishtummaa kana keessaa hatattamaan
ofbaasuu qaba. Mootummaan kana godhu baajataa fi humna
namaa jiru dhaabbilee morkii fi tumsa gabaa mirkaneessan
ijaaruuf, hojii seermaleessummaa hir'isuu fi misooma bu'uuraa
babal'isuurra oolchuu qaba.
Mootummaan kuufama qabeenya humna namaa gabbisuu fi
misooma bu'uuraa babal'isuu irratti shoora guddaa taphachuu
qaba. Waantota guddina oomishtummaa waliigalaa murteessan
keessaa beekumsa humna namaa, dandeettii fi fayyaan isaan
jalqabaati. Ida'amni humna namaa barumsaa fi leenjii gama
hundaa qulqullinaa fi baay'ina qabuun ijaarame oomishtummaa
hojjataa akka biyyaatti jiru dagaagsa. Misoomni humna namaa
teekinooloojii, qorannoo fi sirna waliin qindoominaa fi guddina
humnoota misoomaa beekumsaan hogganaman akka dhufu taasisa.
Walumaagalatti oomishtummaa humni misooma
biyyoolessaa waliigalaa guddisuuf misoomni humna namaa fi
teekinooloojii xiyyeeffannoo argachuu qaba.
Kunis biyyi keenya beekumsa idil-addunyaa waliin deemuu fi
meeshaalee oomishtummaa gama daldala galiitiin argamanii fi
ce'umsa meeshaalee xixiqqaa hordofuun humna beekumsa duguuguun
misoomaaf fayyadamuu dandeessisu uummachuuf gargaara.
Kanaafuu, dandeettii dargaggootaa fi ga'eessotaa
guddisuu, darbees barumsa umurii guutuutiif qopheessuu
barbaachisa. Kanumaan wal-qabatee hojiiwwan amansiisaa fi
kaffaltii gaarii argamsiisan akka uuman mootummaan
xiyyeeffannoo kennee hojjachuu qaba.
Misooma bu'uuraa lammiilee fi oomishtoota walitti fidu hidhata
hawaasummaa fi oomishtummaa dabaluuf gahee ol-aanaa qaba.
Misooma bu'uuraa hidhata dijiitaalaa fi hojiiwwan
qabatamaa hariiroo hawaasummaa fi walabaan socho'uu
humna namaa mijeessuun hojjattoonni hojiiwwan muuxannoo fi
dandeettii isaanii waliin deemu barbaaddachuun, kaffaltii gaarii
kan ittiin argataniin akka hojjatan carraa kenna. Kana malees,
daddagaaguu loojistiksii misooma bu'uuraa daldala
biyya keessaa idil-addunyaawaa ta'e mijeessuuf dandeessisan
wal harkaa fuudhinsa haala oomishaa fi tajaajilaa mijeessuun baasii
gabaa ni hir'isu. Kanaafuu, mootummaan misooma bu'uuraa
babal'isuuf hojjachuu qaba.
Yeroo geejjibaa waliigalaa meeshaalee galii fi baasii isaa
hir'isuun oomishaalee qonnaa fi industirii keenyaa gabaa idil
addunyaa keessatti dorgomaa ol-aanaa taasisuun niguddisa.
Kana akka gargaaruuf, sochiiwwan inveestimeentii fi daldalaa
abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa haala amansiisaa
ta'een deeggaruuf haala dandeessisuun tajaajila geejjibaa
qindaawaa waliin ga'uu, oomishaalee galii fi baasii, koorideroota
geejjibaa, qulqullina tajaajila buufata meeshaa daldalaa,
si'aayinaa fi faayidaa diinagdee kallattii guddisuu mootummaan
hordofuu qaba. Hojiiwwan furtuun kallattii kanaa loojistiksiidhaan sektera
dhuunfaa babal'isuu, tajaajila gumuruukii buufata meeshaalee
daldalaa saffisiisuu, walitti baay'achuu bakka buufata
meeshaalee daldalaa hir'isuudhaaf iddoowwan biroo namni itti
hin baay'anne akka filannootti fayyadamuu of keessatti
hammachuu qaba. Mootummaan adda-duree humna misoomaa waan ta'eef
imaammata, sakantaawwanii fi karoorawwan bu'aatti jijjiiruuf
kan isa dandeessisu birokiraasii ijaaruun dhimma ijoo ta'ee
ilaalamuu qaba. Tajaajillii fi birokiraasiin mootummaa kunis
abbootii qabeenyaa fi fayyadamtoota biratti fudhatama
argachuu qaba. Hirmaannaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa
fi biyya alaa dagaagsuuf haala naannoo fi daldala biyya keenyaa
fooyyessuuf hojiin hojjatamu, birokiraasiin keenya warra fiffiigu
xaxee kan kuffisu osoo hin taane kan utubuu fi kan guddisu
gochuu qaba.
Mootummaan diinagdee keessatti, keessattuu hirmaannaa inveestimeentii
ilaalchisee naamusa cimaa akka hordofu gochuun baay'ee barbaachisaa
dha. Keessa lixuunis ta'ee hirmaannaan mootummaa haala ga'aa ta'een qo'atamuu qaba.
Hirmaannaa gabaa milkaa'inaaf geessisuuf humna raawwachiisummaa fi qabeenya
ga'aa ta'e jiraachuun mirkanaa'uu qaba. Abbootii qabeenyaa hirmaannaa fi shoora
taphachuu qaban didhannaadhaan itti fufsiisuu danda'an
jiraachuun isaanii erga mirkanaa'ee haala iftoominaa fi itti
gaafatamummaa qabuun garee dhuunfaatiif iddoo gadi dhiisuu
qaba.
Taatota diinagdee hundaaf dirree dorgommii wal-qixa isaan
hirmaachisu, haqa-qabeessa, iftoominaa fi itti-gaafatamummaa
kan qabu diriirsuu fi mijataa gochuun dirqama mootummaati.
Taatota hunda akka qaama walitti makamee tokkootti ilaaluun
barbaachisaa dha. Kunis, mootummaan humna misoomaa