text stringlengths 0 196k |
|---|
hunda deeggaruu kan qabu walitti dhiheenya qabaniin osoo hin |
taane bu'aa isaan buusan irratti hundaa'ee akka ta'u godha. |
Sektera Dhuunfaa Biyya keenyatti dhiibbaa faayinaansii fi |
birokiraasiitii mootummaatiin; akkasumas, sababa ka'umsa |
seenaa biyyattiitiin sekterri dhuunfaa haala hiika-qabeessa ta'een |
guddachuu, haala gatii hir'isuun dhiyeessii dabaluus ta'ee carraa |
hojii amansiisaa ta'e uumuu hin dandeenye. Sekterri dhuunfaa |
shoora diinagdee sochoosuu ol-aanaa kan qabu, sektera haala |
salphaadhaan bakka buufamuu kan hin dandeenye dha. |
Kanaafuu, sochiin misooma mootummaa abbootii qabeenyaa |
dhuunfaa kan busheessu osoo hin taane kan jajjabeessuu fi |
babal'isu ta'uu qaba. Galmi mootummaa inni dhumaa abbootiin |
qabeenyaa ciccimoon diinagdee keessatti akka uumanan gochuu qaba. |
Shoora sektera dhuunfaa guddisuuf haalli waliigalaa daldalaa fi |
bizinesii hojii uumuu biyyattii keessa jiruu fooyya'uu qaba. |
Sekterichi sochii diinagdee keessatti shoora ol-aanaa akka |
taphatu yoo barbaaddame Dirreen bizinesii loogii irraa bilisa kan |
ta'ee fi mijataa gochuu barbaachisa. Dirree bizinesii fooyyessuun |
fooyya'insa gama faayinaansiitiin taasifamuun wal-utubee |
biyyattiin burqaa hojii kalaqaa akka taatukaraa saaqa. Kanaafuu, |
hojii uumuu fi dirree bizinesii fooyyessuuf birokiraasii hin |
barbaachifne dhabamsiisuu, dhiyeessii kaappitaalaa babal'isuu |
fi sirrii ta'uu dambiiwwan jiranii sakatta'uu barbaachisa. |
Dabalataanis deeggarsaa fi wabii; akkasumas, haqa qabeessummaa |
dhaabbilee misoomaa kan mootummaa; dabalataanis, bu'a-qabeessummaa sekteroota dhuunfaa |
kanneen birootiin seerota morman keessa deebi'uun ilaaluun |
mootummaarraa eegama. Amma danda'ametti sharafa biyya |
alaa argame haala haqa-qabeessa ta'een ramaduun sekteroota |
hojii mootummaan dursa kenneef akka hirmaatan kallattii |
qabsiisuun deeggarsa guutuu fi humna-galeessa kennuu |
barbaachisa. Hojii biyya keessaa uumuus ta'ee investimeentii |
kallattii biyya alaa jajjabeessuuf paarkii industirii misooma |
bu'uuraa ofkeessatti hamate babal'isuu fi paarkiin industirii |
hanga yoonatti hojjataman akka hojii irra oolan gochuu dha. |
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaas industirii fi |
industirii keessa galanii haala ittiin oomishaa |
baasuun ce'umsa beekumsaa fi teekinooloojii |
barbaachisaa dha. |
paarkii agiroo ta'an tooftaa mirkaneessuuf |
Hidda Dhiigaa Sirna Diinagdee: |
Moodela Faayinaansii Misoomaa Jijjiiruu |
Faayinaansiin hidda dhiigaa sirna diinagdeeti. Dhiyeessii fi raabsaan |
kaappitaalaa oomisha, dabalata duudhaa fi kuufama qabeenyaa |
diinagdee tokkoo; akkasumas, hariiroo qabeenya kuufame gara |
industirii oomishtummaatti jijjiiruu dandeessisu , sirna diinagdee isa |
xiqqaa dha. Kanaafuu, sirna faayinaansii xixiqqaa biyya keenyaa gama |
argannoo faayinaansii fi dhiyeessiitiin ilaaluun barbaachisaa dha. |
Gama argannoo faayinaansiitiin, sababa jijjiirama imaammata biyyoota |
idil-addunyaa liqii liqeessanii fi arjoomaniitiin faayinaansiin misoomaa |
alarraa argamu akka hir'isu ni eegama. Ta'us, dhiibbaa idaa fi jijjiirama |
imaammataatiin guddinni diinagdee waggoottan darban |
galmeessifaman argannoo moodela faayinaansii wal-fakkaataatiin itti |
fufsiisuun hin danda'amne. Misoomichi osoo duubatti hin deebi'in itti |
fufsiisuuf argannoo qabeenya biyya keessaa haala hiika qabuun |
guddisuu, baasii kaappitaala mootummaaaguuguu barbaachisa. |
Galiin mootummaa idilee akka guddatu sirna gibiraa hammayyeessuun |
bu'uura galii babal'isuun barbaachisaa dha. Kana milkeessuuf, |
sekteroota gibiratti hin hammatamne itti dabaluu, seeraaf bitamuu |
hojiitti hiikuu fi dhimmoota gibira irraa bilisa ta'an keessa deebi'uun |
ilaaluu barbaachisa. |
Dabalataan, sirna bulchiinsa gibiraa teekinooloojiin deeggaramee haala |
maamiltoota hin dararreen si'aayinaan gibira teekinooloojiin |
deeggaruun funaanuun dandeessisu ijaaruu barbaachisa. Biyya |
keenyatti haalli galii gibiraa ittiin funaanan gad-aanaa ta'us kaffalaa |
gibiraa ija qixa ta'een ilaaluu fi rakkoon sirnaan keessummeessuu |
bal'inaan kan mul'atu dha. Kanaafuu sirna gibiraa hannarraa bilisa ta'e |
diriirsuuf, sirnicha iftoomina kan qabu, salphaa fi itti-gaafatamummaa |
akka qabaatu gochuu kan danda'u fooyya'iinsa seeraa fi hojmaataa; |
akkasumas, teekinooloojiiwwan filachuun duguugee itti fayyadamuu |
haala danda'uun irra-deebi'ee fooyya'uu qaba. Namoota galii gibiraa |
waan isaan irraa eegamu sirnaan hin kaffalles tarkaanfiiwwan seeraa |
irratti fudhatamuu qaba. |
Imaammataa fi bulchiinsa gibiraa ifa, haqa-qabeessaa fi kan |
teekinooloojiin deeggarame gochuun kaffaltoota gibiraa gibira |
dhoksuun bu'aa buufatan irra gibira kanfaluu dhabuun adabbiin isa |
eeggatu yaaddoo itti ta'ee seeraaf bitamuu akka qaban kan barsiisu |
ta'uu qaba. Dhimmoota gibira irraa bilisa ta'an keessa deebi'uun |
ilaaluun kan barbaadameef, biyyi keenya inveesteroota biyya alaatiif |
onnachiifftuu gibira irraa bilisa ta'e kennaafii akka turte niyaadatama. |
Qorannoowwan akka agarsiisanitti, onnachiiftuu akkanaa fayyadamuu |
caala bu'uuraalee gabaa inveesteroota alaa ofitti hawwatu mijeessutu |
gaari dha. Isaanis: gabaa galtee fi oomisha iyya keessaa uumuu, |
dhiyeessii misooma bu'uuraa, dandeettii hojjattootaa, dhaabbilee |
mootummaa hojii si'aawaa fi ifaa ta'e hojjatanii fi tasgabbaa'uu |
diinagdee xixiqqaa fa'a dha. Dhimmoota bu'uuraa kanneen |
mootummaan milkeessuu yoo danda'e inveestimeentii haalan ofitti |
hawwata. Bu'aan isaas, galii gibiraa waan dabaluuf guddina fufiinsa |
qabu fiduuf gala gaarii ta'uu danda'a. |
Gama dhiyeessii faayinaansiitiin sirni faayinaansii xixiqqaa diinagdee |
biyya keenyaa sadarkaa dadhabaa irratti argama. Murtoon dhaabbilee |
faayinaansii, faayinaansi gochuu yeroo hunda sadarkaa jedhamuun |
seenaa duubaa, didhannaa, bu'a-qabeessummaa, amanamummaa, kkf |
kan yaada keessa galfatu dha. Kana ta'uun matuma isaatiin |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.