text
stringlengths
0
196k
fayyadamtoota faayinaansiitiif filatamaa ta'uuf hoj-manee nuuf kenna.
Adeemsaanis fayyadamtoota si'atoo fi oomishtummaa waan taasisuuf
dhaabbileen faayinaansii jabaan jiraachuun sochiiwwan diinagdeetiif
gumaacha taasisa.
Kaka'umsi lammiilee, yaada burqisiisuu fi didhannaan akkuma jirutti
ta'ee ida'amni duudhaa qabxiilee ka'an kanaa uumuun gaaffilee
deebisuuf, yaaddoo faayidaadhaan wal-qabsiisuun ga'umsa murtoo
kennuu kan qaban dhaabbilee faayinaansiiti. Xiinxala bu'a
qabeessummaa pirojeektii hojjachuun; itti aansuunis, baajata ka'uumsaa
dhiyeessuunoomishaa fi industiriin akka uumamuu fi dagaagu shoora
giddugaleessa taphachuun kan irraa eegamu sektera tajaajila
faayinaansiiti.
Hojiin kuni sektera dhaabbilee dhuunfaa qofaaf osoo hin taane
pirojeektotaa fi dhaabbilee mootummaatiifis kan hojjatu ta'uu qaba.
Baankiiwwan biyya keessaa irrra liqeeffachuun pirojeektota
mootummaan hojjatuuf baankiiwwan bu'a-qabeessa ta'uu isaa haalan
mirkaneeffatee, itti-amanee kan liqeessu ta'uu qaba. Mootummaan liqii
baankiiwwan irraa fudhatuun gahee liqii abbootiin qabeenyaa
liqeeffatan kan ittiin busheessu akka hin taane ofeeggannoo gochuu
barbaachisa. Dhugaadha, sirna faayinaansii fi dhaabbilee jabaan
jiraachuun oomishtummaa dabaluuf shoora guddaa qaba. Faallaa
kanaatiin, oomisha dhugaa caala sirna faayinaansii sochiiwwan
faayinaansii itti baay'ate, too'annaa laafaa fi dadhabaan bakka jiru,
guddina oomisha diinagdee miidhuu danda'a. Kanaafuu, shoora
oomishtummaa sektera faayinaansii keessatti gahee ol-aanaa
taphachuufutubaawwan jajjaboo barbaachisu. Dandeettii yaada
gaaffiiwwan kaappitaalaa raaguu qabaachuu, murtoo liqeeffachuu
kennuuf bu'a-qabeessummaa fi yaaddoo pirojeektichaa irratti
hundaa'uun walaba ta'anii murteessuu, kenniinsa tajaajilaa
teekinooloojii si'eessuu fi misooma bu'uuraa I.C.T., mirgaa fi dirqama
kennaa tajaajilaa fi fayyadamtootaa kan too'atan dhaabbilee
mootummaa ga'umsa qaban; akkasumas, tasgabbaa'uu diinagdee
gurguddaa fa'a dha.
Yeroo ammaa kana sektera faayinaansii biyya keenyaa baankiiwwan
mootummaa gahee ol-aanaa qabatan, keessattuu Baankii Daldalaa
Itoophiyaa yoo ta'u fedhiin kaappitaala bu'uuraalee misoomaa
babal'isuuf mootummaan qabu guutuuf baankii daldalaa fi gama
meeshaalee imaammataa fi seeraa adda addatiin kaappitaalli hedduun
gara harka mootummaatti naanna'aa tureera.
Yeroo itti aanutti tasgabbii diinagdee gurguddaa fi guddina industirii
fiduuf tarkaanfii guddaan hi'ina mootummaa fi hir'ina gabaa wal'aanuu
pirojeektonni mootummaa yaadata dhiibbaa imaammataatiin osoo hin
taane bu'a-qabeessummaa isaanii irratti hundaa'ee heeyyamuu fi
raawwachuu ta'uu qaba. Kuni yoo raawwate baankiiwwan kaappitaalli
isaan sekteroota dhuunfaatiif dhiyeessan haala ol-aanaa ta'een guddata.
Hanga sanaan bu'a-qabeessummaa pirojeektii safaruu fi dandeettiin
kaappitaala ramaduu isaanii jabeessuutu isaan irraa eegama.
Mootummaan gama isaatiin madaala haqa-qabeessummaa fi qixa
sirriin argamuu gabaa eegu diriirsuun shoora irraa eegamu ba'achuu
qaba.
Baankiin Biyyoolessaa baankota biroo fi dhaabbilee faayinaansii irratti
too'annaan taasisu kan beekumsaa fi teekinooloojiin deeggarame,
nageenyummaa sekterichaa kan mirkaneessu malee, sekterichatti
hudhaa ta'uu hin qabu. Sirni dhiyeessii fi ramaddii faayinaansii iftoomina
akka qabaatuu fi qixa sirrii ta'een akka deemu kan eegan ijaarsi
dhaabbilee deeggarsaa qorannoo saayinsii irratti hundaa'ee hojjatamuu
qaba. Adda-dureedhaan, meeshaalee faayinaansii(boondii fi aaksiyoona),
waltajjiiwwan irratti daldalatan, dhaabbilee odeeffannoo
ga'umsa kaappitaalaa funaananii fi xiinxalan, liqaa fi liqeeffataa idaa
deebisuuf dadhabe haala seeratiin abbaan alangaa adeemsawwanii fi
hojimaata deebii ittiin kennu fi kkf kanneen hundeeffamuu qaban
keessaa muraasa.
Aadaa qusannaa jajjabeessuuf karaa lamaan socho'uu gaafata. Gama
tokkoon dhala olkaasuun lammiileen maallaqa isaanii akka baankiitti
kuufatan jajjabeessuun barbaachisaa dha. Gama biraatiin immoo
lammiilee galii gad-aanaa fi jiddu-galeessa qabaniif galtee industiriitiif
akka ta'u, kaappitaala isaanii walitti qabatanii misoomarratti akka
bobba'an kan isaaniif ta'u kaappitaala daldalaa mijeessuufiin
barbaachisaa dha.
Dabalataanis, biyyi keenya fedhii daldala biyya alaa fi galii gibiraa
dabaluuf fedhii qabdurraa kan ka'e qormaanni ulfaataan ishee mudate
daldala kontirobaandii fi daldala seeraan alaati. Kontirobaandiin galii
mootummaa hir'isuu caalayyuu; oomishtoota, hawaasa daldalaa fi
shamattoota irraan miidhaan ga'u baay'ee hamaa dha. Rakkoo kana
furuuf sekterri tajaajila faayinaansii shoora ol-aanaa taphachuu danda'a.
Daldalli kontirobaandii kan adeemsifamu biyya alaa irraa gara biyya
keessatti shaqaxoota galan irratti qofa osoo hin taane, oomishoota alatti
erginu irrattis waan ta'eef kontirobaandiin dadhabuu daldala baasiitiif
sababa guddaa dha. Kanaafuu, daldala kontirobaandii madda isaarraa
gogsuudhaan daldala seera-qabeessa jajjabeessuuf tattaaffiiwwan
godhamaa jiran jabeessanii itti fufsiisuun akkuma jirutti ta'ee sirna
faayinaansii hammayyaawaa ijaaruun daldala seeraan alaa ittisuuf
shoora baay'ee ol-aanaa qaba.
Wal-jijjiirraan daldalaa maallaqa dheedhiin osoo hin taane
teekinooloojiidhaan yoo taasifame faana isaa adda baafachuun
nidanda'ama. Kaffaltii teekinooloojii babal'isuun yeroo isa kaffaltii
raawwatuus ta'ee fudhatuu qusachuuf kan fayyadu ta'uurra darbee,
kaffaltiin gibiraa osoo hin hatamin akka funaanamuu fi ramaddii
qabeenyaa haqa-qabeessa hin taane hir'isuuf shoora baay'ee ol-aanaa
taphata. Kanaafuu, sektera faayinaansii hammayyeessuuf mootummaan
adeemsa isaa deeggaruu qofa osoo hin taane isa hin feene illee
dirqisiisuun raawwachiisuu qaba. Sektera faayinaansii hammayyeessuu
jechuun imaammata, dhaabbilee fi teekinooloojii sektericha fayya
qabeessaa fi dorgomaa taasisan wixineessuudhaan ijaaruu jechuu dha.
Kuni milkaa'uun isaa dhiyeessii kaappitaala misooma industiriitiif oolu
dabala. Kana malees, sochii mootummaan daldala seeraan alaa hir'isuuf
taasisuuf tumsa guddaa ta'a.
Sirna Diinagdee fi Daldalaa Wal-morkii fi Wal-deeggarsa Qabu Jajjabeessuu