text stringlengths 0 196k |
|---|
Hir'ina sirnaa sirreessuu fi gabaa oomishtummaa qabu biyya keenyatti |
uumuuf hidhata diinagdee daldala galii fi baasii, inveestimeentii biyya |
alaa kallattii, naanna'uu humnoota oomishaa walabaa kan jajjabeessuu |
fi diinagdee idil-addunyaatiif banaa ta'uudhaan socho'uu barbaachisa. |
Bakka morkiin jiru, hidhata daldalaa fi inveestimeentii banaa fi jabaa |
uumuun oomishtummaa bu'uura kan godhateef baay'ee murteessaa |
dha. Biyyoota naannoo fi sadarkaa idil-addunyaatti gabaa banaa |
oomishtummaa dhiphisuun daldala gabaa idil-addunyaa fi sansalata |
oomishtummaa keessatti hirmaannaa qabnu baay'ee ol kaasa. Bu'aan |
daldala irraa argannu nama guddisa. Shamattoota walitti dhiyoo jiran |
gidduutti morkiin jiru, oomishaa fi tajaajila qulqullina qabu gatii gad |
aanaan akka argatan gochuurra darbee carraawwan hojii uumaniin galii |
fooyya'aa akka argatan taasisa. |
Kanaafuu, kutaawwan biyyattii hundatti kaappitaala, meeshaalee fi |
oomisha; akkasumas, naanna'uu humna namaa gabaa bilisaa keessatti |
hammachiisuun gara fakkii isaa guutuu fi agarsiistuu waliigalaatti ce'uun |
sirrii ta'a. Kanaafis shoora ol-aanaa taphachuu kan danda'u dhiyeessii |
misooma bu'uuraa fi hojii kaappitaala hawaasummaa babal'isuu |
barbaachisa. Keessattuu rakkoo hoji-dhabdummaa hammaataa biyya |
keenya keessa jiru furuuf gama maraan humna nama baratee; biyya |
keessattis ta'ee biyya alaattinaanna'anii bakka barbaadanitti akka |
hojjatan gochuun gaarii ta'a. |
Adeemsa isaatiinis kallattii akka namni mirgi isaa eegameefii hojjetu |
taasisu hordofuun kan fayyadu dha. Invastimantiin kallattii alaa argamu |
sharafa alaatiif, ce'umsa teeknooloojiitiif, akkasumas carraa hojii |
bal'isuudhaaf fayidaan inni qabu guddaa waan ta'eef, dhangala'inni isaa |
karaa ittiin jabaatu mijeessuu barbaachisa. haa ta'u malee, |
invastimantiin kallattii alaa ce'umsa teeknooloojii fi beekumsaa gara |
biyya keessaatti gama fiduutiin murteessummaan isaa humna biyya |
keessaatiin kan daangeffame dha. Invastimantii kallattii alaarraa |
fayyadamaa ta'uun dandeettii humna namaarratti kan hundaa'u ta'uu |
isaa beekuu n jala sararamuu qaba. Karaa biraatiin immoo, dhangala'inni |
invastimantii kallattii alaa fayyaalessummaa diinagdee guddaa |
waliigalaa hordofee kan dhufu ta'uu isaatiin omishtummaanis |
fayyaalessummaa diinagdee guddaa kana cimseetu barbaada. |
Kanaafuu, toora gadhiisuun diinagdee guddaa dhaabbataadhaan |
sirreeffamee diinagdichi diinagdee guddaa fayyaalessa keessa akka |
seenu qaala'insa gatii lakkoofsa qeenxeedhaan daangessuu, |
imaammanni maallaqaa (monetary} fi fiisikaalaa (fiscal} yeroo |
hundumaa hojii irra oolchuu barbaachisa. Bajanni mootummaa gara |
caalu irratti xiyyeeffachuu kan qabu dhimmoota mootummaan dursa |
kennuuf kanneen hiyyummaa wajjiin wal-qabatan irratti ta'uu qaba. |
Kunis seektaroota hawaasummaa fi diinagdee kanneen fedhii bu'uuraa |
guutanii fi carraa hojii uuman irratti akka ta'u hojjechuu barbaachisa. |
Gama to'annoo fi bulchiinsa bajataatiin, seerri to'annoo fi hordoffii |
cimaa ta'e diriirfamuu qaba. Seera hojii dhaabbataan hoogganamee |
bajanni seeraan tumame seeraan kaayyoo kaayyeffatameef sanaaf |
ooluun isaa ittiin mirkanaa'u uumamuun barbaachisaa dha. Meeshaalee |
alatti erguu fi omishtummaa gidduu hidhata jabaatu jira. Karaa tokkoon |
dhaabbileen gabaa alaa keessatti hirmaatanjalqabuma omishtoota akka |
ta'an kan dirqisiisu haalonni wal-dorgommii idil-addunyaa ni jira. Karaa |
biraatiin immoo dhaabbilee meeshaalee alatti ergan sadarkaa idil |
addunyaatti wal-hidhatinsi isaa uuman muuxannoowwanii fi |
beekumsoota hahhaaraa akka argatan carraa isaaniif kenna. Kanaafuu, |
omishtummaa daldala al-ergaa ni guddisa. |
Kanaafuu, rakkoolee caaseffamaa seektara daldala alatti erguu keessatti |
mul'atan addaan baasuun furmaata bu'uuraa fiduun dhimma du'aa fi |
jireenyaa ta'uu qaba. Walitti fidinsaa fi hanga omishawwan alaa isa |
omishawwan qonnaa muraasa irratti hundaa'e guddisuu barbaachisa. |
Rakkoowwan hanqina humnaa oomishtummaa waliin wal-qabatan |
furuuf xiyyeeffannoon kennamuu qaba. Biyya keessatti humna |
dabalataa uumuun oomisha gara alaatti ergamu gosaa fi hammaan |
baay'isuun barbaachisaa dha. |
Diinagdee walitti hidhannaa addunyaan durfamu kana keessatti |
tarsiimoon keenya irra caalaa alatti erguun kan durfamu ta'uunsaa |
akkuma eegamutti ta'ee, wantota sharafti alaa baay'inaan baasii irratti |
godhamaa jiru garuu carraaqqii xiqqoon humna uummachuu akka |
danda'an taasifamuu kan danda'an kanneen akka zayita nyaataa, |
qamadii, garbuu biiraa, qindeessuu bu'aalee qonnaa, meeshaalee |
dhedhii industirii fi oomistoota wal-fakkaatan alaa gara biyya keessaatti |
galchinu biyya keessatti oomishuun bakka buusuu tarsiimoo nu |
dandeessisiisu hordofuun bu'a qabeessa dha. Nagada alatti erguu |
oomishtummaa bu'uureffate babal'isuunii fi tooftaa oomishaalee |
muraasa biyyatti galanii kan biyya keessan bakka buusuu qindeessuun |
duubatti deemuu sharafa alaa maddisiisuu gara fuula duraatti akka |
deemu gochuu ni dandeenya. |
Hanqina sharafa biyya alaa sochii diinagdee biyya keenya qaraajiru kana |
hir'isuuf oomishtummaa guddisuun tooftaa guddaa tokko ta'ee, |
tarkaanfiiwwan imaammataa fi tarsiimoo dabalataa fudhachuun |
barbaachisaa dha. Mootummaan tooftaa sharafa alaa karaa hawaalaatiin |
argatu ittiin guddisu qopheeffachuu qaba. Galii sharafa alaa |
dagaagsuun alatti itti fayyadama sharafa alaa bu'a qabeessa gochuun |
dhiibbaanni uumu laaffisuun ni danda'ama. Biyya keenyatti sharafa alaa |
ol-aanaatti kan fayyadamu mootummaa dha. Mootummaan |
piroojektoota guguddoo/mega project waan qabuuf fedhiin sharafa |
alaasaa ol-aanaa dha. Mootummaan yeroo hundumaa piroojektoota |
yeroo kaaa'ameefitti xumuruurratti xiyyeeffachuu qaba. Kunis itti |
fayyadama sharafa alaa qusachuudhaan kuufamni sharafa alaa akka |
fooyya'uuf gahee dabalataa taphata. Haala karoora yeroo dheeraa fi |
giddu gala lakkofsa keessa galcheen bulchiinsaa fi imaammata sharafa |
alaa qorannoon sakata'uun fooya'iinsa barbaachisaa ta'e taasisuun |
barbaachisaa dha. |
Yeroo dhihootii asitti, wal-deeggaruun keenya barbaachisaa ta'uusaa fi |
yoo adda adda banemmoo hundi keenya akka miidhamnu hubannoon |
fudhatameera. Diinagdee keenya biyyoota olla waliin walitti hidhannoo |
akka qabaatu taasisuun fayidaa guddaa akka qabu hubachuun ni |
danda'ama. Buufata doonii waan hin qabneef buufatoota doonii |
biyyoottan qaban waliin misoomsuuf hojjechuun barbaachisaa dha. |
Kanaafuu, karaa bahaa buufata doonii Jibuutii yookan Barabaraa, |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.