text
stringlengths
0
196k
dhihaan buufata doonii Sudaan Akkasumas, buufatawwan doonii kaaba
Ertiraatti fayyadamuu danda'uun baasii hir'isuu qofa osoo hin taane
tajaajila amansiisaa fi itti-fufiinsa qabu argachuuf nugargaara.
Baasii geejjibaa hir'isuun carraawwan qabnu babal'ifachuu
nidandeenya.Qixuma sanaan kontirobaandiis nidadhabsiifna. Kallattii
adda addaatiin ilaallee faayidaa diinagdee argamsiisuun alatti akka
Gaanfa Aafrikaatti humna diinagdee guddaa tokko uumuu nidandeenya.
Kanaafuu, waliigaltee miseensummaa daldala biyyoota naannoo
jabaatee hojii irra ooluu qaba. Itoophiyaan miseensa dhaabbilee
daldalaa Idil-addunyaa ta'uuf falmii mariidaldalaa erga eegaltee booda
sababoota adda addaatiin jalaa gufachuun amma ammaatti falmii marii
ishee osoo hin xumurin baroota hedduu turuun moggaasa "Biyya
Kophaashii" jedhu argatteetti. Falmiin marii kuni faayidaa fi fedhii biyya
keenyaa haala eegsisuun hojii irra ooluun isaa barbaachisaa dha.
Faayidaan miseensa dhaabbata daldalaa idil-addunyaa ta'uurraa
argamu marii waliigaltee gamlamaa milkaa'inaan taasisuudhaan wal
qabata malee miseensa waan ta'aniif qofa kallattiidhaan faayidaan
argamu akka hin jirre hubatamuu qaba. Kanaafuu, qorannoo fi
beekumsa bu'uureffachuun faayidaawwan biyyoolessaa fi galma keenya
ifaan ifatti adda baasuun falmii marii waan kana nuuf eegsisu taasisuun
barbaachisaa dha.
Ka'umsi hanqina sirna diinagdee biyya keenyaa irratti xiyyeeffatu
rakkoo oomishtummaa fi itti fayyadamummaa haqaa dhabuurratti
kan hundaa'e dha.
Oomishtummaan salphumatti gaaffii diinagdeen keenya akka biyyaatti saffisa akkamii fi
bu'a-qabeessummaa hammamiitiin socho'aa jira? jedhuuf sadarkaa
ittiin deebii kenninuun kan beekamu dha. Sochii diinagdee baaqqeetiin
oomishtummaan galtee nama tokkootiin yookiin kaappitaala tokkoon
adda addummaa bu'aa argamuu mul'isa. Sadarkaa diinagdee
waliigalaatti immoo, oomishtummaan yaada itti fayyadama si'aayina
qabuu fi bu'a-qabeessa ta'e agarsiisu dha. Oomishtummaan, wantoonni
humna kuufamaa misoomaa ta'an kan akka galteewwan oomishaa,
humna biyya keessatti argamuu fi dandeettii taatotaa adeemsa
oomishaa keessatti hirmaatan hammachuun bu'aa qindoominaatiin
galtee gara bu'aatti jijjiiruu dha. Qindoominni kun galtee oomishaa,
dandeettii bizinasii uumuu fi hariiroo oomishaa kan of-keessatti
hammate dha. Qindoominni humnoota oomishaa kun gatii shaqaxootaa
fi tajaajilootaa biyya keenyaa murteessuun guddina diinagdee fi
misooma kan mirkaneessu dha.
Galteen oomishaa humna namaa, qabeenya uumamaa; akkasumas,
humna faayinaansii fi meeshaa kan dabalatu yommuu ta'u, agarsiistuu
humna kuufamaa badhaadhina misoomuu danda'uu biyya tokkoo
mul'isu dha. Haa ta'u malee, galteewwan kun jiraachuun isaanii qofti
oomishtummaa guddisa jechuun hin danda'amu. Qorannoowwan adda
addaa akka mul'isanitti, biyyoonni hedduu boba'aa fi qabeenya
uumamaa albuudotaa fi kkf qaban yommuu biyyoota qabeenya gad
aanaa qaban faana wal-bira qabamanii ilaalaman guddina diinagdee,
sadarkaa dimookraasii fi badhaadhina gadi aanaa qaban ta'anii mul'atu.
Kanaafuu, qabeenyi uumamaa qofti wabii guddinaa hin ta'u jechuu dha.
Sababiin isaas, sirni itti gaafatamummaa qabuu fi qabeenya uumamaa
sana saamicharraa eegu yoo jiraachuu baate, aangawoota faayidaa
barbaadanii fi abbootii qabeenyaa maxxantuu mootummaa ta'an
duroomsuuf qofa fayyada.
Bizinasii uumuu yommuu jennu, namoota dandeettii qabanitti
fayyadamuun haala humnoonni oomishaa qindaa'anii humna
uummatanii gabaaf ittiin dhiyaatan jechuu keenya. Kanaafuu, bizinasii

uumtummaan irra caala kutannaan yaada biizinesii haaraa yaaluu,
dandeettii adeemsa hojii idilee beekuu fi hoogganuu dabalata.
Dabalataanis, ga'uumsa kana haala walitti fufiinsa qabuun guddisuu kan
bakka bu'u ga'umsa humna uumuu fi misooma teekinooloojii hammate
dha. Walitti hidhiinsii fi hariiroon oomishaa agarsiistuu adeemsa
oomishtummaa wal-xaxaati. Walitti dhufiinsa qooddattoota oomishaa
diinagdee keessa jiranii, wal-harkaa fuudhuu fi sansalata dhiyeessii kan
ilaallatu dha. Walitti hidhiinsi kun biyya keessattis ta'ee biyyaan alatti
odeeffannoo shaqaxaa fi tajaajilaa, sababa wal-harkaa fuudhinsa
kaappitaalaas haa ta'u humna namaatiin hariiroo fuul-duraa fi booddee
kan qabu dha.
Walumaagalatti, oomishtummaan sirna wal-xaxaa dhiyeessii galtee,
ga'umsa tooftaa oomishaa fi dhimmoota walitti hidhiinsa oomishaa
irratti murteessuuti. Oomishtummaan yeroo gabaabaa keessatti rakkoo