text
stringlengths
0
196k
babal'isuuf kan abdachiisan miti. Haala kana keessaa ba'uuf
xiyyeeffannoo fi madaalliin guddina diinagdee baay'ina carraa hojii gara
fuul-duraatti uumu ta'uu qaba. Hoji-dhabdummaan lammiilee hin
oomishnee garuu, kan nyaata barbaadan bay'inaan kan uumu waan
ta'eef, rakkoo wabii nyaataa dabaluun isaa hin oolu.
Walitti hidhiinsa baay'ina uummataa fi misooma diinagdee sirriitti
hubachuuf, guddina lakkoofsa uummataa fi faca'iinsa uummataa
waggoottan dhiyoo asitti amala, fedhii fi faayidaawwan dargaggootaa
uumaman hubachuun gaarii dha.
Qormaata Faayidaa fi Fedhii Dargaggootaa Eegsisuu
Kutaa hawaasaa keessaa amala, fedhii fi faayidaa dargaggootaa
hubachuuf, jireenya dhala namaa keessatti umuriin ce'uumsaa bakkaa
fi gahee inni qabu addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha.
Namoonni umurii dargaggummaa keessatti argaman taateewwan
ce'uumsaa walitti aanuudhaan isaan mudatan keessaa adda-dureen
barumsa xumuruu, mana warraatii ba'uu, kaadhima jalqabaa
kaadhimmachuu, hojii jalqabaa qabachuu, fuudhuu/heerumuu fi mucaa
jalqabaa horachuu dha.
Duraa duuba taateewwan jijjiirama kanaa fi yeroo jijjiiramoonni kunniin
itti ta'an kan murteessu carraa diinagdee fi hawaasummaa biyya keessa
jiruuti. Biyya keenyatti guddinni lakkofsa hawaasa dargaggoo saffisa
carraan hawaasummaa fi diinagdee ittiin guddatu waliin wal hin simne.
Kanaafuu, murtii dargaggoota yeroo ce'uumsaatiif wantoota bu'uuraa
barbaachisoo ta'an haala ga'aa ta'een dhiyeessuun hin danda'amne.
Hanqina dhiyeessiiwwanii kanarraa ka'uun dargaggoota kan milkeessu
shoora ce'uumsaa tokko yookin lama; taatee isa tokko irra yeroo
dheeraaf turuu fi gara boqonnaa jireenyaa itti aanutti saffisaa n ce'uu kan
hin dandeenye ta'eera.
Fakkeenyaaf, barumsa xumuranii dafanii hojii argachuu dadhabuu, hojii
qabatanii galii amansiisaa ta'e argachuu dadhabuu, bultii godhatanii
rakkoo mana jireenyaa fi rakkoowwan kana fakkaatan biroon
gufuuwwan jireenyaa bal'inaan dargaggoota quunnamani dha. Biyyi
keenya carraawwan diinagdee fi hawaasummaa haala ga'aa ta'een
uumuu dadhabuun ishee dargaggoota abdii kutannaa keessa kan
galchuufi gara jeequmsaatti kan oofu dha.
Dhugumatti, ce'umsi dargaggummaa irraa gara ga'eessummaatti
taasifamu kun kan dheerachuu fi turuun biyya keenya qofaatti kan
daangeffame miti. Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa keessatti rakkoo
ammaan kana isaan mudachaa jiru dha. Haa ta'u malee, biyya keenyatti
lakkofsi kutaa hawaasa kanaa akka malee guddachaa jiraachuun isaa,
carraan diinagdee sadarkaa barbaadamuun babal'achuu dhabuu waliin
walitti ida'amee rakkinichi irra caalaa wal-xaxaa akka ta'u taasiseera.
Gama biraatiin, guddinni teekinoloojii fi babal'inni miidiyaa hawaasaa
(marsaariitii) hubannaan lammiiwwan idil-addunyaa akka gabbatu
taasiseera. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa lakkoofsi fayyadamtoota
miidiyaa hawaasaa hedduu keessatti argamu keessaa ishee tokko dha.
Fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa keessaa hedduun isaanii humnoota
oomishaa umurii waggaa 18-34 gidduu jirani dha. Babal'inni miidiyaa
hawaasaa kanaa fi guddinni hubannaa idil-addunyaa kunis
dargaggoonni waantotaaf deebiin isaan kennan ariifataa akka ta'u
godheera. Haalota uumaman irratti dargaggoonni akka kanaan duraa
taajjabbii fi callisaan kan bira hin dabarre, mootummaas ta'ee hawaasa
akka morman taasiseera. Haalli kun haala qabatamaa biyya keenyaa fi
seenaa biyya keenyaa waliin yommuu walitti ida'amu dhiibbaan isaa ni
bal'isa.
Siyaasni biyya keenyaa bara 1960mootaa kaasee humna dargaggoota
barataniitiin kan durfamu dha. Itti gaafatamummaan seenaa pirojektii
ammayyummaa oofuu gateettii kutaa hawaasaa kanarratti kan kufe dha.
Haa ta'u malee, itti gafatamummaan seenaa dargaggoota kanaan duraa
abukaatummaa qonnaan bulaa ture. Dargaggoonni ammaa immoo
dabalataan gaaffii diinagdee fi haqaa ofiif qabu kan qabate dha. Kana
malees, dargaggoonni ammaa diinagdeedhaan warra isaanii irratti
hirkataa ta'uun isaanii, rakkoon kutaa hawaasa kanaa kutaa hawaasa
hunda waliin kan walitti hidhate ta'uusaa mul'isa. Kanaafuu, rakkoo
dargaggootaa hiikuun karaa biraatiin dhimma rakkoo kutaalee
hawaasaa biroo hiikuu dha.
Gara fuul-duraatti bu'uura hawaasummaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu
kan ta'u qonnaan bulaa ga'eessa cinaatti humna dargaggoo kana dha.
Dargaggoon amma jiru kun dargaggoo waggaa 30 duraan ture waliin
yommuu wal-bira qabamee ilaalamu, garaagarummaan bu'uuraa qaban
dargaggoonni ammaa humna dargaggoota baratee ta'uu isaati.
Kanarraa ka'uunis, dhimmoota siyaasaa fi diinagdeerratti hirmaannaa
cimaa taasisuu fi fayyadamaa ta'uu barbaada. Kanafuu, kutaa hawaasaa
dargaggeessa barate yommuu jennu, waggoottan soddomman darba n
kana keessa carraawwan barnootaa uumamaniin kan barate, marsaariitii
quunamtii diriirfamaniin odeeffannoo quunnamtii saffisaa fi walitti
hidhannaatti dhihoofi kutaa hawaasa bal'aa gara fuul-duraas ta'uu
isaati.
Ammuma baay'inni lakkoofsa dargaggootaa dabalaa dhufe carraan
hawaasummaa fi diinagdee biyya keenyaa, kessumaa qabeenyi
uumamaa haphachaa dhufeera. Lafti qonnaa guddina lakkoofsa
uummataa dandamachuu dadhabaa jira. Kanaaf, dargaggoonni
baadiyyaa jiruu hanqina lafa qonnaa fi barumsaa qaburraa ka'uun carraa
diinagdee fooyya'aa barbaacha godaansi gara magaalaatti taasisu
baay'inaan dabaleera. Kanarraa kan ka'e, magaalonni aanaa akka amma
mul'achaa jiruutti dhiyeenya qaban irraa ka'uun lakkoofsa hawaasa
dargaggoota ol-aanaan guutamaa dhufaniiru.
Kanaafuu, fedhii fi faayidaa dargaggootaa kana bifa itti fufiinsa qabuun
hiikuufi humna guddaa diinagdee taasisanii hiriira galchuun kan
danda'amu yommuu misoomni industirii saffisaa carraa hojii amansiisaa
uumuu fi dandeettii hojjettootaa guddisu fiduun danda'ame dha.
Keessumaa, seekteroota misooma magaalaafi baadiyyaa yookiin
induustiriifi qonna gidduutti walitti hidhannaa qabaniifi hariiroowwan
wal-deeggaran irratti xiyyeeffachuun jijjiirama caasaa diinagdee
saffisiisuuf hojjechuun barbaachisaa dha. Dabalataanis, misooma
baadiyyaa saffisiisuunii fi baadiyyaa bakka jireenya mijataa taasisuuf
tajaajiloota guutuun yoo danda'ame humna dargaggoota baratanii gara
magaalaatti godaanu kana nannoo isaa akka turu gochuun hirmaataa