text stringlengths 0 196k |
|---|
babal'isuuf kan abdachiisan miti. Haala kana keessaa ba'uuf |
xiyyeeffannoo fi madaalliin guddina diinagdee baay'ina carraa hojii gara |
fuul-duraatti uumu ta'uu qaba. Hoji-dhabdummaan lammiilee hin |
oomishnee garuu, kan nyaata barbaadan bay'inaan kan uumu waan |
ta'eef, rakkoo wabii nyaataa dabaluun isaa hin oolu. |
Walitti hidhiinsa baay'ina uummataa fi misooma diinagdee sirriitti |
hubachuuf, guddina lakkoofsa uummataa fi faca'iinsa uummataa |
waggoottan dhiyoo asitti amala, fedhii fi faayidaawwan dargaggootaa |
uumaman hubachuun gaarii dha. |
Qormaata Faayidaa fi Fedhii Dargaggootaa Eegsisuu |
Kutaa hawaasaa keessaa amala, fedhii fi faayidaa dargaggootaa |
hubachuuf, jireenya dhala namaa keessatti umuriin ce'uumsaa bakkaa |
fi gahee inni qabu addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha. |
Namoonni umurii dargaggummaa keessatti argaman taateewwan |
ce'uumsaa walitti aanuudhaan isaan mudatan keessaa adda-dureen |
barumsa xumuruu, mana warraatii ba'uu, kaadhima jalqabaa |
kaadhimmachuu, hojii jalqabaa qabachuu, fuudhuu/heerumuu fi mucaa |
jalqabaa horachuu dha. |
Duraa duuba taateewwan jijjiirama kanaa fi yeroo jijjiiramoonni kunniin |
itti ta'an kan murteessu carraa diinagdee fi hawaasummaa biyya keessa |
jiruuti. Biyya keenyatti guddinni lakkofsa hawaasa dargaggoo saffisa |
carraan hawaasummaa fi diinagdee ittiin guddatu waliin wal hin simne. |
Kanaafuu, murtii dargaggoota yeroo ce'uumsaatiif wantoota bu'uuraa |
barbaachisoo ta'an haala ga'aa ta'een dhiyeessuun hin danda'amne. |
Hanqina dhiyeessiiwwanii kanarraa ka'uun dargaggoota kan milkeessu |
shoora ce'uumsaa tokko yookin lama; taatee isa tokko irra yeroo |
dheeraaf turuu fi gara boqonnaa jireenyaa itti aanutti saffisaa n ce'uu kan |
hin dandeenye ta'eera. |
Fakkeenyaaf, barumsa xumuranii dafanii hojii argachuu dadhabuu, hojii |
qabatanii galii amansiisaa ta'e argachuu dadhabuu, bultii godhatanii |
rakkoo mana jireenyaa fi rakkoowwan kana fakkaatan biroon |
gufuuwwan jireenyaa bal'inaan dargaggoota quunnamani dha. Biyyi |
keenya carraawwan diinagdee fi hawaasummaa haala ga'aa ta'een |
uumuu dadhabuun ishee dargaggoota abdii kutannaa keessa kan |
galchuufi gara jeequmsaatti kan oofu dha. |
Dhugumatti, ce'umsi dargaggummaa irraa gara ga'eessummaatti |
taasifamu kun kan dheerachuu fi turuun biyya keenya qofaatti kan |
daangeffame miti. Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa keessatti rakkoo |
ammaan kana isaan mudachaa jiru dha. Haa ta'u malee, biyya keenyatti |
lakkofsi kutaa hawaasa kanaa akka malee guddachaa jiraachuun isaa, |
carraan diinagdee sadarkaa barbaadamuun babal'achuu dhabuu waliin |
walitti ida'amee rakkinichi irra caalaa wal-xaxaa akka ta'u taasiseera. |
Gama biraatiin, guddinni teekinoloojii fi babal'inni miidiyaa hawaasaa |
(marsaariitii) hubannaan lammiiwwan idil-addunyaa akka gabbatu |
taasiseera. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa lakkoofsi fayyadamtoota |
miidiyaa hawaasaa hedduu keessatti argamu keessaa ishee tokko dha. |
Fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa keessaa hedduun isaanii humnoota |
oomishaa umurii waggaa 18-34 gidduu jirani dha. Babal'inni miidiyaa |
hawaasaa kanaa fi guddinni hubannaa idil-addunyaa kunis |
dargaggoonni waantotaaf deebiin isaan kennan ariifataa akka ta'u |
godheera. Haalota uumaman irratti dargaggoonni akka kanaan duraa |
taajjabbii fi callisaan kan bira hin dabarre, mootummaas ta'ee hawaasa |
akka morman taasiseera. Haalli kun haala qabatamaa biyya keenyaa fi |
seenaa biyya keenyaa waliin yommuu walitti ida'amu dhiibbaan isaa ni |
bal'isa. |
Siyaasni biyya keenyaa bara 1960mootaa kaasee humna dargaggoota |
barataniitiin kan durfamu dha. Itti gaafatamummaan seenaa pirojektii |
ammayyummaa oofuu gateettii kutaa hawaasaa kanarratti kan kufe dha. |
Haa ta'u malee, itti gafatamummaan seenaa dargaggoota kanaan duraa |
abukaatummaa qonnaan bulaa ture. Dargaggoonni ammaa immoo |
dabalataan gaaffii diinagdee fi haqaa ofiif qabu kan qabate dha. Kana |
malees, dargaggoonni ammaa diinagdeedhaan warra isaanii irratti |
hirkataa ta'uun isaanii, rakkoon kutaa hawaasa kanaa kutaa hawaasa |
hunda waliin kan walitti hidhate ta'uusaa mul'isa. Kanaafuu, rakkoo |
dargaggootaa hiikuun karaa biraatiin dhimma rakkoo kutaalee |
hawaasaa biroo hiikuu dha. |
Gara fuul-duraatti bu'uura hawaasummaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu |
kan ta'u qonnaan bulaa ga'eessa cinaatti humna dargaggoo kana dha. |
Dargaggoon amma jiru kun dargaggoo waggaa 30 duraan ture waliin |
yommuu wal-bira qabamee ilaalamu, garaagarummaan bu'uuraa qaban |
dargaggoonni ammaa humna dargaggoota baratee ta'uu isaati. |
Kanarraa ka'uunis, dhimmoota siyaasaa fi diinagdeerratti hirmaannaa |
cimaa taasisuu fi fayyadamaa ta'uu barbaada. Kanafuu, kutaa hawaasaa |
dargaggeessa barate yommuu jennu, waggoottan soddomman darba n |
kana keessa carraawwan barnootaa uumamaniin kan barate, marsaariitii |
quunamtii diriirfamaniin odeeffannoo quunnamtii saffisaa fi walitti |
hidhannaatti dhihoofi kutaa hawaasa bal'aa gara fuul-duraas ta'uu |
isaati. |
Ammuma baay'inni lakkoofsa dargaggootaa dabalaa dhufe carraan |
hawaasummaa fi diinagdee biyya keenyaa, kessumaa qabeenyi |
uumamaa haphachaa dhufeera. Lafti qonnaa guddina lakkoofsa |
uummataa dandamachuu dadhabaa jira. Kanaaf, dargaggoonni |
baadiyyaa jiruu hanqina lafa qonnaa fi barumsaa qaburraa ka'uun carraa |
diinagdee fooyya'aa barbaacha godaansi gara magaalaatti taasisu |
baay'inaan dabaleera. Kanarraa kan ka'e, magaalonni aanaa akka amma |
mul'achaa jiruutti dhiyeenya qaban irraa ka'uun lakkoofsa hawaasa |
dargaggoota ol-aanaan guutamaa dhufaniiru. |
Kanaafuu, fedhii fi faayidaa dargaggootaa kana bifa itti fufiinsa qabuun |
hiikuufi humna guddaa diinagdee taasisanii hiriira galchuun kan |
danda'amu yommuu misoomni industirii saffisaa carraa hojii amansiisaa |
uumuu fi dandeettii hojjettootaa guddisu fiduun danda'ame dha. |
Keessumaa, seekteroota misooma magaalaafi baadiyyaa yookiin |
induustiriifi qonna gidduutti walitti hidhannaa qabaniifi hariiroowwan |
wal-deeggaran irratti xiyyeeffachuun jijjiirama caasaa diinagdee |
saffisiisuuf hojjechuun barbaachisaa dha. Dabalataanis, misooma |
baadiyyaa saffisiisuunii fi baadiyyaa bakka jireenya mijataa taasisuuf |
tajaajiloota guutuun yoo danda'ame humna dargaggoota baratanii gara |
magaalaatti godaanu kana nannoo isaa akka turu gochuun hirmaataa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.