text stringlengths 0 196k |
|---|
misooma baadiyyaa akka ta'u gochuun barbaachisaa dha. |
Kallattii dargaggeessarratti xiyyeeffate hordofuun, dhimma |
kaayyoowwan gurguddoo biyya keenya lama galmaan ga'uu dha. Inni |
tokkoffaan, qabeenya nama baratee fi lakkofsa hedduu qabu kanatti |
fayyadamuun misooma diinagdee barbaadamu galmeessisuu yommuu |
ta'u, lammaffaan immoo humni namaa kun abdii kutachuu fi dallansuu |
keessa galuun tasgabbiifi nageenya biyya keenyaa balaarra akka |
hinbuufne gochuun sodaa jiraachuu biyya keenyaa hambisuu dha. |
Kaayyoon keenyas, aadaa Maarkisistootaa keessatti akka baratametu |
kutaa hawaasaa tokkoof qofa qabsaa'uu otoo hintane dhimma |
misooma diinagdee biyya keenyaa, tasgabbii fi nageenya ishee |
mirkaneessuu akka ta'etti fudhatamuu qaba. Gaarummaa rsaa |
fudhannee yommuu ilaallu, dargaggeessi gama hundumaan gahee |
jijjiirama waliigalaa fiduu dandeessisu qaba. Faallaa kanaan immoo, |
haalan yoo qabamuu baate carraan badii waliigalaa fiduu isaas ol-aanaa |
dha. Dhimma hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee kamiyyuu keessatu |
humna hoo'aa fi oomishtummaatiin kan ramadamu ta'uyyuu hanqina |
muuxannoo qabuu fi xiqqeenya umurii isaarraan kan ka'e haalaan |
leenji'uu fi ilaalchi isaa bocamuu qaba. Kutaan hawaasaa kun humnaa fi |
anniisaa qaburraa, akkasumas, kutaalee hawaasaa biroo waliin walitti |
dhufeenya kallattii qabuu fi dhiibbaa isaarraa ka'uun, sirriitti leenji'uu fi |
tooftaa fi malaan qabamuu qaba. Dargaggessi yoo sirnaan hoogganame |
jijjiiramni fidu faayidaa qabeessa akka ta'e wal nama hin gaafachiisu. |
Guddina lakkoofsa uummata biyya keenyaa fi haala qabatamaa |
faca'insaa; akkasumas, raagawwan adda addaa yommuu xiinxallu, yoo |
haalota hawaasaa dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa waliin walitt: |
hiinee imaammata ga'aa fi hoggantummaa kuttannoo qabuun |
hogganuu dandeenye yeroo dhiyoo keessatti bu'aa baay'ina uummataa |
ol-aanaa fi faca'insa qooddachuun milkaa'ina diinagdee |
mirkaneeffachuuf carraa guddattu nu dura jira. Sababiin isaas, |
oomishaanis, itti fayyadamaan oomishaas, misooma kan fidus, |
misoomicharraa kan bu'aa argatus, dhala namaati. Haa ta'u malee, hangi |
misoomaa dhala namaan qofa otoo hinta'in galtee oomishaatini. Kana |
jechuun, qindoomina kaappitaalaa, teekinoolojii fi qabeenya uumamaan |
kan murteeffamu dha. Kanarraa kan ka'e, biyyoonni tokko tokko |
baayi'na uummataa ol-aanaa haa qabaataniyyu malee misoomaniitu |
argamu. Faallaa kanaatiin immoo, lakkoofsa uummataa xiqqoo otoo |
qabanii biyyonni hin misoomnes ni jiru. |
Miidhaa fi faayidaa baay'ina uummataa irratti mormiiwwan gurguddoo |
lamatu jira. Garee isa tokkorraa lakkoofsi uummataa saffisaan |
dabaluunsaa sadarkaan jireenya dhala namaa akka gadi bu'uu fi |
jiraachuu dhala namaas balaarra buusa jedhanii hayyootni morman ni |
jiru. Lakkoofsi uummataa saffisaan yommuu dabalu, biyyoonni |
jireenyaaf wantoota barbaachisoo ta'an kan akka nyaata, mana, daara, |
carraa baruumsaa fi tajaajila fayyaa haala ga'aa ta'een dhiheessuun |
isaanitti ulfaata. Lakkoofsi uummataa dabaluun hiyyummaa fi jireenya |
gad-aanaaf nama saaxila. Baay'inni uummataa qabeenya uumamaa |
dhumataa duguuguurra darbuun faalama naannoo |
dhaqqabsiisuudhaan haala qilleensa naannoo rakkoo irra buusajedhanii |
mormu. Gama biraatiin, baay'ina uummataa akka carraatti fudhachuun, biyyi |
uummata baay'ee qabdu biyya uummata xiqqoo qabdurra of |
danda'uun madda siyaasaa fi diinagdee akka taatu ibsu. Yaadni mormii |
isaaniis, uummanni madda humna oomishaa hojiif ta'uuf yaada jedhu |
ibsuurratti kan bu'uureffate dha. Isaan kana keessaas, ittisa biyyaaf kan |
ta'u raayyaa guddaa ijaaruu, oomishaaf gabaa bal'aa uumuu, gibira |
galiif bu'uura bal'aa, yaada kalaqaa baay'ee argachuuf, fooya'insa |
teekinoloojiif bu'uura waan ta'uuf badhaadhina jedhaniitu ibsu. |
Baay'inni uumataa carraa fi qormaata fidee kan dhufu ta'uunsaa jala |
muramuu qaba. Baay'ina uummataa fi guddina diinagdee gidduu walitti |
dhufeenyi kallattiis haa ta'u alkallattii jiraachuu danda'a. Guddinni |
baay'ina uummataa guddina diinagdee waliin hanga wal-madaaletti |
motara guddinaati. Wal-madaaluu baannaan garuu guddina diinagdee |
booddetti harkisa. Asirratti carraa fi qormaata baay'ina uummataa |
sirriitti hubachuuf, muuxannoowwan Dhihaa fi Bahaa fudhachuun nu |
fayyada. |
Qaccee ofii itti fufsiisuun xiin-uummata keessatti gaaffii guddaa dha. |
Biyyoottan dhihaa keessatti lakkoofsi kutaa hawaasa umuriin deemee |
faca'iinsa uummataa biyyoottanii keessatti guddachaa dhufeera. Kunis, |
humni oomishaa fi hojjataa akkasumas humni shamatu akka hir'atu |
taasisa. Kanaafuu, xiqqaachuun lakkoofsa dargaggoota biyya dhaalanii |
namoota imaammata qopheessan hedduu yaaddoo keessa galcheera. |
Faallaa kanaatiin, sababoota biyyoonni Baha Eeshiyaa ittiin guddachaa |
jiran keessaa baay'inni uummata isaanii waan bal'aa ta'eefi dha. |
Baay'inni uummata isaanii hedduu ta'uun fedhii biyya keessaa fi gabaa |
akkasumas humna namaa bal'aa argamsiisefii jira. Haa ta'u malee, |
keessumaa Chaayinaa fi Hindii keessatti aadaan koorniyaa dhiiraaf |
looguu yookiin sirna koorniyaa ol-aantummaa dhiiraa rakkoo xiin |
uummataa uumeera. Biyyonni ku nniin, keessumaa Chaayinaa n |
imaamanni xiin-uummataa hordofte, faca'iinsi koorniyaa akka wal |
madaalawaa hin taane gochuun rakkoo hawaasummaa uumeera. |
Kun kan nutti agarsiisu to'annoon baay'ina uummataarratti taasifnu xiin |
uummata uumamaa kan ta'an gahee wal-simataa umurii fi koorniyaa |
kan jeequu fi adeemsa uumamaa irratti kan dhiibbaa taasisu ta'uu akka |
hin qabaanne dha. Kanaafuu, biyya keenyatti xiin-uummataafi misooma |
gidduu walitti hidhannoo tasuma addaan baasamuu hin dandeenyee fi |
itti-fufiinsa, akkasumas jijjiirama qabu hubachuun xiyyeeffannoon |
dhimmoota xiin-uummataaf kenninu qaama misooma itti fufaa biyya |
keenyaaf, dabalees guddina saffisaa gama diinagdee fi |
hawaasummaatiin mirkaneessuf carraaqqiiwwan taasifamanii ta'uu |
qaba. |
Sadarkaa amma irra jirruun uummanni keenya waanta oomishuurra |
waanta inni dhimma itti ba'utu bay'ata, Kanaafuu, ilaalcha herreegaatiin |
yommuu ilaallu, fayyadamaa dha malee uummata oomishuu miti. Biyyi |
keenya gargaarsaanis haa ta'uu liqiin kaappitaala guddaa biyya alaatii |
fiduun dhiyeessa ijaarsawwan bu'uuraa barumsaaf, fayyaaf, bishaan |
dhugaatiifi kanneen kana fakkaataniif babal'ifteetti. Haa ta'u malee, |
humna namaa uumamee fi galteewwan meeshaalee qindeessinee itti |
fayyadamuun shaqaxootaa fi tajaajiloota gatiin isanii dabale oomishnee |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.