text
stringlengths
0
196k
gabaaf dhiheessuu hin dandeenye. Kanarraa kan ka'e liqii liqeeffanne
deebisuun haa hafuutii, liqii fi deeggarsa dabalataa barbaaduu hin
dhiisne. Sababiin isaas, uumanni keenya oomishaa otoo hin taane
fayyadamaa ta'uu isaati. Haalli kun kan agarsiisu teekinoloojiiwwan
oomishtummaa fooyyessanitti fayyadamuu fi walitti hidhiinsa gabaa
ijaaruun hanga gara oomistummaa qulqullaa'aa isaatti ceenutti guddina
baay'ina uummataa keenya dhaabsisuun barbaachisaa ta'uusaati.
Baay'inni uummata oomishaa biyya keenyaa baay'ina uummata
hirkataa yookiin hin oomishnee akka caalu taasisuu qabna. Humna
oomishaa kana karaa sirriin itti fayyadamuun yoo danda'ame, yeroo
gabaabaa keessatti carraa diinagdee gaarii fidee dhufa. Carraan gaarii
xiin-uummataa kun kan yeroo gabaabaaf turu dha. Hirkattummaan
wayita dabalaa dhufu carrichi kan dhumu ta'a.
Haa ta'u malee, yommuu baay'inni uummata oomishaa carraa gaarii
ta'ee turuufi lakkoo fi uummata oomishaa yommuu ol-aanaa ta'u ga'ee
inni diinagdee keessatti taphatu guddisuuf, duraan dursinee dhaloota
ijaaruu irratti qabeenya keenya dhangalaasuu qabna. Dursu
xiyyeeffannoo fayyaa, barnootaafi leenjii dhaloota boriif kennuun
dandeettii dhalootichaa ijaaruun barbaachisaa dha. Daa'imman aadaa
hojii fi barumsaan ijaaramanii yoo guddatan, yommuu umuriin isaanii
hojiif qaqqabu humna oomishaa qaroomee fi naamusa gaarii qabu
ta'uun madda jabina diinagdee ta'u.
Muuxannoon biyyoota bu'aa xiin-uummataa kanarraa fayyadamoo
ta'anii akka mul'isutti, dursanii daa'imman irratti hojii guddaa hojjechuu
isaaniiti. Muuxannoo biyyoota kanarraa horachuun bu'aa xiin
uummataa dhandhamuuf sirna fayyaa hawaasaa jabaa fayyaa
daa'immanii fi uummataa fooyyessu diriirsuun barbaachisaa dha.
Yommuu hojii fayyaa hawaasaa kanaa fi guddina baay'ina uummataa
dhaabuurratti hojjennu fedhii, eeyyamaa fi beekkamtii haadholiif
abbootii irratti kan hundaa'ee fi loogii koorniyaarraa bilisa akka ta'u of
eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Dabalataanis guddinni baay'ina
uummataa hir'ataa deemee lakkoofsa dargaggoota hojjetanii akka hin
haphifne, itti dhiyeenyaan hordofuun akka barbaachisummaa isaatti
imaammaticha fooyyeessuun, baay'ina uummata keenyaa qofa otoo hin
taane madaallii gulantaa faca'insa umuriis akka eegnu nu dandeessisa.
Walumaagalatti, biyya keenyatti carraa xiin-uummataa mul'achaa jirutti
fayyadamuuf sirna barnootaa fi leenjii humna nama qaxaramuu fi hojii
uumuu jabeessu diriirsuu, karoora maatii fi sirna fayyaa du'a haadholii fi
daa'immanii hir'isu jabeessuu fi kallattii diinagdee oomishtummaa
bu'uura godhate hordofuun barbaachisaa dha.
Qabeenya Uumamaa Akka Humna Kuufamaatti
Itoophiyaan haala taa'umsa lafaa adda addaan badhaatuu dha.
Bal'inaan immoo biyyoota addunyaarraa sadarkaa 27ffaa irratti argamti.
Bal'inni kun uummata hedduu hamatanii qabachuuf, qabeenyi
uumamaa hedduu akka jiraatuuf, nageenya biyyaa eegsisuuf ga'ee
guddaa qaba.
Biyyi keenya lageen gurguddoo biyya qaxxaamuran afur, kessa isaaniitti
lageen giddu-galaa 12 fi lageen gurguddoo 9 qabdi. Kana keessaa
haroowwan uumamaa 17 fi nam-tolchee 9tu argama. Qaama bishaanii
fuula lafaarra jiran kanarraa kuufama bishaanii metir-kuubii biliyoona
123tu jira. Akkasumas, kuufama bishaanii qotamee baafamuun
haromfamee faayidaarra ooluu danda'u metir-kuubii biliyoona 121 oltu
jira. Walumaagalatti, biyyi keenya qabeenya kuufamaa bishaanii metir
kuubii biliyoona 224 qabdi. Qabeenya bishaanii kanatti fayyadamuuf,
teekinoloojii jallisiitti fayyadamuun lafti misoomuu danda'u hektaara
miliyoona 43 gadii miti. Qabeenya kuufamaa bishaanii qabdurraayis
kennaa uumamaa humna ibsaa meegaa waattii kuma 45 maddisiisuu
ishee dandeessisuunis kan badhaate dha. Kanarraa ka'uun, Afrikaa
keessatti biyyoota muraasa gumbii bishaanii jedhamuun beekaman
keessaa ishee tokko dha.
Itoophiyaan naannoo mudhii lafaatti waan argamtuuf ifa aduu ol-aanaa
argatti. Haa ta'u malee anniisaa elektrikii madisiisnee itti dhimma ba'uuf
kan hojiirra oolchine dhibbantaa tokkoon gadi. Itti fayyadamni anniisaa
qilleensaa fi hurkaa/ji'ootermaalii keenyas akkasuma gad-aanaa dha.
Qabeenyi dhagaa cilee fi gaazii uumamaa keenyas hanga ammaatti
faayidaarra hin oolfamne.
Biyya keenyatti dheerinni guyyaa fi halkanii wal-qixa kan jedhamu dha.
Biyyi keenya baqqaana tirooppikaaliitti kan argamtuu fi haala taa'umsa
lafaa adda addaa kan qabdu dha. Sababa kanaanis biyyi keenya
qabeenya haala qilleensaa adda addaa, gosa biyyee fi bakka argama
gosoota bineensotaa fi biqiltoota adda addaa ishee taasiseera. Kanaafuu
gosa midhaanii fi beeladoota adda addaa oomishuuf carraan keenya
bal'aa dha.
Itiyoophiyaan Baha Afrikaa, galaana diimaarraa fageenya dhihootti
argamtu dha. Haalli taa'umsa ishee biyyoota Baha Giddugalaa, Eeshiyaa,
biyyoota Galfii fi Awurooppaatti kan dhiyaatte, akkasumas galaana
diimaatti, Galfii Edenii fi Garba Hindiitti dhihoo akka taatu godheera.
Kana ta'uu isaatiinis biyyi keenya daldala idil-addunyaaf kan mijattee fi
bakka tarsiimowaatti kan argamtu dha. Haala teessuma lafaa waliin wal
qabatee, Itiyoophiyaatti qormaata kan ta'u, balbala galaanaa dhabuu
isheeti. Kunis biyyi keenya gatii daldala ol-aanaaf akka saaxilamtu
taasisuun daldala fiduu fi erguu irratti dhiibbaa taasisuun isaa waan hin
oolle dha. Qormaata dhaabbataa gama diinagdeetiin nu mudatu kana
furuun kan danda'amu, yaada ida'amuutiin biyyoottan ollaa keenyaa
faana faayidaa waliiniif yommuu diinagdeen walitti hidhamnee
ida'amnu dha. Tooftaan kun hariiroo filannoo buufatoota nagada alaatti
ergamuu fi biyyatti ittiin galchinu bal'ifachuu hordofuu qabna.
Kallattiin kun nageenya biyyaalessaafis ta'ee misoomaaf baay'ee
barbaachisaa dha. Haa ta'u malee, nageenyiif misoomni biyyoota ollaa
keessatti kan mirkanaa'e ta'uu danda'uun isaa dhimma barbaachisaa fi
boriif hin jedhamne dha. Kanaafuu, olloottan keenya waliin misoomaa fi
nageenya waloo cimsuuf, imaammanni qunnamtii biyya alaa, nageenyaa
fi misoomaa xiyyeeffannoo argachuu qaba.
Haala teessuma lafaatiin alatti, qabeenyi uumamaa dandeettii humna
misoomuu biyyootaa murteessuu keessatti shoora ol-aanaa qaba.
Qabeenya uumamaa yommuu jedhamu, akka biyyaatti qabeenya wabii
nyaataa mirkaneeffachuu dandeessisu qabaachuu fi albuudota gatiin
isaanii olka'aa ta'e qabaachuun murteessaa taasifamaniitu ilaalamu.
Biyyi keenya humna kuufamaa wabii nyaataa ishee ittiin mirkaneeffattuu