text stringlengths 0 196k |
|---|
gabaaf dhiheessuu hin dandeenye. Kanarraa kan ka'e liqii liqeeffanne |
deebisuun haa hafuutii, liqii fi deeggarsa dabalataa barbaaduu hin |
dhiisne. Sababiin isaas, uumanni keenya oomishaa otoo hin taane |
fayyadamaa ta'uu isaati. Haalli kun kan agarsiisu teekinoloojiiwwan |
oomishtummaa fooyyessanitti fayyadamuu fi walitti hidhiinsa gabaa |
ijaaruun hanga gara oomistummaa qulqullaa'aa isaatti ceenutti guddina |
baay'ina uummataa keenya dhaabsisuun barbaachisaa ta'uusaati. |
Baay'inni uummata oomishaa biyya keenyaa baay'ina uummata |
hirkataa yookiin hin oomishnee akka caalu taasisuu qabna. Humna |
oomishaa kana karaa sirriin itti fayyadamuun yoo danda'ame, yeroo |
gabaabaa keessatti carraa diinagdee gaarii fidee dhufa. Carraan gaarii |
xiin-uummataa kun kan yeroo gabaabaaf turu dha. Hirkattummaan |
wayita dabalaa dhufu carrichi kan dhumu ta'a. |
Haa ta'u malee, yommuu baay'inni uummata oomishaa carraa gaarii |
ta'ee turuufi lakkoo fi uummata oomishaa yommuu ol-aanaa ta'u ga'ee |
inni diinagdee keessatti taphatu guddisuuf, duraan dursinee dhaloota |
ijaaruu irratti qabeenya keenya dhangalaasuu qabna. Dursu |
xiyyeeffannoo fayyaa, barnootaafi leenjii dhaloota boriif kennuun |
dandeettii dhalootichaa ijaaruun barbaachisaa dha. Daa'imman aadaa |
hojii fi barumsaan ijaaramanii yoo guddatan, yommuu umuriin isaanii |
hojiif qaqqabu humna oomishaa qaroomee fi naamusa gaarii qabu |
ta'uun madda jabina diinagdee ta'u. |
Muuxannoon biyyoota bu'aa xiin-uummataa kanarraa fayyadamoo |
ta'anii akka mul'isutti, dursanii daa'imman irratti hojii guddaa hojjechuu |
isaaniiti. Muuxannoo biyyoota kanarraa horachuun bu'aa xiin |
uummataa dhandhamuuf sirna fayyaa hawaasaa jabaa fayyaa |
daa'immanii fi uummataa fooyyessu diriirsuun barbaachisaa dha. |
Yommuu hojii fayyaa hawaasaa kanaa fi guddina baay'ina uummataa |
dhaabuurratti hojjennu fedhii, eeyyamaa fi beekkamtii haadholiif |
abbootii irratti kan hundaa'ee fi loogii koorniyaarraa bilisa akka ta'u of |
eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Dabalataanis guddinni baay'ina |
uummataa hir'ataa deemee lakkoofsa dargaggoota hojjetanii akka hin |
haphifne, itti dhiyeenyaan hordofuun akka barbaachisummaa isaatti |
imaammaticha fooyyeessuun, baay'ina uummata keenyaa qofa otoo hin |
taane madaallii gulantaa faca'insa umuriis akka eegnu nu dandeessisa. |
Walumaagalatti, biyya keenyatti carraa xiin-uummataa mul'achaa jirutti |
fayyadamuuf sirna barnootaa fi leenjii humna nama qaxaramuu fi hojii |
uumuu jabeessu diriirsuu, karoora maatii fi sirna fayyaa du'a haadholii fi |
daa'immanii hir'isu jabeessuu fi kallattii diinagdee oomishtummaa |
bu'uura godhate hordofuun barbaachisaa dha. |
Qabeenya Uumamaa Akka Humna Kuufamaatti |
Itoophiyaan haala taa'umsa lafaa adda addaan badhaatuu dha. |
Bal'inaan immoo biyyoota addunyaarraa sadarkaa 27ffaa irratti argamti. |
Bal'inni kun uummata hedduu hamatanii qabachuuf, qabeenyi |
uumamaa hedduu akka jiraatuuf, nageenya biyyaa eegsisuuf ga'ee |
guddaa qaba. |
Biyyi keenya lageen gurguddoo biyya qaxxaamuran afur, kessa isaaniitti |
lageen giddu-galaa 12 fi lageen gurguddoo 9 qabdi. Kana keessaa |
haroowwan uumamaa 17 fi nam-tolchee 9tu argama. Qaama bishaanii |
fuula lafaarra jiran kanarraa kuufama bishaanii metir-kuubii biliyoona |
123tu jira. Akkasumas, kuufama bishaanii qotamee baafamuun |
haromfamee faayidaarra ooluu danda'u metir-kuubii biliyoona 121 oltu |
jira. Walumaagalatti, biyyi keenya qabeenya kuufamaa bishaanii metir |
kuubii biliyoona 224 qabdi. Qabeenya bishaanii kanatti fayyadamuuf, |
teekinoloojii jallisiitti fayyadamuun lafti misoomuu danda'u hektaara |
miliyoona 43 gadii miti. Qabeenya kuufamaa bishaanii qabdurraayis |
kennaa uumamaa humna ibsaa meegaa waattii kuma 45 maddisiisuu |
ishee dandeessisuunis kan badhaate dha. Kanarraa ka'uun, Afrikaa |
keessatti biyyoota muraasa gumbii bishaanii jedhamuun beekaman |
keessaa ishee tokko dha. |
Itoophiyaan naannoo mudhii lafaatti waan argamtuuf ifa aduu ol-aanaa |
argatti. Haa ta'u malee anniisaa elektrikii madisiisnee itti dhimma ba'uuf |
kan hojiirra oolchine dhibbantaa tokkoon gadi. Itti fayyadamni anniisaa |
qilleensaa fi hurkaa/ji'ootermaalii keenyas akkasuma gad-aanaa dha. |
Qabeenyi dhagaa cilee fi gaazii uumamaa keenyas hanga ammaatti |
faayidaarra hin oolfamne. |
Biyya keenyatti dheerinni guyyaa fi halkanii wal-qixa kan jedhamu dha. |
Biyyi keenya baqqaana tirooppikaaliitti kan argamtuu fi haala taa'umsa |
lafaa adda addaa kan qabdu dha. Sababa kanaanis biyyi keenya |
qabeenya haala qilleensaa adda addaa, gosa biyyee fi bakka argama |
gosoota bineensotaa fi biqiltoota adda addaa ishee taasiseera. Kanaafuu |
gosa midhaanii fi beeladoota adda addaa oomishuuf carraan keenya |
bal'aa dha. |
Itiyoophiyaan Baha Afrikaa, galaana diimaarraa fageenya dhihootti |
argamtu dha. Haalli taa'umsa ishee biyyoota Baha Giddugalaa, Eeshiyaa, |
biyyoota Galfii fi Awurooppaatti kan dhiyaatte, akkasumas galaana |
diimaatti, Galfii Edenii fi Garba Hindiitti dhihoo akka taatu godheera. |
Kana ta'uu isaatiinis biyyi keenya daldala idil-addunyaaf kan mijattee fi |
bakka tarsiimowaatti kan argamtu dha. Haala teessuma lafaa waliin wal |
qabatee, Itiyoophiyaatti qormaata kan ta'u, balbala galaanaa dhabuu |
isheeti. Kunis biyyi keenya gatii daldala ol-aanaaf akka saaxilamtu |
taasisuun daldala fiduu fi erguu irratti dhiibbaa taasisuun isaa waan hin |
oolle dha. Qormaata dhaabbataa gama diinagdeetiin nu mudatu kana |
furuun kan danda'amu, yaada ida'amuutiin biyyoottan ollaa keenyaa |
faana faayidaa waliiniif yommuu diinagdeen walitti hidhamnee |
ida'amnu dha. Tooftaan kun hariiroo filannoo buufatoota nagada alaatti |
ergamuu fi biyyatti ittiin galchinu bal'ifachuu hordofuu qabna. |
Kallattiin kun nageenya biyyaalessaafis ta'ee misoomaaf baay'ee |
barbaachisaa dha. Haa ta'u malee, nageenyiif misoomni biyyoota ollaa |
keessatti kan mirkanaa'e ta'uu danda'uun isaa dhimma barbaachisaa fi |
boriif hin jedhamne dha. Kanaafuu, olloottan keenya waliin misoomaa fi |
nageenya waloo cimsuuf, imaammanni qunnamtii biyya alaa, nageenyaa |
fi misoomaa xiyyeeffannoo argachuu qaba. |
Haala teessuma lafaatiin alatti, qabeenyi uumamaa dandeettii humna |
misoomuu biyyootaa murteessuu keessatti shoora ol-aanaa qaba. |
Qabeenya uumamaa yommuu jedhamu, akka biyyaatti qabeenya wabii |
nyaataa mirkaneeffachuu dandeessisu qabaachuu fi albuudota gatiin |
isaanii olka'aa ta'e qabaachuun murteessaa taasifamaniitu ilaalamu. |
Biyyi keenya humna kuufamaa wabii nyaataa ishee ittiin mirkaneeffattuu |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.