text
stringlengths
0
196k
fi darbaa oomishtu qabdi. Biyyi keenya lafa qonnaaf mijataa ta'e
walumaagalatti iskuweer kiiloometirii miliyoona tokkoo ol-qabdi. Kana
keessaa hojiirra ka oolfame dhibbantaa 20 qofa. Inni kaan harka caalaa
kaloodhaaf kan oolfame dha. Kun kan ta'es, horsiisni beeyiladaa keenya
waan hin hammayyoomneefi dha.
Itiyoophiyaan haala qilleensa adda addaa waan qabduuf, bakka
gosoonni midhaanii fi biqiltoota adda addaa itti argaman qofa otoo hin
taane bakka sanyiiwwan isaanii itti baay'atan taasiseera. Bakki argama
bunaa, suufii, geeshoo, xaafii, nuugii, ancootee, raafuu fi warqee
biyyuma keenya kana dha. Biyyi keenya biyya baay'inaan gosoonni
midhaan agadaa fi biilaa akkasumas midhaan dibataa baay'inaan itti
oomishamani dha. Kanneen keessaa, garbuu, mishingaa, boobee,
qamadii, baaqelaa, talbaa, nuugii, saliixii, shumburaa, rrussrra,
qeeqaluu/adongaarree, ataraa fi sunqoo maqaa dhahuun ni danda'ama.
Qabeenya hagana baay'atu qabaannuyyuu hanga ammaatti sadarkaa
maatiitti wabii nyaataa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Naannoon baha Afrikaa kun qaxanaa haala jijjiirama qillensaatiin
miidhaan irra ga'uu fi qonna roobarratti hirkate hordofu dha. Haaluma
kanaanis, waqtii eeggatee ongee fi beela uumamuuf kan saaxilame dha.
Biyyi keenyas, seenaa ishee keessatti balaa ongee suukanneessaa ta'e
si'a baay'ee keessummeessiteetti. Akka biyyaatti miidhaa ongichaa kan
hamaa taasisu hooggansi hojii sodaa balaa fi qophaa'inaa keenyaa jabaa
ta'uu dhiisuu isaati.
Misooma itti fayyadama qabeenya uumamaa madaalawaa jabeessuu fi
dhimmi inni guddaan aadaa itti fayyadama keenyaati. Sirni nyaataa
keenya oomishoota keenyarratti kan hundaa'e dha. Kana ta'uu isaatiinis,
midhaan nyaataatiin of-danda'uuf gabaa alaa galchuurratti akka
hirkannu nu hin taasisu. Gama biraatiin Itiyoophiyaan biyya gosni
nyaataa baay'een itti argamu waan ta'eef, gosoota nyaataa muraasa
irratti akka hin hirkanneef carraa gaarii nuuf uuma. Carraan oomisha
baay'ina gosa nyaataarratti hundaa'e oomishuu qabnu bal'aa dha. Biyya
keenyatti faayidaa fayyaa gosoonni soorataa qaama ijaaran qabanii
xiyyeeffannoo akka argatu taasisuun qorannoo xin-nyaataatiin
gabbisuun gartuu nyaata aadaa keenya akka ta'uuf xiyyeeffannoo itti
kennanii hojjaachuun barbaachisaa dha.
Haaluma wal-fakkaatuun, fedhii galteewwan nyaata hammayyaa fi biyya
alaa irraa barbaachisoo ta'an (daakuu qamadii, sukkaaraa fi zayita)
dhiyeessa biyya keessaatiin waliin ga'uun galma keenya ta'uu qaba.
Yommuu kana gochuu dandeenyu hawaasa nyaata galteewwan
uumamaarraa qophaa'e sooratuufi fayyaan isaa eegame akkasumas
baasii sharafa alaa nyaataaf oolu hambisu uumuun ni danda'ama.
Dabalataanis, murteewwan qabeenya uumamaa waliin wal-irraa nu
fageessan gara sirna oomishaa humna dabalatee fi qabeenya kuufatutti
ce'uuf nu gargaara.
Dhiyeessi meeshaa dheedhii humna misoomaa biyya tokkoo,
akkasumas kallattii imaammata biyya tokkoo ni murteessa. Biyyoonni
dhiyeessa meeshaa dheedhiin ala misooma industirii saffisiisuu hin
danda'ani. Kanaafuu, dhiyeessa meeshaa dheedhii oomisha uumamaa,
argamuu albuudotaa fi bu'aa horii waliin wal-qabachiifne ilaaluu
dandeenya.
Itiyoophiyaa keessatti albuudonni akka soogiddaa, warqu,
pilaatiiniyeemii, noobiyamii, taantalamii, nikeelii, madaabii, kiroomii,
mangaanizii, dhagaa nooraa, saandistoonii, jipsamii, suphee, oppaalii,
oorii sibiilaa, pootaashii, boba'aa fi gaazii uumamaa fi kkf akka qabnu
odeeffannoowwan ni himu. Keessumaa warqii, pootaashii fi kuufamni
gaazii uumamaa bu'a-qabeessummaa diinagdee akka qabu ragaaleen
ni mul'isu. Haa ta'u malee, humni qabeenya kana misoomsuu fi itti
fayyadamuu sadarkaa gad-aanaa irratti kan argamu dha. Kunis,
murtaa'ina rakkoo kaappitaalaa biyyittiin qabduun ala rakkoo
murtaa'ina guddina teekinooloojiis qabaachuun ishee rakkoowwan
guddina keenya murteessan keessaa tokko jechuu dha.
Qabeenya beeladaan wal-qabachuun Itoophiyaan qabeenya horii
gaafaa, kottee duudaa fi lukkuun Afrikaa rraa tokkoffaa isheen jechisiisuu
danda'u qabaattuyyuu, biyyi keenya gaanfa lakkaa'uurra darbuun
hiyyummaa hir'isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuufis haa ta'u
oomishawwan beeladarraa argaman kan akka (aannanii, hanqaaquu,
foon, gogaa fi kallee) gabaa biyya alaatiif dhiyeessuun fayyadamuu hin
dandeenye. Oomishni booyyee waggoottan darban keessa fooyya'insa
aqarsusuyyuu kana caala irratti hojjennaan bu'aa guddaa fiduu kan
danda'u dha.
Kuufamni humna oomisha damma keenyas baay'ee ol-aanaa dha. Biyyi
keenya oomisha dammaan Afrikaarraa tokkoffaa taatuyyuu, horsiisa
kanniisaa fi oomisha dammaa hammayyaa waan hin hordofneef galiin
damee kanarraa argannu hagana kan nama hin gammachiisne qofa
osoo hin ta'in kan nama gaabbisiisu dha. Kanaafuu, damee kana
hammayyeessuun gabaa Awurooppaa qofa osoo waliin qa'uu
dandeenyee humna guddaa ta'a.
Seenaa biyyoota hedduu keessatti qurxummiin wabii nyaataa
mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphata. Yeroo ammaa kana
biyyittiin humna waggaatti toonii kuma 56 oomishuu kan qabdu
yommuu ta'u, humni kuufamaa oomishuu dandeessisu garuu gara
toonii kuma 94tti tilmaamama. Kana jechuunis qabeenya qurxummii
qabnu keessaa walakkaa qofa fayyadamaa jirra jechuu dha. Haroowwan
magaalotatti dhihoo jiran irratti qurxummii baasuun haa baay'atuyyuu
malee, qaamoleen bishaanii fagoo fi baadiyyaatti argaman garuu
qurxummileen qaban faayidaarra oolchamaa hin jiru.
Biyya keenyatti namni tokko waggaatti waliigalaan qurxummu inni
sooratu kiiloogiraama 0.56 dha. Yommuu soorannaa Afrikaa bahaa
kiiloograma 9 ta'e faana wal-bira qabnee ilaallu baay'ee gadi bu'aa dha.
Oomishni qurxummii keenya kan bu'uureffame qaamolee bishaanii
uumamaa biyya keessatti argaman qofarratti. Qaamoleen bishaanii kun
(haroowwan, lageen, hidhaawwanii fi qaamoleen bishaanii xixiqqoo)
baay'ee ta'uu isaanii waliin wal-bira qabnee yoo ilaalle biyyi keenya
faayidaa isaanirraa argachuu qabdu hin arganne.
Kanaafuu, qurxummiin wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora inni
taphachuu qabu ture hin taphanne. Oomisha qurxummii irratti
xiyyeeffannaa kennuun otoo hojjennee faayidaa diinagdee yeroof
argannurra darbuun naannoo itti fufiinsaan madaalliin isaa eegame
uuumuuf nu fayyada. Oomishni qurxummii kunuunsa naannoo irratti
kan bu'uureffate waan ta'eef, hojiiwwan misooma qurxummiif