text stringlengths 0 196k |
|---|
fi darbaa oomishtu qabdi. Biyyi keenya lafa qonnaaf mijataa ta'e |
walumaagalatti iskuweer kiiloometirii miliyoona tokkoo ol-qabdi. Kana |
keessaa hojiirra ka oolfame dhibbantaa 20 qofa. Inni kaan harka caalaa |
kaloodhaaf kan oolfame dha. Kun kan ta'es, horsiisni beeyiladaa keenya |
waan hin hammayyoomneefi dha. |
Itiyoophiyaan haala qilleensa adda addaa waan qabduuf, bakka |
gosoonni midhaanii fi biqiltoota adda addaa itti argaman qofa otoo hin |
taane bakka sanyiiwwan isaanii itti baay'atan taasiseera. Bakki argama |
bunaa, suufii, geeshoo, xaafii, nuugii, ancootee, raafuu fi warqee |
biyyuma keenya kana dha. Biyyi keenya biyya baay'inaan gosoonni |
midhaan agadaa fi biilaa akkasumas midhaan dibataa baay'inaan itti |
oomishamani dha. Kanneen keessaa, garbuu, mishingaa, boobee, |
qamadii, baaqelaa, talbaa, nuugii, saliixii, shumburaa, rrussrra, |
qeeqaluu/adongaarree, ataraa fi sunqoo maqaa dhahuun ni danda'ama. |
Qabeenya hagana baay'atu qabaannuyyuu hanga ammaatti sadarkaa |
maatiitti wabii nyaataa mirkaneeffachuu hin dandeenye. |
Naannoon baha Afrikaa kun qaxanaa haala jijjiirama qillensaatiin |
miidhaan irra ga'uu fi qonna roobarratti hirkate hordofu dha. Haaluma |
kanaanis, waqtii eeggatee ongee fi beela uumamuuf kan saaxilame dha. |
Biyyi keenyas, seenaa ishee keessatti balaa ongee suukanneessaa ta'e |
si'a baay'ee keessummeessiteetti. Akka biyyaatti miidhaa ongichaa kan |
hamaa taasisu hooggansi hojii sodaa balaa fi qophaa'inaa keenyaa jabaa |
ta'uu dhiisuu isaati. |
Misooma itti fayyadama qabeenya uumamaa madaalawaa jabeessuu fi |
dhimmi inni guddaan aadaa itti fayyadama keenyaati. Sirni nyaataa |
keenya oomishoota keenyarratti kan hundaa'e dha. Kana ta'uu isaatiinis, |
midhaan nyaataatiin of-danda'uuf gabaa alaa galchuurratti akka |
hirkannu nu hin taasisu. Gama biraatiin Itiyoophiyaan biyya gosni |
nyaataa baay'een itti argamu waan ta'eef, gosoota nyaataa muraasa |
irratti akka hin hirkanneef carraa gaarii nuuf uuma. Carraan oomisha |
baay'ina gosa nyaataarratti hundaa'e oomishuu qabnu bal'aa dha. Biyya |
keenyatti faayidaa fayyaa gosoonni soorataa qaama ijaaran qabanii |
xiyyeeffannoo akka argatu taasisuun qorannoo xin-nyaataatiin |
gabbisuun gartuu nyaata aadaa keenya akka ta'uuf xiyyeeffannoo itti |
kennanii hojjaachuun barbaachisaa dha. |
Haaluma wal-fakkaatuun, fedhii galteewwan nyaata hammayyaa fi biyya |
alaa irraa barbaachisoo ta'an (daakuu qamadii, sukkaaraa fi zayita) |
dhiyeessa biyya keessaatiin waliin ga'uun galma keenya ta'uu qaba. |
Yommuu kana gochuu dandeenyu hawaasa nyaata galteewwan |
uumamaarraa qophaa'e sooratuufi fayyaan isaa eegame akkasumas |
baasii sharafa alaa nyaataaf oolu hambisu uumuun ni danda'ama. |
Dabalataanis, murteewwan qabeenya uumamaa waliin wal-irraa nu |
fageessan gara sirna oomishaa humna dabalatee fi qabeenya kuufatutti |
ce'uuf nu gargaara. |
Dhiyeessi meeshaa dheedhii humna misoomaa biyya tokkoo, |
akkasumas kallattii imaammata biyya tokkoo ni murteessa. Biyyoonni |
dhiyeessa meeshaa dheedhiin ala misooma industirii saffisiisuu hin |
danda'ani. Kanaafuu, dhiyeessa meeshaa dheedhii oomisha uumamaa, |
argamuu albuudotaa fi bu'aa horii waliin wal-qabachiifne ilaaluu |
dandeenya. |
Itiyoophiyaa keessatti albuudonni akka soogiddaa, warqu, |
pilaatiiniyeemii, noobiyamii, taantalamii, nikeelii, madaabii, kiroomii, |
mangaanizii, dhagaa nooraa, saandistoonii, jipsamii, suphee, oppaalii, |
oorii sibiilaa, pootaashii, boba'aa fi gaazii uumamaa fi kkf akka qabnu |
odeeffannoowwan ni himu. Keessumaa warqii, pootaashii fi kuufamni |
gaazii uumamaa bu'a-qabeessummaa diinagdee akka qabu ragaaleen |
ni mul'isu. Haa ta'u malee, humni qabeenya kana misoomsuu fi itti |
fayyadamuu sadarkaa gad-aanaa irratti kan argamu dha. Kunis, |
murtaa'ina rakkoo kaappitaalaa biyyittiin qabduun ala rakkoo |
murtaa'ina guddina teekinooloojiis qabaachuun ishee rakkoowwan |
guddina keenya murteessan keessaa tokko jechuu dha. |
Qabeenya beeladaan wal-qabachuun Itoophiyaan qabeenya horii |
gaafaa, kottee duudaa fi lukkuun Afrikaa rraa tokkoffaa isheen jechisiisuu |
danda'u qabaattuyyuu, biyyi keenya gaanfa lakkaa'uurra darbuun |
hiyyummaa hir'isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuufis haa ta'u |
oomishawwan beeladarraa argaman kan akka (aannanii, hanqaaquu, |
foon, gogaa fi kallee) gabaa biyya alaatiif dhiyeessuun fayyadamuu hin |
dandeenye. Oomishni booyyee waggoottan darban keessa fooyya'insa |
aqarsusuyyuu kana caala irratti hojjennaan bu'aa guddaa fiduu kan |
danda'u dha. |
Kuufamni humna oomisha damma keenyas baay'ee ol-aanaa dha. Biyyi |
keenya oomisha dammaan Afrikaarraa tokkoffaa taatuyyuu, horsiisa |
kanniisaa fi oomisha dammaa hammayyaa waan hin hordofneef galiin |
damee kanarraa argannu hagana kan nama hin gammachiisne qofa |
osoo hin ta'in kan nama gaabbisiisu dha. Kanaafuu, damee kana |
hammayyeessuun gabaa Awurooppaa qofa osoo waliin qa'uu |
dandeenyee humna guddaa ta'a. |
Seenaa biyyoota hedduu keessatti qurxummiin wabii nyaataa |
mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphata. Yeroo ammaa kana |
biyyittiin humna waggaatti toonii kuma 56 oomishuu kan qabdu |
yommuu ta'u, humni kuufamaa oomishuu dandeessisu garuu gara |
toonii kuma 94tti tilmaamama. Kana jechuunis qabeenya qurxummii |
qabnu keessaa walakkaa qofa fayyadamaa jirra jechuu dha. Haroowwan |
magaalotatti dhihoo jiran irratti qurxummii baasuun haa baay'atuyyuu |
malee, qaamoleen bishaanii fagoo fi baadiyyaatti argaman garuu |
qurxummileen qaban faayidaarra oolchamaa hin jiru. |
Biyya keenyatti namni tokko waggaatti waliigalaan qurxummu inni |
sooratu kiiloogiraama 0.56 dha. Yommuu soorannaa Afrikaa bahaa |
kiiloograma 9 ta'e faana wal-bira qabnee ilaallu baay'ee gadi bu'aa dha. |
Oomishni qurxummii keenya kan bu'uureffame qaamolee bishaanii |
uumamaa biyya keessatti argaman qofarratti. Qaamoleen bishaanii kun |
(haroowwan, lageen, hidhaawwanii fi qaamoleen bishaanii xixiqqoo) |
baay'ee ta'uu isaanii waliin wal-bira qabnee yoo ilaalle biyyi keenya |
faayidaa isaanirraa argachuu qabdu hin arganne. |
Kanaafuu, qurxummiin wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora inni |
taphachuu qabu ture hin taphanne. Oomisha qurxummii irratti |
xiyyeeffannaa kennuun otoo hojjennee faayidaa diinagdee yeroof |
argannurra darbuun naannoo itti fufiinsaan madaalliin isaa eegame |
uuumuuf nu fayyada. Oomishni qurxummii kunuunsa naannoo irratti |
kan bu'uureffate waan ta'eef, hojiiwwan misooma qurxummiif |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.