text
stringlengths
0
196k
Bakka ofii argametti murtii argachuu, dhuunfaan ykn abukaattoo filateen falmii ittisaa adeemsifachuu; abukaattoo yoo hinqabaanne gargaarsa gorsaa seeraa argachuuf mirga qabaachuusaa beekuu, deemsi murtii jal’atee wayita argamu humni maallaqaa isaa kan hin-eyyamne yammuu ta’u, utuu hinkaffalin abukaattoon akka dhaabbatu...
Namoota jecha ragummaa kennan irratti dhuunfaa isaattis ta’e karaa abukaattoo isaa qorannaa adeemsisuu, akkasumas haala namoota ragaa isarratti lakka’amanii ilaalchisee namoonni ragaa mataa isaatii dhiyaatanii akka qoratamaniif taasisuu,
Afaan manni murtichaa itti fayyadamu dubbachuu ykn dhaga’uu(hubachuu) kan hindandeenye yoo ta’e, nama afaan hiikuuf bilisaan argachuu,
Mataa isaarratti akka ragaa ba’u ykn balleessaa raawwachuu isaa akka amanuuf kan hin dirqamne ta’uu.
Himatamtoonni dargaggoota wayita ta’an, deemsi murtii seeraa umrii dargaggummaafi balleessaa irraa sirreessuuf haala mijeessuun barbaachisaa akka ta’e tilmaama keessa galchu qaba.
Namni yakkaan itti murteeffame kamiyyuu, bu’ura seeraatiin murtichis ta’e adabbichi mana murtii sadarkaa oliitti argamuun irra deebi’amee akka ilaalamuuf taasifachuuf mirga qaba.
Namni balleessaa raawwatte jedhamee murtiin xumuraa irratti murtaa’e, yeroo booda murtichi yammuu hafu ykn murtii kanbiraadhaan balleessummaan isaa wayita haqamu, bu’ura ragaa haaraa ykn isa dhihoo argameetti, murtii seeraa irratti hanqinni jiraachuun isaa waan mirkanaa’eef dhiifamni yammuu godhamuuf, sababa murtichaat...
Namni kamiyyuu bu’ura seera deemsa falmii adaba yakkaa biyya isaatti, balleessaa yeroo xumuraaf ittiin isarratti murtaa’eetti ykn irraa bilisa ta’etti yeroo lammaffaa murtiif hindhiyaatu, ykn itti hin- adabamu.
KEEWWATA – 15
Namni kamiyyuu raawwatameera ykn utuu hinraawwatamin hafeera yeroo jedhametti, gocha bu’ura seera biyyaalessaas ta’e idil-addunyaa yeroo sanaatti, akka yakkaatti hinlakka’amnetti, gocha yakkaa akka raawwateetti itti- gaafatamaa ta’ee itti hin himatamu. Akkasumas adabbii isa yeroo inni balleessicha raawwate hojiirra ool...
Bu’ura waliigala qajeelfamoota seeraa biyyoonni beekamummaa kennaniifitti, raawwatamuun gochichaa ykn utuu hinraawwatamin hafuun isaa akka yakkaatti kan lakka’amu yoo ta’e, namichi balleessaa raawwate murtiif dhiyaatee akka hin-adabamne keewwati kun hin-ittisu.
KEEWWATA – 16
Namni kamiyyuu, eessattiyyuu seera fuulduratti akka namaatti beekamuuf mirga qaba.
KEEWWATA – 17
Jireenya dhuunfaa, maatii, mana jireenyaa ykn quunnamtii nama isa kamiyyuu irratti haala barbaachisaa hintaaneen ykn haala seeraan ala ta’een akka gidduu seenan hintaasifamu. Maqaa gaariin inni qabus hinsarbamu.
Namni kamiyyuu gidduu seenuun ykn miidhaan akkasii akka isarratti hinraawwatamneef mirga eegumsa seeraa argachuu qaba.
KEEWWATA – 18
Namni kamiyyuu, walabummaa yaadaa, sammuufi amantii qaba. Mirgi kunis walabummaa amantii qabaachuu ykn amantii ykn waaqeffannaa kanbiraa ifii filate hordofuu, akkasumas walabummaa qofaa isaas ta’e namoota biroo waliin ta’uudhaan amantii isaa ykn waaqeffannaa isaa waltajjii irrattis ta’e dhuunfaatti waaqeffachuun argisi...
Namni kamiyyuu, walabummaan amantii qabaachuuf ykn amantiis ta’e waaqeffannaa kanbiraa kan filate hordofuuf inni qabu tuquun ykn dirqisiisuun hindanda’amu.
Walabummaan amantii ykn waaqeffannaa ofii ibsachuuf daangeffamuu kan danda’u, bu’ura seeraa labsameefi nageenya biyyaa, fayyaa ummataa ykn naamusa ykn mirgoota bu’uraafi walabummaa warra biroo kabajsiisuun yeroo barbaachisaa ta’u qofadha.
Biyyoonni Waadaa kana fudhatan warraafi kanneen seeraan guddiftoota ta’an barumsi amantiifi naamusaa ijoollee isaanii haala amantii mataa isaanii kan hordofe ta’uu mirkaneeffachuuf mirga qaban kabajsiisuuf waliigalaniiru.
KEEWWATA – 19
Namni kamiyyuu, jiddu galuun tokkollee utuu hinjiraatin ilaalcha mataa isaatii qabaachuuf mirga qaba.
Namni kamiyyuu walabummaa yaada isaa ibsachuu qaba. Mirgi kunis, odeeffannoofi yaada kamiyyuu daangaa tokko malee, barbaaduu, argachuufi jechaan, barreessaan ykn maxxansaan, artiiwwaniin, ykn karaawwan filate kanneen biroon dabarsuuf mirga qabu hunda of keessatti qabata.
Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti mirgoonni labsaman itti-fayyadamni isaanii dirqamootaafi itti-gaafatamummaa addaas waliin qabatee jira. Sababa kanaatiinis, daangeffamni murtaa’e irratti taasifamuu ni danda’a.
Haata’umalee, daangessoonni seeraan kan labsamaniifi barbbaachisani;
Mirgootaafi kabaja namoota biroo eegsisuuf,
Nagaa biyyaalessaa, nageenya ummataa, ykn fayyaa, ykn naamusa kabajsiisuuf barbaachisoo ta’uu qabu.
KEEWWATA – 20
Ololli waraanaaf adeemsifamu kamiyyuu seeraan dhorkamaadha.
Jibba sabaa, sanyifi, amantii kan loogii, garaagartummaa, diinummaa ykn gocha humnaatiif nama kakaasu danda’urratti bobba’uun seeraan kan dhorkameedha.
KEEWWATA – 21
Namoonni walga’ii nagayaa adeemsisuuf mirga qabu. Hawaasa demokraatawaa keessatti tasgabbii biyyaalessaafi nagayaafi nageenya, faayidaa uummataa, fayyaafi naamusa gaarii ummataa eeguuf ykn mirgootaafi bilisummaa namoota biroo kabajsiisuuf kan barbaachisu seeraan kan labsame malee mirga kanarratti daangaan tokkollee hin...
KEEWWATA – 22
Namni kamiyyuu namoota biroo waliin ta’uudhaan gurmaa’uuf mirga ni qaba. Mirgi kunis mirgoota faayidaa kabajsiifachuu, waldaalee hojjettootaa dhaabbachuus ta’e miseensa ta’u ni dabalata.
Hawaasa demokraatawaa keessatti tasgabbii biyyaalessaafi faayidaa nagayaafi nageenya ummataa ykn fayyaafi naamusa gaarii ummataa eeguuf, ykn mirgootaafi walabummaa namoota biroo kabajsiisuuf kan barbaachisuufi seeraan kan labsameen alatti, mirga kana irratti daangessuun tokkollee hintaasifamu. Keewwati kun gama mirga k...
Keewwati kun Eegumsa Walabummaa Waldaalee Dhaabbachuufi Mirga Gurmaa’uu kan ilaalu waliigaltee Dhaabbata Hojii Idil- addunyaa (ILO) kan bara 1948 Biyyoonni fudhatan seera wabummaalee waliigalticha irratti mirkanaa’aniif faallaa ta’e akka tumatan, ykn seericha wabummaalee kanaaf bifa faallaa ta’een akka itti fayyadaman ...
KEEWWATA – 23
Maatiin hawaasaaf hundee uumamaa waan ta’eef, eegumsi mootummaafi hawaasaa godhamuufii qaba.
Dardaraafi shamarran umriin gaa’elaaf qaqqabe wal fuudhanii bultii dhaabbachuuf mirga qabu.
Fedhiifi eyyama warra wal fuudhaniitiin ala gaa’elli hundeeffamuu hinqabu.
Seera Idil-addunyaa kana biyyoonni fudhatan, warri wal fuudhan fuudhaafi heeruma isaanii yeroo raawwatan, gaa’elichi yeroo nagaan turuufi yeroo diigamu, itti-gaafatamummaafi mirga walqixa kan qaban ta’uu mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhatu. Gaa’elichi yommuu diigamu, nageenyaafi faayidaa ijoolleetiif ...
KEEWWATA – 24
Daa’imni kamiyyuu, karaa sanyii, bifaa, saalaa, qooqa, amantii hidda sabaafi hawaasummaa, qabeenyaa, ykn dhalootaa garaagartummaan tokkollee utuu irratti hintaasifamin sababa umurii itti of danda’u hinqaqqabneef eegumsaafi kunuunsa isa barbaachisu maatii, hawaasaafi mootummaa irraa argachuuf mirga qaba.
Daa’imni kamiyyuu, akka dhalateen ni galmeeffama maqaanis ni moggaafamaaf.
Daa’imni kamiyyuu, lammummaa argachuuf mirga qaba.
KEEWWATA – 25
Lammiin kamiyyuu keewwata 2 irratti akkuma ibsame garaagartummaan utuu irratti hingodhaminiifi daangessuun barbaachisaa hintaane utuu irratti hintaasifamin,
Mataan isaa kallattiidhaan, ykn karaa bakka bu’oota isaa warra karaa seera qabeessaan filatamanii dhimmoota ummataa irratti hirmaachuuf,
Filannoowwan dhugaa hundinuu, walqixa kan irratti hirmaatan, eyyamni filattootaa walabaan kan ittiin ibsamu ta’uu wabummaa kan qaban, yeroo yerootti iccitiin kan adeemsifaman irratti filachuufi kaadhimamaa ta’uun dhiyaachuuf,
Biyya keessatti tajaajiloota ummataaf dhiyaatan loogii malee walqixaan argachuuf mirgaafi carraa ni qabaata.
KEEWWATA – 26
Namni hundi seera fuulduratti walqixxeedha. Garaagartummaa tokko malee walqixa eegumsa seeraa argachuufis mirga qaba. Gama kanaan seerichi garaagartummaa kamiiniyyuu ittisuudhaan sanyiin, bifaan, koroniyaan, qooqaan, amantiin, siyaasaan ykn ilaalcha kanbiraan, sabaan ykn dhufaatii hawaasummaatiin, qabeenyaan, dhalootaa...
loogii qabu akka irratti hinraawwatamne nama hundaaf wabummaa eegumsa walqixa ta’eefi amansiisaa ni godha.
KEEWWATA – 27
Hawaasota lakkoofsi isaanii xixiqqaa, kanneen sabummaa amantii ykn qooqarratti hunda’an biyya itti jiraatan keessatti namni miseensa gartuule kanneenii ta’e miseensota hawaasichaa kanneen biroo waliin aadaa isaatti akka hinfayyadamne, amantii isaa akka hinhordofne, ykn sirna waaqeffannaa amantii isaa akka hinraawwanne...
KUTAA - AFUR KEEWWATA – 28
Bu’ura Waadaa kanaatti Koreen Mirga Namoomaa (ammaan booda Waada kana keessatti Koree jedhamee kan waamamu) ni ijaarama. Koreen kun miseensota 18 kan qabaatu yommuu ta’u, hojiiwwan armaan gaditti tarreeffamanii jiran raawwata.
Koreen kun lammiiwwan Biyyoota Waadaa kanatti miseensota ta’aniin kan hundeeffamu yammuu ta’u, namoonni kun naamusa gaarii kan qabaniifi gama mirgoota namoomaatiin dandeettii isaaniitiin beekamummaa kan argatan ta’u. Keessumatti namoota dandeettiifi muuxannoo seeraa qaban hirmaachisuun bu’aan inni qabu tilmaama keessa ...
Miseensonni Koree kanaa kan filatamaniifi mataa isaaniitiin kan tajaajilan ta’u.
KEEWWATA – 29
Miseensonni Koree kanaa, Biyyoonni Waadaa kana fudhatan ulaagaalee keewwata 28 jalatti ibsaman ni guutu jedhanii kaadhimamtoota tarreeffamaan dhiyeessan keessaa sagalee iccitiin kennamuun filatamu.
Tokkoo tokkoon Biyya Waadaa kana fudhatanii, maqaa kaadhimamtoota lamaa ol hindhiyeessan. Kaadhimamtoonni kun lammiiwwan biyyicha maqaa isaanii dhiyeessanii ta’uu qabu.
Namni tokko filannoo Koreef irra deebi’ee dhiyaachuuf mirga qaba.
KEEWWATA – 30
Filannoon inni jalqabaa Waadaan kun raggaasifamee yeroo ji’a jaha hincaalle keessatti adeemsifama.
Bu’ura keewwata 34tti iddoowwan duwwaa guutuuf yoo ta’e malee, tokkoo tokkoon filannoo adeemsifamuu isaa dura yoo xiqqaate ji’a afur dursee Muummichi Barreessaan Mootummoota Gamtoomanii Biyyoonni Waadaa kana fudhatan ji’a sadii keessatti miseensummaa Koree kanaatiif kaadhimamtoota isaanii akka dhiyeessan Barreessaan ni...
Mummichi Barreessaa kaadhimamtoota maqaan isaanii dhiyaate akkaataa tartiiba qubee maqaa isaaniitti qopheessuudhaan biyyoota isaan dhiyeessan argisiisuun, tokko tokkoon filannoo adeemsifamuu isaa ji’a tokko dursee Biyyoota Waadaa kana fudhataniif dhiyeessa.
Filannoon miseensota Koree kanaa, Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii Waajjira Giddugaleessaa Dhaabbatichaatti waamicha Biyyoota Waadaa kana fudhataniif dhiyeessee walga’ii adeemsifamuun raawwatama. Biyyoota Waadaa kana fudhatan keessaa harka sadii keessaa harki lama yoo argaman walgahiin ni ta’a. Walga’icha i...
KEEWWATA – 31
Koreen kun Biyya tokko keessatti miseensi inni qabaatu lammii biyyattii tokko caaluu hindanda’u.
Filannoo Koree kanaa ilaalchisee miseensummaan Koree naannoo hundarraa haala walcaalmmaa hinqabneen ta’uu isaa akka calaqqisiisuufi gosa qaroomina addaddaafi sirnoota seeraa kanneen gurguddaa akka bakka bu’u gochuun barbaachisummaan isaa tilmaama keessa ni galfama.
KEEWWATA – 32
Miseensonni Koree kanaa turttii hojii waggaa afuriitiif filatamu. Filannoo lammataafis dhiyaachuu ni danda’u. Haata’u malee, warra marsaa jalqabaatti filataman keessaa yeroon hojii miseensota sagalii dhuma waggaa lammaffaatti xumurama. Filannoon inni jalqabaa akka raawwatameen battalumatti bu’ura keewwata 30 keewwata x...
Yeroon hojii miseensota Koree wayita xumuramu, filannoowwan bu’ura keewwatoota Waadaa kanaa kanneen duratti ibsamaniitti raawwatamu.
KEEWWATA – 33
Miseensi Koree tokko sababa kanbiroo yeroodhaaf hintaane kamiiniyyuu hojicha kan dhaabe ta’u isaatti miseensonni warri hafan hundi yeroo irratti waliigalan, haala kana dura taa’aan Koree Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif beeksisa. Barreessichis iddoon itti-gaafatamummaa miseensichaan qabamee ture banaa(duww...
Miseensi Koree tokko du’aan yoo adda ba’e ykn fedhii isaatiin yoo hojii gadi dhiise, haala kana Dura Taa’aan Koree battalumaan, Barreessaaf beeksisa. Muummichi Barreessaas, miseensichi yeroo itti du’ee ykn hojii gadi dhiisee jalqabee iddoon isaa banaa(duwwaa) ta’uu ibsa.
KEEWWATA – 34
Bu’ura keewwata 33tti, iddoon hojii miseensicha Koree banaa (dhuwwaa) ta’uun isaa yommuu ibsamuufi kun ta’uun isaa beekamee turtaa yeroo ji’a jahaa keessatti barri hojii miseensa iddoo bu’uu kan hinxumuramne yoo ta’e, Muummichi Barreessaa haala kana tokko tokkoo biyyoota Waadaa kana fudhatanii beeksisa. Biyyoonni kunne...
Muummichi Barreessaa bu’ura tartiiba qubeetti maqaa kaadhimamtoota dhiyaatanii tarreeffamaan qopheessee biyyoota Waadicha fudhataniif dhiyeessa. Iddoo hojii isa duwwaa guutuufis akka labsiiwwan Waadichaa kutaa afur keessatti labsamaniitti, filannoon ni adeemsifama.