text
stringlengths
0
196k
Murtee Yaa’ii Waliigalaa lakk. 2200 A(XXI)tiin Mudde guyyaa 7 bara 1959Akka Lakoobsa Itoophiyaatti kan raggaasifamanii fi biyyoonni miseensota ta’an akka mallatteessan, akka raggaasisaniifi akka fudhataniif banaa kan taasifame.
Biyyoonni Waadaa kanaaf waliigaltee seenan;
Akkaataa duudhaalee Chaartara Mootummoota Gamtoomaniitiin labsametti ulfina, walqixxummaa fi mirgoota dhalli namaa hundi uumamaan qabuu fi isarraa gargar bahuu ykn sarbamuu hin dandeenyeef beekamummaa kennuun addunyaa kana keessatti bilisummaaf, haqaa fi nageenyaaf bu’uura ta’uu isaa hubachuudhaan;
Mirgoonni kunneen dhalli namaa naamummaa isaatiin kabaja uumamaan qaburraa kan maddan ta’uu isaanii beekuudhaan,
Yaadni dhalli namaa bilisa ta’ee bilisummaa siivilii fi siyaasaa gonfachuu fi soda fi fedhii irraa bilisa tahuudhaa jedhamee Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaatiin tumame fiixaan ba’uufi galma gahuu kan danda’u, tokkoo tokkoon namaa haaloti mirgoota dinagdee, hawaasummaa, aadaafi akkasumas mirgoota siviiliifi siyaasaa...
Biyyoonni Chaartarii Mootummoota Gamtoomanii fudhatan haala mirgoonni namoomaafi bilisummaawwan guutummaa addunyaatti itti kabajamanii fi hojiirra itti oolan mijeessuuf dirqama akka qaban yaaduudhaan,
Namni dhuunfaas nageenya namoota dhuunfaa kanneen biroofi hawaasa keessa jiraatuuf itti-gaafatamummaa qaburraa kan ka’e, mirgoonni waadaa kanan labsaman akka kabajamaniifi hojii irra akka oolaniif tattaaffii gama isaa gochuu akka qabu hubachuudhaan,
Tumaalee kanaa gaditti tarreeffaman irratti walta'aniiru.
KUTAA - TOKKO
Keewwata - 1
Ummatoonni hundi hiree ofii ofiin murteeffachuuf mirga qabu. Mirga isaanii kanaan fayyadamanii siyaasarratti ejjannoo mataa isaanii bilisaan ni murteeffatu; guddina dinagdee, hawaasummaa fi aadaa isaanii bilisummaan ni adeemsifatu.
Ummatoonni hundi, faayidaa walii fi wajjinii eegsisuuf jecha dirqamoota isaanii kan walta’insa dinagdee fi seera idil-addunyaa irraa maddan kabajanii, qabeenya uumamaa isaanii dhiibbaa tokko malee bilisa ta’anii itti fayyadamuu ni danda’u. Haaluma kamiiyyuu keessatti, uummanni tokko faayidaalee mataa isaa kan jireenya ...
Biyyoota ofiin of hin bulchinee fi bulchiinsota immaanaa jalatti bulaniif biyyoota itti gaafatamummaa qaban dabalatee, biyyoonni waadaa tana seenan hundi mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu
hojiirra akka oolu ni carraaqu; tumaalee Chaartara Mootummoota Gamtoomanii waliin haala wal-simatuun mirga kanas ni kabaju.
KUTAA – LAMA
Keewwata – 2
Tokko tokkoon Biyya Waadaa kana fudhate, nama naannoo bulchiinsaa isaa keessa jiraatuufi isa jalatti bulu kamiyyuu sanyiidhaan, bifaan, saalaan, qooqaan, amantiin, siyaasaan ykn ilaalcha biraan, dhufaatii sabummaa isaanis ta’e hawaasummaa isaatiin, qabeenyaan, dhalootaan ykn ulaagaa kanbiraan garaagartummaa tokkollee u...
Seeroota hojiirra jiraniin ykn tarkaanfilee birootiin tumamee yoo jiraate malee, tokkoo tokkoon biyyaa Waadaa kana fudhate akkaataa sirna seerri biyyichaa itti tumamuufi bu’ura labsiiwwan waadaa kana keessatti argamaniitiin, tarkaanfiiwwan mirgoonni waadaa kana keessatti hammataman akka hojiirra oolan taasisan fudhachu...
Tokko tokkoon Biyya Waadaa kana fudhate, kanneen kanatti aananii argaman raawwachuuf waliigaleera.
Namni kamiyyuu, mirgootaafi walabummaa isaa kanneen seera kanaan beekamummaa argatan yammuu sarbaman, mirgoonni kun kan isa jalaa sarbaman abbootii taayitaa mootummaatiin yoo ta’ellee, miidhaa isarra ga’eef furmaata bu’a-qabeessa akka argatu mirkaneessuuf,
Namni miidhaa isarra ga’eef furmaata barbaadu kamiyyuu, mirgi isaa karaa qaama haqaa, bulchiinsaa ykn qaama seera tumu ykn bu’ura sirna seera biyyattiitti qaama kanbiraa aangoon kennameefiin mirgi isaa akka mirkanaa’uuf gochuufi furmaata haqaa akka argatuuf haala mijeessuuf.
Qaamolee aangoo qabaniin murtiin haqaa wayita kennamus, kanuma raawwachiisuuf.
KEEWWATA – 3
Biyyoonni Waadaa kana fudhatan, dhiirotaafi dubartoonni mirgoota siviiliifi siyaasaa Waadaa kana keessatti beekamanitti walqixa itti fayyadamuuf mirga isaan qaban mirkaneessuuf waliigalaniiru.
KEEWWATA – 4
Biyyoonni Waadaa kana fudhatan, haalli lubbamaan nageenya biyya balaarra buusu yammuu uumamuufi kunis ifatti seeraan kan labsame yoo ta’e, sadarkaa haala uumame sana to’achuu dandeessisu qofaan tarkaanfiiwwan dirqamoota Waadaa kana keessatti seenaman irraa maqan fudhachuu ni danda’u. Haata’u malee, tarkaanfiiwwan fudha...
Keessattuu Waadaa kana keewwata 6, 7, 8 (keewwata xiqqaa 1fi 2), 11, 15, 16 fi 18 jalatti kan ibsaman irraa tarkaanfii maqu kamiiyyuu fudhachuun hindanda’amu.
Biyyi Waadaa kana fudhate kamiyyuu, tarkaanfiiwwan labsiiwwan waadaa kanaa irraa maqan fudhachuuf mirga qabutti fayyadamuu wayita barbaadu, labsiiwwan inni kabajuu hindandeenye sababoota isaanii waliin karaa Muummicha Barreessicha Mootummoota Gamtoomanii Biyyoota Miseensota Waadaa kanaa ta’an beeksisa. Gocha kana wayit...
KEEWWATA – 5
Seereffamni Waadaa kanaan eerame kamiyyuu, biyyi tokko, gareen ykn namni dhuunfaa tokko, mirgootaa fi bilisummaawwan Waadaa kanaan tumaman tokkollee mulquuf ykn akkaataa Waadaa kanaan tumameen olitti daangessuuf gocha karoorfamerratti hirmaachuu ykn raaw'achuu mirga dandeessisu akka qabutti fudhatamee hiikamuu hin dand...
Biyya kamiiyyuu keessatti, mirgoota namoomaa bu'uuraawoo seeraan, walta'iinsaan, danbiidhaan ykn barmaataan fudhatamummaa argatan, Waadaan kun beekkamummaa hin kennuuf ykn beekkumsa xinnaa kennaaf sababa jedhuun daangeessuun ykn mormuun hin hayyamamu.
KUTAA – SADII KEEWWATA – 6
Namni kamiyyuu lubuun jiraachuuf mirga uumamaa ni qaba. Mirgi kun da’oo/ittisa seeraa ni qabaata. Namni kamiyyuu seeraan ala lubbuu isaa hin dhabu.
Biyyoota murtiin adabbii du’aa keessatti raawwatamutti, murtiin du’aa kan murtaa’u, bu’ura seera yeroo yakkichi raawwatamu tureetti, yakka baay’ee cimaa ta’eefidha. Murtichi kan kennamus labsiiwwan waadaa idil-addunyaa kana, waliigaltee labsii ittisaafi adabbii yakka sanyii ilma namaa balleessuutiif bifa faallaa hintaa...
Adabbiin du’aa sun kan raawwatamu nama yakka sanyii balleessuutti himatamaa ta’e irratti yammuu ta’u, keewwati kun biyyoonni seera kana fudhatan bu’ura labsiiwwan waliigaltee ittisaafi adaba yakka sanyii balleessuutti, dirqamoota seenaniif faallaa kan ta’e tarkaanfii akka fudhatan hin-eyyamamuuf.
Namni adabni du’aa irratti murtaa’e kamiyyuu, dhiifama gaafachuuf, ykn adabbiin du’aa isarratti murtaa’e gara hidhaatti akka jijjiiramuuf gaafachuuf mirga qaba. Haala kam keessattiyyuu, dhiifama taasisuun, ykn adabbicha du’aa gara adabbii hidhaatti jijjiiruun ni danda’ama.
Adabni du’aa namoota umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e irratti hinmurtaa’u. Dubartoota ulfaa irrattis hinraawwatamu.
Labsiiwwan keewwata kanaa tarkaanfiiwwan adabbii du’aa dhabamsiisuuf fudhataman tursuuf ykn hambisuuf, Biyyoota Miseensota Waadichaa ta’aniin akka sababaatti dhiyaachuu hindanda’an.
KEEWWATA – 7
Nama isa kam irrattiyyuu gochi ykn adabbiin gidirsiisaan, kan gara- jabinaa, kan namarratti raawwatamuu hinmalle ykn kabaja kan xiqqeessu raawwatamuu hinqabu. Keessumatti ammoo nama isa kam irrattiyyuu fedhii isaatiin ala shaakallin wallaansaafi saayinsawaa taasifamuu hinqabu.
KEEWWATA- 8
Namni kamiyyuu gabrummaan hinqabamu. Gabrummaafi daldalli garbaa bifa kamiiniyyuu dhorkamoodha.
Namni kamiyyuu bifa bilisummaa dhuunfaa isaa sarbuun nama kambiraaf tajaajila akka kennu hintaasifamu.
(a) Namni kamiyyuu hojii dirqamaa akka hojjetu hintaasifamu.
Keewwata xiqqaa 3(a) jalatti labsiin kaa’ame hojiin dirqamaa biyyoota adabbii gocha yakkaatiif hidhaa waliin biyyoota keessatti kennamutti raawwii murtii akkanaa kan dhorku akka ta’eetti hiikkamu hinqabu.
Dhimma keewwata xiqqaa kanaa jalatti ibsameef, inni “Hojii dirqamaa” jedhu kanneen kanatti aananii argaman hindabalatu.
Keewwata xiqqaa 3(b) jalatti kan hin-ibsamneefi hojii ykn tajaajila namni murtii mana murtiitiin hidhaarra jiru raawwachuu qabu, ykn nama hidhaa seeraa irraa daangaan gadi dhiifameen hojii ykn tajaajila raawwatamuu qabu isa kamiyyuu.
Tajaajila bifa loltummaa qabu ykn biyya mormiin sammummaa beekamummaa argatetti, mormitoonni sammummaa tajaajila biyyaalessaa isaan guutuu qaban.
Yeroo hatattamaatti ykn yeroo haalli jireenyaafi nageenya hawaasichaa balaaf saaxilamutti tajaajila raawwatamuu qabu kamiyyuu.
Qaama dirqamawwan siivilii idilee kan ta’e hojii ykn tajaajila kamiyyuu.
KEEWWATA -9
Namni kamiyyuu, walabummaafi nageenyi dhuunfaa isaa akka mirkanaa’uufiif mirga qaba. Namni kamiyyuu, seeraan ala hinqabamu; hinhidhamu. Namni kamiyyuu sababaafi tartiiba seeraan labsameen alatti walabummaa dhuunfaa isaa hinsarbamu.
Namni kamiyyuu wayita qabamu, sababoota itti qabameefi himannoowwan isarratti dhiyaatan maal akka ta’an battaluma sana beekuuf mirga qaba.
Namni himata yakkaatiin qabame ykn hidhame, abbaa seeraa ykn nama seeraan aangoon kennameef biratti hatattamaan dhiyaachuu qaba. Yeroo barbaachisaa ta’e keessattis murtii argachuuf ykn gadi dhiifamuuf mirga qaba. Namoota murtii seeraa eeggatan hidhaan tursuun akka raawwii idleetti ilaalamuu hinqabu. Haa ta’u malee, hid...
Namni sababa hidhamuu isaatiin ykn sababa qabamuu isaatiin walabummaa isaa dhorkame, seerummaa hidhaa isaa qoratee battalumaan seeraan ala ta’uu yoo mirkaneeffate, ajajni bilisaan isa gadi dhiisisu akka kennamuuf mana murtiitti dhiyaatee gaafachuuf mirga qaba.
Namni seeraan ala qabame ykn hidhame kamiyyuu, beenyaa raaw’ii qabu argachuuf mirga qaba.
KEEWWATA – 10
Namoonni to’annaa jala jiran hundi, kunuunsaafi qabiinsi kabaja namoomaatiin guutame godhamuufii qaba.
a. Haalli addaa yoo uumame malee, namoonni himati irratti dhiyaate namoota murtiin irratti kenname irraa adda ba’uufi kunuunsi warra balleessaa hinqabneef godhamu kennamuufii qaba.
b. Dargaggoota balleessoo ta’an iddoo warrii beekaan itti eegamanirraa adda ba’anii eegamuufi hatattamaan mana murtiitti dhiyaachuu qabu.
Kaayoon hidhaa, hidhamtoonni badii isaanii irraa akka of sirreessaniifi miseensota hawaasaa warra fooyya’an taasisuudha. Dargaggooti balleessitoota ta’an hidhamtoota beekoo ta’an irraa iddoo adda ta’etti eegamuufi umrii isaaniifi seeraan kunuunsa umurii isaaniitti argachuu qaban akka argatan ta’uu qabu.
KEEWWATA – 11
Namni kamiyyuu, dirqama waliigaltee isaa utuu hinguutin hafuusaatiin qofa hinhidhamu.
KEEWWATA – 12
Naannoo bulchiinsa biyya tokkoo keessatti namni haala seera- qabeessaan argamu kamiyyuu, biyya sana keessatti walaba ta’ee socho’uuf teessoo jireenya isaa walabummaan filachuuf mirga qaba.
Namni kamiyyuu, biyya kamiyyuu, kan mataa isaa dabalee, gadi dhiisee ba’uuf mirga qaba.
Tasgabbii biyyaalessaa, nageenyafi fayyaa ummataa, naamusa gaariifi akkasumas mirgootaafi bilisummoota warra kanbiroo eeguuf jecha bu’ura seera labsiiwwan waadaa kana keessatti labsaman waliin haala wal simatuun ba’uutti yoo ta’e malee, mirgoota armaan olitti tuqamanirratti daangaan tokkollee hintaasifamu.
Namni kamiyyuu, gara biyya isaatti akka hingallee hin-ittifamu.
KEEWWATA – 13
Namni lammii biyya alaa Biyya Waadaa kana fudhate keessa karaa seera-qabeessa ta’een jiraatu, haalli dirqisiisaan biyyaalessaa yoo uumame malee, biyya sanaa ari’atamuu kan danda’u murtii seera hordofee murtaa’u qofaan yammuu ta’u, tarkaanfii kana mormachuudhaan dhimmiisaa irra deebi’amee akka ilaalamuuf qaama aang...
KEEWWATA – 14
Namoonni hundi, manneen murtiifi qaamolee seeraa fuulduratti walqixa ilaalamu. Namni kamiyyuu, himati yakkaa ykn civiilii yeroo isarratti murtaa’u, qaama abbaa seerummaa seeraan hundeeffame, aangoo kan qabuufi bilisa ta’e bira dhiyaatee murtii seeraa loogii hinqabneefi ifa ta’e argachuuf mirga qaba. Hawaasa demokraataw...
Namni balleessaa yakkaatiin himatame kamiyyuu balleessaan isaa seeraan hanga isarratti mirkanaa’utti akka nama qulqulluutti lakka’amuuf mirga qaba.
Himatamaan kamiyyuu, himannoon yakkaa isarratti dhiyaate yammuu ilaalamu, yoo xiqqaate wabummaawwan kanatti aananii argaman haala qixa ta’een argachuuf mirga qaba.
Himannoo isarratti dhiyaateefi sababa isaa afaan isaaf galuun hatattamaafi tarreeffamaan beekuu,
Himannoo isarratti dhiyaateef ittisa qopheeffachuuf kanneen barbaachisoo ta’aniifi yeroo ga’aa argachuufi nama gorsaa akka ta’uuf filate mariisisuu,
Utuu haala seeraan ala ta’een osoo hinturfamin furmaata seeraa argachuu,