text
stringlengths
0
196k
Akka bu’uura Keewwata 33tti ibsameetti, miseensi Koree iddoo duwwaa guutuuf filatame, bu’urri Keewwata sanaa akka labsutti, yeroo hojii miseensi inni duraa utuu hinxumurin hafe itti-gaafatamummaan tura.
KEEWWATA 35
Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomaniin yeroo ragga’uufi bu’ura haalota Yaa’iin Waliigalaa kun labsuutti, akkasumas guddina itti-gaafatamummaa Koree kanaa hubannoo keessa galchuudhaan miseensota Koree kanaatiif maallaqa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa mindaan ni kaffalamaaf.
KEEWWATA – 36
Koreen kun hojiiwwan Waadaa kana keessatti labsaman akka hojjetuuf, Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii humna namaafi meeshaalee isa barbaachisu ni guutaaf.
KEEWWATA – 37
Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii walga’ii Koree kanaa isa jalqabaa Waajjira Giddugaleessa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waama.
Walga’ii isa jalqabaa booda Koreen kun bu’ura dambii naamusaa mataa isaatti yeroo yerootti walitti qabama.
Walga’iiwwan idlee Koree kanaa Waajjira Giddugaleessa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ykn Waajjira Dhaabbatichaa Jeneevaa jirutti adeemsifamu.
KEEWWATA – 38
Tokkoo tokkoon miseensa Koree hojii idlee isaa jalqabuu dura walga’ii ifaa Koree kanaa irratti itti-gaafatamummaa kennameef loogii malee ilaalcha qulqulluun ba’uuf waadaa gala.
KEEWWATA – 39
Koreen kun miseensota qondaalota isaa yeroo hojii waggaa lamaatiif filata. Isaanis irra deebi’anii filatamuu ni danda’u.
Koreen kun danbii naamusaa kan mataa isaatii ni baafata. Danbiiwwan kunneen keessattis kanneen kanatti aananii argaman jiraachuu qabu.
Koramiin (lakkoofsi walga’ii inni ga’aa jedhamu) namoota 12 yoo qabaate guutuu jedhama.
Murtiin Koree kan ragga’u sagalee miseensota walga’icharratti argamanii keessaa isa caalmaa qabuun yoo deggarame ta’a.
KEEWWATA – 40
Biyyoonni Waadaa kana fudhatan,
Tokoo tokkoo isaa ilaalchisuun, guyyaa Waadaan ragga’ee jalqabee waggaa tokko keessatti,
Sana booda yeroo koreen gaafatu hunda mirgoota Waadichaan beekamummaa argatan hojiirra oolchuuf waa’ee tarkaanfii fudhataniifi mirgoota kanatti fayyadamuu haala ilaaluun waa’ee bu’aa argamee gabaasota dhiyeessuuf waadaa galaniiru.
Gabaasni kamiyyuu Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyaata. Muummichichi Barreessaas gabaasota isa qaqqaban Koreen kun akka ilaaluuf gara isaatti dabarsa. Gabaasonni kunis, raawwii Waadaa kanaa waliin dhimmoota wal qabataniifi rakkinoonnis yoo jiraatan ifatti ni argisiisu.
Muummichi Barreessaa Koree waliin erga mari’atee booda, gabaasota kana keessaa garagalcha kutaalee naannoo gaheen hojii isaanii itti hojjetamuutti argamanii qaamolee Mootummoota Gamtoomanii hojiin addaa kennameefii dhimmi isaas isaan ilaallatuuf dabarsuu ni danda’a.
Gabaasota Biyyoonni Waadaa kana fudhatan dhiyeessaniif koreen kun ni qorata. Gabaasa mataa isaafi yaadota barbaachisoodha jedhee yaade Biyyoota Waadicha fudhataniif dhiyeessa.Dabalamaanis Biyyoota yaadotasaa kana fudhatani irraa garagalcha gabaasaa isa qaqqabe waliin Mana Maree Dinagdeefi Hawaasummaatiif dhiyeessuu ni...
Bu’ura keewwata xiqqaa 4 kan keewwata kanaatti, yaadota dhiyaatanirratti Biyyoonni Waadicha fudhatan gama isaaniitiin yaada qaban Koree kanaaf dhiyeessuu ni danda’u.
KEEWWATA – 41
Yeroo kamiyyuu taanaan, Biyyi Waadaa kana fudhate tokko, bu’ura keewwata kanaatti, Koreen kun biyyi miseensa ta’e tokko dirqamoota isarraa eegamu hinbaane jechuudhaan ibsa dhiyeessu fudhatee qaama dhimmicha qorachuuf aangoo qabuuf beekamummaa kennuu ni danda’a. Bu’ura keewwata kanaatti, ibsa gosa kanaa fudhuunis ta’e i...
Biyyi Waadaa kana fudhate tokko Biyyi kan biraan Waadaa kana fudhate tokko labsiiwwan seera kanaa hojiirra hin- oolchine jedhee yoo amane, komee isaa Biyya dirqama isaa hinbaane jedhe sanaaf barreessaan beeksisa. Biyyi sunis komeen kun isa qaqqabee ji’a sadii keessatti waa’ee dhimma kanaa ilaalchisuun ibsa gama isaatii...
Komee inni jalqabaa qaqqabee ji’a jaha keessatti Biyyoota Waadaa kana fudhatan lamaan dhimmichi isaan ilaallatu furmaanni quufoo yoo hin-argamne, biyyoota lamaan keessaa inni tokko dhimmicha Koreedhaaf dhiyeessuufi Biyya isa kanbiraa waa’ee dhimma kanaa beeksisuuf mirga qaba.
Koreen kun dhimmicha irratti tarkaanfii kan fudhatu duraandursee qajeelfama waliigalaa seera idil-addunyaa hordofuudhaan biyya dhimmisaa ilaallatu keessatti tooftaalee jiran kanneen furmaata fiduuf gargaaran hundatti fayyadamuudhaan bu’aa galmeessuu dadhabuusaa yeroo mirkaneeffatu qofadha. Furmaata fiduuf yeroon inni f...
Bu’ura keewwata kanaatti, Koreen kun komeewwan isaaf dhiyaatan kan qoratu walga’ii cufaa dhaan ta’a.
Labsiin qubee(C) jalatti caqasame akka eegametti ta’ee, Koreen kun bilisummoota bu’uraafi mirgoota namoomaa Waadaa kana keessatti beekamummaa argatan bifa kabajsiisuun dhimmichi waliigalteedhaan furmaata akka argatu Biyyoota Waadaa kana fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu lamaaniif tajaajila ni kenna.
Koreen kun dhimma isaaf dhiyaate isa kamiyyuu irratti keewwata xiqqaa 1(b) jalatti kan caqasaman Biyyoonni fudhatan ragaalee dabalataa akka dhiyeessaniif gaafachuu ni danda’a.
Keewwata xiqqaa 1(b) jalatti kan caqasaman, biyyoonni waadaa fudhatan, Koreen kun komeewwan isa qaqqaban yommuu qoratu bakka bu’ummaa kennuuf, yaada isaanii jechaan ykn barreessaan dhiyeessuuf mirga qabu.
Bu’ura keewwata xiqqaa 1(e)tti dhimmichaaf furmaati yoo argame, koreen gabaasa keessatti furmaata argame ni ibsa.
Bu’ura keewwata xiqqaa1(e)tti furmaanni yoo dhabame, Koreen kanuma gabaasa isaa keessatti ibsuudhaan Biyyoonni lamaan Waadaa kana fudhatan kanneen dhimmichi isaan ilaallatu ibsa jechaafi barreessaan dhiyeessan waliin qabsiisee dhiyeessa.
Haala kamiiniyyuu gabaasi Koree kanaa Biyyoota Waadaa kana fudhatan warra dhimmichi isaan ilaallatu lamaan akka beekaniif isaaniif ergama.
Labsiiwwan keewwata kanaa kan raawwataman Biyyoota Waadaa kana fudhatan keessaa 10 kan ta’an bu’ura keewwata xiqqaa 1 kan keewwata kanaatti, aangoo Koree kanaatiif beekamummaa kennuu isaanii yammuu mirkaneessanidha. Mirkaneessu barreessaa kana fakkaatu Biyyoota Waadicha fudhatanirraa Muummicha Barreessaa Mootummoota Ga...
aangoo mirkaneessuuf kenne yeroo kamiyyuu haquu ni danda’a. Haa ta’u malee dhimmi beekamummaa aangoo kaasuu ykn haquu komee duratti dhiyaate qorachuu hindhorku. Biyya Waadicha fudhate kan dhimmichi isa ilaallatu barreessa beekamummaa aangoo mirkaneessu kanbiroo yoo kenne malee Muummicha Barreessaaf ibsi barreessicha ha...
KEEWWATA – 42
a. Bu’ura keewwata 41tti, komeen Koree kanaaf dhiyaate, Biyyoota Waadicha fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu haala gammachiisuun furmaati yoo argamuu baate, Koreen kun biyyoota kana keessatti Komiishinii araaraa yeroof hojjetu tokko (kana booda Komiishinii jedhamee kan caqasamu) ni ramada. Komiishinichis kaayoo Waadaa ...
b. Komiishinichi miseensota Biyyoonni Waadicha fudhatan kanneen dhimmichi isaan ilaallatu irratti waliigalan shan ni qabaata. Ji’a sadii keessatti Biyyoonni miseensota Komiishinichaa hundarratti ykn walakkaa isaanii irratti yoo waliigaltee dhaban Koreen kun miseensota irratti waliigaluun dadhabame kan iddoo bu’an misee...
Miseensonni Komiishinichaa kan tajaajilan maqaa isaaniitiin ta’a. Dabalamaanis miseensonni Komiishinichaa lammiiwwan Biyyoota dhimmichi isaan ilaallatuu ykn lammiiwwan biyyoota Waadaa Idil-addunyaa kana hinfudhannee ykn bu’ura keewwata 41tti lammiiwwan Biyya mirkaneessa beekamummaa hinkenninee ta’uun irra hinjiraatu.
Komiishinichi Dura-Taa’aa mataa isaatii ni filata. Dambii naamusaa ittiin qajeelfamus ni baafata.
Walga’iiwwan Komiishinichaa kan adeemsifaman Waajjira Giddugaleessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ykn waajjira dhaabbatichaa Jeeneevaatti argamuutti ta’a. Haata’u malee Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomaniifi Biyyoota Waadicha fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu waliin marii adeemsisuudhaan Komiishinichi ...
Bu’ura keewwata 38tti waajjirri hundeeffame komiishinoota keewwata kanaan hundeeffamaniifis tajaajila ni kenna.
Odeeffannoowwan Koreen kun fudhateefi mataan isaa qopheesse Komiishinichi ilaaluu ni danda’a. Dabalataanis Komiishinichi odeeffannoowwan faayidaa qabeeyyii kan biroo Biyyoota Waadicha fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu irraa argachuu ni danda’a.
Komiishinichi dhimma itti hundeeffameef erga qoratee booda Biyyoota dhimmichi isaan ilaallatuuf gabaasa godhamu karaa Dura-Taa’aa dhiyeessa. Yeroo kamiyyuu gabaasichi Komiishinichi dhimmicha ilaaluu jalqabee ji’a 12 caalaa turuu hinqabu.
Komiishinichi dhimmicha ji’a 12 keessatti qoratee xumuruu yoo dadhabe, gabaasichi sadarkaa dhimmichi irra jiru qofa gabaasuun kan ibsu ta’a.
Mirgoota namoomaa Waadaa kanaan beekamummaa argatan kabajuurratti kan hundeeffame furmaati walta’umsa uumu yoo argame, ijoon gabaasa Komiishinichaa furmaata argamerratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Bu’ura keewwata xiqqaa 7(b)tti furmaati utuu hin-argamin yoo hafe gabaasni Komiishinichaa dhimmicha ilaalchisuun gaaffiiwwan ka’an hunda irratti bu’aalee isaafi rakkoowwan kanaaf fala fiduuf yaadota isaaf dhiyaatan ni qabta. Gabaasi kun dabalamaanis, Biyyoota Waadicha fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu irraa ibsoota je...
Gabaasni Komiishinichaa bu’ura keewwata xiqqaa 7(c) tti kan dhiyaate yoo ta’e, biyyoonni dhimmichi isaan ilaallatu gabaasichi isaan qaqqabee yeroo ji’a sadii keessatti qabiyyeewwan gabaasichaa irratti waliigaluufi waliigaluu dhabuu isaanii Dura-Taa’aa Koreef beeksisu.
Labsiiwwan keewwata kanaa itti-gaafatamummoota Koree kanaa kanneen keewwata 41 keessatti caqasaman kan tuqan hinta’an.
Biyyoonni waadicha fudhatan dhimmichi isaan ilaallatu bu’ura tilmaama, Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii dhiyeessuutti baasiiwwan miseensota Komiishinichaa hunda qixxeetti kaffalu.
Yommuu barbaachisaa ta’ee argamu, Muummichi Barreessaa Mootummoota Gamtookmanii keewwata kanatti bu’ura keewwata xiqqaa 9tti, Biyyoonni Waadaa kana fudhatan dhimmi isaa isaan ilaallatu kaffalticha iddoo buusuu isaanii dura baasiiwwan miseensota Komiishinichaa hunda danda’uuf aangoo qaba.
KEEWWATA – 43
Bu’uura Waliigalteewwaniifi Labsiiwwan Mirgoota Addaafi Mirgoota Hintuqamnee Mootummoota Gamtoomanii fudhatamoo ta’aniitti, kan koree kanaafi, bu’uura keewwata 42tti miseensonni Komiishinii araaraa yeroof dhaabatee hojicharratti ramadaman, ogeeyyii hojii ergama Mootummoota Gamtoomaniif bobba’aniif kan ta’u kan ittiin h...
KEEWWATA – 44
Labsiiwwan Waadaa kana hojiirra oolchuuf ba’an Mootummooti Gamtoomaniifi qaamoleen itti-gaafatamummaa hojii addaa kennameef waliigalteewwaniifi dambiiwwan raawwachiisoo keessatti mirgoota namoomaa ilaalchisuun sirnoota tarreeffamaan kaa’aman kan tuqan hinta’an. Dabalamaanis, labsiiwwan kun biyyoonni Waadaa kana fudhata...
KEEWWATA – 45
Koreen kun waggaa waggaatti gabaasa sochii hojii isaatii ibsu karaa Mana Maree Dinagdee fi Hawaasummaa Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessa.
KEEWWATA – 46
Labsiin Waadaa kanaa inni kamiyyuu danboonni ittiin-bulmmaataa hojiifi itti-gaafatamummaa qaamoleefi kutaalee garaagaraa Charteriifi Mootummoota Gamtoomanii itti-gaafatamummaan addaa dhaabbatichaa kennameefii ilaalchisuun kanneen labsamaniif bifa faallaa ta’een hiiki hinkennamuuf.
KEEWWATA – 47
Labsii Waadaa kanaa isa kamiyyuu ummattoonni qabeenyaa isaanii kan uumamaafi dandeettii isaanii hundatti walabummaan mirga itti fayyadamuuf qaban bifa xiqqeessuu danda’uun hiiki itti hinkennamu.
KEEWWATA – 48
Waadaan kun Biyya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa ta’eef ykn qaamolee itti-gaafatamummaan hojii addaa kennameefitti miseensa ta’aniif, Biyya Dambii ittiin-bulmmaata Mana Murtii Idil-addunyaa fudhatee, akkasumas biyya kanbiraa Waadaa kana akka mallatteessuuf Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii irratt...
Waadaan kun biyyoota mallatteessaniin raggaasifmuutu irra jiraata. Dokmantoonni ittiin raggaasifamanis Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii bira taa’u.
Waadaan kun Biyyi keewwata xiqqaa 1 kan keewwata kanaa irratti caqasame kamiyyuu akka fudhatuuf banaa ta’a.
Fudhachuun kan mirkaneeffamu, dokmantii ittiin fudhachuu ifa taasisan Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii bira kaa’uudhaani.
Muummichi Barreessaa Mootummaa Gamtoomanii Biyyoonni Waadicha fudhatan ykn mallatteessan waa’ee dokmantii Waadicha fudhachuuf ykn raggaasisuuf mallatteessanii, isa bira kaa’amee akka beekan ni taasisa.
KEEWWATA – 49
Waadaan kun kan ragga’u dokmantiin raggaasisaa ykn Waliigaltee 35ffaan Muummicha Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bira kaa’amee ji’a sadii booda ta’a.
Dokmantiin raggaasisaa ykn Waliigaltee 35ffaan Muummicha Barreessaa bira erga kaa’amee booda tokkoo tokkoo Biyya Waadaa kana raggaasisuuf Waadichi kan ragga’u dokmantii
raggaasisaa ykn waliigaltee mataa isaatii guyyaa itti kaa’ee ji’a sadii booda ta’a.
KEEWWATA – 50
Labsiiwwan Waadaa kanaa Biyyoota bulchiinsa federaalawaa qaban biratti, naannolee bulchiinsaa hunda keessatti daangessuu ykn garaagartummaa tokko malee kan raawwataman ta’u.
KEEWWATA – 51
Biyyi Waadaa kana fudhate kamiyyuu, yaadota Waadicha fooyyessuu danda’an Muummicha Barreessaa Daabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessuu ni danda’a. Muummichi Barreessaas waa’ee yaadota fooyyessoo dhiyaatanii Biyyoota Waadaa kana fudhataniif beeksisuudhaan yaadota dhiyaatan irratti marii adeemsisuufi sagaleen akka ke...
Yaadni fooyyessaa tokko kan ragga’u, akka dambii ittiin bulmmaataa isaaniitti, Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomaniifi Mootummoota Waadaa Idil-addunyaa kana fudhatan keessaa harka sadii keessaa harki lama (2/3) yommuu raggaasisan ta’a.
Yaadonni fooyyessaa yommuu hojiirra oolan, Biyyoota isaan fudhatan irratti humna dirqisiisummaa ni qabaatu. Biyyoonni kanbiroon Waadaa kana fudhatanis labsiiwwan Waadaa kanaafi yaadota fooyyessaa duraan fudhataniin kan dirqamaman ta’u.
KEEWWATA – 52