text stringlengths 0 196k |
|---|
Biyyoonni Waadaa kana seenan namni kamiyyuu sadarkaa fayyummaa olaanaa qaamaa fi sammuu irra gahuun danda’amu keessa jiraachuuf mirga kan qabu tahuu ni fudhatu; |
Mirga kana guutummaatti hojiirra oolchuuf biyyoonni Waadaa kana seenaniin tarkaanfiileen fudhataman: |
Lakkoofsa daa'imman du'anii dhalataniitii fi eega dhalatanii booda du'an xiqqeessuuf guddina fayyaa daa'immanii mijeessuu; |
Akkaataa qulqullina naannoo fi induustirii fooyyessuu; |
Dhukkuboota namarraa gara namaatti darban, naannoo tokkotti uumamanii fi hojiidhaan wal-qabatan ittisuu, waldhaanuu fi to'achuu; |
Namoonni wayita dhukkubsatan tajaajila wallaansaafi kunuunsa hunda haala itti argatan uumuuf barbaachisaa kan tahan hunda mijeessuu, ni ammatu. |
Keewwata - 13 |
Biyyoonni Waadaa tana seenan namni hundi mirga barnoota argachuu kan qabu tahuu isaa ni fudhatan. Barnoonni kallattii ulfinaafi kabaja ilma namaa guutummaatti guddisuu dandahuun qajeelfamuu akka qabuufii mirgoota namoomaafi bilisummaawwan bu'uraawoof ulfina kennu kan cimsu tahuu akka qabus itti waliigalaniiru. Barnoonn... |
Biyyoonni Waadaa kan seenan mirgi kun guutummaatti hojiirra akka oolu kanneen armaan gadiitiif beekamummaa ni kennu: |
Barnoota sadarkaa tokkoffaa barachuun nama hundaaf dirqama tahee barnoonni kunis kafaltii malee kan kennamu taha. |
Barnoota teekiniikaafi ogummaa dabalatee mala mijaawaa tahe hundaan bifa adda addaatiin kan kennamu barnoonni sadarkaa lammaffaa nama hundaaf banaadha taha; barnoonni kunis sadarkaa sadarkaan kaffaltii malee akka kennamu ni godhama. |
Barnoonni sadarkaa ol'aanaa dandeettii bu'ura godhachuun mala mijaawaa tahe hundaan nama hundaaf kennama; barnoonni kunis sadarkaa sadarkaan tolaan akka kennamu godhama. |
Namoonni barnoota sadarkaa jalqabaa hinbaratin ykn hin xumuriin hanga dandahametti barnoota bu'uraa akka hordofan ni jajjabeeffamu; barnoonni kunis baldhinaan akka kennamu taasifama. |
Tattaaffiin sirna manneen barnootaa sadarkaa hundatti babaldhisuudha ciminaan hordofama, sirni gahaan barnoota ittifufinsaas ni hundeeffama, haalli jireenya barsiistootaatiis ittifufiinsaan ni foyyeffama. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, maatiifi bakka barbaachisettis guddistoonni seerummaa qaban, hanga ulaagaa barnoota mootummaan baase guutuun isaanii mirkanaa’etti, daa’imman isaanitiif manneen barnootaa qaamota mootummaatiin hundeeffamaniin alattis, manneen barnootaa biroo filachuun barsiifachuufi akkaaataa amantii isaan... |
Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko jalatti qajeelfamootiin eeraman hanga eegmanifi dhaabbata barnootichaatti barnoonni kennamu sadarkaa qulqullummaa barnootaa kan mootummaan baasu hanga guutetti, kutaan keewwata kanaa kamiyyuu namootaa fi qaamootiin biroo dhaabbilee barnootaa hundeessuufi qajeelchuuf bilisummaa qaban ... |
Keewwata - 14 |
Tokkoon tokkoon biyyaa Waadaa kana fudhate, yeroo miseensa Waadaa kanaa tahetti daangaa biyya isaa ykn kutaalee biyya aangoo isaa jala jiran kanneen biroo keessatti barnoota sadarkaa tokkoffaa kaffaltiirra bilisa tahe kennuu kan hin danda’amin yoo tahe, waggootii muraasa namaaf fudhatamaa tahanii fi karoorichaan ifatti... |
Keewwata - 15 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan namni hundinuu: |
Sochiiwwan aadaarratti hirmaachuu; |
Faaydaalee guddinni fi hojiirra oolmaan saayinsii argamsiisutti fayyadamuu; |
Bu'aalee saayinsii, hog-barruu fi aartii ofiin uumerratti faaydaa hamilee fi maallaqa argachuuf mirga kan qabu tahuu isaa beekkumsa kennaniifiiru. |
Mirga kana guutummaatti hojiirra oolchuuf takraanfiiwwan biyyoota Waadaa kana seenaniin fudhataman saayinsii fi aadaa kunuunsuuf, guddisuu fi babaldhisuuf tarkaanfiilee barbaachisan ni dabalatu. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan qu'annoo saayinsii fi hojii waa uumuutiif bilisummaa barbaachisu kabajuuf waliigalaniiru. |
Biyyoonni Waadaa kana seenan waldeeggarsaa fi walitti dhufeenya idil-addunyaa gama dameewwan saayinsii fi aadaa jajjabeessuufii guddisuutiin taasisamanirraa faayidaalee argamuu danda’aniif beekkumsa ni kennu. |
Keewwata – 16 |
1. Biyyoonni Waadaa kana seenan waa'ee tarkaanfiilee fudhataniitiifi mirgoota Waadaa kanaan beekkumsa argatan gama kabajsiisuutiin fooyya’iinsa argaman ilaalchisee akkaataa Waadaa kana keessatti kutaa kanaan tumameen gabaasa dhiheessu. |
waraabbiilee gabaasaalee dhihaataniifii akkaataa Waadaa tanaan tumametti akka qorataman Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Marii Dhimmoota Diinagdeefii Hawaasummaatiif dabarsa. |
b) Akkasumas, Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii, waraabbiilee gabaasaalee ykn kutaalee muraasa isaanii barbaachisoo ta’an kan biyyoota Waadaa kana seenanii fi miseensa ejansoota adda addaa tahan irraa dhihaataniif, hanga gabaasaaleen ykn kutaaleen isaanii kun akkaataa seera ittiin hundeeffama ejansoota kana... |
Keewwata - 17 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, Waadaan kuni hojiirra oolee yeroo waggaa tokkoo keessatti akkaataa sagantaa Manni Marii Dhimmoota Diinagdeefii Hawaasummaa biyyootaa fi ejansiiwwan dhimmi ilaallatuun mari’atee baasuun gabasa isaanii waltajjiitti dhiyeeffachuu qabu. |
Gabasaaleen kun, dirqamoota Waadaa kanaan tumaman gama gutuutuutiin sababotaa fi rakkoolee qunnaman ibsuu ni danda’u. |
Kanaan dura odeeffannoon barbaadamu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif ykn ejansii addaa dhimmi ilaallatuuf biyyoota Waadaa kana seenaniin yoo dhiyaatee ture, odeeffannicha lammata dhiheessuun osoo hin barbaachifne isuma duraa caqasuun gahaa taha. |
Keewwata - 18 |
Manni Marii Dhimmoota Diinagdeefi Hawaasummaa mirgoota dhala namoomaatiifi bilisummaawwan bu'uraawoo ilaalchisee akkaataa itti gaafatamummaa Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin kennameefitti, ejansoota addaa dhimmi ilaaluu waliin tahuudhaan seereffamoota Waadaa kanaa gama raaw'achiisisuutiin bu'aalee argama... |
Keewwata - 19 |
Manni Marii Dhimmoota Diinagdeefi Hawaasummaa akkaataa keewwata 16 fi 17-ttii biyyootaafi akkaataa keewwata 18-tti ejansoota dhimmichi ilaallaturraa gabaasaalee mirga namoomaa dhiyaatuuf qu'annoofi yaada murtee waliigalaatiif ykn akkuma haala isaaniitti odeeffannoof akka isa fayyaduuf komiishinii mirgoota namoomaatiif ... |
Keewwata - 20 |
Biyyoonni Waadaa kana seenaniifii ejansiiwwan addaa dhimmi ilaallatu, akkaataa keewwata 19-tti yaada murtee Mana Marii Dhimmoota Diinagdeefi Hawaasummaarraa dhiyaatu kamiyyuurratti ykn sanadii Komiishina Mirga Dhala Namoomaatiin dhihaatu ykn sanada itti qajeelfame kamiiyyuu irratti yaada isaanii dhiyeessuu dandahu. |
Keewwata – 21 |
Manni Marii Diinagdee fi Hawaasummaa yeroo yeroodhaan gabasa waliigalaa yaada murtii qabatanii fi mirgoota Waadaa kanaan ibsaman gama kabajsiisuutiin tarkaanfiiwwan waliigalaa fudhatamanii fi fooyya’ina argaman ilaalchisee biyyoota miseensotaafi ejensoota addaa dhimmichi ilaallaturraa odeeffannoowwan dhihaataniif qinde... |
Keewwata – 22 |
Manni Marii Diinagdeefi Hawaasummaa, dhimma kamiiyyuu kan gabaasaaalee bu’uura Waadaa kanaatiin dhihaataniif irraa burqanii fi daangaa angoo itti qaban keessatti seereffamoota Waadaa kanaa suuta-suutaan gama hojiirra oolchuutiin tarkaanfilee idil addunyaa ni gargaaru jedhaman murteessuu akka isaan dandeessisu, qaamotni... |
Keewwata - 23 |
Biyyooni Waadaa kana seenan, mirgoota Waadaa kana keessatti beekamummaa argatan kabajsiisuuf sochiin idil-addunyaatti godhamanu: waadaa waliigaluu, yaada murtee dhiyaatan fudhachuu, gargaarsa teeknikaa dhiheessuu, biyya dhimmichi ilaallatu waliin tahuudhaan walgahiilee naannoofii teekniikummaa kanneen wal mariifi qu'an... |
Keewwata - 24 |
Waadaa kana keessaa, dhimmoota Waadaa kanaan ibsaman ilaalchisee, seereffamoota Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerota ejansootni ergama addaa qaban ittiin hundeeffaman keessatti hojii fi ittigaafatamummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ejansiiwwan addaa seereffamoota murteessan wajjiin akkaaataa ... |
Keewwata - 25 |
Waadaa kana keessatti ummanni hundi qabeenya uumama isaatii fi dandeettii isaa guututti walaba tahee itti fayyadamuuf mirga bu'uraawoo qabu akkaataa daangeessuun kan hiikkamu hin jiraatu. |
Keewwata – 26 |
Waadaan kuni, biyya miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kamiifuu ykn biyya ejansoota ergama addaa qaban keessatti miseensa tahaniif, biyya seera ittiin bulmaata Mana Murtii Idil-addunyaa fudhatteef, Yaa'ii Waliigala Mootummoota Gamtoomaniirratti biyya Waadaa kana akka mallatteessuu afeerameef mallatteessuuf bana... |
Waadaan kun biyya hundaan ragga'ee fudhatamumma argachuu qaba. Sanadni Waadaan kun ragga'uu isaa mirkaneessus Barreessaa Muummicha Mootummoota Gamtoomaniif dhihaachuu qaba. |
Waadaan kun biyyoota keewwata kana keewwata xiqqaa l tokko keessatti eeramaniif akka fudhataniif banaa taha. |
Biyyoonni Waada kana fudhachuun isaanii kan raggaasifamu sanadii ittiin fudhatan Barreessaa Muummicha Mootummootaa Gamtoomanii biratti yammu galii godhanii dha. |
Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii sanada biyyi tokko Waadaa kana raggaasisuu isaa ykn ammo fudhachuu isaa ibsu fuudhee galii taasisuu/gochuu isaa biyyoota Waada kana seenan hundaaf ni beeksisa. |
Keewwata - 27 |
Waadaan kun sanadiin raggaasisaa ykn sanadiin fudhannaa 35-ffaan Barreessaa Muummicha Mootummoota Gamtoomaniitiif guyyaa itti dhihaaterraa eegalee ji'a sadii booda kan ragga'e taha. |
Sanadiin fudhannaa ykn raggaasisa 35-ffaan eega dhihaatee booda Waadaa kana tokkoon tokkoon biyya qaama seeraa dhimmichi ilaallatuun raggaasisee ykn fudhatee sanadii isaa kan ittiin raggaasisu ykn sanadii fudhachuu ittiin mirkaneessu guyyaa kenne irraa eegalee ji'a sadii booda Waadaan kun biyya isaatti kan ragga'e taha... |
Keewwata - 28 |
Biyyoota bulchiinsa Federaalawaa qabaatanitti tumaaleen Waadaa kanaa naannoo bulchiinsoota hundaatti daangaa ykn garaagarummaa tokko malee kan raaw'atamu taha. |
Keewwata - 29 |
Biyyi miseensa Waadaa kanaa ta’e kamiyyuu Waandaan kun akka fooya’u yaada murtii dhiyeessuu fi Barreessaa Muummicha Mootummoota Gamtoomaniitiif dhiheessuu ni dandaha. Barreessaan Muummichis yaada fooyyessaa dhihaateefi biyyoota Waadaa kana seenaniif beeksisuudhaan yaada fooyyessa dhihaaterratti marihachuufii sagalee ke... |
Yaadni fooyya’e kun kan hojiirra oolu Yaa'ii Waliigala Mootummoota Gamtoomaniitiin hoggaa raga'ee fi biyyoota Waadaa kana seenan harka sadii keessaa harki lama sagalee caalmayaan akkaataa sirna seera baasuu biyya isaaniitiin yammu fudhataniidha. |
Yaadni fooyyessaa kun eega ragga'ee booda biyyoota Waadaa kana seenan kan fooyya’iinsicha fudhatan keessatti humna seeraa ni qabaata; biyyootni miseensa waadaa kanaa tahan kanneen biroo, seereffamoota Waadaa kanaatii fi fooyya’inoota kanaan dura fudhataniif bitamoo tahu. |
Keewwata - 30 |
Beeksisoonni keewwata 26 keewwata xiqqaa 5 keessatti ibsaman jiraatanillee, keewwatuma sana keewwata xiqqaa tokko keessatti biyyoota eeramaniif Barreessaan Muummichi kanneen kanatti aananii tarreeffaman ni beeksisa. |
Waa'ee mallattoowwan keewwata 26 jalatti ibsamanii, waa’ee sanadootii biyyoonni Waadaa kana raggaasisuu isaanii fi fudhachuu isaanii mirkaneessan; |
Akkaataa keewwata 27-tti yeroo Waadaan kun itti ragga'eefi akkaataa keewwata 29-tti yeroo yaadoonni fooyyessa itti Siranaawan. |
Keewwata - 31 |
Waraabbiileen Waadaa kanaa, mana galmee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taa'a. Waraabbiin afaan Chaayinaa, Ingiliizii, Faransaayii, Ruusiyaafi Ispaanish hundi walqixa beekamummaa qaban. |
Barreessaan Muummichi Mootummoota Gamtoomanii waraabbiilee Waadaa tanaa kanneen sirrii tahuun isaanii mirkaneeffame biyyoota akkaataa keewwata 26-tti Waadaa kana seenaniif dabarsee ni kenna ykn ittiin gaha. |
WAADAA MIRGOOTA SIVIILII FI SIYAASAA IDIL-ADDUNYAA |
(INTERNATIONAL CONVENANT ON CIVIL AND POLITICAL RIGHTS) |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.