text stringlengths 0 196k |
|---|
ija boruun kan ilaalan fi ergamoota yookiin hawaariyaa adda duree |
jijjiiramaa ta'uu qabu. Tarkaanfiin jijjiirama ida'amuu bu'aa gaarii akka |
galmeessisuuf muudamtoota, ogeessotaa fi hojjettoota filatamoo |
amanamummaa, danddeettii fi ciichummaa waliin walitti qindeessanii |
qabanii qofa qabachuu qabna. Hojii ariifachiisaa hojjechuun amantaa |
uummataa saffisaan kan deebisuu danda'an isaani. Irra caalaa, wantoota |
badan sirreessuun, imala jijjiiramaa fi guddina biyyoolessaa eegalame |
kana galmaan ga'uuf tajaajilaa hawaasaa dandeettii fi gahumsa, bu'aa fi |
milkaa'ina mallattoo ittiin adda baafatamu taasise nu barbaachisa. |
Ida'amuun safu-dhabdummaa fi dhiilba'ummaa baay'ee waan jibbuuf |
dhimmoota kana irratti mariif hin dhi'aatu. lda'amtoonni hundi |
xuriiwwan kana akka of-irraa miiccantu barbaadama. Ida'amtoonni |
uumamni dhala namaaf qabeenyota kennite dhugaa, haqaa fi kabaja |
bu'uureffachuun badhaadhina dhufu kan barbaadanii dha. Hunda |
caalaa qabeenyi guddaa ida'amuu ciichummaa keessaa ofiitii madde |
kan addaan hin citnee fi of-agarsiisuuf kan hin taane dha. |
Cunqursaa fi Eenyummaa Mootummaa Itoophiyaa |
Sirni siyaasaa tokko hammuma kan biraatiin bakka bu'aa adeemu |
rakkoolee wal-xaxaa uumaman irraa kan ka'e, eenyummaan |
biyya keenyaa garee mootummaa bulchuuf aangoo irra jiru |
wajjiin walitti hidhatee waan jiru haala fakkaatuun, sirnoonni siyaasaa |
yeroo jijjiiraman mara waa'ee eenyummaa fi jiraachuu yookiin itti |
fufiinsa biyya keenyaa saboota yaadda'an taanee jirra. |
Barbadaa'uun sirna bulchiinsa tokkoo balaa diigamuu biyyaa kan fidu |
akka ta'e seenaa mootummaa biyyaalessaa ammayyaawaa keenya kan |
waggoota dhibba tokkoo fi digdama darban keessatti arginee jirra. |
Kunis dhugaa seenaa keenyaa kan calaqqisiisee fi irra-deddeebiidhaan |
kan mul'ate dha. Weerartoota Xaaliyaaniitii kaasee hanga ammaatti |
dhiphina akkasii keessa darbaa dhufuun keenya carraa keenya ta'ee |
ture. Ammallee dhiphinni wal-fakkaataan akka kanaa biyya keenya ishii |
ciniinsuu dhalachuu jijjiiramaa keessa jirtu keessatti mumul'achaa jira. |
Carraaqqii si'anaa dimookiraasii hundee jabaa irratti bu'uuressuuf |
godhamaa jiru irratti walitti bu'insii fi golaafamni mudachaa jiran hundi |
byyi keenya balaa diigamuutiif kan saaxilamte ta'uu ishii agarsiisa. |
Mallattoon kunis akka nuti ofii keenya gadi-fageenyaan sakattaanuuf |
kan nu kakaastu bilbila dammaqsituuti. |
Biyyi keenya maraammartoo balaa jiraachuu yookiin diigamuu dhabuu |
yeroo yerootti ishii mudatu keessaa maaliif ba'uu dadhabde? Akkuma |
biyyoota biroo kanneen nu waliin seenaa mootummaa walitti dhiyaataa |
qabaniitti sirnoota bulchiinsaa yeroodhaaf tajaajilan keessaa baanee |
humna mootummaa biyyaalessummaa jiraachuu biyya kanaa haala |
amansiisaadhaan itti fufsiisuu danda'u uumuu kan dadhabne maaliifi? |
Gaaffileen kun yeroo ammaa kanatti gaaffilee bu'uuraa siyaasa keenyaa |
ta'anii dhufaniitu jiru. Itoophiyaa n seenaa ishii keessatti qarriffaa diinota |
ishii roora'anii itti naanna'anii eegaa turanii keessaa ba'uudhaaf yeroo |
tokko tokko fuulaa fuulatti itti ba'uudhaan falmuun, yeroo kaan immoo |
dhoksaan lafa jala finciluun barootashii keessaa harka caalu |
dabarsiteetti. |
Kunis, jireenya ishii mirkaneessuurra kan darbe bu'aa otoo hin buusiin |
darbeera. Mootonni sunniin gaaffilee siyaasaa alaa fi keessaan ka'anii |
yeroo namaaf hin kennine hiikuudhaaf otoo olii fi gadi jedhanii biyyittii |
guddisuudhaafis ta'ee, leenjisuudhaaf kallattii fayyadu bocuudhaafis |
ta'ee hojiirra oolchuuf yeroo hin arganne. Sababa kanaanis, biyyittiin irra |
deddeebiidhaan muddama rakkoo jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyittii |
keessatti waan qabamtuuf, mootonni yeroo isaanii guutuu biyya |
tasgabbeessuudhaaf otoo qisaasessanii umuriin isaanii dhuma ture. |
Uumamuu mootummaa biyyaalessaatiin booddee, mootonni biyya |
isaanii diinota alaa irraa eeguu fi raawwiiwwan amantii irratti |
xiyyeeffachuu keessaa ba'anii dhimma guddinaa fi qaroominaatiif |
xiyyeeffannoo kennuu jalqabanii ture. Duudhaalee hammayyummaa |
wantoota ta'an kanneen akka wal-qixxummaa, bilisummaa fi |
dhimmoota obbolummaa irratti xiyyeeffannoo horataniiru. Addunyaa |
kana irratti dhalli namaa seera bara qaroominaatiin duratti qabaachaa |
turan waliigaltee hawaasummaa fi duudhaalee ammayyummaatiin |
akkuma bakka buusan, biyya keenyattis duudhaaleen kunniin kan |
xiyyeeffannoo argachuu jalqaban hundeeffamuu mootummaa |
biyyaalessaa ammayyaawaa hordofeetu. Haa ta'u malee, |
tarkaanfiiwwan duudhaalee kanneen guddisuu fi fedhii uummataa |
kabachiisuuf fudhataman laafaa ta'anii itti fufani jiru. Kanaafis ijoon |
jalqabuma irraa kaasee fudhatamummaan mootummaa biyyaalessa |
Itoophiyaa qormaataan kan guutame ta'uu isaatiin bulchitoonni fedhii |
uummataa guutuu caalaa fudhatamummaa kana fiduudhaaf dhama'aa |
darbuu isaaniiti. |
Fudhatamummaa mootummaa biyyaalessaa jechuun saboonni |
mootummaa biyyaalessaa sana irratti amantaa yeroo horatanii fi irratti |
yeroo waliigalan jechuu dha. Dhimmi kun fudhatamummaa argachuu |
bulchitootaa wajjiin kan wal-qabatus; kan wal hin qabannes ta'uu |
danda'a. Bulchitoonni fudhatamummaa mootummaa biyyaalessaa kana |
fiduudhaaf qisaasa'uun isaanii yeroo fi xiyyeeffannoo fedhii uummataa |
guutuudhaaf ooluu malu, itti-fufiinsa biyyaa eegsisuuf akka oolu |
taasiseera. Mootonni duraanii balaa itti aggaamamu qolachuudhaaf |
otoo olii' fi gadi fiiganii yeroo isaanii fixu. Adeemsi kunis yaalii fedhii |
uummataa deebisuuf oolu kan gatachiisee fi uummata komiif saaxila. |
Mootonni kunniin adeemsa biyya tasgabbeessuu keessatti malleen |
yeroodhaaf tajaajilan fayyadamuutti waan qabamaniif fedhii hawaasaa |
isa dhaabbataa ta'e otoo hin guutiiniif hafu. Dhumarrattis balaan sun |
kufaatii isaaniitiif sababa kan ta'u guutamuu dhabuun fedhiiwwan |
uummataa komii hadhaawaa uumee boba'aa diddaa uummataa |
qabachiisu waan ta'uuf dha. Balaa muddaa biyya irratti aggaamameef |
caalmaatti xiyyeeffannoo wan kennaniif, humna isaanii isa guddaa fedhii |
uummataa guutuudhaaf otoo hin ta'iin balaawwan kanneen |
qolachuudhaaf waan dhangalaasaniif uummata isaanii irratti cunqursaa |
geessisu. |
Karaa cunqursaa mootota kanneeniitiif sababni inni tokko hojii hayyoota |
Itoophiyaati. Hayyoonni Itoophiyaa sababoota seenaawaa fi ijaaramaa |
garaagaraatiin yaaduudhaaf fagoo jiru. Hundi isaanii akkuma qophii |
soorataa wanta dubbisan kallattiidhumaan hojiitti hiikuuf abjootu malee |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.