text
stringlengths
0
196k
ija boruun kan ilaalan fi ergamoota yookiin hawaariyaa adda duree
jijjiiramaa ta'uu qabu. Tarkaanfiin jijjiirama ida'amuu bu'aa gaarii akka
galmeessisuuf muudamtoota, ogeessotaa fi hojjettoota filatamoo
amanamummaa, danddeettii fi ciichummaa waliin walitti qindeessanii
qabanii qofa qabachuu qabna. Hojii ariifachiisaa hojjechuun amantaa
uummataa saffisaan kan deebisuu danda'an isaani. Irra caalaa, wantoota
badan sirreessuun, imala jijjiiramaa fi guddina biyyoolessaa eegalame
kana galmaan ga'uuf tajaajilaa hawaasaa dandeettii fi gahumsa, bu'aa fi
milkaa'ina mallattoo ittiin adda baafatamu taasise nu barbaachisa.
Ida'amuun safu-dhabdummaa fi dhiilba'ummaa baay'ee waan jibbuuf
dhimmoota kana irratti mariif hin dhi'aatu. lda'amtoonni hundi
xuriiwwan kana akka of-irraa miiccantu barbaadama. Ida'amtoonni
uumamni dhala namaaf qabeenyota kennite dhugaa, haqaa fi kabaja
bu'uureffachuun badhaadhina dhufu kan barbaadanii dha. Hunda
caalaa qabeenyi guddaa ida'amuu ciichummaa keessaa ofiitii madde
kan addaan hin citnee fi of-agarsiisuuf kan hin taane dha.
Cunqursaa fi Eenyummaa Mootummaa Itoophiyaa
Sirni siyaasaa tokko hammuma kan biraatiin bakka bu'aa adeemu
rakkoolee wal-xaxaa uumaman irraa kan ka'e, eenyummaan
biyya keenyaa garee mootummaa bulchuuf aangoo irra jiru
wajjiin walitti hidhatee waan jiru haala fakkaatuun, sirnoonni siyaasaa
yeroo jijjiiraman mara waa'ee eenyummaa fi jiraachuu yookiin itti
fufiinsa biyya keenyaa saboota yaadda'an taanee jirra.
Barbadaa'uun sirna bulchiinsa tokkoo balaa diigamuu biyyaa kan fidu
akka ta'e seenaa mootummaa biyyaalessaa ammayyaawaa keenya kan
waggoota dhibba tokkoo fi digdama darban keessatti arginee jirra.
Kunis dhugaa seenaa keenyaa kan calaqqisiisee fi irra-deddeebiidhaan
kan mul'ate dha. Weerartoota Xaaliyaaniitii kaasee hanga ammaatti
dhiphina akkasii keessa darbaa dhufuun keenya carraa keenya ta'ee
ture. Ammallee dhiphinni wal-fakkaataan akka kanaa biyya keenya ishii
ciniinsuu dhalachuu jijjiiramaa keessa jirtu keessatti mumul'achaa jira.
Carraaqqii si'anaa dimookiraasii hundee jabaa irratti bu'uuressuuf
godhamaa jiru irratti walitti bu'insii fi golaafamni mudachaa jiran hundi
byyi keenya balaa diigamuutiif kan saaxilamte ta'uu ishii agarsiisa.
Mallattoon kunis akka nuti ofii keenya gadi-fageenyaan sakattaanuuf
kan nu kakaastu bilbila dammaqsituuti.
Biyyi keenya maraammartoo balaa jiraachuu yookiin diigamuu dhabuu
yeroo yerootti ishii mudatu keessaa maaliif ba'uu dadhabde? Akkuma
biyyoota biroo kanneen nu waliin seenaa mootummaa walitti dhiyaataa
qabaniitti sirnoota bulchiinsaa yeroodhaaf tajaajilan keessaa baanee
humna mootummaa biyyaalessummaa jiraachuu biyya kanaa haala
amansiisaadhaan itti fufsiisuu danda'u uumuu kan dadhabne maaliifi?
Gaaffileen kun yeroo ammaa kanatti gaaffilee bu'uuraa siyaasa keenyaa
ta'anii dhufaniitu jiru. Itoophiyaa n seenaa ishii keessatti qarriffaa diinota
ishii roora'anii itti naanna'anii eegaa turanii keessaa ba'uudhaaf yeroo
tokko tokko fuulaa fuulatti itti ba'uudhaan falmuun, yeroo kaan immoo
dhoksaan lafa jala finciluun barootashii keessaa harka caalu
dabarsiteetti.
Kunis, jireenya ishii mirkaneessuurra kan darbe bu'aa otoo hin buusiin
darbeera. Mootonni sunniin gaaffilee siyaasaa alaa fi keessaan ka'anii
yeroo namaaf hin kennine hiikuudhaaf otoo olii fi gadi jedhanii biyyittii
guddisuudhaafis ta'ee, leenjisuudhaaf kallattii fayyadu bocuudhaafis
ta'ee hojiirra oolchuuf yeroo hin arganne. Sababa kanaanis, biyyittiin irra
deddeebiidhaan muddama rakkoo jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyittii
keessatti waan qabamtuuf, mootonni yeroo isaanii guutuu biyya
tasgabbeessuudhaaf otoo qisaasessanii umuriin isaanii dhuma ture.
Uumamuu mootummaa biyyaalessaatiin booddee, mootonni biyya
isaanii diinota alaa irraa eeguu fi raawwiiwwan amantii irratti
xiyyeeffachuu keessaa ba'anii dhimma guddinaa fi qaroominaatiif
xiyyeeffannoo kennuu jalqabanii ture. Duudhaalee hammayyummaa
wantoota ta'an kanneen akka wal-qixxummaa, bilisummaa fi
dhimmoota obbolummaa irratti xiyyeeffannoo horataniiru. Addunyaa
kana irratti dhalli namaa seera bara qaroominaatiin duratti qabaachaa
turan waliigaltee hawaasummaa fi duudhaalee ammayyummaatiin
akkuma bakka buusan, biyya keenyattis duudhaaleen kunniin kan
xiyyeeffannoo argachuu jalqaban hundeeffamuu mootummaa
biyyaalessaa ammayyaawaa hordofeetu. Haa ta'u malee,
tarkaanfiiwwan duudhaalee kanneen guddisuu fi fedhii uummataa
kabachiisuuf fudhataman laafaa ta'anii itti fufani jiru. Kanaafis ijoon
jalqabuma irraa kaasee fudhatamummaan mootummaa biyyaalessa
Itoophiyaa qormaataan kan guutame ta'uu isaatiin bulchitoonni fedhii
uummataa guutuu caalaa fudhatamummaa kana fiduudhaaf dhama'aa
darbuu isaaniiti.
Fudhatamummaa mootummaa biyyaalessaa jechuun saboonni
mootummaa biyyaalessaa sana irratti amantaa yeroo horatanii fi irratti
yeroo waliigalan jechuu dha. Dhimmi kun fudhatamummaa argachuu
bulchitootaa wajjiin kan wal-qabatus; kan wal hin qabannes ta'uu
danda'a. Bulchitoonni fudhatamummaa mootummaa biyyaalessaa kana
fiduudhaaf qisaasa'uun isaanii yeroo fi xiyyeeffannoo fedhii uummataa
guutuudhaaf ooluu malu, itti-fufiinsa biyyaa eegsisuuf akka oolu
taasiseera. Mootonni duraanii balaa itti aggaamamu qolachuudhaaf
otoo olii' fi gadi fiiganii yeroo isaanii fixu. Adeemsi kunis yaalii fedhii
uummataa deebisuuf oolu kan gatachiisee fi uummata komiif saaxila.
Mootonni kunniin adeemsa biyya tasgabbeessuu keessatti malleen
yeroodhaaf tajaajilan fayyadamuutti waan qabamaniif fedhii hawaasaa
isa dhaabbataa ta'e otoo hin guutiiniif hafu. Dhumarrattis balaan sun
kufaatii isaaniitiif sababa kan ta'u guutamuu dhabuun fedhiiwwan
uummataa komii hadhaawaa uumee boba'aa diddaa uummataa
qabachiisu waan ta'uuf dha. Balaa muddaa biyya irratti aggaamameef
caalmaatti xiyyeeffannoo wan kennaniif, humna isaanii isa guddaa fedhii
uummataa guutuudhaaf otoo hin ta'iin balaawwan kanneen
qolachuudhaaf waan dhangalaasaniif uummata isaanii irratti cunqursaa
geessisu.
Karaa cunqursaa mootota kanneeniitiif sababni inni tokko hojii hayyoota
Itoophiyaati. Hayyoonni Itoophiyaa sababoota seenaawaa fi ijaaramaa
garaagaraatiin yaaduudhaaf fagoo jiru. Hundi isaanii akkuma qophii
soorataa wanta dubbisan kallattiidhumaan hojiitti hiikuuf abjootu malee