text stringlengths 0 196k |
|---|
haala qabatamaa hubatanii deemuuf carraaqqiin isaan qaban hagas |
miti. Dhimmichi amala ijaaramaa kan haala qabatamaa barumsaa fi |
aadaa irraa maddu yoo ta'e illee, dhibaa'ummaanii fi dhimma dhabuun |
hayyoota kanaa itti gaafatamummaa jalaa kan isaan baraaru miti. |
Bulchitoonnis aadaadhuma hayyoota kanaa keessaa waan ba'aniif |
hojiileen isaanii kan hayyootaa irraa baay'ee kan fagaate miti. |
Hammamillee aangoon haala qabatamaa mootummaa biyyaalessaa |
wajjiin kallattiidhaan morkii keessa waan isaan galchuuf, dhugaa isaa |
karaa fooyya'een hubachuuf carraa yoo argatan illee siyaasni isaanii |
bu'uurumaan aadaa hayyootaa irraa dhalatee eenyummaa isaanii boce |
kun jarjarsuu fi murtii dimshaashaatiif isaan saaxila. Kun immoo |
hayyoota morkattoota ta'an humnaan damacanii akka darbanii fi |
kanuma irraa ka'uunis uummata hayyoonni kunniin sochoosan illee |
walumaan akka damacan isaan taasisa. |
Karaa biraatiin, biyyi keenya ijoollee qaqqaalii muraasa kanneen yaadata |
bitaa fi mirgaan ka'an wal-dandeessisuudhaan yaada giddu-galeessaa |
Itoophiyaaf ni ta'a jedhanii yaadan diriirsuuf carraaqan horachuu |
dandeessee jirti. Yandoo jibbiinsaa bitaa fi mirgaan itti roobu |
dandamataanii danda'udhaan yaada isaanii baraa baratti ceesisuu |
kanneen danda'an yoo jiraatanillee, yaadni qajeelaa lammiilee kanaa |
dagaagee namoota hedduu biratti fudhatamuun yaada mo'ataa ta'uuf |
carraa hin arganne. Dhugaadhumatti, yaadni bitaa fi mirgaan uleen itti |
baay'ate, ulee kana dandamatee ba'uun carraan inni ittiin yaada mo'ataa |
ittiin ta'u gadi-aanaa yoo ta'eyyuu, dhimmi haala kana fedhuu garuu kan |
bukkeetti qabamuu hin dandeenye dha. Yeroo carraan itti argamettis |
aarsaan barbaachisaa ta'e kaffalamee yoo ta'ellee yaada qulqullaa'aa |
akka caalee mul'atu gochuun nurraa eegama. |
Haaluma mudannoolee seenaa hedduu irraa hubachuu dandeenyetti, |
yaada nuuf ta'a jennee yaadne kaasaa fi kuffisaa uummatoota jiraanne |
dha. Waraana keessa yeroo seennu gaaffiin jiraachuu fi jiraachuu |
dhabuu biyyittii nu yaaddessa; waraanicha yeroo xumurre immoo kana |
ni irraanfanna. Waraanni sabaa fi sablammiiwwan Itoophiyaa weerara |
Xaaliyaanii qolachuuf kallattiilee biyyittii afraniin duulee Adwaa irratti |
wal-ga'e lola Adwaa erga injifatee booddee karaan mootummaan |
biyyaalessaa duubatti hafummaa hundeedhaan buqqisuuf itti deeme |
baay'ee gabaabaa ture. Kan biraa illee hafee, diinni yeroo fudhatee |
meeshaa waraanaa isaa hammayyoomsee mala biraatiin deebi'ee nutti |
dhufuu danda'a jedhamee hin eegamne. |
Rakkoon inni guddaan gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu rakkoolee |
yeroo, dhiyaa fi kallattii wajjiin wal-qabsiisanii ilaaluu isaaniiti. Gaaffii |
jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyya keenyaa hiikuuf garuu balaa yeroo |
sana aggaamame furuuf tattaaffii godhamurra darbee duraan dursanii |
ka'umsa rakkoo bu'uuraa balaa kanaaf nu saaxiluu fi balaa kana |
babal'isee cabinsa siyaasaa qabatamaatti ceesisu hiikuutu barbaachisa. |
Rakkoolee guutamuu dhabuu fedhii irraa maddanii walitti bu'insa wal |
waliiniitiif ka'umsa guddaa ta'anii fi raacetii raafamaa ta'an hiikuudhaaf |
xiyyeeffannoo gara sanatti gochuutu barbaachisa. |
Fedhiiwwan uummata keenyaa hin guutamiin kanneen karaa hin |
yaadamneen eenyummaa keenya balaa irratti kuffisuu isaanii hubannee, |
fedhiiwwan foonii, maqaa ofii kabachiisuu fi bilisummaa hawwuu irraa |
kan maddan ta'uun isaanii boqonnaa darbe keessatti ibsamuuf |
yaalamee jira. Maalumaafuu, fedhiiwwan kun niin akkamittiin guutamuu |
dadhaban? Falaasamni ida'amuuhoo fedhiiwwan kanneen akkamittiin |
hiikuuf yaade? Gaaffilee bu'uuraa kanneenii fi dhimmoota kana wajjiin |
wal-qabatan biroo ilaaluun barbaachisaa dha. |
Uummanni biyya keenyaa abjuuwwan tattaafatee jireenya ittiin injifatu, |
bowwaa hiyyummaa keessaa ba'ee nyaatee dhugee uffee ittiin jedhu, |
nagaarita waraanni ittiin labsamu tumuu keessaa ba'ee nagaadhaan |
oolee ittiin bulu galaa godhatee uummata baroota dheeraadhaafjiraate |
dha. Abjuuwwan kana galaa godhatee jiraachuu qofaa otoo hin ta'iin |
milakaa'ina abjuuwwan kanaatti wantoota gufuu ta'an hundumaa |
buqqisuudhaaf maloota uumamaan badhaafameenis haa ta'uu, |
kanneen ofii isaatiif dhama'ee uummateen qabsaa'aa jiraateera. Yeroo |
tokko tokko qabee gadhiisaa, yeroo kaan immoo sadarkaa ol |
aanaadhaan itti cichee wanjoowwan hacuuccaa of-irraa darbatee |
gatuudhaaf qabsaa'aa jiraateera. |
Hacuuccaan uummanni keenya barootaaf irratti qabsaa'aa jiraate kun |
amala isaatiin namoonni hireen isaanii harka isaanii irraa butamee, |
jireenya isaanii fedhii isaaniitiin alatti akka gaggeessan kan dirqisiisu |
ture. Hacuuccaan wanta fedhii namootaa guutuudhaaf oolu hundumaa |
butuudhaan fedhii namoota biraatiif oolchina. Afaan hiyyeessa keessaa |
butee isa biraatiif booka buusa. Afaan isa tokkoo cuqqaaleetu inni biraa |
waggaa guutuu akka haasa'u taasisa. Salphina nama tokkoo irratti ulfina |
nama biraa ijaara. |
Hacuuccaa hawaasa kamiyyuu keessatti hundee diriirfachuu danda'u |
iddoowwan lamatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Akaakuun hacuuccaa |
inni tokkoffaan, yaadaa fi qalbii hamaa namootaa keessaa kan madduu |
fi fedhii fi karoora namootaatiin kan raawwatamu dha. Hacuuccaan akka |
kanaa hacuucaa fi hacuucamaan kan keessa jiranii fi hacuuccichis kan |
raawwatamu qabsaa'anii hacuuccota injifatanii irra aanuudhaan ta'a. |
Hacuuccaa akka kanaa kana "hacuuccaa nam-tolchee" jechuu |
dandeenya. |
Hacuuccaan gosti lammaffaan immoo haccuuccaa sirna keessaa maddu |
dha. Hacuuccaan inni kun biyyoota dimookiraatawaa ta'an keessatti illee |
kan mul'atuu fi hacuuccichi ta'e jedhamee kan hin raawwatamne, garuu |
sirna diriire keessaan namoota filatee kan miidhuu fi fedhii isaanii kan |
daangessu dha. Hammamillee caasaa dhaabbilee kan hundeessan |
namoota ta'uu isaanii irraan kan ka'e duraan dursee hacuuccaan nam |
tolchee kan ture ta'us, adeemsa yeroo keessa amala mataa isaatii |
qabatee to'annoo kallattii namootaatiin alatti kan socho'u ta'a. Sababa |
kanaan is maddi hacuuccichaa caasaa sana ta'a jechuu dha. Hacuuccaan |
akka kanaa "hacuuccaa caas-tolchee" jedhamuu danda'a. Gosoonni |
hacuuccaawwan lamaanuu kan wal faallessan waan ta'aniif |
hacuuccaawwan lamaanuu dhabamsiisuuf qabsoo taasifamu rakkisaa fi |
wal-xaxaa taasisa. Carraaqqii haccuuccaa nam-tolchee eegsisuuf |
taasifamu keessatti namni dhuunfaan sun dursa argachaa waan dhufuuf, |
hacuuccaan caas-tolchee fedhii garee ilaalu ni irraanfatama. |
Xiyyeeffannoo hacuuccaa caasaatiif kennamu keessatti immoo |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.