text
stringlengths
0
196k
haala qabatamaa hubatanii deemuuf carraaqqiin isaan qaban hagas
miti. Dhimmichi amala ijaaramaa kan haala qabatamaa barumsaa fi
aadaa irraa maddu yoo ta'e illee, dhibaa'ummaanii fi dhimma dhabuun
hayyoota kanaa itti gaafatamummaa jalaa kan isaan baraaru miti.
Bulchitoonnis aadaadhuma hayyoota kanaa keessaa waan ba'aniif
hojiileen isaanii kan hayyootaa irraa baay'ee kan fagaate miti.
Hammamillee aangoon haala qabatamaa mootummaa biyyaalessaa
wajjiin kallattiidhaan morkii keessa waan isaan galchuuf, dhugaa isaa
karaa fooyya'een hubachuuf carraa yoo argatan illee siyaasni isaanii
bu'uurumaan aadaa hayyootaa irraa dhalatee eenyummaa isaanii boce
kun jarjarsuu fi murtii dimshaashaatiif isaan saaxila. Kun immoo
hayyoota morkattoota ta'an humnaan damacanii akka darbanii fi
kanuma irraa ka'uunis uummata hayyoonni kunniin sochoosan illee
walumaan akka damacan isaan taasisa.
Karaa biraatiin, biyyi keenya ijoollee qaqqaalii muraasa kanneen yaadata
bitaa fi mirgaan ka'an wal-dandeessisuudhaan yaada giddu-galeessaa
Itoophiyaaf ni ta'a jedhanii yaadan diriirsuuf carraaqan horachuu
dandeessee jirti. Yandoo jibbiinsaa bitaa fi mirgaan itti roobu
dandamataanii danda'udhaan yaada isaanii baraa baratti ceesisuu
kanneen danda'an yoo jiraatanillee, yaadni qajeelaa lammiilee kanaa
dagaagee namoota hedduu biratti fudhatamuun yaada mo'ataa ta'uuf
carraa hin arganne. Dhugaadhumatti, yaadni bitaa fi mirgaan uleen itti
baay'ate, ulee kana dandamatee ba'uun carraan inni ittiin yaada mo'ataa
ittiin ta'u gadi-aanaa yoo ta'eyyuu, dhimmi haala kana fedhuu garuu kan
bukkeetti qabamuu hin dandeenye dha. Yeroo carraan itti argamettis
aarsaan barbaachisaa ta'e kaffalamee yoo ta'ellee yaada qulqullaa'aa
akka caalee mul'atu gochuun nurraa eegama.
Haaluma mudannoolee seenaa hedduu irraa hubachuu dandeenyetti,
yaada nuuf ta'a jennee yaadne kaasaa fi kuffisaa uummatoota jiraanne
dha. Waraana keessa yeroo seennu gaaffiin jiraachuu fi jiraachuu
dhabuu biyyittii nu yaaddessa; waraanicha yeroo xumurre immoo kana
ni irraanfanna. Waraanni sabaa fi sablammiiwwan Itoophiyaa weerara
Xaaliyaanii qolachuuf kallattiilee biyyittii afraniin duulee Adwaa irratti
wal-ga'e lola Adwaa erga injifatee booddee karaan mootummaan
biyyaalessaa duubatti hafummaa hundeedhaan buqqisuuf itti deeme
baay'ee gabaabaa ture. Kan biraa illee hafee, diinni yeroo fudhatee
meeshaa waraanaa isaa hammayyoomsee mala biraatiin deebi'ee nutti
dhufuu danda'a jedhamee hin eegamne.
Rakkoon inni guddaan gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu rakkoolee
yeroo, dhiyaa fi kallattii wajjiin wal-qabsiisanii ilaaluu isaaniiti. Gaaffii
jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyya keenyaa hiikuuf garuu balaa yeroo
sana aggaamame furuuf tattaaffii godhamurra darbee duraan dursanii
ka'umsa rakkoo bu'uuraa balaa kanaaf nu saaxiluu fi balaa kana
babal'isee cabinsa siyaasaa qabatamaatti ceesisu hiikuutu barbaachisa.
Rakkoolee guutamuu dhabuu fedhii irraa maddanii walitti bu'insa wal
waliiniitiif ka'umsa guddaa ta'anii fi raacetii raafamaa ta'an hiikuudhaaf
xiyyeeffannoo gara sanatti gochuutu barbaachisa.
Fedhiiwwan uummata keenyaa hin guutamiin kanneen karaa hin
yaadamneen eenyummaa keenya balaa irratti kuffisuu isaanii hubannee,
fedhiiwwan foonii, maqaa ofii kabachiisuu fi bilisummaa hawwuu irraa
kan maddan ta'uun isaanii boqonnaa darbe keessatti ibsamuuf
yaalamee jira. Maalumaafuu, fedhiiwwan kun niin akkamittiin guutamuu
dadhaban? Falaasamni ida'amuuhoo fedhiiwwan kanneen akkamittiin
hiikuuf yaade? Gaaffilee bu'uuraa kanneenii fi dhimmoota kana wajjiin
wal-qabatan biroo ilaaluun barbaachisaa dha.
Uummanni biyya keenyaa abjuuwwan tattaafatee jireenya ittiin injifatu,
bowwaa hiyyummaa keessaa ba'ee nyaatee dhugee uffee ittiin jedhu,
nagaarita waraanni ittiin labsamu tumuu keessaa ba'ee nagaadhaan
oolee ittiin bulu galaa godhatee uummata baroota dheeraadhaafjiraate
dha. Abjuuwwan kana galaa godhatee jiraachuu qofaa otoo hin ta'iin
milakaa'ina abjuuwwan kanaatti wantoota gufuu ta'an hundumaa
buqqisuudhaaf maloota uumamaan badhaafameenis haa ta'uu,
kanneen ofii isaatiif dhama'ee uummateen qabsaa'aa jiraateera. Yeroo
tokko tokko qabee gadhiisaa, yeroo kaan immoo sadarkaa ol
aanaadhaan itti cichee wanjoowwan hacuuccaa of-irraa darbatee
gatuudhaaf qabsaa'aa jiraateera.
Hacuuccaan uummanni keenya barootaaf irratti qabsaa'aa jiraate kun
amala isaatiin namoonni hireen isaanii harka isaanii irraa butamee,
jireenya isaanii fedhii isaaniitiin alatti akka gaggeessan kan dirqisiisu
ture. Hacuuccaan wanta fedhii namootaa guutuudhaaf oolu hundumaa
butuudhaan fedhii namoota biraatiif oolchina. Afaan hiyyeessa keessaa
butee isa biraatiif booka buusa. Afaan isa tokkoo cuqqaaleetu inni biraa
waggaa guutuu akka haasa'u taasisa. Salphina nama tokkoo irratti ulfina
nama biraa ijaara.
Hacuuccaa hawaasa kamiyyuu keessatti hundee diriirfachuu danda'u
iddoowwan lamatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Akaakuun hacuuccaa
inni tokkoffaan, yaadaa fi qalbii hamaa namootaa keessaa kan madduu
fi fedhii fi karoora namootaatiin kan raawwatamu dha. Hacuuccaan akka
kanaa hacuucaa fi hacuucamaan kan keessa jiranii fi hacuuccichis kan
raawwatamu qabsaa'anii hacuuccota injifatanii irra aanuudhaan ta'a.
Hacuuccaa akka kanaa kana "hacuuccaa nam-tolchee" jechuu
dandeenya.
Hacuuccaan gosti lammaffaan immoo haccuuccaa sirna keessaa maddu
dha. Hacuuccaan inni kun biyyoota dimookiraatawaa ta'an keessatti illee
kan mul'atuu fi hacuuccichi ta'e jedhamee kan hin raawwatamne, garuu
sirna diriire keessaan namoota filatee kan miidhuu fi fedhii isaanii kan
daangessu dha. Hammamillee caasaa dhaabbilee kan hundeessan
namoota ta'uu isaanii irraan kan ka'e duraan dursee hacuuccaan nam
tolchee kan ture ta'us, adeemsa yeroo keessa amala mataa isaatii
qabatee to'annoo kallattii namootaatiin alatti kan socho'u ta'a. Sababa
kanaan is maddi hacuuccichaa caasaa sana ta'a jechuu dha. Hacuuccaan
akka kanaa "hacuuccaa caas-tolchee" jedhamuu danda'a. Gosoonni
hacuuccaawwan lamaanuu kan wal faallessan waan ta'aniif
hacuuccaawwan lamaanuu dhabamsiisuuf qabsoo taasifamu rakkisaa fi
wal-xaxaa taasisa. Carraaqqii haccuuccaa nam-tolchee eegsisuuf
taasifamu keessatti namni dhuunfaan sun dursa argachaa waan dhufuuf,
hacuuccaan caas-tolchee fedhii garee ilaalu ni irraanfatama.
Xiyyeeffannoo hacuuccaa caasaatiif kennamu keessatti immoo