text
stringlengths
0
196k
namoonni dhuunfaa dagatamuudhaan hacuuccaan nam-tolchee ni
jabaata. Carraaqqiin gosoota hacuuccaa lamaaniyyuu
dhabamsiisuudhaaf taasifamu dhimma kallattii yookiin daandii siyaasa
keenyaa murteessu ta'a.
Hacuuccaa Nam-Tolchee
Hacuuccaa nam-tolchee hubachuudhaaf seenaa siyaasa keenyaa
waggoota shantamman darbanii qofaa ilaaluun gahaa dha. Seenaa
siyaasa keenyaa kana fudhannee yoo ilaalle, lammiilee biyya keenyaa
irratti yakkii fi gidiraan raawwatame kan baay'ee nama qaanessuu fi
sabootaa biyya keenyaa rakkoo addaan hin cinneef kan saaxile dha.
Itoophiyaanoonni mirgoota bu'uuraa dhuunfaa fi sabummaa waan
gaafataniif qofaa reebamaniiru, hidhamaniiru, ajjeefamaniirus.
Gidirfamni dhala namaa irratti raawwatamuu hin qabne lammiilee irratti
raawwatamaniiru. Adeemsi kun adeemsa bilisummaa sabootaa fi
lammiilee mulquudhaan micciiranii mataa gadi qabachiisuudhaan
bituuti. Kunis kabaja namaa isa bu'uura ta'e kan gadi qabu, eenyummaa
fi mirgoota sabootaas damaca.
Nuti lammiileen biyya kanaa sirna bittaa gidiraadhaan guutame kan
saboonni akka beela'an, dhukkubaan akka dhuman, rakkoodhaan akka
maaggananii fi biyya gatanii akka godaanan taasise keessa kan darbine
dha. Itoophiyaanoonni hundinuu wanjoon hacuuccaa kun kan isaanirra
gahe dha. Itoophiyaanoonni hundinuu funcaa hacuuccaa kanaatiin
xaxamanii hidhamaniiru. Itoophiyaanoonni hundinuu qaccee abiddaa
kanaan garafamaniiru. Dugda isaanii irratti dirmammuu yookiin
godaannisa gidirsitootaan isaan irra qaqqabe baataniitu naanna'u.
Gooftummaa fi gabroomfattummaan hacuuccotaa itti siqeenya isaan
qawweedhaaf qaban irraa madda. Aangoo isaanii qawweedhaan waan
argataniif, aangoo isaanii kana eegsifachuudhaaf kan isaan yaalan
qawweedhumaani. Aangoon isaanii kan inni madde fedhii uummataa fi
fudhatamummaa bulchiinsaa irraa otoo hin ta'iin, afaan qawwee irraati.
Afaan qawwee keenyaa yoo gadi jedhe aangoon keenya nu irraa butama
jedhaniitu sodaatu. Isaan aangoo sana humnaan waan argataniif,
abbaan humnaa biraan akka tasaa dhufee akka isaan hin salphisne ni
sodaatu. Kanaafuu, naannoo isaanii tajaajiltoota amanamoo amantii
isaanii keessaa, saba isaanii keessaa, akkasumas firoota foonii isaanii
keessaa walitti qabamaniin marsu. Kun immoo dhaabbileen siyaasaa
biyyittii of danda'anii akka hin dhaabbannee fi ga'umsa akka hin
horanne isaan taasisa.
Adeemsi aangoo isaanii dabaa fi miidhaa irraa eeguuf jecha firoota
isaanii ittiin walitti qabatan wal-qabatee babal'achaa deemuu ni
danda'a. Kunis namootni gahumsa hin qabne naannoo teessootti akka
heddummatan gochuu danda'a. Sirni namoonni ga'umsa hin qabne
kunniin uuman immoo fedhii lammiilee kan damacu, waa'ee dhugaa fi
beekumsaa otoo hin ta'iin, sirna safuu hin qabne kan waa'ee aangoo fi
faayidaa qofaa dhiphatu, isaanuma angaa'ota sana qofa kan fayyadu
ta'a.
Rakkoon firaan wal-harkisuu kun kan inni maddu seerri karaa
dhaabbilee bilisaatiin aangoo eegsisuuf hojjetu waan hin
diriirfamneefidha Seerri gaggeessitoonni waa'ee aangoo ofii
tursiifachuu itti hin yaaddofnee fi xiyyeeffannoon isaanii fedhii
uummataa fi biyyaa eegsisuuf itti ta'u waan hin diriirfamneef, warreen
aangoo' qabatan hundinuu dabaa fi miidhaa irraa of-eeguuf jedhanii
qawwee fi firaan wal-harkisuu mala godhatanii socho'u.
Hacuuccotni gara caalu firaan kan wal-harkisaniif gara caalu aangoo
isaanii eeggachuudhaaf jedhaniitu malee, waa'ee saba isaanii, waa'ee
naannoo isaanii, yookiin immoo waa'ee amantii isaanii dhimma
qabaatanii miti. Naannoon, sabnii fi amantiin isaan keessaa ba'an
gadadoo guddaa keessa yoo jiraatanis, maqaan hacuuccummaa garuu
mataa isaanii irraa hin bu'u. Uummanni aarii cunqursitoota kana irratti
qabu kan ba'atu uummata naannoo namoonni kunniin keessaa ba'an
hadheeffachuu fi gidirsuudhaan ta'uu danda'a.
Cunqursaan nam-tolchee gara caalu lammiilee akka waliigalaatti kan
miidhuu fi namoota dhuunfaa irraa kan maddu ta'us, badiin inni
geessisu garuu dhalootaa gara dhalootaatti kan ce'u, dhaabbilee
fulla'oo kan laamshessuu fi itti fufinsa biyyaa gaaffii keessa kan galchu
ta'uu danda'a. Hacuuccaa nam-tolchee isa mallattoo beekamtii addaa
mootummaa biyyaalessaa keenyaa ta'e kana bu'uura irraa
hanbisuudhaan maraammartoo hacuccaa keessatti kufnee jirru keessaa
cabsinee ba'uuf furmaata of-eeggannoo hubannaadhaan guutame
barbaachisa. Seera akka lammiileen biyya isaanii keessatti keessummaa
ta'an hin goone, namoonni muraasni akkuma barbaadanitti akka hin
burraaqnee fi saba biraa akka isaan hin ukkamsine taasisu, aangoon
afaan qawwee irraa otoo hin ta'iin fedhii uummataa irraa akka maddu
taasisuu, lammiileen kabajamanii, bilisummaa fi wal-qixxummaadhaan
akka jiraatan, akkasumas gaaffileen jiraachuu ittiin hiikaman diriirsuun
barbaachisaa dha.
Hacuuccaa Caas-Tolchee
Gosni hacuuccaa inni lammaffaan immoo haccuuccaa caasaa yookiin
sirna keessaa maddu dha. Hacuuccaan inni kun biyyoota
dimookiraatawaa ta'an keessatti illee kan mul'atuu fi hacuuccichi ta'e
jedhamee kan hin raawwatamne, garuu sirnaa fi dhaabbattuma diriire
keessaan namoota filatee kan miidhuu fi fedhii isaanii kan daangessu
dha.
Dhiibbaan namoota dhuunfaarra jiru cufaa ta'uu baatus, hacuuccaan
caas-tolchee irra caalaa gareewwanirratti kan raawwatamu dha.
Gareewwan dhimma baaqqee tokko irratti yookiin immoo eenyummaa
waloo haala murteessuun ijaaramuu danda'u. Fakkeenyaaf, namoonni
harka isaanii isa bitaa gargaaraman (biteeyyiin) biteeyyummaan isaanii
qofaa isaa garee tokko akka uummatan isaan taasisuu danda'a. Gareen
eenyummaa baaqqee irratti hundaa'u kun gara eenyummaa gareetti
guddachuudhaaf garuu biteeyyummaa isaanii ilaalchisee hacuuccaan
qabatamaa ta'e yookiin hacuuccaan yaadaa isaanirra ga'u jiraachuu
qaba.
Hacuuccaan qabatamaa ta'e yookiin kan yaadaa kun hammuma dabalaa
deemu gareen sun ibsituu eenyummaa namootaa kan waliigalaa ta'ee
dhiyaata. Hacuuccaa caasaan gareewwan irraan ga'u of-irraa
qolachuudhaaf gareewwan balleessuun yookiin dadhabsiisuun
furmaatadha ilaalchi jedhu ni jira. Yaadni kun yaada falmii 'hacuuccaan
gareewwanii kan inni biqilu uumamuu gareewwanii wajjiin wal-qabatee