text stringlengths 0 196k |
|---|
namoonni dhuunfaa dagatamuudhaan hacuuccaan nam-tolchee ni |
jabaata. Carraaqqiin gosoota hacuuccaa lamaaniyyuu |
dhabamsiisuudhaaf taasifamu dhimma kallattii yookiin daandii siyaasa |
keenyaa murteessu ta'a. |
Hacuuccaa Nam-Tolchee |
Hacuuccaa nam-tolchee hubachuudhaaf seenaa siyaasa keenyaa |
waggoota shantamman darbanii qofaa ilaaluun gahaa dha. Seenaa |
siyaasa keenyaa kana fudhannee yoo ilaalle, lammiilee biyya keenyaa |
irratti yakkii fi gidiraan raawwatame kan baay'ee nama qaanessuu fi |
sabootaa biyya keenyaa rakkoo addaan hin cinneef kan saaxile dha. |
Itoophiyaanoonni mirgoota bu'uuraa dhuunfaa fi sabummaa waan |
gaafataniif qofaa reebamaniiru, hidhamaniiru, ajjeefamaniirus. |
Gidirfamni dhala namaa irratti raawwatamuu hin qabne lammiilee irratti |
raawwatamaniiru. Adeemsi kun adeemsa bilisummaa sabootaa fi |
lammiilee mulquudhaan micciiranii mataa gadi qabachiisuudhaan |
bituuti. Kunis kabaja namaa isa bu'uura ta'e kan gadi qabu, eenyummaa |
fi mirgoota sabootaas damaca. |
Nuti lammiileen biyya kanaa sirna bittaa gidiraadhaan guutame kan |
saboonni akka beela'an, dhukkubaan akka dhuman, rakkoodhaan akka |
maaggananii fi biyya gatanii akka godaanan taasise keessa kan darbine |
dha. Itoophiyaanoonni hundinuu wanjoon hacuuccaa kun kan isaanirra |
gahe dha. Itoophiyaanoonni hundinuu funcaa hacuuccaa kanaatiin |
xaxamanii hidhamaniiru. Itoophiyaanoonni hundinuu qaccee abiddaa |
kanaan garafamaniiru. Dugda isaanii irratti dirmammuu yookiin |
godaannisa gidirsitootaan isaan irra qaqqabe baataniitu naanna'u. |
Gooftummaa fi gabroomfattummaan hacuuccotaa itti siqeenya isaan |
qawweedhaaf qaban irraa madda. Aangoo isaanii qawweedhaan waan |
argataniif, aangoo isaanii kana eegsifachuudhaaf kan isaan yaalan |
qawweedhumaani. Aangoon isaanii kan inni madde fedhii uummataa fi |
fudhatamummaa bulchiinsaa irraa otoo hin ta'iin, afaan qawwee irraati. |
Afaan qawwee keenyaa yoo gadi jedhe aangoon keenya nu irraa butama |
jedhaniitu sodaatu. Isaan aangoo sana humnaan waan argataniif, |
abbaan humnaa biraan akka tasaa dhufee akka isaan hin salphisne ni |
sodaatu. Kanaafuu, naannoo isaanii tajaajiltoota amanamoo amantii |
isaanii keessaa, saba isaanii keessaa, akkasumas firoota foonii isaanii |
keessaa walitti qabamaniin marsu. Kun immoo dhaabbileen siyaasaa |
biyyittii of danda'anii akka hin dhaabbannee fi ga'umsa akka hin |
horanne isaan taasisa. |
Adeemsi aangoo isaanii dabaa fi miidhaa irraa eeguuf jecha firoota |
isaanii ittiin walitti qabatan wal-qabatee babal'achaa deemuu ni |
danda'a. Kunis namootni gahumsa hin qabne naannoo teessootti akka |
heddummatan gochuu danda'a. Sirni namoonni ga'umsa hin qabne |
kunniin uuman immoo fedhii lammiilee kan damacu, waa'ee dhugaa fi |
beekumsaa otoo hin ta'iin, sirna safuu hin qabne kan waa'ee aangoo fi |
faayidaa qofaa dhiphatu, isaanuma angaa'ota sana qofa kan fayyadu |
ta'a. |
Rakkoon firaan wal-harkisuu kun kan inni maddu seerri karaa |
dhaabbilee bilisaatiin aangoo eegsisuuf hojjetu waan hin |
diriirfamneefidha Seerri gaggeessitoonni waa'ee aangoo ofii |
tursiifachuu itti hin yaaddofnee fi xiyyeeffannoon isaanii fedhii |
uummataa fi biyyaa eegsisuuf itti ta'u waan hin diriirfamneef, warreen |
aangoo' qabatan hundinuu dabaa fi miidhaa irraa of-eeguuf jedhanii |
qawwee fi firaan wal-harkisuu mala godhatanii socho'u. |
Hacuuccotni gara caalu firaan kan wal-harkisaniif gara caalu aangoo |
isaanii eeggachuudhaaf jedhaniitu malee, waa'ee saba isaanii, waa'ee |
naannoo isaanii, yookiin immoo waa'ee amantii isaanii dhimma |
qabaatanii miti. Naannoon, sabnii fi amantiin isaan keessaa ba'an |
gadadoo guddaa keessa yoo jiraatanis, maqaan hacuuccummaa garuu |
mataa isaanii irraa hin bu'u. Uummanni aarii cunqursitoota kana irratti |
qabu kan ba'atu uummata naannoo namoonni kunniin keessaa ba'an |
hadheeffachuu fi gidirsuudhaan ta'uu danda'a. |
Cunqursaan nam-tolchee gara caalu lammiilee akka waliigalaatti kan |
miidhuu fi namoota dhuunfaa irraa kan maddu ta'us, badiin inni |
geessisu garuu dhalootaa gara dhalootaatti kan ce'u, dhaabbilee |
fulla'oo kan laamshessuu fi itti fufinsa biyyaa gaaffii keessa kan galchu |
ta'uu danda'a. Hacuuccaa nam-tolchee isa mallattoo beekamtii addaa |
mootummaa biyyaalessaa keenyaa ta'e kana bu'uura irraa |
hanbisuudhaan maraammartoo hacuccaa keessatti kufnee jirru keessaa |
cabsinee ba'uuf furmaata of-eeggannoo hubannaadhaan guutame |
barbaachisa. Seera akka lammiileen biyya isaanii keessatti keessummaa |
ta'an hin goone, namoonni muraasni akkuma barbaadanitti akka hin |
burraaqnee fi saba biraa akka isaan hin ukkamsine taasisu, aangoon |
afaan qawwee irraa otoo hin ta'iin fedhii uummataa irraa akka maddu |
taasisuu, lammiileen kabajamanii, bilisummaa fi wal-qixxummaadhaan |
akka jiraatan, akkasumas gaaffileen jiraachuu ittiin hiikaman diriirsuun |
barbaachisaa dha. |
Hacuuccaa Caas-Tolchee |
Gosni hacuuccaa inni lammaffaan immoo haccuuccaa caasaa yookiin |
sirna keessaa maddu dha. Hacuuccaan inni kun biyyoota |
dimookiraatawaa ta'an keessatti illee kan mul'atuu fi hacuuccichi ta'e |
jedhamee kan hin raawwatamne, garuu sirnaa fi dhaabbattuma diriire |
keessaan namoota filatee kan miidhuu fi fedhii isaanii kan daangessu |
dha. |
Dhiibbaan namoota dhuunfaarra jiru cufaa ta'uu baatus, hacuuccaan |
caas-tolchee irra caalaa gareewwanirratti kan raawwatamu dha. |
Gareewwan dhimma baaqqee tokko irratti yookiin immoo eenyummaa |
waloo haala murteessuun ijaaramuu danda'u. Fakkeenyaaf, namoonni |
harka isaanii isa bitaa gargaaraman (biteeyyiin) biteeyyummaan isaanii |
qofaa isaa garee tokko akka uummatan isaan taasisuu danda'a. Gareen |
eenyummaa baaqqee irratti hundaa'u kun gara eenyummaa gareetti |
guddachuudhaaf garuu biteeyyummaa isaanii ilaalchisee hacuuccaan |
qabatamaa ta'e yookiin hacuuccaan yaadaa isaanirra ga'u jiraachuu |
qaba. |
Hacuuccaan qabatamaa ta'e yookiin kan yaadaa kun hammuma dabalaa |
deemu gareen sun ibsituu eenyummaa namootaa kan waliigalaa ta'ee |
dhiyaata. Hacuuccaa caasaan gareewwan irraan ga'u of-irraa |
qolachuudhaaf gareewwan balleessuun yookiin dadhabsiisuun |
furmaatadha ilaalchi jedhu ni jira. Yaadni kun yaada falmii 'hacuuccaan |
gareewwanii kan inni biqilu uumamuu gareewwanii wajjiin wal-qabatee |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.