text
stringlengths
0
196k
waan ta'eef, gareewwan yoo jiraachuu baatan yookiin yoo badan
hacuuccaan garee hin jiraatu' jedhu kan dhiyeessu dha. Yaadni kunis
'uumamuun gareewwanii mataan isaatuu hacuuccaadha waan ta'eef
gareewwan balleessuudhaan hacuuccaa dhabamsiisuun ni danda'ama'
ilaalcha jedhu dha. Ta'us, yaadni kun rakkoolee bu'uuraa sadi of keessaa
qaba.
Inni tokkoffaan, ijaaramoonni dhala namaa daangaan isaanii dhiphatoo
ta'an yeroo gabaabaa keessatti dhabamaa deemu. Bakka isaaniis gareen
tajaajila hawaasaatu bakka bu'aa dhufa jedhee ilaalcha keessa kan
galchu dha. Adeemsi dhalli namaa hawaasummaa daangaa dhiphataa
irraa gara hawaasummaa tajaajila hawaasaatti kan deemu dha yaadni
jedhu dhugaa qabatamaa amma agarru wajjiin kan deemu miti.
Eenyummaawwan daangaa dhiphaa ammayyummaa keessatti kan
badaa dhufan otoo hin ta'iin dhugaawwan hawaasummaa jalaa miliquu
hin dandeenye ta'uu isaanii hubachuutu nu barbaachisa.
Hudhaasoon jalqaba bara (A.L.Atti) 1990'oota keessa addunyaarra ture
injifannoo biyyoota dimookiraatawaa kaappitaalistiitiin xumurameera;
addunyaan kanaan booddee seera gabayaa fi dimookiraasiin
gaggeeffamuutiin alatti filannoo biraa hin qabdu; ejjennoo jedhu kan
sardaminsaan kenname ta'iiwwan siyaasaa mirkaneessan kanaaf
agarsiistuu dha. Finxaalessummaawwan amantii addunyaan keenya
gaaddisa sodaa jala akka bultu taasisan, akkasumas humni mirgaa
finxaalesummaa sabummaa biyyoota Dhihaa keessatti illee otoo hin
hafiin babal'ate itti fufinsa eenyummaawwan daangaa dhiphataatiif
ragaa dha.
Rakkoon yaada kanaa inni lammaffaan, hacuuccaan garee sadarkaa
ijaarama caasaa siyaasaatti qofaa argamu taasisee yaaduu isaati.
Caaseffamni siyaasaa nama dhuunfaa kamillee wal-qixxummaan akka
keessummeessu godhamee yoo diriifame eenyummaa garee
balleessuun ni danda'ama jedhee ilaalcha keessa galcha.
Haa ta'u malee, seera siyaasaa namoota dhuunfaa wal-qixxummaan
tajaajilu ijaaruun qofti gareewwan hin balleesu. Eenyummaawwan garee
irratti qor-qalbiinii fi diinagdeen gahee guddaa qabu. Kanaafuu, xiin
sammuu siyaasawaa fi hanqinoota sirna diinagdee irratti mul'atan
yeroodhaa gara yerootti garee uumaafii warreen jiranis cimsaa
deemuun isaanii hin oolu.
Rakkoon yaada kanaa inni sadaffaan immoo gareewwan kana
balleessuudhaaf rakkoolee gareewwan kanaa sirnaan hubachuu fi
humna gareewwan kanaa ijaaruun akka barbaachisu dagachuu isaati.
Rakkoo gareewwanii hubachuu fi humna isaanii ijaaruuf immoo
gareewwan kunniin jiraachuu isaanii fudhachuun barbaachisaa dha.
Kanaafuu, yoo xiqqaate, sadarkaa tooftaatti gareewwan kun jiraachuu
isaanii yoo fudhachuu baanne gareewwan kunniin mirga isaaniitiif akka
falmatan gochuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf, rakkoowwan
dubartootaa furuudhaaf dura gareen dubartii jedhamu jiraachuu isaa
fudhachuutu nu barbaachisa. Garee hin jirreef hin qabsoofnu waan
ta'eef. Dubartootaafis humna kennuu fi fedhiiwwan isaaniitiif akka
qabsaa'an gochuun kan danda'amu dubartummaadhaan dhaabbatanii
akka wal-deeggaran gochuun yoo danda'ame dha. Kana ta'uu
baannaan qoqqoodaminsa garee dubartii fi dhiira jedhamuu dirree
duwwaa irratti gatuu dandeenya.
Namoonni saala isaanii caalaa namummaa dhuunfaa isaaniitiin akka
dhaabatan gochuun kan danda'amu duraan dursee dubartoonni
dubartummaa isaaniitiin hacuuccaa isaan irra ga'e hubachuu fi
qabsaa'uu akka danda'an gochuun yeroo danda'amu dha.
Kanaafimmoo eenyummaa dubartummaa fudhatanii ka'uu barbaachisa.
Dafqaan bulaan sirna saamichaa kaappitaalizimii irraa bilisa ba'uuf kan
qabsaa'u, duraan dursee dafqaan bulaa ta'uu isaa fudhachuu yoo
danda'e dha. Kanaafuu, eenyummaa garee balleessanii eenyummaa
dhuunfaa bakka buusuun kan danda'amu dirree duwwaa irratti namoota
dhuunfaa qofaaf beekamtii kennuudhaan miti. Adeemsi akka kanaa
haccuucicha kan irra dibuu fi hacuucamtoonni ijaaramanii mirga
isaaniitiif akka hin qabsoofne kan taasisu dha.
Egaa firmaanni isaa maali? Hacuuccaa caas-tolchee bifa gareetiin
uumamu akkamitti balleessuu yookiin hir'isuu dandeenya?
Eenyummaan garee haftee hacuuccaa otoo hin hambifatiin akkamitti
balleessuu dandeenya? Rakkoo kana hiikuudhaaf caasaa walitti
dhufeenya namootaa wal-qixxummaa irratti kan hin hundoofne akka
ta'u taasisu haala gaariidhaan hubachuu fi kallattii inni ittiin luucca'e
sirreessuu barbaachisa. Isa kana 'suphiinsa caasaa' jechuunii
dandeenya.
Caasaan yeroo hundumaayyuu adeemsa yeroo keessa walitti dhufeenya
hin barbaadamnee fi madaallii hin eegne uumuun isaa hin hafu.
Kanaafuu, yeroodhaan adeemsa isaa ilaalanii suphuu barbaachisa.
Konkolaataa al-tokko bareedaa ta'ee waan hojjetameef gara garaajiitti
deddeebi'uu irraa akkuma nu hin oolchine, caasaanis hammam illee
haala gaariidhaan yoo diriirfame mudannoowwan hedduun waan isa
mudatan jiraachuu isaanii irraa kan ka'e yeroo hundumaa wanta
suphiinsa barbaadu dha.
Biyya keenya keessatti rakkoolee fi miidhaawwan hedduun kanneen
caasaa siyaasaa keessaa maddan ni jiru. Hacuuccaawwan caasaan
siyaasaa dhale ba'aawwan kaleessa irraa kanneen dhaallee fi idaawwan
boruu har'a nuti uumnu dha. Biyyi keenya eenyummaawwan guguddoo
suphinsi caasaa isaan barbaachisu sagal qabdi. Isaanis, sabummaa,
naannummaa/kutaa biyyaa, miidhama qaamaa (disability), jireenya
qiddugaleessa biyyaa/jireenya daangaa irraa, kutaa (class), dhimma
koorniyaa (gender), umurii, magaalummaa/baadiyyummaa fi amantii
dha.
Yoo xiqqaate yeroodhaaf ba'anii kan mul'atanii fi hacuuccaan caasaa
qabatamaa ta'e kanneen irratti mul'atu isaan kana saglani dha. Gara
fuul-duraatti, amaloonni haaraan eenyummaawwan garee dhimmoota
kanaas haata'anii eenyummaawwan akka haaraatti uumaman kanneen
biroon uumamuun isaanii kan eegamu dha. Kanaafuu, caasaa kana irratti
suphinsa walitti fufaa ta'e gaggeessuun barbaachisaa dha.
Suphinsa caasaa kanaa gaggeessuudhaaf rakkoowwan hedduun yoo
jiraatanillee rakkoolee jajjaboo lama akka ijootti caqasuu ni dandeenya.
Inni duraa, hacuuccaan caas-tolchee adeemsa keessa
waliindhahinsawwan uumamaa geessisuudhaan rakkoolee siyaasaa wal
xaxaa, haala salphaan hubachuu fi hiikuuf rakkisoo ta'annii fi wal