text stringlengths 0 196k |
|---|
waan ta'eef, gareewwan yoo jiraachuu baatan yookiin yoo badan |
hacuuccaan garee hin jiraatu' jedhu kan dhiyeessu dha. Yaadni kunis |
'uumamuun gareewwanii mataan isaatuu hacuuccaadha waan ta'eef |
gareewwan balleessuudhaan hacuuccaa dhabamsiisuun ni danda'ama' |
ilaalcha jedhu dha. Ta'us, yaadni kun rakkoolee bu'uuraa sadi of keessaa |
qaba. |
Inni tokkoffaan, ijaaramoonni dhala namaa daangaan isaanii dhiphatoo |
ta'an yeroo gabaabaa keessatti dhabamaa deemu. Bakka isaaniis gareen |
tajaajila hawaasaatu bakka bu'aa dhufa jedhee ilaalcha keessa kan |
galchu dha. Adeemsi dhalli namaa hawaasummaa daangaa dhiphataa |
irraa gara hawaasummaa tajaajila hawaasaatti kan deemu dha yaadni |
jedhu dhugaa qabatamaa amma agarru wajjiin kan deemu miti. |
Eenyummaawwan daangaa dhiphaa ammayyummaa keessatti kan |
badaa dhufan otoo hin ta'iin dhugaawwan hawaasummaa jalaa miliquu |
hin dandeenye ta'uu isaanii hubachuutu nu barbaachisa. |
Hudhaasoon jalqaba bara (A.L.Atti) 1990'oota keessa addunyaarra ture |
injifannoo biyyoota dimookiraatawaa kaappitaalistiitiin xumurameera; |
addunyaan kanaan booddee seera gabayaa fi dimookiraasiin |
gaggeeffamuutiin alatti filannoo biraa hin qabdu; ejjennoo jedhu kan |
sardaminsaan kenname ta'iiwwan siyaasaa mirkaneessan kanaaf |
agarsiistuu dha. Finxaalessummaawwan amantii addunyaan keenya |
gaaddisa sodaa jala akka bultu taasisan, akkasumas humni mirgaa |
finxaalesummaa sabummaa biyyoota Dhihaa keessatti illee otoo hin |
hafiin babal'ate itti fufinsa eenyummaawwan daangaa dhiphataatiif |
ragaa dha. |
Rakkoon yaada kanaa inni lammaffaan, hacuuccaan garee sadarkaa |
ijaarama caasaa siyaasaatti qofaa argamu taasisee yaaduu isaati. |
Caaseffamni siyaasaa nama dhuunfaa kamillee wal-qixxummaan akka |
keessummeessu godhamee yoo diriifame eenyummaa garee |
balleessuun ni danda'ama jedhee ilaalcha keessa galcha. |
Haa ta'u malee, seera siyaasaa namoota dhuunfaa wal-qixxummaan |
tajaajilu ijaaruun qofti gareewwan hin balleesu. Eenyummaawwan garee |
irratti qor-qalbiinii fi diinagdeen gahee guddaa qabu. Kanaafuu, xiin |
sammuu siyaasawaa fi hanqinoota sirna diinagdee irratti mul'atan |
yeroodhaa gara yerootti garee uumaafii warreen jiranis cimsaa |
deemuun isaanii hin oolu. |
Rakkoon yaada kanaa inni sadaffaan immoo gareewwan kana |
balleessuudhaaf rakkoolee gareewwan kanaa sirnaan hubachuu fi |
humna gareewwan kanaa ijaaruun akka barbaachisu dagachuu isaati. |
Rakkoo gareewwanii hubachuu fi humna isaanii ijaaruuf immoo |
gareewwan kunniin jiraachuu isaanii fudhachuun barbaachisaa dha. |
Kanaafuu, yoo xiqqaate, sadarkaa tooftaatti gareewwan kun jiraachuu |
isaanii yoo fudhachuu baanne gareewwan kunniin mirga isaaniitiif akka |
falmatan gochuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf, rakkoowwan |
dubartootaa furuudhaaf dura gareen dubartii jedhamu jiraachuu isaa |
fudhachuutu nu barbaachisa. Garee hin jirreef hin qabsoofnu waan |
ta'eef. Dubartootaafis humna kennuu fi fedhiiwwan isaaniitiif akka |
qabsaa'an gochuun kan danda'amu dubartummaadhaan dhaabbatanii |
akka wal-deeggaran gochuun yoo danda'ame dha. Kana ta'uu |
baannaan qoqqoodaminsa garee dubartii fi dhiira jedhamuu dirree |
duwwaa irratti gatuu dandeenya. |
Namoonni saala isaanii caalaa namummaa dhuunfaa isaaniitiin akka |
dhaabatan gochuun kan danda'amu duraan dursee dubartoonni |
dubartummaa isaaniitiin hacuuccaa isaan irra ga'e hubachuu fi |
qabsaa'uu akka danda'an gochuun yeroo danda'amu dha. |
Kanaafimmoo eenyummaa dubartummaa fudhatanii ka'uu barbaachisa. |
Dafqaan bulaan sirna saamichaa kaappitaalizimii irraa bilisa ba'uuf kan |
qabsaa'u, duraan dursee dafqaan bulaa ta'uu isaa fudhachuu yoo |
danda'e dha. Kanaafuu, eenyummaa garee balleessanii eenyummaa |
dhuunfaa bakka buusuun kan danda'amu dirree duwwaa irratti namoota |
dhuunfaa qofaaf beekamtii kennuudhaan miti. Adeemsi akka kanaa |
haccuucicha kan irra dibuu fi hacuucamtoonni ijaaramanii mirga |
isaaniitiif akka hin qabsoofne kan taasisu dha. |
Egaa firmaanni isaa maali? Hacuuccaa caas-tolchee bifa gareetiin |
uumamu akkamitti balleessuu yookiin hir'isuu dandeenya? |
Eenyummaan garee haftee hacuuccaa otoo hin hambifatiin akkamitti |
balleessuu dandeenya? Rakkoo kana hiikuudhaaf caasaa walitti |
dhufeenya namootaa wal-qixxummaa irratti kan hin hundoofne akka |
ta'u taasisu haala gaariidhaan hubachuu fi kallattii inni ittiin luucca'e |
sirreessuu barbaachisa. Isa kana 'suphiinsa caasaa' jechuunii |
dandeenya. |
Caasaan yeroo hundumaayyuu adeemsa yeroo keessa walitti dhufeenya |
hin barbaadamnee fi madaallii hin eegne uumuun isaa hin hafu. |
Kanaafuu, yeroodhaan adeemsa isaa ilaalanii suphuu barbaachisa. |
Konkolaataa al-tokko bareedaa ta'ee waan hojjetameef gara garaajiitti |
deddeebi'uu irraa akkuma nu hin oolchine, caasaanis hammam illee |
haala gaariidhaan yoo diriirfame mudannoowwan hedduun waan isa |
mudatan jiraachuu isaanii irraa kan ka'e yeroo hundumaa wanta |
suphiinsa barbaadu dha. |
Biyya keenya keessatti rakkoolee fi miidhaawwan hedduun kanneen |
caasaa siyaasaa keessaa maddan ni jiru. Hacuuccaawwan caasaan |
siyaasaa dhale ba'aawwan kaleessa irraa kanneen dhaallee fi idaawwan |
boruu har'a nuti uumnu dha. Biyyi keenya eenyummaawwan guguddoo |
suphinsi caasaa isaan barbaachisu sagal qabdi. Isaanis, sabummaa, |
naannummaa/kutaa biyyaa, miidhama qaamaa (disability), jireenya |
qiddugaleessa biyyaa/jireenya daangaa irraa, kutaa (class), dhimma |
koorniyaa (gender), umurii, magaalummaa/baadiyyummaa fi amantii |
dha. |
Yoo xiqqaate yeroodhaaf ba'anii kan mul'atanii fi hacuuccaan caasaa |
qabatamaa ta'e kanneen irratti mul'atu isaan kana saglani dha. Gara |
fuul-duraatti, amaloonni haaraan eenyummaawwan garee dhimmoota |
kanaas haata'anii eenyummaawwan akka haaraatti uumaman kanneen |
biroon uumamuun isaanii kan eegamu dha. Kanaafuu, caasaa kana irratti |
suphinsa walitti fufaa ta'e gaggeessuun barbaachisaa dha. |
Suphinsa caasaa kanaa gaggeessuudhaaf rakkoowwan hedduun yoo |
jiraatanillee rakkoolee jajjaboo lama akka ijootti caqasuu ni dandeenya. |
Inni duraa, hacuuccaan caas-tolchee adeemsa keessa |
waliindhahinsawwan uumamaa geessisuudhaan rakkoolee siyaasaa wal |
xaxaa, haala salphaan hubachuu fi hiikuuf rakkisoo ta'annii fi wal |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.