text stringlengths 0 196k |
|---|
hidhanii jiran uumee jira. Inni lammaffaan immoo, hacuuccaawwan |
haaloo ba'insaa kan garee fi finxaaleyyummaa hordofsiisuudhaan |
suphinsa gufachiisuu isaati. |
Hacuuccaan caas-tolchee akka hacuuccaa nam-tolchee ifaa fi |
hubachuudhaaf salphaa kan ta'e miti. Amalli hacuuccichaas kan wal |
xaxee fi haala salphaa n hubatamee furmaata itti kennuuf kan mijatu miti. |
Sababa kanaatiin, guutummaa hawaasaatiifis haa ta'u warra miidhaan |
hacuuccaa kanaa isaan irra qaqqabeef hacuuccaa caas-tolchee |
hubachuufiin yeroo dheeraa fudhata. Keessumaayyuu, warreen |
hacuucaman hubannoon isaan dhimmoota hacuuccaa wajjiin wal |
qabataniif qaban gadi aanaa ta'uun isaa rakkoo guddaa dha. |
Hubannoon hacuucamtoonni qaban gadi aanaa ta'uun isaa yoo |
xiqqaate bifoota sadi qabaachuun mul'achuu danda'a. Inni tokkoffaan, |
hacuuccicha beekuu dhiisuu isaaniiti. Akka hacuucamaa jiran yoo |
beekuu baatan immoo sochiin isaan hacuuccaa sana jalaa ba'uudhaaf |
taasisan hin jiraatu. Isaan gidduudhaa namni hacuuccaa jiru hubatee |
isaaniif iyyuu fi barsiisu yoo jiraachuu baate hacuuccaa sana otoo hin |
hubatiin hafu. |
Rakkoo ijaarama caasaatiin jiru hubachuudhaaf waanti caalaatti wal |
xaxaa isa taasisu immoo hacuuccaan wal-irroo jiraachuu isaati. |
Fakkeenyaaf, dubartiin tokko hacuuccaan dubartummaa ishiitiin ishii irra |
ga'u akkuma jirutti ta'ee, karaa biraatiin immoo qaama miidhamtuu yoo |
taate, hacuuccaan ishii irra ga'u dachaa dha jechuu dha. Amala wal |
xaxaa hacuuccaa caas-tolchee hubatanii mirgaaf falmuun rakkisaa ta'uu |
isaa irraa kan ka'e gareewwan hedduun hacuuccaa jalaa ba'uudhaaf |
qabsoon isaan taasisan gadi aanaa dha. Karaa biraatiin, gareewwan |
hacuuccaa sana addaan baafatan qabsoo mirgaatiif hamma dhumaatti |
dhiibanii deemu. |
Fakkeenyaaf, biyya keenya keessatti qabsoon naannoo sabootaatti gaggeeffamu |
ol'aanaa dha. Kuni kan ta'eefis namoonni eenyummaawwan garee isaan kaan caalaa eenyummaa garee |
sabummaa qabanii irratti calaatti hubannoon isaanii waan gabbateefi |
dha. Sababiin kanaas, hayyoonni waa'ee mirgoota sabummaa lallaban |
hayyoota biroo kanneen eenyummaa garee warreen kaan lallaban |
caalaa sagalee isaanii ol-kaasanii waan falmaniifi dha. |
Inni lammaffaan, hacuuccaa haa ta'u jedhanii fudhachuu dha. |
Miseensonni garee sanaa waa'ee cunqurfamuu isaanii yoo beekan |
yookaan itti himame illee dhimmichi sirrii akka ta'ee fi hacuucamuun |
akka isaan irra jiru kan dubbatanii fi haa ta'u udhaan kan fudhatan yoo |
ta'e, hacuucamuu isaanii ofitti fudhataniiru jechuu dha. Gareewwan |
kunniin baroota dheeraadhaaf hacuucamaa jiraachuu isaanii irraan kan |
ka'e ilaalchawwanjajallatoo caasichi uume fudhachuudhaan ofirratti kan |
murteessan yoo ta'e, kuni hacuuccaa fedhii ofiitiin fudhachuu dha. |
Inni sadaffaan, ofumaan of hacuucuu dha. Ofumaan of hacuucuun |
agarsiistuu qor-qalbii hacuuccichaati. Walitti dhufeenya jajallataa yeroo |
dheeraadhaaf dagaagfatan irraa kan ka'e madaalliin gareewwan ofii |
isaaniitiif kennan gadi aanaa wanta ta'uuf, caasichi erga suphameen |
booddees madaallii isaanii kana kan hin sirreessineefi ofii isaanii yaada |
hacuucamummaa jalaa kan hin baasne ta'uu danda'u. Yaadni |
hacuucamummaa kunis qor-qalbii hacuuccicha itti fufsiisu uumuuf |
mijataa ta'e uuma. Kunis yaada garagaltoo hacuucamtoota qeequu fi |
miidhamtoota komatu dhala. Dabalataanis, yaada hawaasummaa |
hacuuccaa isaanii sababeessuu yaalu dhala. |
Karaa biraatiin, hawaasa yookiin garee biroo waa'ee haala |
hacuucamtotaa hubachiisuun rakkoo dabalataati. Hacuuccaan caas |
tolchee kan ifatti hin mul'annee fi laala salphaan hubachuuf rakkisaa |
ta'uu isaa irraa kan ka'e, hawaasni biraa waa'ee hacuuccaa gareewwanii |
salphaatti hubachuu dhiisuu ni danda'a. Yeroo ammaa kana rakkoon |
hubannoo uummata bira jiru rakkoo kallattii fi ifa ta'e miti. Hammamillee |
wal-qixxummaa gareewwanii ilaalchisee sadarkaa jechaatti waliigalteen |
jiraatus, qabatamaatti hojiidhaan kan mul'atu garuu ilaalchi dhokataan |
jiraachuu isaati. Fakkeenyaaf, qorannoowwan naannoo sanyummaa fi |
saalummaatti hojjetaman akka agarsiisanitti, eenyummaawwan garee |
lamaanuu ilaalchisee namni wal-qixxummaatti amanee hin fudhanne |
ifaan ifatti jiraachuu baatus gochoonniii fi ilaalchonni addunyaa irratti |
mul'atan garuu rakkooleen kunniin dhoksaadhaan akka itti fufanii jiran |
malee akka badanii jiran hin agarsiisan. Kanaafi dha bara wal |
qixxummaan dubartootaa itti haasa'amu kanatti dubartoota gara |
gaggeessummaatti fiduun hojii-manee kuufamaa ta'ee kan inni itti |
fufeef. |
Walumaagalatti, hacuuccaan caas-tolchee wal-xaxaa ta'uu isaatiin |
hubannoo fi ilaalcha hacuucamtootaas haa ta'u kan hawaasa biroo |
jijjiiruun qormaata suphiinsa caasaa isa tokko dha. Haa ta'u malee, |
rakkinichi kanumarratti kan dhaabbatu miti. Hacuuccichi wal-xaxaa |
waan ta'eef, yeroo gara yerootti bifa isaa, hanga isaa fi gareewwan irratti |
xiyyeeffatu kan jijjiirratu waan ta'eef, mootummaanillee cabinsa jiru |
sirnaan hubatee suphuuf ni rakkata. Cabiinsi yeroo irra keessaan ilaalan |
kan hin mul'annee fi ogeessota caba deebisaniin yeroo sakatta'amuu fi |
qaqqabatamu rakkoon eessa akka jiru kan baramu akkuma ta'e, cabiinsi |
caasaas mootummaan salphaatti hubachuudhaaf isa rakkisa. Haala |
waliigalaatiin cabiinsi jiraachuu isaa yoo beekellee, hangaa fi bal'ina |
rakkinichaa, akkasumas eessarratti suphamuun akka irra jiraatu |
hubachuun isa rakkisa. |
Finxaaleyyummaa Garee fi Hacuuccaa Haaloo Ba'insaa |
Leellistoonni mirga nama dhuunfaa maqaa eenyummaa garee |
balleessuutiin furmaata hacuuccicha irra dibuu fi raacetii hacuuccaa |
sanaa hambisee darbu dha kan isaan fidan jennee jirra. karaa biraatiin |
eenyummaa garee qabatanii hacuuccaa jalaa ba'uudhaaf qabsaa'uun, |
finxaaleyyummaa garee uumuun rakkoo inni hiiku caalaa kan inni uumu |
hammaachaa dhufee jira. |
Qabsoon mirga garee kabachiisuudhaaf godhamu fiixeetti harkifamaa, |
nageenya biyyaa kan booressuu fi lammiileen wal-danda'anii akka hin |
jiraanne kan taasisu dha. Sababiin kanaas, eenyummaan garee amala |
qor-qalbummaa waan qabuuf, adeemsa mirga eegsisuuf taasifamu |
keessatti falmattoonni mirgaa gara waraana qor-qalbiitti waan galaniifi |
dha. Waraanni qor-qalbii kunis biyya gara goolamaatti geessa. |
Dhiimi finxaaleyyummaa garee wajjiin wal-qabate inni biraan hacuuccaa |
haaloo ba'insaati. Hacuuccaa haaloo ba'insaa jechuun gareewwan |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.