text
stringlengths
0
196k
'hacuucamneerra' jedhanii qabsaa'an qabsoon isaanii daangaa darbee
sararaa ala yeroo ba'anii fi isaanumtiyyuu deebi'sanii hacuucuu yeroo
yaalan rakkoo uumamu dha. Wal-qixxummaadhaaf erga qabsaa'anii
booda sarara wal-qixxummaa cabsanii isaanis dabaree isaanii warra
kaan hacuucuu yeroo barbaadan hacuuccaa haaloo ba'insaatu mul'ata.
Adeemsa suphiinsa caasaa taasisuu keessatti qormaanni inni tokko
gareewwan mirgoota isaanii kabachiifachuurra darbanii hacuuccaa
haaloo ba'umsaa keessa akka isaan hin galle ittisuu dha. Yeroo baay'ee
gareewwan kan isaan hacuuccaa haaloo ba'umsaa keessa galaniif
hacuuccaa caas-tolchee sirnaan hubachuu dadhabuu isaanii irraa kan
ka'e akka hacuuccaa nam-tolcheetti waan lakkaa'aniifi dha. Hacuuccicha
hawaasa yookiin uummataa wajjiin wal-qabsiisu. Kana irraa kan ka'e,
lammilee qulqulluu irratti haaloo kuusanii hacuuccaa haaloo ba'insaa
keessa seenu.
Mul'ata Dimookiraasii
Itoophiyaa Uumuu
Kallattii maraan hacuuccaa dhabamsiisuun uummata
abbaa biyyaa taasisuuf sirna aangoo abbaa biyyummaa uummata
goonfachiisu ijaaruun barbaachisaa dha. Uummanni abbaa
aangoo haa ta'u jechuun, dhimma ofii irratti carraan ofiin
murteeffachuu fi fedhiiwwan ofii guuttachuu haa kennamuuf jechuu
dha. Fedhiiwwan uummataa osoo hin hir'isinii fi hin ukkaamsiin
hoogganuu fi abbummaa aangoo uummataa mirkaneessuuf sirna
dimookiraasii caalaa filatamaa ta'e hin jiru.
Dimookiraasii jechuun haala hidda dhalootaa, humna, yookin
dhiibbaawwan biroo hunda irraa walaba ta'een adeemsi aangoo wal
harkaa fuudhuu haala ittiin fedhii uummataa keessaa madduun sirna
diriire jechuu dha. Aangoo wal-harkaa fuudhuu jechuun qaamni biyya
bulchu uummata biratti fudhatama inni qabu jechuu dha. Filannoowwan
adeemsa aangoo wal-harkaa fuudhuu hedduun biyya Itoophiyaa
keessatti yaalamanii jiru. Duubatti deebinee yoo yaadannu, chaappaa
aangoo wal-harkaa fuudhuu sirna biyyittii harka bataskaana amantii
ortodoksii yoo ta'u, hoogganaan biyyattii warra amantii ortodoksii
bulchaniin waliigaltee hin qabne sireen aangoosaa dafeetu jalatti
reeqqisaa ture. Ka'umsi aangoo wal-harkaa fuudhuu isaanii hiddi
dhalootaa fi humni haala wal-makeen adeemsifamaa ture. Al-tokko
tokko moototni waraanaan moo'ataniitu aangoo qabachaa turan; al
tokko tokko immoo aangoon abbaa irraa ilmatti darbaa ture. Adeemsa
lamaaniinuu garuu bu'uurri guddaan aangoo wal-harkaa fuudhuu
bataskaana ortodoksii turte.
Mirkaneessummaa bataskaana ortodoksiitiin ala yeroo jalqabaatiif
aangoo kan qabate mootummaa Dargii ture. Mootummaan Dargii,
gama tokkoon adeemsa aangoo wal-harkaa fuudhuu sirna moototaa
amatii Ortodoksiitiin hidhata qabu waan dhiiseef; gama birootiin immoo
madda aangoo wal-harkaa fuudhuu haarawaa sirna dimookiraasii
mirkaneessuuf qophii waan hin taaneef mootummaan Dargii carraa
adeemsa aangoo wal-harkaa fuudhuu osoo hin argatin kufe.
Mootummaan ADWUI wayita aangootti dhufu aangoo sirna
dimookiraasii irraa fudhachuuf kan yaale ta'us, xiqqoo turee garuu
mootummaa misoomawaa ta'uudhaan sirna aangoo fudhachuu
diriirsuuf fedhii qabu calaqqisiiseera. Hiyyummaa keessaa battalumatti
ba'uu kan danda'an biyyoonni Kibba-Baha Eeshiyaa carraan aangoo
wal-irraa fuudhuu qaroomina misooma diinagdee keessaa argachuu
isaanii jiraatus, biyyoonni akka Indooneezhiyaa garuu waggoota
muraasa malee adeemsa kanatti milkaa'uu hin dandeenye. Sababii
kanaafis fuula isaanii gara dimookiraasiitti deeffachuuf dirqamaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun, mootummaan ADWUis adeemsi aangoo
fudhachuu misooma diinagdeetiin wal-simsiisuun fiduun ni danda'ama
jechuun sochii taasiseen hiyyummaa hir'isuuf haala jireenya uummata
biyyattii fooyyessuu irratti xiyyeeffatee hojjatus, qulqullinni guddinna
diinadee dafee furmaata argachuu dhabuunii fi gaaffileen dimookiraasii
finiinaa dhufuun isaanii adeemsi aangoo wal-harkaa fuudhuu gaaffii jala
galuun jeequmsa siyaasaa fideera.
Adeemsi aangoo wal-harkaa fuudhuu sirna moototaa hundee irraa
goguun gaaffileen uummataa adda addaa gama hayyootaatiin
dhiyaachuu kan jalqaban jabana warraaqsa barattoota Itoophiyaa ture.
Duudhaaleen ammayyummaa dhiyaachaa turanis: bilisummaa, wal
qixxummaa fi gaaffileen obbolummaa hayyoota ammayyaa haarawaan
dhiyaachuu kan eegalan wayituma sana turan. Duudhaalee kanneen
keessaa kan maddan gaafilee gurguddoon sadi ol-ka'anii dhiyaachaa
turaniiru. Isaan keessaa tokko gita sirna bittaatiin kan wal-qabatu gaaffii
lafaa ture. Lafa gita bittaa irraa bilisa baasuun qabeenya qonnaan
bultootaa gochuuf qabsoo hadhaawaan taasifameera. Inni lammataa
gaaffii abbaa biyyummaa yoo ta'u, Itoophiyaan "mana hidhaa sabaa fi
sablammootaati" jechuun ibsa bal'aa fi yaada furmaataa ofiin of
bulchuu, darbees hanga foxxoqinaatti hiree ofii murteeffachuu kan
jedhu dha. Gaaffii sadaffaan aangoon harka uummataatti akka deebi'uu
fi bulchiinsi uummataa akka hundaa'u kan jedhu gaaffii dimookiraasiitu
dhiyaachaa ture.
Gaaffilee sadeen kanneen deebisuuf yoo xiqqaate mootummoota lama
dabarsinee jirra. Warraaqsi bara 1966 hir'inoonni jiran akkuma jiranitti
ta'ee lafti qonnaan-bultootaaf akka hiramu gochuun gaaffii lafti
qonnaan-bultootaaf jedhu deebisuu danda'eera. Haaluma wal
fakkaatuun, warraaqsi bara 1983 immoo gaaffilee sabaa fi
sablammootaa heera biyyaa fi sirna federaalizimiitiin ijaaruun,
hir'inoonni jiran akkuma jiranitti ta'ee, gaaffii dhiyaachaa ture deebisuu
danda'eera. Mootummaata lamaanuu keessatti osoo haalan deebii hin
argatin hanga ammaatti kan ture gaaffii dimookiraasiiti. Kana qofa osoo
hin taane, mootummoota lamaan keessatti injifannoowwan argaman
kunuunsuun itti fufsiisuun milkaa'ina argame dagaagsaa deemuuf
danqaa kan itti ta'e dimookiraasii dhabuu yookin sirni of-tuultotaa
babal'achaa adeemuu isaati. Dhimmi gaaffilee lamaanii ammas mata
duree dubbii ta'ee itti fufuun isaa sababii guddaan deebiin isaa bu'uura
dimookiraasii irratti kan hundaa'e waan hin taaneefi dha.
Mootummoonni lamaan wal-duraa duubaan gaaffii gita bittaa fi gaaffii
mirga sabaa fi sablammootaa yoo ilaalle, gaaffileen lamaanuu duudhaa
wal-qixxummaatiin kan ijaaraman ta'uu isaanii hubachuu