text
stringlengths
0
196k
dandeenyeerra. Kunis duudhaalee ammayyummaa sadan keessaa
duudhaan wal-qixxummaa kophaa ol-ka'ee mul'achuu isaa nu
hubachiisa. Karaa biraatiin duudhaaleen bilisummaa fi obbolummaa
sirna mootummoota lamaanii keessatti iddoo baay'ee gad-aanaa qabu.
Haa ta'u malee, akkaataa duudhaalee bilisummaa fi obbolummaatiin
sirni dimookiraasii biyya keenyatti ijaaramu hanga eegame ta'uu hin
dandeenye. Sadarkaa jechaatti dimookiraasiin afaan mootummoota
lamaanii keessaa kan hin buune ta'us. duudhaalee dimookiraasiif
bu'uura ta'an lamaan siyaasa keenya keessatti iddoo gad-aanaa qabu.
Gaaffii wal-qixxummaa qofa deebisuun dimookiraasii ijaaruun immoo
tasumaa waan hin yaadamne dha.
Waggoota muraasa darban keessatti sababni jeequmsa siyaasaa fide
ammas gaaffii wal-qixxummaa ta'us gaaffii wal-qixxummaa kan jabeesse
ukkaamsaa mootummaati. Duudhaan bilisummaa kunis waggoottan
darban keessa sababa ka'uumsaafi finiinsaa jijjiirama siyaasaa guddaa
akka ta'e nutti agarsiisa. Gaaffii wal-qixxummaatiif humna kan ta'ee fi
lafa jala akka finiinu kan taasise bilisummaa dhabuu dha jechuun ni
danda'ama. Walitti bu'iinsi sabaa fi sablammoota jidduutti uumame,
haalli siyaasaa nagaa dhabuunii fi kkf haalota waggoota muraasa dura
turaniin wal-bira qabnee yoo ilaallu haala baay'ee hammaataa dha.
Rakkoowwan turaniif furmaata kennuurra akka hammaachaa deemuu fi
jiraachuun biyya keenyaa gaaffii keessa akka galu kan taasise inni
guddaan hacuuccaa dha.
Siyaasa ammayyaa biyya keenyaa keessatti iddoo baay'ee gad-aanaa
kan qabuu fi duudhaan ammayyummaa haalaan osoo hin dagaagin hafe
obbolummaa dha. Obbolummaa jechuun firooma foonii dhalli namaa
qabu, eenyummaa naannoo jireenyaa, yookin dallaan biroo osoo hin
daangessin haala ittiin wal-deeggaranii fi duudhaa rakkoon isa tokkoo
isa biraa kan dirqisiisu qabaachuu jechuu dha. Duudhaan kun safuu
dhala namaa bal'isuudhaan daangaa nuyi i fi isaan jedhu keessaa ba'anii
dhalli namaa hundi duudhaa 'nuyi' jedhu safuu hawaasummaa keessatti
akka hammataman kan taasisu dha. Safuun hawaasummaa dhala namaa
kun babal'achaa dhufuun isaa firaa fi nama naannoo ofii caalatti nama
halaalaatiif yaaduu fi dursa kennuu kan hin dandeenye akka yaadaa fi
ilaalcha kana horatu taasiseera. Waa'ee naannoo tokkoo ykn hawaasa
tokkootiif dhiphachuuf achi keessatti uumamuun dirqama akka hin
taane hubachiisuu danda'eera.
Duudhaan obbolummaa biyya Itoophiyaa keessatti baay'ee gad-aanaa
ta'uun isaa gaaffilee wal-qixxummaa fi bilisummaa karaa
dimookiraatawaatiin hiikuuf carraa qabnu wal-xaxaa gochuudhaan
siyaasni keenya wal-dhabdee fi muddamaan kan guutame akka ta'u
godheera. Gaaffilee wal-qixxummaa fi bilisummaa waliigalteedhaan
hiikuu fi qajeelfamaan fuulduratti imaluuf gufuu kan nutti ta'e dagaaguu
dhabuu duudhaa kanaati. Dhugumatti wayita warraaqsa barattootaa
sana duudhaan kundargaggoota gaaffilee gita bittaa fi sabaa fi
sablammii gosa ofii irra darbanii yaaduu danda'an horachuu danda'ee
ture. Maatii gita bittootaa keessaa ba'anii gaaffilee gita bittaas ta'ee
sabaa fi sablammootaa adda-durummaan hogganaa kan turan
dargaggoota hedduu dha. Haa ta'u malee, gaaffileen gita bittaa fi sabaa
fi sablammootaa dhala namaa ta'uu keenya qofaan falmuu kan qabnu
ta'uun hafee dhimma hayyoota naannolee bakka bakkaa qofa ta'uu
wayita eegalu haalli gaaffilee kanneenii wal-xaxaa ta'uudhaan bifa
isaaniijijjiirrachaa dhufani. Sababiin kana ta'eefis yaadoleen gaaffiin wal
qixxummaa miira obbolummaatiin adeemsisaa turani maddiitti
gatamanii gaaffichi miira naannoo ofii qofaaf quuqamuun bakka bu'uu
isaati.
Yeroo ammaatti dhimma siyaasa biyya keenyaa isa ijoo kan ta'e gaaffiin
dimookiraasii bilisummaa fiduu bira darbee gaaffilee gita bittaas ta'ee
sabaa fi sablammootaa haalan furuuf haala mijaawaa kan uumu ta'uun
isaa ifa ta'us ijaarsa dimookiraasiitiif barbaachisaa kan ta'e duudhaan
obbolummaa dadhabaa ta'uun isaa ijaarsa dimookiraasii itti jirruuf
qormaata dha.
Duudhaan obbolummaa dagaagina aadaa hawaasummaa waliin hidhata
guddaa qaba. Aadaa hawaasummaa kan jennu, adeemsa ijaarsa
hawaasummaa keessatti dorgommii faayidaa keessaa ba'uun hawaasni
dhimmootaa fi imaammata biyyaatiif dursa kennee dammaqinaan
hordofu kan qabu aadaa hawaasummaati. Paartiileen siyaasaa
carraawwan filannoo imaammataa uummataaf dhiyeessuun aangoo
qabachuuf dorgomuu akka danda'an eenyummaa hawaasummaa bira
darbee hawaasa madaallii imaammataa irratti xiyyeeffatu nu
barbaachisa. Dorgommiin siyaasaatis filannoo imaammataa dhiyeessuu
irratti kan hundaa'e akka ta'u godha.
Biyyoonni aadaan hawaasummaa keessatti hin dagaagin uummanni
dorgommii faayidaa naannoo ofiitiin hidhata qabuun waan qabamaniif
sirna dimookiraasii dorgommii yaadaa irratti hundaa'e dhugoomsuuf
rakkoo guddaa rtn ta'a. Uummataaf filannoon imaammataa
dhiyaachuun imaammata fedhe filatee ittiin buluun hafee siyaasichi
dhimmoota hawaasummaatiin akka muddamu taasisa. Kunis siyaasichi
gareewwan sabaa fi amantiitiin akka dhiibamu gochuun tasgabbiin
siyaasaa akka hin dhufne taasisa.
Haalli kunis jiraachuu sirna dimookiraasii keenya ni miidha jechuudhaan
mootummoonni akka maraammartoo hacuuccaa isaaniitti deebi'an
taasisa. Sirna dimookiraasii keessatti humnoota siyaasaa jidduutti
muddamni uumamu jeequmsa walitti fufiinsa qabu uumudhaan
jiraachuu mootummaa biyyattiitiif qormaata waan ta'uuf uummatas
ta'ee hoggantoonni isaanii dimookiraasiin jeequmsa waan fiduuf nu hin
barbaachisu jedhanii akka abdii kutatan taasisa. Haa ta'u malee
humnaan bulchuuf yaaliin taasifamus biyya keenya maraammartoo
jeequmsa irraa baraaruu hin dandeenye. Ukkaamsaan haaloo
dhaluudhaan rakkinichi caalmaatti wal-xaxaa akka ta'u gochaa waan
dhufuuf yeroo mara yaaddoo keessa jiraachuun biyyoota akka keenya
guddachaa jiraniif balaa guddaa dha.
Aadaan hawaasummaa kunjiraachuu dhabuun isaa fi muddama
ijaarsawwan aantummaa hawaasummaa jidduutti jiru tasgabbeessuun
biyyoonni gara dimookiraasitti ce'anis ni jiru. Haa ta'u malee biyyoonni
kunis hedduun isaanii haala mijataa dimookiraasii kan hin qabnee fi gara
abbaa irrummaatti akka deebi'an waan hin beekamneef yaaddoo keessa