text stringlengths 0 196k |
|---|
warra jiraatani dha. Adeemsa isaa keessatti fedhii fi kaka'umsa |
qabaatanillee dimookiraasiin miillaan dhaabachuu dadhabee akka |
gatantaruu fi jeequmsa siyaasaa biroo qabatee akka deemaa jiru |
hubanneerra. Biyyoota turanii dimookiraasii eegalan keessaa irra |
deddeebiin kan ka'an biyyootni Ameerikaa Kibbaa dimookiraasiin isaanii |
ammallee lafa qabachuu dadhabee mootummaa biyyattii jiraachisuuf |
kunuunsa yeroof taasifamu malee dimookiraasii caasaawwanii fi aadaa |
irratti hundaa'ee bu'uura jabaa qabu ijaaruu hin dandeenye. Kunis aadaa |
hawaasummaa osoo hin ijaarin dimookiraasii hundeessuu fi itti |
fufsiisuun baay'ee ulfaataa fi waanuma fedha qabnu qofaaf dhimma |
salphaa itti milkoofnu akka hin taane kan mul'isu dha. |
Kanaafuu, haala qabatamaa keessa jirru hubannoo keessa galchuun, |
rakkoowwan wal-xaxaa qabnu duraa-duubaan kan furu, akka humna |
keenyatti kan ijaarrannu dimookiraasii Itoophiyaa nu barbaachisa. |
Dimookiraasii akkanaa kana ijaaruudhaaf immoo yaaliiwwan sadarkaa |
idil-addunyaatti taasifaman yaada keessa galchuun, haala qabatamaa |
keessa jirru hubachuun; akkasumas, adeemsa irra dhufne hunda |
sakatta'uun nu barbaachisa. |
Dimookiraasiin jalqabumarraa filannoowwan ijaarsa kallattii fi jedhu |
qabatee eegalame. Dimookiraasiin kallattii lammiileen dhimma biyya |
isaanii irratti ijaarsa kallattiin keessatti hirmaachuun karaa murtoowwan |
barbaadan ittiin dabarsani dha. Karaa biraatiin, dimookiraasiin ykn |
dimookiraasiin bakka bu'ummaa lammiileen namoota bakka isaanii |
bu'anii murtoowwan dabarsuu danda'an filachuudhaan karaa fedhii ofii |
ittiin raawwachiisani dha. Yeroo ammaa kana addunyaa gubbaatti ijaarsi |
dimookiraasii inni guddaan dimookiraasii ti. Ta'us garuu dimookiraasiin |
kallattiin haala danda'ameen dimookiraasii tiin wal-simatee hojii irra |
oolaa jira. Filannoowwan dimookiraasii lamaan filannoowwan adeemsa |
yerootiin dhufan adda addaa keessatti dhiibbaawwan adda addaa |
uumuu danda'aniiru, Haala waliigalaatiin yoo ilaallu garuu |
dimookiraasiin seenaa keessatti iddoo guddaa argachaa waan dhufeef |
yaadonni waa'ee ijaarsa dimookiraasii ilaalchisee ka'an irra caalaan |
isaanii adeemsa dimookiraasii irratti kan xiyyeeffatani dha. |
Yeroo ammaa kana haalli dimookiraasiin kallattii itti hojii irra ooluu |
danda'u baay'ee xiqqoo dha. Dimookiraasii kallattii keessatti murtoon |
sagalee hirmaannaan lammiilee yookin mariin kallattii qabachuu ni |
danda'a. Addunyaa gubbaatti kallattiin hirmaachisummaa bal'inaan |
hojii irra ittiin oolu wayita mootummaan dhimmoota mormisiisoo ta'an |
murtoo sagaleetti dhiyeessuu fi kaka'umsa uummataatiin dhimmoota |
murtoon sagalee itti kennaman yeroo jiran i dha. Karaa biraatiin, murtoo |
sagalee bira darbee, hayyoonni dimookiraasii marii uummataa yookin |
ergifannaa yaadaa irratti hundaa'etu bu'a-qabeessa jedhanis ni jiru. |
Keessattuu, biyyoota dhiibbaan sabaa fi sablammootaa; akkasumas, |
dhiibbaan amantii irra jiran keessatti dimookiraasii kallattii ergifannaa |
yaadaa bu'uureffate hojii irra oolchuun mariidhaan haala tasgabbaa'aa |
uumuun ni danda'ama yaadni jedhu dhiyaateera. Dimookiraasiin kallattii |
biyyoota akka Siwiizerlaandi keessatti caasaa mootummaa gara gadii |
keessa lixee seenuudhaan lammiileen murtoo kennuu irratti akka |
kallattiin hirmaatan gochuu irratti hojii irra ni oola. |
Dimookiraasii kallattiitiin wal-qabatee lammiilee gama waldaalee |
hawaasummaatiin hirmaachisuun ni danda'ama yaadni jedhus hayyoota |
adda addaatiin ni dhiyaata. Yaadi kun aangoo uummataa sirnaan |
mirkaneessuuf aangoo mootummaa waldaalee hawaasummaatiif |
qooduun ni barbaachisa jechuun kan amanu dha. Qabiyyeen isaa ijoon |
yaada libiraalizimii babal'ateeti jechuun ni danda'ama. |
Jabana teekinooloojii kana keessa tooftaalee teekinooloojii ammayyaa |
adda addaa fayyadamuun dimookiraasiin kallattii hojii irra oolaa jira. |
Gaaffileen yaada ilaalcha uummataa ittiin funaanan kanaaf fakkeenya ni |
ta'a. Kanaafuu, teekinooloojiin fageenya mootummaa fi uummata |
jidduu jiru dhiphisuudhaan sababa fageenya iddoo fi yerootiin haala |
mijataa hintaaneef furmaata kennuun lammiileen siyaasa irratti haala |
kallattiin ittiin hirmaachuu danda'an uumeera. Miidiyaan hawaasaa adda |
addaa hirmaannaa uummataa kallattiin taasifamu kana galmaan qa'uu |
irratti shoora guddaa ni taphatu. |
Rakkoon fageenya iddoo fi yeroo tekinooloojii ammayyaa fi caasaa |
bulchiisaa gadi diriireen furamaa dhufus dimookiraasiin kallattii |
falaasamaa isaa irratti rakkina bu'uuraa tokko ni qaba, kunis |
uummatummaa dha. Tarkaanfachiiftonni dimookiraasii kanaa adeemsa |
murtoo kennuu uummataa keessatti kallattiin hirmaachuu isaanii |
agarsiiftuu bulchiinsa uummataa bu'uura ta'e gochuun dhiyeessu. |
'Dimookiraasiin bulchiinsa uummataati' yoo jenne karaan uummanni |
kallattiidhaan murtoo ittiin dabarsu filatamaa dha jedhu. Bu'uura |
ilaalcha kanaatiin uummata gama bakka-bu'oota isaaniitiin |
hirmaachisuun karaa jara kanaatiin faayidaa uummataa saamsisuu dha |
jedhu. Kunimmoo uummata beekaa fi yaada gaarii kan qabu; bakka |
bu'oota uummataa immoo saamtotaa fi fedhii uummataatiin ala warra |
deeman gochuun ilaalcha dhiyaatu kanaan uummatummaa jenna. |
Uummata hirmaachisuunii fi dhimma ofii irratti murtoo kennuu |
dandeessisuun barbaachisaa ta'ullee dimookiraasii kallattii ulfaataa kan |
taasisu haala jireenya uummatichaati. Uuummanni yeroo bal'aa jireenya |
guyyuu isaa adeemsisuu fi haala jiruu waliigalaa fooyyeffachuuf oliif gadi |
jechaa waan ooluuf akka hayyoota siyaasaa uummata bakka bu'anii |
hojjatan itti siyaasa duukaa bu'ee qo' achuu irratti yeroosaa kan dabarsu |
miti. Kanaafuu, yaada dimshaashaarra darbee tarree yaadaa irratti raga |
qa'aa funaanuu fi xiinxaluu irratti yeroo fi haala jireenyaa wal-simataa |
hin qaban. Hayyoonni siyaasaa gama isaaniitiin, dhimmoota siyaasaa |
hunda duukaa bu'uu, qo'achuu fi sakatta'uuf carraa isaa waan qabaniif |
dhimmoota hunda ragaa fi beekumsa fooyya'aarra dhaabachuun |
murteessuu ni danda'u. |
Jabanni miidiyaa hawaasaa kundimookiraasii kallattiin uummanni itti |
hirmaatu mijataa yoo taasisu qormaanni mudate tokko ilaalchi |
uummatummaa kun garmalee finiinuun hayyoonni siyaasa |
uummatummaa heddummaachuu isaaniiti. Miidiyaalee hawaasaa irratti |
yaadonni miira keessa nama galchan kan uummataafi tarkaanfachiiftota |
jijjiiramaa irraa maddan fudhachuudhaan karaa uummata fayyadan gadi |
dhiisuun yeroof uummata biratti fudhatama argachuuf jecha oliif gadi |
fiiguun qormaata guddaa biyyi keenya ammaan kana keessa jirtu dha. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.