text stringlengths 0 196k |
|---|
Addunyaa kana irratti hir'inoota dimookiraasii kallattii madaaluun kan |
danda'amu miidiyaan hawaasaa biyyoota jabinaan beekkaman kanneen |
akka Faransaayi osoo hin hafin miidiyaa hawaasaa kanaan raafamuu |
isaaniiti. |
Dimookiraasiin al-kallattii gama isaatiin, akaakuu dimookiraasii filannoo |
irratti xiyyeeffate waan ta'eef yaadonni akaakuu dimookiraasii kana |
ilaalchisee ka'an waa'ee filannoo fi dhimmoota bakka-bu'iinsaan wal |
qabatan irratti xiyyeeffatu. Jabana kana keessa filannoo walabaa, haqa |
qabeessaa fi amanamaa adeemsisuun agarsiiftuu sirna dimookiraasii |
haqaati jedhamee amanama. Wayita kana filannoon dhugaa |
adeemsifameera kan jedhamu adeemsi isaa lammiilee guutumaan |
guututti yoo hirmaachisee fi bu'aan isaa immoo paartiileen |
mormitootaa filannicha keessatti bakka-bu'ummaa yoo argatani dha. |
Hirmaachisummaan adeemsa filannichaa kan madaalamu baay'ina |
filattootaatiini dha. Filannoon filattoonni hedduun irratti hirmaatani |
filannoo hirmaachisaa dha jedhamee fudhatama. Bu'aa isaa ilaalchisuun, |
paartileen filannicha irratti dirgoman teessoo madaalawaa bakka |
bu'ummaa yoo argatan filannichi filannoo bakka-bu'ummaa paartilee |
qabudha jechuun ni danda'ama. |
Dadhabina dimookiraasii al-kallattii guddaadha jedhamee kan |
fudhatamu hayyummaa siyaasaati. Hayyummaa siyaasaa jechuun |
hayyoota siyaasa beekanii fi hubatani jechuu fi ilaalcha hayyoota |
jedhaman kanaaf tilmaama ol-aanaa kennu dha. Dimookiraasiin al |
kallattii maqaadhaaf bulchiinsa uummataa haa jedhamu malee |
hayyoonni siyaasaa siyaasicha keessatti dorgomanii kan raawwachiisan |
fedhii ofii isaaniiti malee fedhii uummata miskiinaa miti. Gabaabumatti, |
akaakuun dimookiraasii kanaa bulchiinsa hayyootaa, hayyoonni siyaasaa |
maqaa uummata bal'aatiin filatamanii kan keessatti mootomani dha |
qeeqni jedhu irratti dhiyaata. Hayyoonni siyaasaa uummata bakka |
bu'uudhaan fedhii uummataa osoo hin taane fedhii ofii isaanii itti |
kabachiifachuun maqaa uummataatiin sirna abbootii humna siyaasaa fi |
diinagdee itti bitani dha jedhamu. |
Qeeqni kun bishaan hin kaasu jechuun haayyonni morman ii yaad-rimee |
hayyummaa dhiyeessaniiru. Yaad-rimee hayyummaa jechuun karaa |
kamiinuu yoo deemne ol-aantummaa yaada haayyotaa jalaa ba'uu hin |
dandeenyu jechuu dha. Hawaasa keessatti yeroo mara dandeettii fi |
fedhii hayyoota muraasa hayyummaan isaanii ol-ka'edha jedhama. |
Kanaafuu, sirna dimookiraasii fi sirnoota akaakuu biroo kamiyyuu |
keessatti hayyoonni fuul-duratti dhufuun gita hoggansaa fudhachuun |
isaanii waan hin oolledha jechuun falmu. |
Agarsiiftuu dimookiraasii al-kallattii isa jalqabaa ta'uun kan ilaalamu |
dimookiraasii caalmaa sagaleeti. Adeemsi ijaarsa dimookiraasii kanaa |
yaad-rimee, "hoggansa harka-caalmaa, mirga harka-xiqqaa" jechuun |
kan beekamuu fi sirna paartiin sagalee caalmaa argate itti biyya bulchu |
dha. Ijaarsi dimookiraasii kanaa garee hawaasa xiqqaa murtoo kennuu |
keessaa maddiitti kan baasuu fi aangoodhaan ala kan isaan taasisu dha |
jechuun qeeqni irratti dhiyaata. Bu'uurri dimookiraasii sagalee caalmaa |
biyyoota aadaa hawaasummaa ijaarratan irraa kan fudhatame yoo ta'u, |
adeemsi filannichaa wal-dorgommii yaadaa sadarkaa ol-aanaa irratti |
kan bu'uureffame dha. |
Qeeqni dimookiraasii akkanaa irratti dhiyaatu inni tokko dorgommiin |
filannichaa finiinaa yeroo dhufu paartileen siyaasaa moo'achuuf jecha |
fedhii uummatummaa keessa akka seenan isaan taasisa kan jedhu dha. |
Kana jechuun, paartileen filannoo siyaasaa moo'achuuf jecha |
dhimmoota laafintii hawaasaa ta'an, fakkeenyaaf sabummaa, tti |
fayyadamuudhaan sagalee ol-aanaa argachuuf yaalu; kunis adeemsi |
filannichaa miiran akka guutamu taasisa. Biyyoota akka keenya sabaa fi |
amantiidhaan qoqqoodaman keessatti dimookiraasiin sagalee caalmaa |
dorgommii filannichaa gar-malee finiinsuun bu'aa jeequmsaa fi |
balaadhaaf saaxilamuu qabaata. Haa ta'u malee, biyyoonni dorgommii |
akkanaa yeroof tursiisuun filannoo naga-qabeessa adeemsisuu |
danda'an tokko tokko jiraachuun isaanii kan dagatamuu miti. Qeeqni |
dimookiraasii sagalee caalmaa irratti dhiyaatu kan biroo waa'ee |
adeemsa filannichaa malee bu'aa isaatiif hin dhimmu kan jedhu dha. |
Sababii kanaanis biyyoota sabaa fi amantiin qoqqoodaman keessatti |
gareen sagalee caalmaa argate tokko yeroo mara moo'ataa ta'uun haalli |
sanqoo itti dhuunfatu ni uumama jechuun qeequ. |
Biyyoota aadaan hawaasummaa keessatti hin dagaanin, keessattuu |
biyyoota siyaasa eenyummaatiin cinqaman keessatti dimookiraasiin |
sagalee caalmaa hin mijatu yaada jedhu kan tarkaanfachiisan hayyoonnii |
fi namoonni siyaasaa caalmaa sagaleetiin osoo hin taane dimookiraasii |
waliigaltee irratti hundaa'e osoo ta'ee irra caalaa filatamaa dha jedhu. |
Hanguma fedhellee dimookiraasii jechuun hiikni isaa inni bu'uuraa fi |
beekamaan filannoo sagalee caalmaa fi dorgommii irratti kan |
bu'uureffame ta'us sirni kun biyyoota sabaa fi amantiidhaan |
qoqqoodamaniif mijataa akka hin taane hayyoonni siyaasaa kunniin ni |
dubbatu. Hagamillee dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'e mirga |
garee xixiqqaa eegsisuu keessatti filatamaa dha jedhamus hayyoonni |
siyaasaa tokko tokko dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'e |
adeemsa siyaasaa hoggansa caalmaa irraa gara hoggansa garee bicuutti |
kan jijjiiruu fi sagalee garee caalmaa kan ukkaamsu dha jedhu. |
Dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'u adeemsa keessa gara |
dimookiraasiitti seenuu wayita yaalanii fi keessattuu biyyoota |
qoqqoodamuu sabaa fi amantiitiin jeeqamaa jiraatan keessatti |
dimookiraasii filatamaa ta'aa waan dhufe fakkaata. Yeroo ammaa kana |
siyaasa ce'uumsaa keessatti ol-ka'ee dhaga'amaa kan jiruu fi dabaree |
isaa gumaacha dimookiraasii too'atee kan jiru ijaarsa kana dha. Hiikkaa n |
dimookiraasii inni beekamaan caalmaa sagalee filannoo irraa gara |
dimookiraasii waliigalteetti waan jijjiirame haala fakkaatuun |
tarkaanfiiwwan ijaarsa dimookiraasii hedduun dimookiraasii waliigaltee |
irratti hundaa'e yaada keessa kan galfatani dha. |
Dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'e yoo xiqqaate dhimmoota |
afur of-keessatti hammachuu ni danda'a. Isaanis: qindoomina cimaa, |
gareewwan bicuun aangoo sagalee sagaleedhaan moo'uu qabaachuu, |
bakka-bu'ummaa madaalawaa fi mirga ofiin of-bulchuu naannoleeti. |
Dhimmoota bu'uuraa arfan kana ilaalchisee sirni diriiru gaaffilee |
gareewwan bicuu dursee waan deebisuuf gaaffilee hawaasummaa |
siyaasa rraa walaba waan taasisuuf walitti bu'iinsa hir'isuun dimooki raasii |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.