text
stringlengths
0
196k
tas-gabbaa'aa uuma jechuun falmu. Dimookiraasiin waliigaltee irratti
hundaa'e walumaagalatti dhimmoonni waliif tumsuu bu'uureffatan
garuu ijaarsa dimookiraasii eenyummaa hawaasaa yaada keessa galfate
dha.
Dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'e eenyummaa sabaa
dhaabbataa taasisee kan ilaaluu fakkaata. Akkasumas, eenyummaa
naannolee walitti dhiyeessurra wal-diddaa keessaa isaanii hammeessee
kan itti fufsiisu jechuun qeeqni adda addaa irratti dhiyaata. Ijaarsi
dimookiraasii kun biyyoota Awurooppaa kanneen akka Neezerlaandi,
Beeljiyeemii fi Siwiizerlaandi keessatti kan hojjatu ta'ullee biyyoota
guddachaa jiran keessatti hojjachuu akka hin dandeenye kanneen
dubbatan ni jiru. Qeeqni isaanii inni guddaan, rakkoon biyyoota
guddachaa jiranii akka biyyoota Awurooppaa haala teessuma lafaa
bu'uura godhachuun dorgommii sabootaa taasifamu osoo hin taane
dorgommii sabootaa afaan yookin hidda dhalootaa bu'uureffate waan
ta'eef rakkoo jiru furuurra inumaayyuu ni hammeessa kanjedhu dha.
Akkaataa qeeqa kanaatiin, sab-lammoonni biyyoota Awurooppaa
faayidaa teessuma lafaa irratti kan hundaa'anii fi garaagarummaa aadaa
fi kanneen biro isaan jidduu jiru kan hubatan haala teessuma lafaa
faayidaadhaan itti hidhata qabaniin qofa dha. Ijaarsi kun dheebuu
hayyootni siyaasaa aangoof qaban baasuuf kan itti tolu
dorgommiiwwan garaagarummaa jiran dhiphisaniin yoo ta'e malee
haala garaagarummaa babal'isuun yoo ta'e adeemsa yeroo dheeraa
keessa nageenyaaf tasgabbii biyyaa balaa keessa galcha qeeqni irratti
dhiyaata.
Hayyoonni qeeqa akkanaa dhiyeessan adda-dureedhaan dimookiraasiin
dorgommii siyaasaa eenyummaa sabaa bira darbe irratti hundaa'uu
qaba warra jedhani dha. Akka yaada hayyoota kanaatti eenyummaa
sabaatiin gurmaa'anii waliif tumsuurra sabaa fi sablammoonni wal
keessa makamuun gurmaa'anii dorgomuun dimookiraasii tas
gabbaa'aa uumuuf irra caalatti bu'a-qabeessa ta'a. Kana jechuun, balaa
garee tokko qofaan gurmaa'uun wal-qabatee dhufu irraa baraaramuuf
gareewwan eenyummaa sabaa adda addaa walitti makuun gurmaa'uun
tasgabbii siyaasaa fiduun ni danda'ama jedhu. Filannoon ijaarsa siyaasaa
kun dimookiraasii waliigalteetiin faallaa haala ta'een dorgommii
siyaasaa yaada keessa galchuun kan dhiyeessu dha.
Hayyoonni siyaasaa tokko tokko yaada ergifannaa leellistoota
dimookiraasii kallattiitiin ka'u irratti dimookiraasii hundaa'e
fayyadamuun dimookiraasii tas-gabbii qabu uumuuf furmaata ta'a
jedhu. Adda-dureedhaanis dimookiraasii waliigaltee ergifannaadhaan
fudhachuu akka yaada furmaataatti lafa kaa'u. Biyyoonni muraasni
(fakkeenyaaf, lsiraa'eelii fi lstooniyaa), immoo sab-daneessi
olaantummaa siyaasaa biyya isaanii gonfatanii akka itti fufan
Dimookiraasii Sabummaa" ijaaraniiru. Ijaarsi akkanaa biyyoota kanneen
keessatti saboota bicuu fedhiifi boca sabdaneessaa keessatti akka
hammataman taasisa. Kanas qabatamaan caalmaa sagaleetiin kan wal
fakkeessu taus, lammiilee ijaarsa saba tokkoo keessatti gurmeessurra
eenyummaa sabaa waan dhaabbataa tokko godhee fudhachuun
dimookiraasii waliigaltee waliin wal-fakkeessa.
Dimookiraasii Akkamiitu Nu Barbaachisa?
Kutaa tokkoffaa keessatti akka ibsametti, dhalli namaa fedhii ida'amuutiif
qaban guuttachuudhaaf yaalii taasisan keessatti yaalii isaanii kan
gufachiisuu fi 'anatu siif beeka' yaada jedhuun fedhii tokko qofa adda
baasuu kan yaalu sirna hacuuccaati. Kunis adeemsi fedhii tokko qofa
guutuuf taasifamu fedhii uummataa hir'isaa fincilaa fi jeequmsa walitti
fufiinsa qabuuf kan isaan kakaasu ta'eera. Fedhii foonii guutuun wal
qixxummaa fi bilisummaa kan hir'isu, bilisummaa kennee buddeena
gamisa kan dhoowwatu, wal-qixxummaa kennee bilisummaa kan
dhoowwatuu fi wal-qixa kan nama beelessu, kkf, sirnoonni akkanaa
hundi fedhii dhala namaa kan hir'isu tooftaa hacuuccaati. Kanaafuu sirni
dimookiraasii nuti diriirsuu qabnu fedhii ida'amuu dhalli namaa qabu
yaada keessa kan galfate ta'uu qaba. Sirni fedhii dhala namaa tokko qofa
keessaa butatee fiigu jiraachuu biyya keenyaa bu'uura amansiisaa irratti
nuuf ijaaruu hin danda'u.
Fedhiiwwan ida'amuu hunda akkamitti al-tokkotti guutuun ni
danda'ama? Dandeettiin dhala namaa daanga'aa mitii? Gaaffileen
akkasii ka'uun isaanii hin oolu. Armaan olitti haala ifa ta'een haaluma
dhiyaateen, akkaataa yaad-rimee ida'amuutiin dhalli namaa uumama
carraa hiree ofii murteeffachuuf humna kuufamaa fi fedhii walaba ta'e
qabu dha. Kanaafuu, dandeettii kuufamaa dhala namaa kana osoo hin
qisaasessin itti fayyadamuuf; akkasumas, inni tokko isa biraatti ba'aa
osoo hin ta'in hunduu akka humna waliif ta'u ida'amuun barbaachisaa
dha. Kana gochuufis jalqaba irratti hacuuccaa dhabamsiisuuf kutannaa
fi fedhiin waloo jiraachuu qaba. Hacuuccaa hundee irraa buqqisuun
dhabamsiisuuf immoo hacuuccaa namni uumee fi caasaan uume wal
duukaa ilaaluu danda'uu barbaachisa.
yaadonni waayee dimookiraasii biyya keenya keessatti ka'an
dimookiraasiin akaakuu hacuuccaa tokkicha qofaa irratti akka
xiyyeeffatu kan barbaadani dha. Fedhiiwwan akaakuu hacuuccaa tokko
qofaa irratti xiyyeeffachuu kun akaakuu hacuuccaa tokko isa biraa
koessattl hammachuuf yaaluudha malee filannoo isa tokko kan biraa
Irratti ida'anii ilaaluu kan of-keessatti hamate miti. Falmiiwwan hedduun
mirqi nama dhuunfaa wayita kabajame mirgi garee hawaasaas ni
kabajama kan jedhuu fi faallaa isaatiin immoo mirgi garee wayita
kabajame mirgi nama dhuunfaas wajjin kabajama yaadata jedhamaniin
kan xaxame dha. Yaadata kanneen hubachiisuufis fakkeenya fagoo
fudhachuun itti dadhabu. Haa ta'u malee, hunda dura hacuuccaawwan
qosa adda addaa lama yoo ta'an kabajamuun isa tokkoo isa kan biraa
akkamitti akka kabachiisuu danda'u gaafachuun barbaachisaa dha.
jalqabumayyuu ka'uumsa, qabiyyee fi boca adda addaa kan qaban
rakkoowwan lama furmaata akka rakkoo tokko qofaatti kennameen
akkamitti hiikkachuu danda'a? Adeemsi akkanaa kun qoricha dhibee
tokkoo dhibee biraa akka fayyisu fayyadamuuf akka yaaduutti waan
fudhatamuuf dogoggora guddaa dha.
Hacuuccaa namni uumee fi caasaan bulchiinsaa uume addaan baasanii
ilaaluun haala ulfaataa ta'een hidhata cimaa kan qaban ta'us, karaa
biraatiin garuu haala uumamaa fi madda adda addaa qabu. Kanaafuu,
furmaata rakkoo isa tokko qofa irratti safarameen rakkoo biraa furuuf