text stringlengths 0 196k |
|---|
tas-gabbaa'aa uuma jechuun falmu. Dimookiraasiin waliigaltee irratti |
hundaa'e walumaagalatti dhimmoonni waliif tumsuu bu'uureffatan |
garuu ijaarsa dimookiraasii eenyummaa hawaasaa yaada keessa galfate |
dha. |
Dimookiraasiin waliigaltee irratti hundaa'e eenyummaa sabaa |
dhaabbataa taasisee kan ilaaluu fakkaata. Akkasumas, eenyummaa |
naannolee walitti dhiyeessurra wal-diddaa keessaa isaanii hammeessee |
kan itti fufsiisu jechuun qeeqni adda addaa irratti dhiyaata. Ijaarsi |
dimookiraasii kun biyyoota Awurooppaa kanneen akka Neezerlaandi, |
Beeljiyeemii fi Siwiizerlaandi keessatti kan hojjatu ta'ullee biyyoota |
guddachaa jiran keessatti hojjachuu akka hin dandeenye kanneen |
dubbatan ni jiru. Qeeqni isaanii inni guddaan, rakkoon biyyoota |
guddachaa jiranii akka biyyoota Awurooppaa haala teessuma lafaa |
bu'uura godhachuun dorgommii sabootaa taasifamu osoo hin taane |
dorgommii sabootaa afaan yookin hidda dhalootaa bu'uureffate waan |
ta'eef rakkoo jiru furuurra inumaayyuu ni hammeessa kanjedhu dha. |
Akkaataa qeeqa kanaatiin, sab-lammoonni biyyoota Awurooppaa |
faayidaa teessuma lafaa irratti kan hundaa'anii fi garaagarummaa aadaa |
fi kanneen biro isaan jidduu jiru kan hubatan haala teessuma lafaa |
faayidaadhaan itti hidhata qabaniin qofa dha. Ijaarsi kun dheebuu |
hayyootni siyaasaa aangoof qaban baasuuf kan itti tolu |
dorgommiiwwan garaagarummaa jiran dhiphisaniin yoo ta'e malee |
haala garaagarummaa babal'isuun yoo ta'e adeemsa yeroo dheeraa |
keessa nageenyaaf tasgabbii biyyaa balaa keessa galcha qeeqni irratti |
dhiyaata. |
Hayyoonni qeeqa akkanaa dhiyeessan adda-dureedhaan dimookiraasiin |
dorgommii siyaasaa eenyummaa sabaa bira darbe irratti hundaa'uu |
qaba warra jedhani dha. Akka yaada hayyoota kanaatti eenyummaa |
sabaatiin gurmaa'anii waliif tumsuurra sabaa fi sablammoonni wal |
keessa makamuun gurmaa'anii dorgomuun dimookiraasii tas |
gabbaa'aa uumuuf irra caalatti bu'a-qabeessa ta'a. Kana jechuun, balaa |
garee tokko qofaan gurmaa'uun wal-qabatee dhufu irraa baraaramuuf |
gareewwan eenyummaa sabaa adda addaa walitti makuun gurmaa'uun |
tasgabbii siyaasaa fiduun ni danda'ama jedhu. Filannoon ijaarsa siyaasaa |
kun dimookiraasii waliigalteetiin faallaa haala ta'een dorgommii |
siyaasaa yaada keessa galchuun kan dhiyeessu dha. |
Hayyoonni siyaasaa tokko tokko yaada ergifannaa leellistoota |
dimookiraasii kallattiitiin ka'u irratti dimookiraasii hundaa'e |
fayyadamuun dimookiraasii tas-gabbii qabu uumuuf furmaata ta'a |
jedhu. Adda-dureedhaanis dimookiraasii waliigaltee ergifannaadhaan |
fudhachuu akka yaada furmaataatti lafa kaa'u. Biyyoonni muraasni |
(fakkeenyaaf, lsiraa'eelii fi lstooniyaa), immoo sab-daneessi |
olaantummaa siyaasaa biyya isaanii gonfatanii akka itti fufan |
Dimookiraasii Sabummaa" ijaaraniiru. Ijaarsi akkanaa biyyoota kanneen |
keessatti saboota bicuu fedhiifi boca sabdaneessaa keessatti akka |
hammataman taasisa. Kanas qabatamaan caalmaa sagaleetiin kan wal |
fakkeessu taus, lammiilee ijaarsa saba tokkoo keessatti gurmeessurra |
eenyummaa sabaa waan dhaabbataa tokko godhee fudhachuun |
dimookiraasii waliigaltee waliin wal-fakkeessa. |
Dimookiraasii Akkamiitu Nu Barbaachisa? |
Kutaa tokkoffaa keessatti akka ibsametti, dhalli namaa fedhii ida'amuutiif |
qaban guuttachuudhaaf yaalii taasisan keessatti yaalii isaanii kan |
gufachiisuu fi 'anatu siif beeka' yaada jedhuun fedhii tokko qofa adda |
baasuu kan yaalu sirna hacuuccaati. Kunis adeemsi fedhii tokko qofa |
guutuuf taasifamu fedhii uummataa hir'isaa fincilaa fi jeequmsa walitti |
fufiinsa qabuuf kan isaan kakaasu ta'eera. Fedhii foonii guutuun wal |
qixxummaa fi bilisummaa kan hir'isu, bilisummaa kennee buddeena |
gamisa kan dhoowwatu, wal-qixxummaa kennee bilisummaa kan |
dhoowwatuu fi wal-qixa kan nama beelessu, kkf, sirnoonni akkanaa |
hundi fedhii dhala namaa kan hir'isu tooftaa hacuuccaati. Kanaafuu sirni |
dimookiraasii nuti diriirsuu qabnu fedhii ida'amuu dhalli namaa qabu |
yaada keessa kan galfate ta'uu qaba. Sirni fedhii dhala namaa tokko qofa |
keessaa butatee fiigu jiraachuu biyya keenyaa bu'uura amansiisaa irratti |
nuuf ijaaruu hin danda'u. |
Fedhiiwwan ida'amuu hunda akkamitti al-tokkotti guutuun ni |
danda'ama? Dandeettiin dhala namaa daanga'aa mitii? Gaaffileen |
akkasii ka'uun isaanii hin oolu. Armaan olitti haala ifa ta'een haaluma |
dhiyaateen, akkaataa yaad-rimee ida'amuutiin dhalli namaa uumama |
carraa hiree ofii murteeffachuuf humna kuufamaa fi fedhii walaba ta'e |
qabu dha. Kanaafuu, dandeettii kuufamaa dhala namaa kana osoo hin |
qisaasessin itti fayyadamuuf; akkasumas, inni tokko isa biraatti ba'aa |
osoo hin ta'in hunduu akka humna waliif ta'u ida'amuun barbaachisaa |
dha. Kana gochuufis jalqaba irratti hacuuccaa dhabamsiisuuf kutannaa |
fi fedhiin waloo jiraachuu qaba. Hacuuccaa hundee irraa buqqisuun |
dhabamsiisuuf immoo hacuuccaa namni uumee fi caasaan uume wal |
duukaa ilaaluu danda'uu barbaachisa. |
yaadonni waayee dimookiraasii biyya keenya keessatti ka'an |
dimookiraasiin akaakuu hacuuccaa tokkicha qofaa irratti akka |
xiyyeeffatu kan barbaadani dha. Fedhiiwwan akaakuu hacuuccaa tokko |
qofaa irratti xiyyeeffachuu kun akaakuu hacuuccaa tokko isa biraa |
koessattl hammachuuf yaaluudha malee filannoo isa tokko kan biraa |
Irratti ida'anii ilaaluu kan of-keessatti hamate miti. Falmiiwwan hedduun |
mirqi nama dhuunfaa wayita kabajame mirgi garee hawaasaas ni |
kabajama kan jedhuu fi faallaa isaatiin immoo mirgi garee wayita |
kabajame mirgi nama dhuunfaas wajjin kabajama yaadata jedhamaniin |
kan xaxame dha. Yaadata kanneen hubachiisuufis fakkeenya fagoo |
fudhachuun itti dadhabu. Haa ta'u malee, hunda dura hacuuccaawwan |
qosa adda addaa lama yoo ta'an kabajamuun isa tokkoo isa kan biraa |
akkamitti akka kabachiisuu danda'u gaafachuun barbaachisaa dha. |
jalqabumayyuu ka'uumsa, qabiyyee fi boca adda addaa kan qaban |
rakkoowwan lama furmaata akka rakkoo tokko qofaatti kennameen |
akkamitti hiikkachuu danda'a? Adeemsi akkanaa kun qoricha dhibee |
tokkoo dhibee biraa akka fayyisu fayyadamuuf akka yaaduutti waan |
fudhatamuuf dogoggora guddaa dha. |
Hacuuccaa namni uumee fi caasaan bulchiinsaa uume addaan baasanii |
ilaaluun haala ulfaataa ta'een hidhata cimaa kan qaban ta'us, karaa |
biraatiin garuu haala uumamaa fi madda adda addaa qabu. Kanaafuu, |
furmaata rakkoo isa tokko qofa irratti safarameen rakkoo biraa furuuf |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.